“Keessummaan Oromiyaa dhufe fira ta’ee deebi’uu qaba” – Obbo Abiyyuu Tasammaa

“Ijaan Oromiyaatti qofa osoo hintaane akka idil addunyaatti dorgomaa akka ta’uf hojjenna”

Dhimmoota mootummaan bu’uura dinagdeeti jedhee adda baaseefi xiyyeeffannaan irratti hojjetaa jiru keessaa turizimiin isa tokko. Keessumaa kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaatiin akka biyyaatti hojiileen turizimiirratti xiyyeeffatan heddumminaan hojjetamaa jiru. Akka Oromiyaattis dhimmichaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennuun Komishinii Turizimii Oromiyaa hundeessuun hojiileen jalqabbii hojjetamaniiru; hojjetamaas jiru.

Kana malees waggaa darbe dhaabbata qabeenya turizimii Oromiyaan qabdu dinagdeetti jijjiiruu danda’u hundeessuun hojiitti seenameera. Dhaabbanni kun Waldaa Aksiyoona Ijaa Develooppar yoo jedhamu ji’a Sadaasaa bara 2014 hundaa’e. Nutis kaayyoo dhaabbatichaa, karoora fuulduraafi haala waliigalaasaarratti gaggeessaa hojii dhaabbatichaa Obbo Abiyyuu Tasammaa keessummaa taasifanneerra; dubbisa gaarii!

Bariisaa: Yeroo keessaniif isin galateeffachaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa.

Obbo Abiyyuu: Tole. Abiyyuu Tasammaan jedhama. Gaggeessaa Hojii Olaanaa Waldaa Aksiyoona IJAA Developpar jedhamuuti. Dhaabbanni kun jaarmiyaa misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaati.

Bariisaa: Eessatti dhalattanii, guddatan? Akkasumas barnootaafi muuxannoo hojii keessanii utuu nuu kaastanii?

Obbo Abiyyuu: Ani Oromiyaa keessattin dhaladhee guddadhe; Godina Qeellem Wallaggaa, Aanaa Daallee Waabaraa, Magaalaa Qaaqeetti jedhamutti. Barnootakoos hanga kutaa saddeettaffaatti achumatti baradheen, manni barnootaa sadarkaa lammaffaa naannawaa dhalootakoo waan hinjirreef gara Magaalaa Dambi Doolloo deemuun Mana Barnootaa ‘Bethel Evangelical Secondary School -BESS’tti baradhe.

Barnoota sadarkaa olaanaas jalqabarra Yunivarsiitii Finfinnee, mooraa Siddisti Kiiloo galuun akaakuu barnootaa ‘Social Administiration’dhaan digriikoo jalqabaa fudhadheera. Digiriikoo lammaffaas Misooma Baadiyyaatiin eebbifameera. Ammas akaakuu barnootaa Hoggansaatiin digrii lammaffaa biraa xumuraan jira.

Hojiidhaan walqabatees, waggoota 24 darbaniif hojiirra kanin jiru yoo ta’u, Naannoo Oromiyaatiin ala eessayyuu hojjedhee hinbeeku. Jalqaba mana hojii mootummaa keessattin hojii eegale. Isaa booda dhaabbata mitmootummaa tokkotti mindeeffamee waggoota dheeraaf gorsaa ta’ee hojjedheera.

Utuun haala kanaan hojjechaa jiru Mootummaan Oromiyaa damee turizimiirratti waan ummataaf fayyadu hojjenna jechuun waamicha naa taasisnaan gara Komishinii Turizimii Oromiyaa haaraa hundaa’eetti Komishinara Ittaanaa ta’ee dhufe. Komishinicha keessa waggaa tokko ol hojjedheera.

Oromiyaan qabeenya turizimiitiin kan badhaate taatus qabeenyicharraa haalaan fayyadamuu waan hindandeenyeef gaaffiin “maal wayya” jedhu dhufe. Kanaafis qorannoon kan taasifame yoo ta’u, garee qorannicha hojjete keessaas tokkon ture.

Kanaanis yaada fala ta’u mootummaaf dhiheessine. Mootummaanis gadi fageenyaan ilaalee turizimiin biyyaa jijjiiramuu kan danda’u karaa seektara dhuunfaa ta’uu waan itti amaneef dhaabbata misoomaa tokko kan turizimii, keessummeessaafi riil isteetiirratti hojjetu, Dhaabbata Ijaa Develooppar jedhamu hundeesse. Anis dhaabbata kana akkan hogganuuf yeroon ramadamerraa kaasee gurmeessaan jira.

Bariisaa: Dhaabbatichi haaraadha. Mee dhaabbanni kun kaayyoonsaa ijoon maali, maal qabatee maal hojjechuuf yaade?

