“Iddoowwan hara galfiifi bashannanaa babal’achuu qabu” – Abiyyi Ahimad (PhD

Finfinnee: Iddoowwan oolmaa ispoortii cimina qaamaa gandaa kaase hanga sadarkaa biyyaatti bal’inaan ijaarun barbaachisaadha. Mootummaan Itoophiyaas dhimmuma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun sochiiwwan hedduu jalqabeera.

Haaluma kanaan Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Araadaa, dirree naannawaa waajjirasaaniitti argamu Waxabajjii Bara 2014 daawachuun akka haaromfamu qajeelfama kennanii yeroo gabaabaa keessatti hojjetameera. Dirree kanas dheengadda eebbisuun hojii eegalsiisaniiru.

Dirreen kun yeroo dheeraaf ganna dhoqee, bona awwaara ta’uusaatiin dargaggoonniifi hawaasni naannawichaa yeroosaa irratti dabarsuuf rakkataa turan.

Wayita dirrichi tajaajilaaf ooleetti Doktar Abiyyi akka jedhanitti, gamoo daawachuu qofti gammachuu kan hinkennine ta’uufi gammachuun kan argamu ijoolleef iddowwan bashannanaafi hara galfannaa ispoortii bal’inaan yoo qophaa’ee qofa. Kunis mootummaan qofaasaa iddowwan oolmaa bal’inaan akka qopheessu eegu qofa osoo hintaane ummanni, dhaabileen dhuunfaafi abbootiin qabenyaa tumsuun barbaachisaadha.

Kutaaleen hawaasaa bakka addaddaa jiraatan gara dirrichaa dhufuun sochiiwwan ispoortii qaamaa taasifachuu qofa akka hinqabne eeranii, hojiiwwan hawaasummaa irratti hirmaachuu, iddoowwan akkanaa kun akka hinmancaane kunuunsuufi kutaa magaalaa, aanaaleefi gandoota keessatti yoo xiqqaate iddoon oolmaa tokko akka jiraatuuf tumsuu qaba jedhu.

Iddoowwan oolmaa ispoortii haala naannawaa geeddaruu bira darbee hawaasa maraafuu tajaajila kan kennan ta’uu kaasanii, iddowwan oolmaa ispoortii kanaan dura sababii misooma manneeniifi ijaarsa gamoowwaniif jecha abbootii qabeenyaaf kennamuusaaniitiin dargaggonnifi hawaasni yeroo hara galfannaasaanii bakka itti dabarsan dhabuunsaanii daba guddaa akka ta’es dubbatu.

Gamoowwan gurguddoon magaaloota keessatti ijaaramaniis hawaasni qaama cimaafi fayya qabessi yoo hinjiraanne faayidaa akka hinqabne ibsu.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015

Recommended For You