“Mootummaan gufuuwwan caasaasaa keessa jiran qulqulleessuuf itti adeemaa jira” -Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa

Keessummaan Bariisaa torban kanaa Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa jedhamu. Ammaan tana Miseensa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Gorsaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’anii tajaajilaa jiru. Gaafdeebiin haala yeroofi dhimmoota adda addaarratti isaan wajjin taasisne kunooti.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabumatti utuu nuu ibsitanii?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Tole. Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dirree Incinniittin dhaladhee guddadhe. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Gudariifi Ambottin baradhe. Isa booda Raayyaa Ittisa Biyyaattin makame. Raayyaa Ittisa Biyyaa keessattis Kolleejota gara garaa seenee baradheera. Barumsa koo digrii lammaffaa (maastarsii) Saayinsii Loltummaa, Bulchiinsa Humna Namaa, Geejjibaafi Lojistiksiidhaan Raashiyaatti baradheera.

Kana malees koorsiiwwan gara garaa dhimma kanaan walqabatan biyya keessaafi alaatti baradheera. Dhaabbata Mootummoota Walta’anii keessattis koorsiiwwan dhimma nageenya eegsisuutiin walqabatan gara garaa fudheera. Barnoonni koo waliigalaan dhimma loltummaafi nageenyaarratti xiyyeeffata. Ani umurii koo harka caalu Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti dabarsuun ummata koo tajaajilaa tureera. Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa waggaa 21n tajaajile.

Bariisaa: Sana booda hoo; Ammaan tana maal hojjchaa jirtu? Sirna jijjiirama kana duraa akkamiin ibsitu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa waggaa 21f ergan tajaajilee booda wantoonni biyyattii keessatti ta’aa turan gaarii waan hinturreef bara 1998 waraana Baadimmee, Ertiraa wajjin taasifame booda ABOtti makamuun qabsootti seene. Jijjiiramni kun qabsoo ummataa, Qeerroofi Qarreetiin waan dhufeef qabsoo hidhannoorraa gara qabsoo karaa nageenyaatti deebi’e. Yeroo ammaa miseensa Mana Marii Bakka Bu’aa Ummataafi Gorsaa Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’een tajaajilaa jira.

Yeroo Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (ABUT) aangoorra turetti ilmaan Oromoo, barattootaafi beektota Oromootu qalamaa ture. Yeroo sana barattoonniifi beektonni Oromoo baay’een eessa buuteensaanii dhabamaa ture. Yeroo sana otoo Oromoon saba guddaa ta’ee jiruu waan isaaf malu argachaa hinturre; mirgisaa eegamaa hinturre, gaaffiinsaas deebi’aa hinturre. Heerri biyyattii sirna federaalizimiitiin akka bullu eeyyamus, yeroo sana kan ittiin bulaa turre sirna federaalizimiitiin utuu hintaane humna bicuudhaani.

Kun akka sirrii hintaane yeroo Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa taanee qabsaa’aa turreerra. Waan ABUT kana dhaga’uu hinbarbaanneef Oromoon akka malee saamamaa, hidhamaafi biyyasaarraa buqqa’aa ture. Ummata biyyattii keessaa %60 ol garuu Oromoodha. Oromoon garuu bara ABUT gahee isaaf malu argachaa hinturre. Gochi ABUT Oromoorratti raawwachaa ture waraana fudhannee ABOtti akka makamnee akka qabsoofnu nu taasiseera.

Bariisaa: Maaltu gara qabsoo hidhannootti isin galche? Jijjiirama kanarratti hoo maal jettu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: ABUT waan Heerri biyyattii jedhu hojiirra hinoolchineefi waan Oromoon barbaaduufi fedhu raawwachuu dideef ABOtti makamnee gara qabsoo hidhannootti akka seennu nu taasise. Jijjiramni kun erga dhufee booda qabsoon qawwee nu kaasisu waan hinjirreef karaa nagaatiin qabsaa’uuf murteessinee dhufne. Mirga jijjiiramichaan arganne eeggachuu malee of harkaa baasuu hinqabnu jechuudhaan gara qabsoo karaa nagaa taasisuutti deebi’uun mootummaa ummataa ijaarranneerra.