Obbo Abiyyuu: Dhaabbati Ijaa Developpar kun gama turizimiitiin yoo ilaalle, Oromiyaan dachee badhaatuudha, qabeenyaafi hawwata bal’aa qabdi. Akaakuuwwan bineensotaa, biqilootaa, simbirrootaafi wantoota biroo Oromiyaa keessatti qofa argaman hedduu qabdi. Haa ta’u malee dhagala’a turisitiifi qabeenya jiru wajjin walbira qabamee yoo madaalamu Oromiyaan waan maluuf argachaa hinjirtu.

Mootummaan jijjiiramaas kana akkamiin hiikuun danda’ama jedhee riifoormii dinagdee mandhalee (‘Home Grown Economic Reform’) yommuu hojjetu, akkasumas karoora waggaa 10 Itoophiyaa biyya badhaatuu ardii Afrikaa taasisuuf qabame keessatti wantoota utubaa guddinaati jedhamanii adda baafaman keessaa turizimiin isa tokko.

Kanammoo sadarkaa naannoo keenyaatti jijjiiruu kan dandeenyu indastiriin turizimii boodatti hafaa waan ta’eef mootummaan dhaabbata misoomaa mootummaa daldalaa (Commertial) ta’e, bifaafi labsii daldalaatiin gurmaa’e, dhimma kanarratti ulaagaa qopheessee kan hogganu tokko hundeessuuf waliigalamee Ijaan uumame.

Ijaan kan uumame hojiiwwan guguddoo shanirratti hojjechuufi. Inni jalqabaa iddoowwan hawwata turizimii naannoo keenyatti ykn naannolee birootti, akkasumas sadarkaa Afrikaatti hawwatummaa naannichaafi dinagdee turizimiitti fayyadamuun akka danda’amuuf iddoowwan bultiif ta’an kanneen akka hoteelaa, riizoortii, loojiifi kkf ijaaruudha. Kunneen yoo jiraatan turistoota hawwachuun tajaajila ga’aa kennuuf ni ta’a.

Lammatarratti, dhimma daaw’achiisuufi imalchiisuu (Tour and Travel) irratti hojjechuudha. Itoophiyaa keessa dhaabbileen daaw’achiisuurratti hojjetan kuma tokko caalantu jiru. Dhaabbileen hawwata turizimii Oromiyaan qabdu akka kuufama omishaatti gurguran garuu daran muraasa.

Oromiyaan kan hundumtuu keessa qaxxaamuree darbu malee kan daaw’atee, baasii baasee, carraa hojii uumuu malu uumaa jiru miti. Kanaaf Ijaan kana jijjiiruuf hojii daaw’achiisuufi imalchiisuu keessa seena. Kanas bifa waaltawaadhaan ijoollee daaw’achiisan (tour guide) irraa kaasee hanga dhaabbilee idiladdunyaa waliin hidhata kan qabuufi bifa saayinsaawaa ta’een kan hojjetuudha. Kanarratti maastar pilaanii taa’een hanga balaliiwwan gaggabaaboo biyya keessaallee sadarkaa kennuu danda’utti jechuudha.

Sadaffaan paarkiiwwan misoomsuudha. Paarkiiwwan kunneenis kanneen akka biyyaatti adda baafamaniifi iddoowwan hawwata turizimiin walqabatan ta’uu danda’u. Akkasumas kan magaalota keessatti hojjetaman ta’uu malu. Paarkiiwwan hundaa’an misoomsee hojjetee dinagdeetti jijjiiruun hojii isa biraa keenya ta’a jechuudha.

Afraffaan teessuma Oromiyaarraa kaasee, waltajjiwwan guguddaatu gaggeeffama. Akkuma beekamu Finfinneen sadarkuma addunyaattuu magaalaa dippiloomaatii sadaffaadha. Magaalittii keessa dhaabbilee guguddaatu jiru, teessoo Gamtaa Afrikaati, dhabbileen idil addunyaas hedduutu jira.

Garuu kanneen hundatti fayyadamaa hinjirru. Oromiyaan ammoo haala taa’umsa qabduurraan kan ka’e sadarkaa tokkooffaarratti filatamtuudha. Kanaaf Ijaanis kanatti fayyadamuun konfiransiiwwan garagaraa qindeessuu, wiirtuuwwan konveenshinii tajaajila kennuu danda’an ijaaruun hojiirra oolchuu kan jedhu xiyyeffannaa keenya biraati.

Daldalli keenya shanaffaan riil isteetiidhaan walqabata. Kana jalattis dorgomummaasaa guddisee, ittifayyadamuu hawaasaa bal’isee, dhaabbata sadarkaa biyyaatti qofa osoo hintaane sadarkaa Afrikaatti dorgomaafi bu’aqabeessa uumuuf kan hundaa’eedha jechuudha.

Bariisaa: Dhaabbatichi amma maal hojjetaa jira, qabatamaadhaan hojiitti seeneera jechuu dandeenyaa?

