Obbo Fiqiru Kidaanee: Nama cimaa dameen ispoortii dhabe

Finfinnee:- Obbo Fiqruu Kidaanee ALA bara 1935 Finfinneetti dhalatan. Barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa mana Barnootaa Liisee Gabramaariyaamitti hordofan.

Obbo Fiqru Kidaanne daa’ immumaasaaniirra kaasanii waan ispoortii jaalatanif ittigaafatamaa Waajira Federeeshinii Biskileetii Itoophiyaa, barreessaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta’uunis tajaajilaniiru.

Akkasumas ittigaafatamaa Waajira Koree Olompikii Itoophiyaa ta’uudhaan garee olompikii Itoophiyaa wajjin gara biyyoota adda addaa deemaniiru.

Obbo Fiqruun dandeettii qabaniin gaazexeessaa ispoortii ta’uudhaan raadiyooniidhaan oduuwwan ispoortii dabarsuudhaan ogeessa jalqabaati.

Akkasumas ALA bara 1960 Waaraana Kongowwan lameen jidduutti adeemsifametti Mootummoota Gamtaa bakka bu’uudhaan dulaniiru.

Obbo Fiqiruun koree olompikii biyyoolessaatti gargaaraa pirezidaanti, akkasumas Waajjira Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatti gargaaraafi gorsaa pirezidaantii ta’uudhaan tajaajilaniiru.

Kana malees waldaa gaazeexeessitoota Ispoortii Afrikaa hundeessuudhaan Afrikaanonni carraa argatanii dorgommiiwwan biyyoolessaarratti argamuudhaan akka gabaasan taasisaniiru.

Gaazexeessaafi hogganaa waajjiraalee adda addaa ta’uun kan tajaajilan Obbo Fiqiruu Kidaanee, waldaalee ispoortii heddus gurmeessuudhaan bu’aa guddaa buusaniiru. Akkasumas kitaaba “Yapiyaasaa Lij” jedhamu barreessuudhaan dhalootaaf arjaoomaniiru.

Waggoota 22 booddee gara biyyaatti deebi’uudhaan waldaa gaazexeessitoota Itoophiyaa hundeessanii akka miseensa waldaa gaazexeesitoota Ispoortii Afrikaa ta’u taasisaniiru.

Waldaan kun humna maallaqaa waan hinqabneef kafaltii miseensummaa waggaa waggaadhaan doolaara kuma shanshan kafaluudhaan gargaaraniiru.

Namni guddaan ispoortii addunyaa kun yeroo muraasaaf dhukubsatanii dhalatanii waggaa 87saaniitti bakuma jiraatan, Faransaay, Paarisitti waldhaanamaa turuun addunyaa tanarraa du’aan boqotaniiru.

Boqonnaasaanii kan dhagahan maatii ispoortii addunyaa gadda itti dhagahame karaawwan adda addaatiin ibsaniiru. Sirna awwaalchaa Obbo Fiqiruus torban darbe keessa bakka qondaaltonni mootummaafi leellistoonnisaanii argamanitti raawwatameera.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015

Recommended For You