Bariisaa: Gaaffiilee Oromoon kaasaa ture maalfaadha? Gaaffiileen hindeebine yoo jiraatan akkamitti qabsoo karaa nagaatiin deebii argachuu danda’u?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Oromoon waggoota dheeraaf gaaffiilee ijoo sadii (gaaffii eenyummaa, abbaa biyyummaafi sirna federaalizimii keessatti iddoo maluuf argachuu) kaasaa ture. Gaaffiin eenyummaa gaaffii Oromummaati. Gaaffiin abbaa biyyummaa gaaffii dinagdeesaa ijaarrachuu, biyyasaarratti abbaa ta’uu, abbaa barbaade filatee abbaa barbaade buusuu danda’uu ture. Gaaffii sadaffaan sirna federaalaa ijaaramee keessatti Oromoon waan maluuf akka ta’uufitti argachuun walqabata.

Oromoon sirni federaalizimii dhugaa biyyattiitti akka dhugoomuuf, sabootaafi sablammoota biyyattii wajjin walqixxummaan jiraachuuf qabsaa’aa ture. Qabsoo Oromoon keessumaa bara 1960 as bifa ijaarameen taasisaa tureen kumaatamaan itti wareegameera. Qabsochi qabsoo ummataafi Qeerroofi Qarreetiin guduunfamee gara qabsoo karaa nagaatti akka jijjiiramu ta’eera.

Kana booda gaaffiin Oromoo hafe utuu lubbuun namaa hinbadin, qabeenyi hinqisaasa’in akkasumas ummanni hinbuqqa’in karaa nagaatiin deebii argachuu danda’a yaada jedhurra ga’ameera. Qabsoo taasifameefi jijjiirama dhufeen waantota guguddoo arganneerra. Wantoota nu hafan ammoo qabsoo karaa nagaatiin guuttachaa deemna.

Bariisaa: Qaamolee qabsoo hidhannoo hordofaa jiraniif ergaa akkamii qabdu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Qabsoo keessatti waan qawwee qabduuf gaaffii ummataa deebista jechuu miti. Qabsoon qawwee kan taasifamu yoo karaa nagaa qabsaa’uun dadhabame qofa ta’uu qaba. Jijjiirama dhufe kana keessatti waanti qawwee nama kaasisu hinjiru. Qabsoo qawwee dhiifnee qabsoo karaa nagaatiin wantoota hunda fixachuu ni dandeenya.

Qabsoon hidhannoo bara ABUT aangoorra ture waggoota 27f adeemsifame qabsoo dhugaa ture. Yeroo sana karaa nagaatiin qabsoo adeemsisuuf carraan hinturre. Qabsoon hidhannoo yeroo ammaa murna waggoota 27f nu bitaa ture sana aangootti deebisuuf yoo ta’e malee waan Oromoo fayyadu hinqabu. Yeroo ammaa Oromoo kan fayyadu injifannoo qabsoodhaan argate tikfachuu, diina mooraa Oromoorra ittisuu, fira baay’ifachuu, biyya kanatti abbaa ta’uuf of qopheessuudha. Oromoon saba bal’aadha. Kanaafuu gaaffii saba bal’aa kaasuu qaba.

Qabsoon karaa nagaa Oromoof, biyyattiifi Afrikaa bahaatiif murteessaadha. Qabsoo karaa nagaa kana hogganuu kan qabus Oromoodha. Warra waggaa 27f gurra nurraa muraa, beektota keenya dhabamsiisaa, nu maraachaafi dhaloota doomsaa ture waliin qabsaa’a jechuun Oromootti qoosuudha. Kun gatii ilmaan Oromoo itti qabsaa’aniifi itti wareegaman wallaaluufi alagaa tumsuudha. Qabsoon hidhannoo yeroo ammaa geggeeffamu qabsoo dhimma alagaa raawwachiisuuti malee qabsoo dhimma Oromootiif kan taasifamu miti.

Yeroo ammaa dhimmi Oromoo masaraa mootummaafi magaalaatti galeera. Yeroo ammaa dhimmi Oromoo sadarkaa biyyaafi addunyaatti beekameera. Qabsoon hidhannoo yeroo ammaa adeemsifamaa jiru dhimma Oromoo gara duubaatti deebisuu, walajjeesuu, hattummaa, nama buqqisuufi dinagdee barbadeessuuf yoo ta’e malee faayidaa hinqabu. Yeroo ammaa qabsoon hidhannoo barbaachisaadha jedhee itti hinamanu; yeroosaas kan eeggate miti. Faashiniin qabsoo hidhannoo darbeera.

Bariisaa: Oromoon Oromootti qawwee kaasuu kana akkamitti ilaaltu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Nama beekutti itti himu malee itti hinhidhan. Ani Oromootti waanan himu hinqabu. Oromoon rakkoofi gidiraa hedduu keessa darbee waan baay’ee barateera. Oromoon qabsoo hidhannootiin ilmaasaa hidduu ittigabbareera. Oromoon yeroo qabsoon hidhannoo barbnaachisaa turetti bara 1960tarraa kaasee jeneraalota, sheekota, qeesotaafi namoota bebbeekamoo hedduu qabsoo hidhannoorratti hirmaachiseera.