Obbo Abiyyuu: Ijaan bifa daldalaan kan dhaabate Sadaasa 1, bara 2014. Kana jechuun hojiilee dhaabbatichi bifa dhaabbata misoomaa daldalaan haa hojjetu jedhamee kaa’ame kanaan dura hojjetamaa hinjiru jechuu miti. Hojiileen dhaabbilee biroo biratti hojjetamaa jiran jiru.

Gama hoteela, riizoortiifi kanneen birootiin baay’innisaanii xiqqoo haa ta’an malee kan jalqabaman jiru. Dhaabbileen sunneen abbaa qabeenyaa ta’anii Ijaa hundeessuurratti qooda olaanaa qabu. Odeeffannoodhaaf Ijaan kaappitaala qarshii biliyoona afuriin abbootii qabeenyaa shaniin, jechuunis Tumsaa Developpimanti Giruup, Biiftuu Addunyaa, OBM Konistiraakshin, Geejiba Gadaafi Albuuda Oromiyaatiin hundaa’e. Kanneentu sheerii keessaa bibbitatanii dhaabbatichi gurmaa’e jechuudha.

Gaafa jaarmiyaaleen kunneen dhufan, fakkeenyaaf dhaabbileen kanaan dura gama mootummaa federaalaa jala turanii amma dhaabbilee Ijaa jala jiran keessaa Biiftuu Addunyaatiin kan bitame jira. Fakkeenyaaf Laangaanoo lakkoofsa tokkoffaa yoo fudhatte, kanaan dura kan Waabii Shabalee ykn Filuwaa jalatti bulaa tureefi Biiftuun biteedha. Qabeenya Biiftuu kanatu gara Ijaatti darbe jechuudha.

Adaamaatti hojii funyoo maleeyyii (wireless)dhaan beekamaa kan ta’e dhaabbanni Bokkuu kanaan dura Biiftuu jala tures gara Ijaatti kan dhufe jira. Inni biraan Dirree Dhawaa keessa gamoon Biiftuu Mool jedhamu ni jira. Achirrattis hoteelli tajaajila kennu ni jira. Kunneen hundi gara Ijaatti deebi’aniiru. Kanneen malees mootummaan ilaalee murtoo dabarseen Laangaanoorratti kanaan dura Simboo Riizoortii jedhamuun  kan beekamu gara Ijaatti darbee hojii eegaleera.

Hojiilee hojjetamaa jiran keessaa harka caalaatti qaamuma pirojektii Maaddii Biyyaaf jedhuu ta’ee iddoowwan akka biyyaatti Wancii Dandii, Koyishaafi Gorgoraa misoomaa jiran keessaa, naannawaa Wancii Dandiitti loojii sadarkaasaa eeggateefi namoota baay’ee keessummeessuu danda’u adda ba’ee hojjetamaa jira.

Yeroo ammaa hojii daandiiwwan naannawichatti hojjetamaa jiru alatti loojii ijaarsisaa kan jiru Ijaa Develooppariidha. Loojichi kontiraata gara qarshii miliyoona 550n kennamee hojjetamaa jira. Ijaarsisaa %55 qaqqabeera. Meeshaaleen dhimma kana xumursiisuuf barbaachisanis qindoomina sadarkaa federaalaarraa kaasee hanga naannootti jiruun konteenaroonni 37 marsaa jalqabaatiif alaa galaniiru.

Kanneen marsaa lammaffaafi sadaffaan galanis ni jiru. Kanarraa ka’uun gabaabumatti yoo ilaalle ji’oota sadii keessatti eebbifamee hojii ni eegala jennee yaadna. Hojiileen kunneen ammatti kan keessa jirruudha malee kallattiin fuulduraatti karoorawwan qabaman hedduutu jira. Isaanis yeroo yeroon kan hojjetaman ta’u.

Bariisaa: Karoorri isin hojjechuuf qabattan ni jira. Mee kunneen akka jedhametti yoo hojiirra oolan Ijaan keessumaa turizimiirratti jijjiirama qabatamaa maal fida? Akkasumas carraa hojii uumuurrattiwoo maal fakkaata?

Obbo Abiyyuu: Egaa Ijaan dhaabbata idilee beekame osoo hintaane kan bifa ammayyaawaafi saayinsaawaadhaan hogganamee mul’ata badhaadhinaa mootummaa ni milkeessa jedhamee gurmaa’eedha. Kanaafis maastar pilaanii waggoota 10 qopheeffateera.

Hojiirra oolchuuf yoo xiqqaate qarshii biliyoona 200 ol barbaachisa. Akka maastar pilaanichaatti misoomawwan ykn pirojektota 62tu raawwatama. Bu’uura kanaan Ijaan waggoota kurnan dhufanitti dameewwan daldalaa shanan eeramanirratti bal’inaan hojjeta. Adda durummaadhaan Oromiyaa keessatti ni hojjeta.

