Qorannoowwan garaa garaa akka addeessanitti barattoonni dandeetii barnootaa olaanaa dhibbantaan jaatamii torba (67%) ol ta’an araada poornoogiraafiin qabamoo ta’uu isaanii agarsiisa. Karaa biraas biyya Ameerikaa qofa keessatti ga’eessonni miliyoona 40 ta’an araada poornoogiraafiitiin akka dararamaa jiran qorannoon jiru niaddeessa. Gama dargaggootaan yoo ilaalles namoota daran miidhamoo ta’uu isaanii agarra. Sababiin isaa qorannoon yeroo dhiyoo asitti geggeeffame dargaggoonni dhibbantaa torbaatamni (70%) akka marsariitii poornoogiraafii ilaalan addeessa.
Umuriin giddugaleessi daa’imman poornoogiraafii ilaaluu eegalan ganna 11 haa jedhamu iyyuu malee isaa gaditti ilaaluu eegalu. Daa’imman ganna sagaliifi kudhanii carraa isaan itti poornoogiraafii ilaalan akka bal’aa ta’eefi rakkoo kanaaf saaxilamoo akka ta’an beekamaadha. Inni kun hangam egeree daa’imman kanaa qofa utuu hinta’in egeree hawaasaa akka diigu tilmamuun nama hinrakkisu. Daa’imman kanneen rakkoo sammuu, miiraa, walitti dhufeenya hawaasummaa, xiinsammuu isaaniifi kkf akka miidhu qorattoonni gama kanaan qoratan niaddeessu.
Egaa rakkoon kun akka ibidda fura qabateetti biyyoottan hundumaa keessa kan tatamsa’aa jiru yoo ta’e illee akka biyya keenyaatti xiyyeeffannoon bal’aan kan itti kenname hinfakkaatu. Akka aadaa keenyaattis yeroo hedduu maatiin ijoolleesaanii wajjin rakkoolee poornoogiraafii wajjin walqabatan barsiisuus ta’e miidhaa inni irraan ga’u jalaa akka ba’aniif gursuun, mari’achiisuun, barsiisuun beekamaa miti. Isa sirrii barsiisuun akka isaan hamaa irraa fagaatan taasisu dadhabuun keenya ammoo akka isaan isa hamaa barataniif karaa banuudha. Isa kana barachuuf isaan hindanqu. Tarii marsariitii poornoogiraafii al tokko qofa barbaachuuf sekoondii shantama keessatti marsariitiiwwan poornoogiraafii biliyoona 2.8 oltu dhufa. Dhaloonni keenya isaan kana ilaalchisee hubannoo sirrii hinqabu taanaan miidhaan isaa salphaa miti.
Haa ta’u iyyuu malee poornoogiraafiin maalii? Poornoogiraafii jechuun fiilmii, fakkii, barreeffama (assoosama), qunnamtii saalaaf nama kakaasan jennee hiikuu dandeenya. Inni kun yeroo hedduu interneetiirraa yookiin bilbilsochootuu irratti kan gadi dhiifamuun namoonni ilaalaniidha. Yeroo tokko seenaa nama gaddisiisu tokko namni naannoo biyya Naayijeeriyaa tokko attamitti poornoogiraafii akka eegaleefi jireenya isaa irratti miidhaa inni qaqqabsiise utuu inni dubbatuu dhaga’een ture. Namtichi kun hojiif jecha bakka haadha manaa isaa irraa xiqqoo fagaatu akka deeme dubbata. Bakka dhaqe kanatti shaakala poornoogiraafii (fiilmiifi suura qunnamtii saalaaf nama kakaasu) interneetii keessa seenee arge. Interneetiirrattis dubartii suura ishee ilaalaa wajjin haasa’uu eegale. Itti fuftees utuu inni ilaaluu wayyaa ishee of irraa baastee qullaa ishee itti argisiifte. Innis akkasuma akka inni uffata isaa of irraa baasu itti himte. Saniin booda qaama saalaa isaaniitti ofumaan bubu’uun wal ilaaluun fedha foonii raawwachuu akka dandaa’aniifi innis akka eegalu goote. Inni kun yeroof kan gammachiisu itti fakkaatee ture. Haa ta’u iyyuu malee rakkoo guddaa keessa buuse. Irraa jalaan gammachuu kan jedhamu jireenya isaa keessaa bade.
