Mariin walittibu’iinsa Itoophiyaa kaabaatiif furmaata kennuuf yaadama, “Rakkoo Afrikaatiif furmaata Afrikaanootaan” jedhuun Afrikaa Kibbaa, Piriitooriyaatti durabu’ummaa Gamtaa Afrikaatiin Mootummaa Federaalaafi murna ABUT jidduutti guyyoota 10f adeemsifamaa ture haala sirna heerawaafi faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabajeen Roobii darbe goolabameera.
Marichi haala walittibu’iinsicha waarinaan dhaabuun itti danda’amu; Naannoo Tigraayitti akka sirni heerawaan deebi’uuf, biyya walabaa tokko keessa humni hidhate lama jiraachuu akka hindandeenyeefi hidhattoonni ABUT hidhannoo akka hiikan akkasumas tajaajiloonni bu’uuraa akka eegalamanfaa kan of keessaa qabuudha.
Kanaanis qabxiileen Itoophiyaan marii nageenyaa kanaaf dhiyeessite guutummaatti fudhatama argateera. Kanas Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa Magaalaa Arbaa Mincirraa dabarsaniin mirkaneessaniiru. “Waraanni lubbuu namaa galaafata; harkaa miila gabaabsa; qabeenya barbadeessa; jibba baay’isa; obbolaa jidduutti haa hafuutii biyyuma kamuu jidduutti yoo ta’e kan jaalatamuufi barbaadamu miti” jechuun balaafamummaa waraanaafi barbaachisummaa araaraa akkasumas qabxiileen Itoophiyaan dhiyeessitee guutummaatti fudhatameera” jechuun.
“Nuti ummata nagaa barbaaduudha. Oduun aagaa maagaalaa jaalalaa (Arbaaminci) keessa teenyee dhageenye kan yeroo kamuu dagatamu waan hintaaneef baga gammaddan” jechuunis miira waliigaltichaan ittidhaga’ame ummata Itoophiyaa maraaf ibsaniiru.
Dhugaadha. Gammachuufi aagni nagaafi dhimma nagaatiin walqabatu caalu hinjiru. Injifannoo seenaqabeessa ijoolleen Itoophiyaa lafarratti qabatamaan argamsiisanitti dabaluun injifannoon nagaa mariirraa argamuun waan guddaadha.
Waliigalteen kallattii mootummaan kaa’een xumurame kun fedhii ummatoota Itoophiyaa hundaa kan guutu, nagaa mirkaneessuufi rakkoolee bu’uuraa ummata Tigraay, darbees kan saboota biyyattii maraa kan furuudha.
Injifannoon Itoophiyaa kun kan argame aarsaa humnoonni nageenyaafi tikaa kanfalaniin akkasumas waan ummatoonni biyyattii tokko ta’anii dhaabataniifi kutattummaafi ejjennoo cimaa mootummaan nagaa mirkaneessuuf kanaan duras ta’e si’ana agarsiiseefi qabateeni.
Kanaaf, injifannichi kan lammiilee Itoophiyaa hundaati. Kan mo’attes Itoophiyaadha. Marichi waltajjii Itoophiyaafi Itoophiyaanonni itti injifataniidha. Kanaanis Itoophiyaan waan maluuf, ejjennoofi fedhii ifaa hawaasaa addunyaatiif irra deddeebiin ibsaa turte qabatamaan dhugoomsatteerti.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015