“Otoo bakki bu’aaleen fakkii dhaabbiidhaan itti agarsiifaman jiraatee guddina ogummichaatiif nigumaacha” – Faariis Alamuu (Barataafi ogeessa fakkii)

Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Bojjii Coqorsaatti dhalate. Barnootasaa hanga kutaa 10ffaatti naannawuma dhalootasaatti kan barate yoo ta’u, kuta 11ffaafi 12ffaa ammoo Magaalaa Holotaatti hordofe.

Amma ammoo Yunivarsitii Finfinneetti barataa ogummaa aartii waggaa sadaffaati. Utuma baratuu ammoo ogummaa fakkii kaasuu daa’imummaasaarraa adeemsa keessa guddifachaa dhufee ittijiru hojjetaa jira. Gaafdeebii gabaabaa barataafi ogeessa fakkii Faariis Alamuu wajjin taasisne akka ittaanutti dhiyaateera.

Bariisaa: Fakkii kaasuu kana otoo kutaa meeqaffaa barattuu jalqabde?

Faariis: Hojii fakkii kaasuu kana utuun kutaa 5ffaa baradhuun eegale. Sana booda adeemsa keessa ogummicha guddifachaan dhufe.

Bariisaa: Ogummicha guddifachaan dhufe oggaa jettu? Namoonni tokko tokko waanuma dakatti abjootan ta’anii argamu. Kan kee kun akkamitti ibsama? Akkamitti ogummicha keessa turuu dandeesse?

Faariis: Dur abbaan koo otoo ani hindhalatin hojii fakkii kaasuu kana hojjetaa ture. Sana booda waanin isa dhaga’aa guddadheef waa’een ogummichaa keessa koo bulee jalqabee ittifufe.

Bariisaa: Tokko tokko yaadasaa ykn waan keessasaa jiru barreeffamaan ibsa, inni kaan sagaleedhaan. Kan kaastota fakkii hoo akkamitti ibsama mee?

Faariis: Sirriidha. Fakkeenyaaf fakkiin ani kaase kun matadureensaa Barii Irreechaa jedhama. Yeroo hiriyoonni kunniin mana keessaa bahanii uffannaasaanii uffatanii deeman agarsiisa. Calleen harkashiirra jiru kana mataashiirra keewwachuuf jetti. Yeroo isaan uffata aadaatiin miidhaganii mana keessaa bahan kan agarsiisuudha. Fakkii kanarraa alaabaan abbaa Gadaa, margi isaan qabatan, waantonni wayitiinsaa birraa ta’uu agarsiisan kanneen akka habaaboo keelloo ykn hadaa, sa’aatiifi gundoo booreenis jiru.

Bariisaa: Yaada fakkiif ta’u akkamitti argatta, waa ilaalteeti moo akkami waantisaa?

Faariis: Eeyyee, amma fakkeenyaaf namni tokko waan argeefi dhaga’erraa ka’ee asoosama barreessee waan keessoosaa jiru ittiin ibsata. Anis akkasuma yaada koo fakkiidhaanin iabsadha. Waanan hojjechuuf jedhu sana sammuu koo keessattin bocasaa keewwadha. Sana booda gara iskeechiittin jijjiira. Ittaansee gara halluutiin hojjechuuttin darba.

Bariisaa: Fakkiin ati kaastu akaakuu maal jedhamuudha?

Faarii: Egaa Afaan Oromootiin fakkiidhuma jedhu. Fakkeenyaaf suurrin kaase kun Ingiliffaan peeyintiingi jedhama. Kun fakkii halluudhaan huccuurratti hojjetameedha. Namoonni gogaarratti hojjetanis jiru.

Bariisaa: Oggaa fakkii kaastu kana dura saxaxa (design) wayii kaasta moo kallattummaan asirra keessa?

Faariis: Dura waanin kaasuuf sammuu koo keessatti yaadeef iskeechiin qopheessa. Waraquma xiqqoorrattin boca. Bocicha ammoo gara sharaarratti hojjechuuttin jijjiira; gara halluutiin hojjechuutti jechuudha.

Bariisaa: Fakkii kana kaasuuf yeroo hammamii sitti fudhate mee?

Faariis: Fakkii kana kaasuuf gara ji’a tokkoofi torbee lamaa natti fudhate; hojiidhuma kooti jedheen guyyaa guutuu hojjedhee jechuudha.

Bariisaa: Meeshaa fakkii kaasuuf si gargaaran akkamitti argatta? Hanqinni si hinmudatuu?

Faariis: Hanqinni maateeriyaalii daran jira. Biyya keenyatti waantoota ogummaa aartiitti hudhaa ijoo ta’an keessaa tokko maateeriyaaliisaati. Maateeriyaalonnisaa alaa waan dhufaniif akka salphaatti hinargaman.

Hanqinuma kanarraa kan ka’e halluun ani fakkii kana ittiin kaase kan isaaf maluun miti. Waanin dhabeef waanuman argadheen hojjedhe. Keessumaa halluun fakkii kaasuuf oolu biyya keessatti bal’inaan hinargamu.

Bariisaa: Ogummaan artii fakkii kun biyya keenyatti xiyyeeffannaa maluuf argateeraa?

Faariis: Hinarganne.

Bariisaa: Kanaaf maaltu ta’uu qaba jettaree?

Faariis: Rakkoo guddaan hubannaan ummanni ogummaa fakkiitiif qabu gadaanaa ta’uusaati. Biyyoota alaatti ogummaan fakkii iddoo guddaa qaba. Asitti garuu akka dameewwan aartii kaanii muuziqaafi kkftti iddoon hinkennamneef. Hubannaansaa ammayyuu ni hafa jechuudha.

Bariisaa: Bakki bu’aalee fakkii dhaabbiidhaan itti agarsiifamu jiraa?

Faariis: Hinjiru. Akka Naannoo Oromiyaatti waan jiru natti hinfakkaatu. Erga taatee tokkoof yeroo murtaa’eef agarsiisnee fudhannee gara manaatti galla. Kanaaf carraan namni ittiin daaw’atu hinjiru jechuudha. Kanaaf otoo bakki dhaabbiidhaan bu’aalee fakkii itti agarsiifaman jiraatee gaariidhan jedha. Kun ta’uun guddina ogummichaatiifis gumaacha olaanaa qabaata.

Bariisaa: Fakkii mul’atu kana qarshii hammamiitu itti bahe?

Faariis: Baasii fakkii kanatti bahe sirnaan herreguu baadhus tilmaamaan tokkoosaatti qarshii kuma afur baaseera. Kunuu maateeriyaalota biyya alaatii dhufan waanin hinfayyadamneef hammana qofa ta’e.

Bariisaa: Yunivarsitii Finfinneetti ogummaa artii kana waggaa meeqaffaa baratta?

Faariis: Amma waggaa sadaffaan barachaa jira. Barumsisaa digriidhaan waggaa afuritti xumurama.

Bariisaa: Ani gaaffii koo fixeeraa yoo ergaa qabaatte?

Faariis: Ergaan qabu namoonni hojii fakkii kanarratti bobba’an dhabiinsa maateeriyaaliitiin rakkachaa jiru. Ogeessonni fakkii keessumaa dargaggoonni akka koo hanqinicha ilaaluu dhiisanii waantotuma haala salphaatiin naannasaaniitti argamaniin hojiisaanii cimsanii ittifufanii akka guddifatanin gorsa.

Gama kaaniin ammoo guddina artii kanaatiif utuu iddoon kennamee gaariidhan jedhan. Iddoon malus bu’aalee fakkiitiif utuu qophaa’ee natti tola.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015

Recommended For You