Jijjiiramni har’aa kun bu’aa qabsaa’ota keenyaatiin kan argameedha. Jijjiiramaafi bu’aa qabsaa’ota keenya duraaniitiin argamu utuu hintuffatin eeggachuufi kunuunfachuu qabna. Yeroo ammaa Abbaan Gadaa, Sheekonni, Qeesonniifi beekaan Oromoo laga bu’aa qabsaa’aa ykn walajjeesaa jedhanii eebbisanii ergan hinjiran. Kana jechaa kan jiran warra fagoo jiraniifi maqaa qabsoo hidhannootiin faayidaa argataa jiraniidha. Aarsaa Oromoon hanga ammaatti kaffaleen bu’a qabeessa taaneerra. Warra kaleessa nu ajjeesaa turan faana fira taatee Oromoo ajjeesuun safuudha.

Siyaasni hundi tokko jechuu waan hintaaneef wantoota bu’uuraa ykn ijoorratti tokko ta’uu qabna. Kan qabsoofneef biyya kanatti abbaa biyyaa ta’uufi bilisummaaf waan ta’eef bilisummaa dinagdee, barachuu, jiraachuu, waan barbaanne ofiin hojjennee imaammata nu barbaachisu baasuu qabna. Kan qabsoofneefis bilisummaa kana argachuufi. Yeroo ammaa namni Oromoo ta’uu keetiin xiqqeessee si ilaalu hinjiru. Yeroo ammaa wantoonni nu hafanillee waan feene gochuu dandeenya;

Amma yeroo itti qawweefi rasaasa binnee ittiin walajjeefnu miti. Warri kana gochaa jiran bakka bu’ummaa qaama biraatiin Oromoo ajjeesaa jiru. Kan nu baasu ilaafi ilaamee waan ta’eef kan hidhatee bosona jiru qabsoo karaa nagaatti deebi’uu qaba. Qabsoo karaa nagaatti akka deebi’uuf Abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa waamicha taasisaniiruuf. Yeroo ammaa barannee Oromoo waggaa 150f duubatti harkifate gara fuulduraatti harkisuutu nu baasa malee qabsoon hidhannoo nu hinbaasu.

Bariisaa: Ajjeechaan Oromoon Oromoorratti raawwachaa jiru safuu Oromoo waliin akkamitti ilaalama?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Yeroo jijjiiramni kun dhufu kormi dhaabbatee, fardi luugamamee, jaarsoliin biyyaa, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee bahanii kana booda Oromoon akka walhinajjeefneef labsaniiru. Kana booda dhimma keenya ilaafi ilaameedhaan furanna, kana booda dhimma keenya jaarsoliidhaan furanna malee walhinajjeefnu jedhanii waadaa walii galaniiru.

Oromoon Oromoo hinajjeesin, jaarsi Oromoo akka hinsalphanne, intalli Oromoo akka hinsalphanne dhimmoota guguddoo yeroo sana labsamaniidha. Akka labsiin kun hincabneef akka mootummaattis waadaan galameera. Labsichi garuu cabaa jira. Gochi suukkanneessaan sirnoota darban keessa Oromoorratti raawwatamaa ture har’as irratti raawwatamaa jira. Oromoon Oromoo ajjeesaa jira; gurra irraa muraafi qalaa jira; safuun kana caale hinjiru.

Oromoon horii guddifatellee ijoolleesaa gidduutti hinqalu. Gurguree kan biraa geeddaree qala. Yeroo ammaa safuun Oromoo kun cabeera. Qabsoo Oromoo ajjeesu, midhaan gubu, akka hinqonneefi hinhaamne dhorku, mana barnootaa, kilinikiifi ambulaansii gubu qabsoo miti. Kan afaan walnu walaalchisu ergama diinaati. Rakkoo nu mudatee kana keessaa ba’uuf safuu Oromootti deebi’uu qabna. Warra safuu Oromoo cabsu kana Waaqayyo nurraa haaballeessu.