Shaakala kanaan booda jireenyi isaa bakka jalqabaatti deebi’uu hindandeenye. Jireenya isaa keessattis gatii guddaa kanfaluu eegale. Kana irraa kan ka’e hojii isaa keessatti fiixaan ba’umsa dhabuu, guyyaatii gara guyyaattis hojiin isaa kufaatii sababa ta’eef dhuma irratti gara maatiitti deebi’ee kisaaraan gale. Hojii isaattis milkaa’uu hindandeenye.
Wanti guddaan nama gaddisiisu garuu gaafa qe’eetti deebi’u haadha mana isaa jibbe. Akka jibbes ibseefii qubeelaa gaa’elaa waliin qabanis deebiseef. Akka hiikuuf fedhus ibseef. Isa kanaaf bu’urri isaa akka salphaatti interneetii irratti shaakala hamaa inni eegale akka ta’e agarra. Shaakalli hamaan kun jireenya isaa, hojii isaa, dhuma irratti ammoo maatii isaa miidhe. Egeree isaa miidhe. Abjuu inni qabu miidhe. Har’as taanaan namoonni hedduun rakkoo akkasii keessa jiru. Miidhaa hamaa keessa jiru. Interneetiirratti namoonni qullaa isaanii argisiisuun ulfina kan itti fakkaatu hedduudha, Isa kanaanis jireenyi isaanii kan badu ammoo daa’immaniifi dargaggoota danuudha. Qullaa ta’uun, qullaa isaanii namootatti argisiisuun akka isaan gammachiisu kan dubbatan jiru.
Inni kun bara keenya keessatti to’annoo mootummaas ta’e kan dhaabbilee amantii ol ta’uun isaa beekamaadha. Yeroo tokko Maarlin Monroo sirbituun jedhamtu tokko akkas jettee “Qaama koof jaalala guddaan qaba. Ala tokko tokko yeroon qullaa koo daawwitii keessatti ilaalu nan gammada. Egaa qullaa ta’uun anaan baay’ee kan gammachiisu erga ta’ee namoonni biraa yoo argan baayyee itti gammadu…” jette.
Sirbituun kun dhaabbata fiilmii qopheessu “Hollywood” jedhamu keessaa sirbituu addunyaa kana irratti beekamtuu turte. Hojii sagaagalaa ilaalchisee bulchitoota Ameerikaa mana mootummaa (“whitehouse”) keessa turan garaagaraafi sirbitoota bebbeekamoo adda addaa wajjin akka raawwachaa turte nidubbatama. Kana hundumaa irra garuu qullaa ishee namatti argisiisuutti nama gammaddu yommuu taatu sirbaaf waltajjii irra yeroo baatu qullaa ishee argisiisuu nama jaallattuudha. Inni kunis akka namoota gammachiisutti yaaddi turte. Darbees kana gochuun mirga ishee akka ta’etti ilaalti. Inni kun yeroo keessa gara poornoogiraafii isa jennuutti tarkaanfachuu danda’eera. Sababa miidhama dhaloota hedduus ta’eera.
Poornoogiraafiin ibidda dhaloonni kun ittiin miidhamaa jiru isa hamaadha. Innis qullaa ofii bifa suura addaa addaatiin yookiin namoonni utuu qunnamtii saalaa raawwatanii meeshaalee sab-qunnamtii hawaasaa garaa garaan agarsiisuudha. Inni kunis fiilmiin agarsiisuu irraa eegalee hanga kallattiin qullaa ofii addumaan harma, handhuura, akkasumas uffata qaama saalaa argisiisan yookaan mul’isan gaggabaaboo, bolaalee (surree) qaama nama argisiisan dhiirris ta’e dubarri uffatan garaa garaa dabalachuu danda’a. Tarkaanfii qullaa ofii agarsiisuus ta’e sagaagala garaa garaa interneetiifi meeshaalee sabqunnamtii hawaasummaa irratti gadhiisuu bara 1980 asitti bilisummaa saalaa dubartoota (sexual liberal feminism) gonfachiisuu kan jedhu wajjin kan walqabatee dhufe akka ta’e namoonni hedduun nidubbatu.