Naannolee ollaattis bakka walitti hidhamiinsa turizimii uumuu dandeessisurrattis ni hojjeta. Darbees Afrikaa Bahaattillee ba’ee biyyoota kanneen akka Jibuutii, Keeniyaa, Sudaan Kibbaaffaatti, yoo danda’ame biyyoota shanirratti gama hoteela, riizoortiifi loojii hojjetee walitti hidhamiinsa kana ni uuma jedhamee yaadama.

Sababnisaas akkuma beekamu biyyi keenya, karra galaanaa hinqabdu. Kanaaf turizimiirraa faayidaa argachuuf biyyoota carraa akkanaa qaban wajjin hariiroo uumanii, marsaafi turtii turizimii guyyaasaa dheeressuun barbaachisaadha. Kana keessa seenuuf Ijaan daaw’achiisuufi imalchiisuurratti erga nan hojjedha jedhee kuufamoota (package) misoomsa.

Kun faayidaa maalii qaba yoo jette, dorgomummaa Oromiyaa ni murteessa. Dubbii keenyarratti wanti beekamuu qabu tokko, turizimiin Oromiyaa jijjiiramnaan turizimiin Itoophiyaas ni jijjiirama. Qabeenyi guddaa, taa’umsi lafaa mijataa, akaakuuwwan bineensootaafi kanneen biroo kan jiran Oromiyaadha.

Bineensota hoosisoo Itoophiyaa qofatti argaman keessaa %82 kan argaman Oromiyaa keessatti. Simbirroota yoo ilaallees %98 kan ta’an Oromiyaa keessa jiru. Bakkeewwan eegamoo keessaas %90 Oromiyaa keessa jiru. Kanaaf Oromiyaa waa hundaan yoo ilaalle dachee miidhagduu ta’uushee qofa osoo hintaane dachee qabeenya uumamaallee waan taateef kana gara dinagdeetti jijjiirree ittifayyadamuu barbaachisa. Kanaafis bakka turtii turistootaafi tajaajila quufsaa kennuuf iddoowwan murteessoorratti yoo hojjenne Ijaan dhaabbata dorgomaa ta’a. Mul’anni keenya sadarkaa Afrikaatti dorgomaa ta’uudha.

Ijaan mul’atasaa dhugoomsuu yoo barbaade hojiileen hojjetaman bifa barameen hojjetamuu hinqaban. Haala dhaabbata filatamaa isa taasisuun dorgomummaasaa dabaluun, tajaajilli kennamus haala tajaajila indastirii turizimiin madaaluun akka ta’uuf hojjechuuf of qopheessuu qaba.

Bariisaa: Kana gochuuf Ijaan fuulduratti maal yaada?

Obbo Abiyyuu: Indastirii turizimiitiin yoo ilaalle omishi nuti filannoowwan garagaraatiin dhiheessinuufi tajaajilli kenninu gadaanaadha. Kana sirreessuuf ammoo wanti hojjetamuu qabu qabeenya humna namaa ijaaruudha. Kanaafis dhaabbilee barnootaa olaanaa wajjin hojjechuu qabna. Yunivarsiitiiwwan hedduun akaakuuwwan barnootaa ‘Tourism Management, Tourism and Hospitality’ fi kkfdhaan barattoota sadarkaalee garagaraatti leenjisaa jiru.

Leenjichi garuu gara indastiriitti yommuu dhufu gaha miti. Sababnisaas yunvarsiitiiwwan keenya leenjii kana kutaa keessatti kennu malee bakka itti shaakalsiisan hinqaban. Kanaaf barattoonni gaafa ba’an indastirii jiru waliin dorgomoo hinta’an. Kanaafuu, Ijaan kanarratti waan yaadu qaba.

Finfinneetti gamoowwan Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjechiisu keessaa kan naannawa Boolee Bulbulaatti argamu gara Ijaatti darbeera. Achirratti dhaabbata leenjii banuu yaadna. Waantota Keeniyaan dorgomtuu taateen keessaa tokko dhaabbata leenjii tokko hundeessuudhaani. Dhaabbata xiqqaa hundeeffame sanatu haala taa’umsa biyya sanaa jijjiire.

Oromiyaatti Mana Barnootaa Hoteelaa ykn Dhaabbata Tajaajilaa kan jennu hinqabnu. Indastiriin turizimii saayinsii barnootaa qabaachuu qofa osoo hintaane jalqabarraa kaasee haala simannaa, tajaajila kennuu, keessummeessuu, qabannaa bakka hojii, ittifayyadama iddoo, nyaataa, dhugaatii, nageenyaafi kkf maal akka fakkaatu kan leenjisuudha.

Kanneen hunda erga of keessatti qabatee keessummaan naannoo keenya dhufe gaafa deebi’u waa’ela ykn fira keenya ta’ee deebi’uu qaba. Kana gochuuf tajaajilli keenya olaanaa ta’uu qaba. Tajaajila kana olaanaa gochuuf gamoo kenname kana keessatti dhaabbilee muuxannoo qaban waliin qindoominaan hojjechuuf haalduree hunda xumuree fixeera.