Bariisaa: Yeroo ammaa haalli Oromiyaan keessa jirtu maalfakkaata?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Oromiyaan ammayyuu qabsoo keessa jirti. Oromiyaan qabsoo jeequmsa keessatti hafuufi keessaa ba’uu, qabsoo abbaa biyyummaa dhugoomsuu, ofiin of bulchuufi sabootaafi sablammoota biroo waliin jiraachuu keessa jirti. Qaamni qabsoo kana nu harkaa butuuf socho’us jira. Oromoon humna sadii qaba. Isaanis: baay’ina, dinagdeefi haala teessuma lafasaati. Itoophiyaa keessa kan humnoota sadan kunneen guuttatee qabu Oromiyaa malee hinjiru. Diinonni keenya garuu humnoota Oromiyaan qabu kana akka nuti ofirratti hinbeekneef gooxii gooxiidhaan nu qoodaa turan.

Walajjeesuun, walbuqqisuufi akka barbaan netti misooma keenya itti fufsiisuu dhabuun ammayyuu Oromiya keessa ni jira. Sababa rakkoo nageenyaatiin bakkawwan tokko tokkotti qonna qotachuu dhabuun, barattoonni mana barnootaa deemuu dhabuun rakkoo yeroodhaaf nu quunnamee jiruudha. Rakkoon kun yeroo gabaabaa keessatti fala ni argata.

Oggaa warra ergatutti karaan cufamu inni ergamu gochasaa ni dhaaba. Rakkoo kana uumaa kan jiru warra kanaan dura nu bitaa tureedha malee ishee gola keessa nu yaa’u miti. Isheen gola keessa nu yaatu ergamtuudha. Yoo warra ergetti karaa cufne isheen ergamtu hojiishee ni dhaabdi. Rakkoo kanneen hundaaf kan nu saaxile warra ergama diinaa fudhatee qawwee qabatee bosona galeedha. Warri hidhatanii bosona jiran ilmaan Oromoo ajjeesuu malee diina Oromoo ajjeesanii hinbeekan.

Bariisaa: Oromiyaa Lixaa, Shawaa Kaabaafi Lixaatti sochiin murnichaa akka jirutu himama, kana keessaa ba’uuf maaltu fala ta’a?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Waanti hinhaalamne Oromiyaa keessa Shawaa Lixaa, Oromiyaa Lixaa, Oromiyaa Kibba Lixaa keessa taateewwan nageenya booressan ni jiru. Taateen kun waan Oromoo fayyadu tokkoyyuu hinqabu. Taateen kun Oromoon akka hinqotanne, ijoolleessaa akka hinbarsiifanne taasisaa jira. Warri hidhatanii bosona jiran barnoonni bilisummaa booda jedhu.

Jeneraal Taaddasaa Birruu garuu “Nama baratetu mirgasaa beeka. Nama baratetu mirgasaa gaafata” jechuun qabsaa’aa ture. Warri hidhatanii bosona jiran garuu faallaa gootota keenyaa deemaa jiru. Mana barumsaa cufanii, mana barumsaa gubanii, barumsi bilisummaa booda jedhu. Namni hinbaranne garuu waa’ee mirgasaayyuu gaafachuufi falmachuu hindanda’u.

Somaaliyaan waggoota 35 ta’anif waan hinbaranneef biyyattiin bittinnooftee hafte. Namni hinbaranne biyya hinbeeku, saba hinbeeku, maal akka gaafatus hinbeeku. Kanaafuu doktariiniin barumsi bilisummaa booda jedhu hinjiru. Ergamni gootonni keenya kaleessa nutti kennan baradhaa, horaa, baay’adhaa, waldhaga’aa kanneen jedhaniidha. Ilmi Oromoo haatisaa qoraan baattee barsiifte si’ana garuu barumsi hinbarbaachisu yeroo siin jedhu gabrummaan kana caalu hinjiru. Akka nageenyi waaraan hinjiraanne gochuufi Oromiyaa jeequun wal’aalummaarraa ka’a.

Rakkoon kun karaawwan sadiin fala argata jedheen yaada. Inni tokkoffaan warra isaan ergatutti goolaba gochuu yoo ta’u, lammaffaan ammoo isa dogoggoree achi gale barsiifachuufi gorfachuun gara nagaatti deebisuudha. Sadaffaan akka inni dhufetti itti deemuun irra aanuun ni danda’ama.

Haala kanaan rakkoo nageenyaa Oromiyaa lixaafi bakkeewwan gara garaatti mul’atan furuun ni danda’ama. Ummanni waggoota dheeraaf diinarratti qabsaa’aa ture amma ammoo murni maqaa sabaa qabatee fira waraanuu caalaa kan nama gaddisiisu hinjiru. Kan kana godhe ammoo ijoolleesaati waan ta’eef ummanni ijoolleesaa kan gorfatee deebifachuun kan dide ammoo akkuma dhufaatiisaatti keessummeessuun gara nageenyaafi misoomasaatti deebi’uu qaba.