Bilisummaan kun kan barbaachiseef immoo dhiibbaa guddaan karaa dhiirotaa, kara ummataafi kara mana amantii dubartoota irra jira. Isa kana jalaa ba’uuf dubartoonni gama isaaniin wal’ansoo qabuu malu. Wal’ansoo isaan qabuu malan kun immoo sochii qajeelaa gama saalaan qabuu kan jedhu ture. Sochiin kunis waan hundumaa irra sagaagalaaf karaa banuu ture. Itti fufuunis mootummaa, dhaabbilee addaa addaafi namoota isaaniin akka mormanitti fudhatanii wajjin wal’aansoo qabuu eegalan. Falmii namoota kanaa keessaa tokko dubartoonni akka fedhan daangaa tokko malee agarsiisa qunnamtii saalaa (Poornoograafii) akka gochuu danda’aniif akka heeyyamamu gaafachuu ture. Dubartoonni yoo fedhan hojii sagaagalaan buluu akka danda’an; qaama isaanii barbaadan irraa uffata fuudhanii yookiin qullaa isaanii akka agisiisan kan deggeru qaba. Inni kun bulee oolee dhaloota irratti miidhaa hamaa qaqqabsiise.
Darbees namoonni uffata qullaa isaanii hindhoksine uffachuu fedhan sababa addaa addaa irraan kan ka’e ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf maatii uffata qullaa namaa argisiisu uffatan keessaa ijoolleen dhalatan fakkeenya maatii isaanii duukaa bu’uu danda’u. Tarii naannoon itti dhalatanii guddatanis dhiibbaa mataa isaa danda’e qaba. Fedhiin nama keessa jirus ta’e dhiibbaan hiriyaa irraa dhufu isa kanaaf karaa nibana. Namoonni kaanis dhukkuba sammuu irraa kan ka’e uffata qullaa isaanii argisiisu uffatanii kan deeman jiraachuu danda’u. Namoonni rakkoo sammuu qaban tokko tokko naannoo bashannanaatti uffata of irraa baasuun qullaa isaanii argisiisuun kan isaan bashannansiisu jirachuu dandaa’u.
Sababiin isaa yeroo fayyaa qaban gola sammuu isaanii ’sub-conscious’ jedhamu keessaatti wantoota namoota biraaf saalfii ta’e ukkaamsanii kaa’uu danda’u. Garuu yeroo dhukkuba sammuutiif saaxila ba’an bakka namoonni walitti qabamaniitti qaama isaanii argisiisuudhaan akka namoonni isaan ilaalan godhu.
Yeroo ammaa kana egaa qullaa namaa ilaaluufi namoota hojii sagaagalummaa irratti hirmaatan walitti funaanee kan namootatti agarsiisaa jiru dhalootaaf, akkasumas biyyaaf miidhaa guddaa kan ta’e marsariitii (website) poornoogiraafii jedhamu hamaa kanadha. Inni kun qullaa ofii argisiisuun, sagaagalaafi kkf. akka mirgaatti akka ilaalamuuf yaalii ta’e irra ka’ee yeroo ammaa marsariitiin poornoogiraaphii kana guyyaatti namoota miliyoona jaatama (60,000,000) ta’utu do’atu. Isaan kana keessaa immoo hojjettoonni waajjiraalee adda addaa dhibbaantaa jaatamii torba (67%) akka ta’an beektonni daandii kana irratti qoratan kanneen akka Dr.Kristoof Ahileers ni ibsu.
Namoota suurafi fiilmii sagaagalummaaf nama kakaasu kana do’atan keessaa dhibbantaa torbaatamni (70%) dargaggoota umuriin isaanii waggaa kudha saddeetii hanga digdamii afurii (18-24)ti. Dubartoonni marsariitii kana do’atan harka sadii keessaa harka tokko (1/3) ta’u. Marsariitiiwwan yeroo hedduu ilaalaman afur jiran keessa poornoogiraafiin isa tokko ta’uu isaa qorannoon ni mirkaneessa. Ji’a tokkotti poornoogiraafiin do’ataman fuula biliyoona afuriifi tuqaa afur (4.4) akka ta’an dubbatama.
Walumaagalatti maatii irraa eegalee haga geggeessitoota biyyaatti dhaloota kana irratti hinhojjetamu taanaan akka dhuunfaattis ta’e akka walootti miidhaan isaa hamaadha. Isa kana itti yaaduufi dhaloota gochaa hamaa kana jalaa miliqsuun daran barbaachisaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015