Waggaa qabanne keessatti leenjii yeroo gaggabaabaas ta’uu kennuu eegala. Kanneen tajaajila kana jaallatanii sadarkaasaanii cimsachuu barbaadaniif sadarkaa digiriifi maastarsiitiinis leenjisuuf Dhaabbata ‘National Investment Group’ jedhamu wajjin waliigalteerra ga’aa jirra. Kana qofa osoo hintaane bakkeewwan hawwata turizimii addaddaattis leenniwwan gaggabaaboo deemanii leenjii kennuun kan irratti hojjetamu ta’a. Inni kun ga’aa miti.

Akka tarsiimootti qopheessinee kan itti deemaa jirru ‘Oromia Hospitality Academy’ kan jedhu ijaaruun akka naannootti qofa osoo hintaane, akka biyyaattillee namoota indastirii turizimiirratti jijjiirama olaanaa fiduu danda’an omishuun gabaaf itti dhiheessinu gochuuf karoora keessatti qabatamee itti adeemamaa jira.

Kana qofa osoo hintaane, leenjiiwwan gaggabaaboo dhaabbilee BLTO keessatti kennaman akkamiin haala tajaajila ga’aa kennuun akka danda’amurratti qaama dhimmisaa ilaalu waliin mari’atamee kan irratti hojjetamudha. Ammaaf garuu akka naannootti wanti yaadamaa jiru kolleejjiiwwan BLTO lamaan sadan tokko adda baafamanii yaaluuf sadarkaa karooraatti jira.

Bariisaa: Haalli amma irra jirtan kana milkeessuuf sadarkaa isin dandeessisuudhaa?

Obbo Abiyyuu: Walumaagalatti karoora biznasii nuti qabanneefi mul’ata keenya gidduu qaawwa guddaatu jira. Kana hojjechuuf wantoonni murteessoo ta’an lamatu jiru. Inni duraa humna raawwachiisuummaa Ijaa cimsuudha. Ijaa’n dhaabbata yeroo tokko mul’atee yeroo tokko badu osoo hintaane kan sadarkaa Afrikaafi addunyaatti dorgomaa ta’e taasisuuf misooma humna namaatiif xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjeta.

Inni lammaffaan dhiheessii faayinaansii waarawaa ta’e qabaachuudha. Kanarratti baankiiwwaniifi dhaabbileen faayinaansii guguddoo biyyattii keessa jiran fedhii liqaa dhiheessuu dhaabbati kun barbaadu waliin deemuurratti hanqina qabu.

Hoteela ykn riizoortii tokko ijaaruuf sirriitti yeroosaa eegee yoo hojjetame waggaa torbaafi isaa ol gaafachuu danda’a. Akka biyya keenyaatti ammoo liqiin omisha waggaa torbaa oliif kennamu hinjiru. Yeroo tokko tokko haalonni akkasii yommuu mudatan sadarkaa addunyaatti ce’anii dhiheessii faayinaansii argachuun barbaachisaadha.

Nutis yeroo ammaa carraa qabnutti fayyadamuun networkiiwwan addaddaatiin barbaannee sadarkaa idil addunyaarraa haala itti faayinaansii guddaa argannu mijeessineerra. Dhaabbata idil addunyaarraas yuuroo biliyoona shan arganneerra. Kanaaf ammoo karoorri mul’ataa waggaa 25fi 30 gidduutti dhumu qophaa’eera.

Karoorri qophaa’es wantoota sadiirratti kan xiyyeeffatuudha. Tokko, turizimiifi keessumeessarratti. Inni kun ammoo hoteelota, riizoortiiwwan, loojiiwwaniifi kanneen biroo kan qabatuudha. Kanaan bakkeewwan sulula qiinxamaa qabatee, Baalee, Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Harargeefi bakkeewwan hedduutti riizoortiifi loojii ijaaruudhaaf yaadameera. Hoteelli ammoo Naqamtee, Jimmaa, Awwadaay, Roobeefi bakkeewwan hawwata turistii ta’an birootti ni ijaarama.

Inni lammaffaarratti qabatame biiznasii riil isteetiidha. Inni kunis kan daldalaafi jireenyaa ta’a. Karoorri bu’aqabeessummaa ilaaluun hojjechuuf karoorfanne omishawwan shan irratti xiyyeeffata. Inni tokkoffaan Mandara dippiloomaatotaa ykn ‘diplomatic village’ kan jedhuudha. Magaalaa Finfinnee yoo ilaalle dippiloomaatonni doolaara guguddaadhaan mana kireeffatanii taa’u.

Mandarri nageenya amansiisaa olaanaa qabu hinhojjetamne. Kanaaf Ijaan pirojektiin kun bu’aqabeessa ta’uu qoratee, haala babal’ina magaalaa waliin deemuu danda’uun qarqara magaalaatti manneen dippiloomaatotaa daran ammayyaa’oo 300-350 ijaaruun mandara ammayyaa’aa uumuuf karoorfateera.