Bariisaa: Tarkaanfii mootummaan rakkoon nageenyaa kana furuuf fudhachaa jiru maal fakkaata?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Nama qawwee sitti dhukaasutti qawwee dhukaasta. Waraanni garuu bifa kamiinuu filatamaa miti. Waraana keessa wara walitti dhukaasu qofa osoo hintaane ummanni nagaanis keessa miidhama. Namatti dhukaastee maaliif natti dhukaaste jettee iyyuun gowwummaadha. Waraanni waan tolchu waan hinqabneef karaa nagaa filachuun barbaachisaadha. Kaayyoon diinaa kun ergama ABUT fudhatee Oromiyaa jeequ malee Oromiyaa bilisoomsuuf miti.

Humna hidhatee Oromiyaa jeeqaa jiru kana humna ummataatiin hiikkachiisuu, kan humna ummataatiin hinhiikkanne ammoo humna mootummaatiin hiikkachiisuun dirqama ta’a. Humni hidhatee Oromiyaa keessa socho’u kun gara nageenyaatti hindeebi’u taanaan mootummaan humna qabutti fayyadamuun humna kana cabsuuf aangoo qaba. Humnaan ykn waraanaan humna kana cabsuu keessa ummanni gaaga’amuu waan danda’uuf karaa ofeeggannaa qabuun ittideemuun barbaachisaadha.

Gocha humnoonni hidhatanii bosona jiran ummatarratti raawwatan miidiyaatti baasuun nama saalfachiisa. Mootummaan nageenya ummataa eegsisuuf dirqama waan qabuuf humna hidhatee bosona keessa jiru kana cabsuuf tarkaanfii barbaachisu hunda ni fudhata. Kana keessa ummanni akka hingaaga’amneefis ofeeggannoo barbaachisu ni taasisa. Mootummaan ummata gaaga’ama oolchuuf jecha malee humna hidhatee bosona keessa socho’u kana qolachuu ni danda’a. Humni kun abbaashee walin ni geggeeffamti.

Bariisaa: Humnoota finxaaleyyii gareedhaan socho’uun keessumaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti nageenya uummataa jeeqaafi ummata buqqisaa jiru jedhamaatii kanarratti maal jettu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Saba kamuu keessa finxaalessi ni jira. Finxaaleyyiin saba kam keessaayyuu haa ba’u kan fayyadu hinqabu. Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti warri hidhatanii ni qabsoofna jettuyyuu walqooddee hannarratti bobbaatee jirti. Garee tokko ‘Qumxaa’ hidhachiisanii Amaariffaa dubbachiisaa ummata saamsisu. Bor ammoo Afaan Oromoo dubbachaa dhufanii garee saba biraatu isin saame jedhanii saba biraa ajjeesuun Oromootti diina baay’isaa jiru.

Finxaaleeyyiin faayidaa dhuunfaaf malee faayidaa sabaaf hindeeman. Finxaaleeyyiin Oromoo keessaa ba’ee saba Amaaraa miidhu Oromoo bakka hinbu’u. Finxaaleyyiin Amaaraa keessaa ba’ee saba Oromoo miidhus saba Amaaraa bakka hinbu’u. Oromoon aadaasaa keessatti saba biraa hammatee wajjin jiraachuudhaan beekama. Finxaaleyyonni garuu aadaafi duudhaa Oromoo kana diiguuf ergama fudhatanii irratti hojjechaa jiru.

Ergamni finxaaleyyii inni dhumaa ummata kana humna dhabsiisanii saamuufi hatuudha malee saba hinfayyadan. Ummanni finxaaleyyii kamirrattuu waliin qabsaa’aa jira. Mana qonnaan bulaa gubuufi qonnaan bulaa ajjeesuudhaan bilisummaan dhufu tokkollee hinjiru. Kaayyoon finxaaleyyii nageenya biyyaafi ummataa booressuudhaan ajandaa nyaatanii buluu mijeeffachuudha.

Bariisaa: Nageenya qe’ee Oromoofi Oromiyaatti deebisuuf eenyurraa maaltu eegama jettu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Oromiyaa keessatti nageenya mirkaneessuuf duudhaafi safuu Oromootti deebi’uu qabna. Walajjeesuudhaan nageenya mirkanaa’u hinjiru. Hundi keenya yoo walgargaarree waliin jiraanne randa baana. Akka walajjeefnu kan nu taasisu diina. Kan nu baasu tokkummaa keenya jabeeffachuu, ilaafi ilaameetti deebi’uu, rakkoo keenya mariidhaan furachuudha.

