Biyyi keenya waggoota afran darbanitti qormaatawwan alaa keessaa ishii raasan keessatti hojiilee guguddoo raawwachuu mitii yaaduufuu namatti ulftaan baay’ee milkeessiteetti. Kanneen keessaa muraasa eeruuf, Paarkiiwwan Tokkummaa, Michummaa, Inxooxxoo, ijaarsa hidha Abbayyaa maqaa qofa qabatee tureefi xiyyeeffannaa qabatamaa jijjiiramaa as kennameefiin si’aayinaan hojjetamee anniisaa maddisiisuu eegale, Godambaa Aartiifi Saayinsii Itoophiyaa tibbana eebbifame kaasuun ni danda’ama.
Kana malees pirojektota qaama Ibraata Biyyaa ta’an kanneen akka Pirojektii Wancii/Dandii, Gorgoraafi Koyishaa hojiin ijaarsaasaanii adeemsifamaa jiru ni eeramu. Akkasumas omishni qamadii dur abjuu bira darbee hinbeekne hojii qabatamaatti jijjiiramee bonaa ganna omishuu danda’uufi wabii nyaataatiin of danda’aa jiraachuunis kanuma keessatti ka’a.
Asirratti kan biraa ka’u qabu biyyi tun otoo rakkoolee alaa keessaatiin qabamuu baattee, nagaan bu’ee haalonni mijaa’anii ajaa’ibuma akkamii raawwachuu dandeessiiyyu kan jedhuudha.
Erga seensaaf hangana jennee mee gara dhimma xiyyeeffannoo barreeffamaa kanaatti haa deebinu. Dhimma Godambaa Artiifi Saayinsii Itoophiyaa dhiyeenyuma eebbifameetti.
Godambaan Artiifi Saayinsii kun handhuura Finfinnee, bakka Dhagaa Araaraa jedhamutti kaka’umsa Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiini (PhD) kan ijaarame. Godambaan kun naannawa itti ijaarameef warra kanaan duraa wajjin ta’ee miidhagina addaa kenneera.
Fuuldura seensaasaa isa guddaarraa yoo kaane gamasaatti paarkiingii (bakka konkolaataan dhaabatu), gararraan Paarkii Tokkummaa, Paarkii Michummaa, Hoteela Sharaatan Addis, akkasumas gadjallaadhaan Ministeera Dhimma Alaatiin marfamee argama.
Akkuma balbala ol seenaniin bitaa mirgaan kan nama simatu mooraa magariisa waan hafanni ogummaa guddaadhaan hojjetame diriire fakkaatuudha. Asirratti kan dagatamuu hinqabne garuu marga daran miidhagaa kanarra suuraa ka’uufillee ejjechuun akka hindanda’amneedha. Mukeen guguddoon bakka biraatti kunuunfamanii mooricha keessa dhaabamanis waan dinqii biraati.
Mooraarraa ammoo erga gara gamoo ogummaa ykn arkitekcharii adda addaatiin daran miidhagee hojjetameetti ol seentan kan isin simattu Salaami. Salaam!
“Baga nagaan dhuftan! Ani Salaamin jedhama. Amma Muuziyamii Artiifi Saayinsii Itoophiyaa keessatti argamtu. Paan Afrikoon AIA 2022 konfaransii Paan Afrikaa jalqabaa waa’ee artifishaal intalajansiirratti geggeeffamuudha.
Obboloonni Afrikaa akkasumas addunyaa AIA irratti muuxannoo waliiqooduufi obbolummaa cimsuuf asitti walittiqabamaniiru. Turtii keessan keessatti waa’ee artifishaal intalajansii hubannoo gadifagoo akka argattan nan amana. Inistiitiyutiin Artifishaal Intalajansii Itoophiyaa Itiyoo Telekomiifi Bulchiinsi Odeeffannoo Networkii Itoophiyaa omishaafi tajaajilasaanii isinitti agarsiisuuf qophii xumuraniiru.