Lammaffaan kan diyaaspooraa wajjin walqabatuudha. Isaaniif kan manneen qananii ‘luxury appartement’ jedhu ijaaruu yoo ta’u, kanas isaanumarraa bifa sharafa alaa maddisiisuu danda’uun kan hojjetamuudha. Sadaffaan manneen gatii gadaanaa ‘lowcost house’ ijaaruudha.

Ummanni keenya baay’een harkaqal’eessa. Fakkeenyaaf mootummaan hojjettootaaf lafa mana jireenyaa kenna. Garuu hojjetaan mana irratti ijaaree galuuf humna hinqabu. Kanaaf Ijaan haala hojjettoota kanneeniif manni gatii gadaanaadhaan hojjetamu mijeessa.

Kanas, teknolojii, yeroo, saffisa, qusannaa iddoofi kkf haalaan fayyadamuun hojjeta jechuudha. Qusannaa lafaatiin walqabatee fakkeenyaaf mootummaan hojjetaa tokkoof lafa kaaree 140 kenna yoo ta’e, hojjetaa shaniif kaaree 700 kenna jechuudha. Ijaan immoo laficharratti gamoo ijaaree nama 30 ykn 40 galchuuf hojjeta jechuudha.

Naannawaa magaalaatti rakkoo manaa hammaataatu jira. Keessumaa magaalota sadarkaa duraa jedhamanii adda baafaman keessatti rakkoon kun bal’atee waan jiruuf kan itti hojjennu ta’a. Inni kun tajaajila manaa kennuu qofa osoo hintaane magaalota keenya miidhagoofi ammayyaawoo taasisuu keessatti faayidaa guddaa qaba.

Afraffaan manneen hangafootaafi namoota biyyaaf oolmaa oolanii ‘senior and supportive houses’ kan jedhuudha. Omishni akkanaa biyya kana keessa hinjiru. Fakkeenyaaf namoonni yeroo dheeraa ummatasaanii tajaajilanii ifaajan lafa itti kufan yeroo dhabantu jira.

Kanaaf Ijaan namoota akkanaa deeggaruuf, gatiinsaa kan warra manneen qananiirratti kan qabamu ta’ee, biyyi keenyaas guddataa gaafa deemtu haala addaddaatiin keessa akka jiraataniif kan qophaa’uudha. Manni kun namoota umurii dheeraa biyyasaanii tajaajilanii deeggarsa dhabaniif kan hojjetamu waan ta’eef dizaayiniinsaallee haala umuriisaanii ilaalcha keessa galcheedha. Inni biraan kana duukaa jiru, manneen deeggartoota ‘supportive house’dha. Inni kun ammoo namoota deeggaramuu qabaniif kan kennamuudha.

Omishni shanaffaan Ijaan fidee dhufe biraan, manneen jireenyaa baadiyyaati. Ummati bal’aan baadiyyaa keessa jira. Jiruufi jireenyi ummata keenyaa teknolojiidhaan akka deeggaramuuf, tajaajila ga’aa akka argatu yoo barbaachise haalli taa’umsa naannawaa baadiyyaa keenyaa jijjiiramuu qaba. Kunis ummata achi jiru bakka tokkotti fidanii magaaloomsuu osoo hintaane akkuma achi jiranitti akkamiin ce’uu akka danda’an mijeessuudha. Fakkeenyaaf ummanni qonnasaa gara dinagdeetti akka jijjiiru taasisuudha.

Egaa Ijaan omishawwan kanneeniifi maallaqa alaa argate qabatee eeyyama “itti deemaa” jedhu mootummaarraa eegaa jira. Eeyyamamee hojiitti seennaan waggoota 20n dhufanitti manneen kuma 77 haala kanaan hojjenna.

Kallattiin xiyyeeffannaa biznasii keenya sadaffaan dhiheessiwwan indaastiriiti. Kana jechuun mootummaan misoomsitoota riil isteetiidha jedhee nu ergeera. Misoomsitoonni biyya kanaa daran ariifatanii hojjetu jedhaman hojii kana kan hojjetan waggaa afuriifi walakkaati hanga shaniitti. Kun yeroo gatiin qaala’aa deemuu kanatti yoo ilaalame bu’aaqabeessa miti. Kanaaf ijaarsa keenya bu’aqabeessa taasisuu qabna.

Kana gochuufis Ijaan tarsiimoo lama qabateera. Inni duraa, teknolojiwwan bu’aqabeessa ta’an dabalanii ijaarsiwwan saffisaan akka xumuraman gochuudha. Inni biraan dhiheessiwwan indastirii waliin walqabachuun haala itti warshaa itti qabaannurratti hojjechuudha. Kana jechuun haala kamiin warshaa simintoo, sibilaafi galteewwan biroo qabaachuu dandeenya isa jedhurratti kan xiyyeeffatuudha.