Saamicha, hannaafi walajjeesuudhaan waanti nuti fayyadamne hinjiru. Jijjiirama kana kan fide waraana utuu hintaane qabsoo ummanni ijaaramee taasiseedha. Warra hidhatee bosona turellee bilisa kan baase qabsoo ummanni tokkummaan taasiseedha. Kun fakkeenya gaarii yeroo dhiyooti. Utuu humna akkasii qabnuu laga keessa naanna’uun hinbarbaachisu.

Har’uma waanti hundinuu nuuf haata’u jechuu hindandeenyu. Gabrummaa waggaa 150 oliif nurra ture har’uma kaanee hundeen buqqisuu hindandeenyu. Ijoolleen dhalatan sadarkaa adda addaa keessa darbanii guddatu. Rakkoolee nu mudatanis sadarkaa sadarkaadhaan furachaa deemna.

Mootummaa amma jirurra Oromoof carraa kana caalu kan fidu hinjiru. Kanaafuu mootummaa kana jabeeffachuu, tokkummaa keenya cimsachuu, safuu keenyatti deebi’uufi ilaafi ilaameetti deebi’uu qabna; kan nu baasus isa kana. Akkasumas wallaalaa keenya gorfachuufi barnootarratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Bariisaa: Caasaan Mootummaa qulqullaa’uu dhabuun qabsoo Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru dheeresseera jedhama. Kana ummanni waltajjiwwan argaterratti ni kaasa. Asirratti yaada akkamii qabdu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Komiin ummanni kaasu yoomiyyuu dhugaadha. Biyya kanatti kan geggeeffame riifoormii waan ta’eef caasaan mootummaa walmakaadha. Riifoormii jechuun isa kaleessa si kabalaa ture, isa kaleessa sii gaddaa ture, isa kaleessa hattuu tureefi isa kaleessa qulqulluu ture walitti qabee kan deemuudha.

Isa bosona jiru caalaa isa caasaa mootummaa keessa jirutu hamaadha. Utuu inni caasaa mootummaa keessa jiru qulqulluu ta’ee kan bosonaa nama hindhibu. Caasaa mootummaa kaleessaa keessa kan tureefi ammas caasaa mootummaa keessa taa’ee sirni kaleessaa yoo deebi’e ani nan jiraadha jedhee of sobutu jira. Caasaan mootummaa qulqullinasaa eeggachuu dhabuun rakkoodha.

Ammaan booda karaawwan lamaan nyaachuun hindanda’amu. Diina bosona jiru barbaaduurra caasaa mootummaa keessaa barbaannee yoo dhaamsine isa bosonaarra aanuun salphaadha. Ummanni tajaajila mootummaarra barbaadu argachuu qaba. Kun ta’uu baannaan mootummaa ummataati jechuun nama dhiba.

Kanaafuu rakkoo caasaa mootummaa keessa jiru qulqulleessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Kanneen naasaa mootummaa keessa dandeettii malee galan, kanneen waliin dhahaniifi hatan waan jiraniif isaan kanneen caasaa mootummaa keessaa qulqulleessuun barbaachisaadha. Mootummaanis dhimma kanarratti kutannoofi murannoo cimaa qaba.

Rakkoo kana hunda kan dhalche riifoormiidha. Utuu biyyattiitti kan geggeeffame warraaqsa (revolution) ta’ee caasaan mootummaa hundi haaraadhaan bakka bu’a ture. Wantoota guguddoo sadiitu caasaa mootummaa rakkisaa jira. Isaanis: dhilbaa’uu, dandeettii dhabuufi loote seentuu diinaati. Sadeen kunniin mootummaan akka barbaadutti akka hintarkaanfanneef gufuu ta’aniiru. Mootummaan gufuuwwan kunneen caasaasaa keessa akka jiran hubatee qulqulleessuuf itti deemaa jira.

Bariisaa: Onkooloeleessi 24 bara 2013 guyyaa gareen ABUT dallaa biyyaa kan ta’e Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaa garajabinaa raawwateedha. Guyyaa sana akkamitti yaadattu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Ani umurii koo guutuu waraana keessattin dabarse. Waraana yeroo jennu aniifi ati mana ykn gaaddisa keessa teenyee haasofna. Raayyaan Ittisa Biyyaa garuu beelaafi dheebuu danda’ee qabsoorra jira. Raayyaan Ittisa Biyyaa ummanniifi biyyi akka nagaa ta’aniif aarsaa guddaa kaffalaa jira. Dugaa dubbachuuf nuti hojjennee yeroo dadhabnu ni rafna. Raayyaan Ittisa Biyyaa garuu hanga dadhabutti utuu hintaane hanga lubbuun jirutti ummataafi biyyasaaf hojjeta.