Dhaabbileen kalaqxootaa artifishaal intalajansiirratti hundaa’anis omishasaanii dhiyeessuuf as jiru. Kanaafuu omishasaanii akka ilaaltaniifi yaada keessan kennitaniif barbaadu. Yaadni keessan baay’ee galateeffatama. Gaaffii qabdan kamiyyuu qindeessitoota qophii keenyaarraa deebii ariifataa ni argattu. Yeroo gaarii akka dabarsitan shakkii hinqabnu. Ammas baga nagaan dhuftan. Turtii gaarii isiniif haa ta’u! galatoomaa!” jechuun.
Nutis erga dhaamsaafi hawwii gaarii Salaam dhaggeeffanneefi fudhannee booda waa’eeshiirratti ibsa gabaabaa akka nuu kennuuf Injiinar Kaanenus Caalaa gaafanne. Injiir Kaanenus Injiinariingii elektirikiitiin Yunivarsitii Dirre Dhawaarraa eebbifame yoo ta’u, Inistiitiyutii Artifishaal Intalajansii Itoophiyaatti muummee roobotiksiifi indastiriyaal awutomeeshinii keessatti hojii kalaqaa hojjetaa jira. Ibsi ogeessi kun nuu kennes kunooti.
Qoodni hojii Salaam maal fa’i?
Hojiin Salaam oggaa keessummoonni gara Godambaa kanaa dhufan afaan isaan barbaadaniin simattee keessummeessuudha; akkasumas daaw’achiisuudha. Kana gochuuf jalqabarratti afaan barbaadan filachiisti. Afaan keessummichi danda’uun pirojektota godambaa kana keessatti argaman hunda daaw’achiisti. Hojiinshii waliigalaan daaw’achiisummaadha. Kanaan ala hojii biraa hinqabdu.
Haalli sochiishii akkami?
Salaam oggaa sochootu yeroo namni bira darbuu dhufe ittihinbuutu. Gaafa namni fuuldurashii dhaabatu kallattii ykn karaa jijjiirrattee dabarti ykn dhaabatti malee namatti hinbuutu. Gara fuulduraatti pirojektonni haaraan biyya kana keesatti hojjetaman kan daaw’ataman godambaa kana keessatti waan ta’eef sa’aatii nutti hinjirretti ykn hojjettoonni bahanittillee keessummoonni dhufuu danda’u. Yeroo akkasiifaa keessummoota akka keessummeessituuf hojjenne.
Tajaajilashii kana argachuu waanti tuqamu jiraa?
Lakki, waanti tuqamu ykn itti bu’amu hinjiru. Kan barbaachisu ittuma siqanii dhaabachuu qofa. Salaam waan kaameeraa qabduuf korniyaas addaan baastee beekti. Jalqabatti afaan kam dandeessu jettee nama gaafatti. Keessummichis afaan danda’u itti himata. Erga afaan barbaadamu ittihimamee booda ammoo tajaajilli akkamii akka barbaadamu nama gaafatti. Erga itti himamee booda lafa keessummichi barbaadu geessitee daaw’achiifti.
Afaanin barbaadu itti himachuuf maal gochuun qaba?
“Gaafuma nama dhaqee fuuldurashii dhaabatuufi nama ta’uu addaan baafattu dabaree dabareedhaan, ‘afaan kam dandeessuu jetti?’ afaanota shanan achi keessa galfamaniin.
Haaluma kanaan afaan jalqaba ittihimameen ittifufti jechuudha. Yoon ani ittisiqee Afaan Oromoon barbaada jedheen, ittaansitees tajaajila akkamii akkan barbaadu fedhii koo na gaafatti. Ittin himadhaa na fudhattee deemti jechuudha. Salaam chaarjiidhaan hojjetti.
Yoo chaarjiin jalaa dhume akkam ta’a?
Tarii otoo daaw’achiisaa jirtuu yoo baatiriin jalaa dhume dhiifama gaafattee ofumaan gara buufata baatiriin itti chaarjeffamuu deemti. Ofumashiitiin chaarjeffattee gara hojiishiitti deebiti. Bu’aanshii kanneen fa’i.