Ijaan dhaabbata dorgomaa akka ta’uuf mootummaan haala kanaan dura mul’atee hinbeekneen deeggarsa addaa taasisaa jira. Akka fakkeenyaatti gamoowwan biirooleedhaan ijaaramaa jiran sadii gara Ijaatti akka darbu taasifameera. Kunneeniis Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa naannawaa Boolee, Kaargootti hojjetamaa jiru, biiroo naannawaa Masqal Filaawooriitti hojjetamaa jiruufi gamoo abbaa darbii ja’a ta’eedha.

Akkasumas gamoo abbaa darbii sagalii Lidataa naannawaa Baalchaatti hojjetamaa jirudha. Kana qofa osoo hintaane biirooleefi dhaabbileen misoomaa naannoo keenyaa lafa isaan fudhatanii hinmisoomsinetu jira. Haala kanaan lafa bakkeewwan garagaraa 10tti argamu Ijaan akka fudhatu taasifameera.

Kanneen hojjechuuf ammoo maallaqa biyya alaatii barbaachuun akkuma jirutti ta’ee, dhaabbile idil addunyaarra jiran waliin bifa ‘joint ventury’ dhaan hojjechuudha. Kunis haala kamiin ta’uu akka qabu karoora qopheessaa jirra. Yeroo baay’ee haala kanaan hojjechuun salphaa fakkaachuu danda’a.

Ammayyuu namoonni biyya Awurooppaa, Chaayinaa, Dubaayiifi kkf irraa fedhii agarsiisan ni jiru. Garuu haalli hoggansasaa akkam ta’uu qaba kan jedhuu fireem woorkiisaa qopheessinee xumuraa jirra. Boordiif dhihaatee akkuma ragga’een hojiirra kan oolu ta’a.

Kanneen hunda yoo ilaalle Ijaan waggoota kudhan boodatti biyya kana keessatti riil isteetiirratti sheerii %50 akkasumas, turizimiirratti %10 ni qabaata jedhamee hojjetamaa jira. Hojiin qabame daran oolaanaadha. Hojii kana milkeessuuf humna namaafi maallaqa olaanaa dabalatee qindoomina cimaa barbaada. Kanaaf mootummaan wantoota kana cimsuu danda’u qajeelfamoota ykn fireem workiiwwan seeraa garagaraa hojjechuu jalqabee jira.

Gama misooma paarkiiwwaniitinis, mootummaan bakkeewwan hawwata turizimiirratti dhaabbata gaggeessu akka taanuuf sadarkaa yaadamaatti wanti kaa’e ni jira. Inni hojiirra kan oolu yoo ta’e, nutimmoo ‘joint venture’ qofaan osoo hintaane ‘PPP’ (Public Private Partnership)dhaanillee, jechuunis lafti harkuma mootummaatti qabama, abbootiin qabeenyaa dhuunfaammoo dhufanii irratti akka misoomsaniif waliigaltee waggaa 20 -30 kan irratti taasifamu ta’a.

Kanneen hunda yoo ilaalle Ijaan yoo xiqqaate carraa hojii dhaabbataa kuma 71 oliifi hojiiwwan yeroommoo miliyoona walakkaa ni uuma tarsiimoo jedhu qopheeffannee hojjetaa jirra.

Bariisaa: Wantoonni hojjetamuuf yaadaman ajaa’ibsiisoodha. Jalqabbiin amma irra jirtan isa jedhame bira ga’uuf abdachiisaadha jechuu dandeenyaa?

Obbo Abiyyuu: Eeyyee, jalqabbiin jiru abdachiisaadha. Sababni nuti abdachiisaadha jennuuf, inni duraa sadarkaa olaanaadhaa kaasee turizimiin akka waan dabalataatti osoo hintaane utubaa dinagdee ta’ee ilaalamee, Ministeerri Turizimiiillee qofaatti adda ba’ee uumame. Sadarkaa naannootti hojiin Biiroo Aadaafi Turizimiitiin hojjetamu akkuma jirutti ta’ee, dabalataan Komishiniin Turizimii Oromiyaa hundeeffame. Dabalataan dhaabbanni biiznasii turizimii hojjetu Ijaan dabalamuunsaa kuteenyummaa mootummaan qabu agarsiisa.

Garuu rakkoowwan tokko tokko ni jiru. Kunis ilaalchi nuti turizimiirratti qabnu jijjiiramuu dhabuusaati. Turizimii akka damee hawaasummaatti qofa ilaaluun, turistiin nama alaa dhufe qofa jedhanii yaaduun, haalli kenniinsa tajaajilaa, humni raawwachiisummaa keenya, qindoominni biirolee gidduu jiru akka rakkootti ka’uu danda’u. Turizimiin uumaadhumasaatiin birookraasii hinbarbaadu. Kanneen yoo ilaalle xiqqoo wantooti irratti hojjechuu qabnu akka jiru nu agarsiisa.