Rayyaa Ittisa Biyyaa guyyaa murni ABUT yakka garajabinaa irratti raawwate sana guyyaasaa hoomaa awaannisaa ari’aa, xaafii haamaafi dadhabdootaaf mana ijaaraafi gargaaraa oole. Rayyaan Ittisa Biyyaa nyaataafi dugaatiisaarraa hir’isee gandoota Naannoo Tigraay keessatti kilinikiifi mana barnootaa tokko tokko ijaareera. Rayyaan Ittisa Biyyaa bara lola Ertiraafi Itoophiyaa gidduutti adeemsifamaa ture kumaatamaan wareegamee ummata Tigraay baraareera.

ABUT bakka Raayyaan Ittisa Biyyaa diina keessa miti fira koo keessan jira jedhee dadhabaa oolee ciisee jirutti yakka garajabinaa irratti raawwateera. Kuunsaanii qaluun, kaan immoo siinoo tiraakiidhaan irra deemee ajjeesuun yakka Itoophiyaa keessatti raawwatamee hinbeekne irratti raawwate. Namni ati gargaarteefi tajaajilte bineensa sitti ta’uu caalaa waanti nama gaddisiisu hinjiru.

Oolmaan Raayyaan Ittisa Biyyaa ABUT irraa eeggatu kan hinturre. Raayyaan Ittisa Biyyaa waggaa 27f mindasaarraa kutee ummata Tigiraayiin tajaajilaa ture galateeffamuu utuu qabuu yakki kun irratti raawwachuunsaa seenaa Itoophiyaa keessatti godaannisa gurraacha uumee darbeera. Gocha seexanummaa kana kan raawwate ummata Tigraay utuu hintaane garee ABUT.

Gochi gareen ABUT raawwate kun Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya xiiqii keessa galchee onnee itti hore malee akka murnichi yaadee ture hintaane. Taatee kanarraa barachuu qabna. Raayyaa Ittisa Biyyaa jechuun dallaadha; dallaan bineensa nurraa dhorka. Dallaa ofirratti jigsitee bineensi maaliif horii koo nyaata yoo jette kan ittigaafatamu siidha malee nama biraa miti.

Raayyaan Ittisa Biyyaa yakka gantummaa gareen kun irratti raawwateen gara haaloo ba’annaatti utuu hintaane ammas aarsaa kaffalee ummata Tigraayiin bilisoomsaa jira. Yakki kun Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatamuusaatiin gadda guddaatu natti dhaga’ame; gaddi koo garuu onnee natti hore malee kan na laaffise miti. Gochi garajabinaa garechi Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate seenaa biyyattii keessatti barreeffamee taa’uu qaba.

Bariisaa: Humni haala hinmalleefiin hidhate jiraachuun biyyi tun yeroo nagaa argachuu qabdutti akka jeeqamtu taasisaa jira. Hidhataan lama biyya tokko keessa jiraachuun ni danda’amaa?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Biyyi tokko waraana tokko qofa kan qabdu. Waraanni lama biyyattii keessa jiraachuu heerris ta’e ummanni biyyattii hineeyyamu. Biyyi tokko heera tokko, maallaqa tokko, dhimma alaa tokko qabdi. Akkuma biyya kamiiyyuu Tigraayiif kan barbaachisu poolisiidha. Naannolee kaaniifis kan barbaachisu poolisiidha. Hidhannoon poolisiis seeraan adda kan baheefha. Kanaan ala akkaataa itti ABUT deemaa jiru Itoophiyaa keessatti hojiirra ooluu hindanda’u, sirriis miti.

Falli jiru hiikkatanii nagaa buusuudha. Hidhatanii akka nu saamuu barbaadan hidhannee akka ofirraa dhorkinus beekuu qabu. Har’a mitii waggaa afur dura yeroo waan hunda qaban, yeroo taankiin, humni qilleensaafi baankiin harkasaanii ture ummanni gaafa dide akka isaaniif hinabboomamne arganiiru. Ummata qawweedhaan bituun hindanda’amu. Biyyi tokko Raayyaa Ittisa Biyyaa tokko qofa qabdi.