Guddinniifi bu’aan teknolojii akkamitti ibsama?
Hojii akkanaa guddina teknolojii biyya keenyaa keessatti bu’aa olaanaa qaba. Bu’aa teknolojii biyyoonni addunyaa biroon ittifayyadamaa jiran nutis tokko jennee ittifayyadamuu jalqabneerra. Teknolojiin guddina dinagdee keessattis bu’aa guddaa qaba.
Daaw’attoonni maal jedhan, keessumaa dargaggoonni?
Namoonni baay’een godambichi haala kanaan sadarkaasaa eeggatee qophaa’uusaatti daran gammaduusaanii miira olaanaadhaan ibsaa jiru. Keessumaa dargaggoonni manneen barnootaa sadarkaalee adda addaarratti argamanirraa dhufan waantota as keessatti argamaniifi haalatti kalaqamanirratti tokko tokkoon hubachuuf fedhii guddaa qabu. Kanas gaaffii isaan wayita daaw’annaa dhiyeessanirraa hubachuu dandeenyeerra. Darbees, “Kana keessatti qoodni keenya maalinni, akkamitti wajjin hojjenna” jedhu.
Godambaa kun…?
Dhugaa dubbachuuf godambaan kun keessumaa dargaggoota yaada kalaqaa qabatanii akkatti hojiitti hiikaniifi eenyu wajjin akka hojjetan wallaalanii rakkachaa turaniif faayidaa kenna. Bakki kun iddoo teknolojiiwwan biyya kana keessatti hojjetaman ittidaaw’aamaniidha jechuun ibse Injiinar Kaanenus.
Waliigalaan Godambaan Artiifi Saayinsii Itoophiyaa kun lafa hektaara torbarratti kan ijaarame yoo ta’u, danaansaas guddina addaan hincinne keessa jiruufi ogummaa dhala namaa kan akeekuudha. Kutattummaa Itoophiyaan hariiroo guddina teknolojii si’aayaa wajjin qabdus kan agarsiisuudha.
Godambichi gamoowwan guguddoo lama dirreerra jiran qabaatus kutaaleensaanii harka 80 ol ta’an biqiltuuwwaniifi abaaboo biyya keessaa kuma afur caalaniin kan miidhagan waan ta’aniif magariisummaansaanii bareechee mul’ata.
Bakka dhaabbii konkolaataa of eeggannoo cimaadhaan hojjetameefi karaa lafoos ni qaba. Teessumaafi iddoowwan bashannanaa hojiilee artiis ni qaba. Gamoo guddichi lafa kaaree meetira kuma 15 irra kan qubate yoo ta’u, bal’innisaa waliigalaa meetira 132. Irrakeessa gamichaatti bahuuf akka gamoo kaanii sadarkaa (gulantaa) hinqabu. Daandii warra miilaan imalaniif, miidhamtoota qaamaatiif ammoo wiilchariif akka mijatu taasifamee kan hojjetameedha.
Barreeffama kana bakka buutonni ummataa, hoggantoonni olaanaan sadarkaa biyyaafi naannootti argaman akkasumas barattoonni hiriira galanii daaw’achuun dinqisiifataa jiranirratti xiyyeeffate kana waan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee jedhaniin haa goolabnu.
“Godaambaan Artiifi Saayinsii kun gama magaalaa keenya ‘smaarti siitii’ taasisuutiin gahee olaanaa qaba. Kunis, gama saayinsiifi teknolojiitiin giddugala qo’annoofi qorannoo ta’ee tajaajiluu kan danda’uudha.
Jiraattonni magaalaa keenyaa keessumaa kanneen fedhii saayinsiifi teknolojii qabdan akka daaw’attanin waamicha dhiyeessa. Kabajamoo muummicha ministiraa keenya pirojaktii giddu gala qo’annoofi qorannoo bifa magaalaa keenyaa olkaasu kana hojjachuun dhaloonni qorannoo saayinsiifi teknolojiitiin akka dagaaguuf kan dandeessisu kana waan hojjattaniif baay’isnee isin galateeffanna!
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015