Ta’us inni baay’ee murteessaan kuteenyummaa siyaasaa waan ta’eef, rakkoolee asiifi achii mul’atan irratti qabsaa’aa, cabsaa yoo deemne yeroo gabaabaatti mul’ata Ijaan qabu kana ni dhogoomsa, kallattii taa’eenis ni deema abdii jedhuun qabna.

Bariisaa: Moggaasa maqaasaarraa kaasee waan Oromummaa ibsuudha. Turizimiin hojjetamuus bifa aadaafi duudhaa ummatichaa ibsuun akka ta’uuf akkamiin hojjechuuf yaaddan?

Obbo Abiyyuu: Ijaaramuudhumti Ijaa, qabeenya turizimii Oromiyaan qabdu daldalatti jijjiiruufi. Kana keessatti ammoo aadaan mataasaatiin omisha tokko ta’eetu kan gurguramu. Kana jechuun garuu haala inni eenyummaa, maaluummaafi duudhaa saba kanaa hinmiineen ilaallamee kan hojjetamudha.

Gama kanaan fakkeenya tokko yoon sii kaase, karoora bu’aqabeessa hojjenne keessatti haala itti weedduun, faaruufi sirbi Oromoo istuudiyoo keessatti qophaa’ee sadarkaa balalii Daandii Qilleensa Itoophiyaatillee dabaluun danda’amutti suursagaleewwan gaggabaaboofi sagaleewwan qulqulluu qopheessuun karaa garagaraatiin gurguruun haala danda’amurratti qophaa’aa jirra.

Dhimmi aadaa caalaatti kan itti hojjetamuu qabudha. Qabeenyawwan aadaa nuti daldalatti hinjijjiirre hedduu qabna. Kanneen keessaa fakkeenyaaf Irreecha yoo fudhanne, qarshii biliyoonotaan irraa argachuu waan dandeenyuuf irratti hojjetamuu qaba; nutis kan irratti hojjennu ta’a. Ijaan qabeenya turizimii uumamaas ta’u, kan aadaas haa ta’u, kan namtolchees haala dinagdeetti jijjiiranii galii itti fooyyeessan irratti ni hojjeta.

Bariisaa: Hojiiwwan dhaabbatichi hojjechuuf yaade kan milkaa’u qofaasaa akka hintaane beekamaadha. Kanaaf milkaa’inasaaf eenyuurraa maaltu eegama? Gaheen ummataa hoo akkamiin ibsama?

Obbo Abiyyuu: Hojii keessatti qindoominni hinjiru taanaan milkaa’inni hinjiru. Haala gurmaa’iinsa manneen hojiirraa ka’ee dhimmoonni tokko tokko gamana, kaan gamas jiru. Gama mootummaatiin dhimma bulchiinsa bakkeewwan hawwata turizimiirratti bu’uurri seeraa waan barbaachisuuf xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu qaba.

Gama biraatiin seektaroota mootummaa waliin hojjechuu keessatti bakki turzimiin hintuqne waan hinjirreef kallattiidhaan ykn alkallattiitiin Ijaa waliin hariiroo qabu jechuudha. Kanaaf isaan biraas qindoomina barbaadamutu jira.

Sadarkaa hawaasaattimmoo, turizimiin jiruufi jireenya akkasumas dinagdeesaanii fooyyeessuuf murteessaa waan ta’eef dhimma nama biraatiin gaggeeffamu akka hintaane hubachuu qabu. Fakkeenyaaf Ijaan Oromiyaa keessa bakkeewwan addaddaatti hojjechuuf yommuu ka’u wanti yaadame yoo xiqqaate carraan hojii kanneen leenji’aniifi hinleenjineef uumamuu kan qabu ijoollee naannawa sana jiraniifi kan jedhu akka ejjennootti jira. Kana qofa osoo hintaane galii Ijaan argatu misooma hawaasa naannawaa sanaaf maal ta’uu qaba kan jedhuuf fireem woorkiin qophaa jira.

Qarshii qofa buufatanii deemuu osoo hintaane, galii argameerraa ummannimmoo bifa carraa hojiitiin, omishawwansaanii dhiheessuurra darbee bu’aa argamurraa akka ittigaafatama hawaasaatti dhaabbatasaanii tumsuufi kan isaanif dhufe ta’uu hubachuun iddoowwan sochoonu hundatti deeggarsa akka nuuf taasisan, keessumaa karoorri dhaabbatichi qabate kallattii barbaachisuun hojiirra oolchuufi milkaa’uu kan danda’u tumsi dargaggoota keenyaa yoo jiraate sababa ta’eef hojiiwwan dinagdee hojjetaman keessatti qoodasaanii ba’achuuf akka qophaa’an dhaamsa dabarsaaf.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015

Recommended For You