ABUT waggaa 27 biyya kana bitee akka biyyaatti yaaduu hindandeenye. ABUT biyya dhabuuf qabsaa’aa jira. Waraanni tokkoo ol biyya keessa jiraachuu seerri biyya keenyaa waan hineeyyamneef hundinuu akkaataadhuma seerichi jedhuun hojiirra oola. Ummanni, Qeerroofi Qarreenis mootummaa qabsaa’ee ijaarrate cina hiriiree tikfachaa jira. Balaa sirnasaarratti dhufuufi mirga argate irkaa fudhachuuf dhufu qolachuufis fedhiisaatiin Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamaa jira.

Ummanni waan itti dhufes ta’e waan itti dhufuu danda’u adda baasee ni beeka. Ummanni gocha ABUT yeroo aangoorra jiru irratti raawwate ni beeka; utuu aangootti deebi’ees maal isarratti raawwachuu akka danda’u ni beeka. ABUT utuu aangootti deebi’e waan haaraa fudhatee dhufu waan hinqabneef achumatti tasgabbeessuuf ummanni tokkummaan mootummaa waliin dhaabateera.

Bariisaa: Qaamolee biyya alaa taa’anii garee hidhatee bosona jiru karaawwan gara garaa deggeraa jiraniif maal dhaamtu?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Tokko tokko baratee Pirofeesaraafi Doktar jedhamee biyya alaa taa’ee Itoophiyaa nagaa dhorkaa jira. Kaleessa diinatu akkas nu godhe jedhee nu waliin iyyaa turee har’a ammoo alagaa fira godhatee biyyarratti ka’uu caalaa kan nama gaddisiisu hinjiru. Warri baranne jedhan biyya bilisummaa qabdu keessa taa’anii, ijoolleesaanii mana barumsaa gaariitti barsiifachaa, dhimma qabsoo Oromoof utuu guyyuma tokkollee aarsaa hinkaffalin biyya diiguu hojii godhatanii kanneen socho’an jiru. Warra qe’ee Oromootti ibidda firfirsaa jiran akkasiitiin Oromoon gatata jedha. Warra kaleessa Oromoo qale waliin taatee har’as Oromoo yoo qalchiifte ati gatata. Kanaafuu akka isaan ofitti deebi’aniifi Oromootti deebi’anan gorsa.

Qabsoo jechuun yeroo hunda waljeequu jechuu miti. Jarri kun garuu jeequmsa akka hojiitti fudhataniiru. Mana gubuun, walajjeesuun, walsaamuufi hiriira ba’uu akka qabsootti ilaalu. Warri akkas gochaa jiran gaaffiin Oromoo maal akka ta’eyyuu hinbeekan. Kaayyoon qabsoo waan tokko argachuuf malee yeroo hunda qabsoo keessa jiraachuu miti. Kana raawwachaa kan jiran warra bara Wayyaanee faayidaa argachaa ture, warra Oromoo fakkaachaa Oromoo ajjeesisaa turetu har’a diina waliin dhaabbatee jira. Jirri kun yoo danda’an ofta’uufi Oromoorraa dhaabbachuu qabu. Waan barataniin Oromoof hojjechuu qabu; yoo didanis eessayyuu gahuu hindanda’an.

Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa yoo qabaattan?

Birgaadeer Jeneraal Hayiluu: Dargaggoonni Oromoo baroota dheeraa qabsaa’aniiru. Hiriyoota hedduu qabsoo taasifametti dhabaniiru. Yeroon kun yeroo itti qe’ee Oromoo nagaa dhorkinu utuu hintaane, yeroo itti qabsoo dinagdee taasisuu qabnu ta’uu dargaggoonni keenya tasgabbaa’anii hubachuu qabu. Qe’een Oromoo nagaa akka ta’u taasisuu qabu. Kan qabsoofneef qe’een keenya akka hinsaamamneefi namni keenya akka hinduuneefi.

Abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa kaleessa dhaloota kana qaraa turaniifi jiran har’as dargaggoota Oromoo gorsuufi ilaafi ilaameetti deebisuu qabu. Kan nu baasu tokkoofi tokkoodha; innis tokkummaa keenya cimsachuudha. Jijjiirama kana kan fidne tokkummaa keenyaani. Kanaafuu tokkummaa keenya cimsannee hojjechuu qabna. Mooraa Oromoorraa diina ittisuu, fira baay’ifachuu qabna. Siyaasa guddina saba Oromoo gitu qabannee deemuufi jijjiirama finne tikfachaa deemuu qabna.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015

Recommended For You