Seenaa gabaabaa barsiisaafi barreessaa Wasanee Bashaa

Barsiisaafi barreessaa Wasanee Bashaa bara 1946 Godina Arsii, Aanaa Diksiis, ganda qotee bulaa Kushummoo Qarcaatti abbaasaa Bashaa Yaadateefi haadhasaa Geexee Xibabuu Horaarraa dhalate.

Jireenyi maatiisaa qonnarratti kan xiyyeeffateedha. Wasaneen nama amantii Kiristaanaa ‘Ortodoksii’ sirnaan baratee beekuudha. Abbaansaa bara 1958 yeroo inni ijoollummaasaa reefu jalqabutti, otoo inni kutaa 5ffaa baratuu irraa du’e.

Duuti abbaasaa gaddaa cimaa ta’us dandamatee haadhasaa duuka dirqama ijoollee guddisuu kan jalqabde Aadde Geexeen, mudannoowwan lafaafi laafaa baataa jireenyatti galte. Kun kanaan utuu jiruu, sirni abbaa lafaa yeroo sanii humnaa lafa hiyyeessaa saamaa turan isheerraas fudhatan. Qabsoo gootittii haadhasaa duuka taasiseen Wasaneen nama lafa sana deeffachuu danda’eedha.

Wasaneen akkuma ijoollee baadiyyaa dalagaa adda addaan maatiisaa gargaaraa qe’ee keessattis yaadota hiriyootasaa mormuun yeroo hedduu walitti bu’iinsa ni uuma. Fedhiin isaa utuu gara mana barnootaa hinseenin dura loon horsiisuu, lafa qotuun qabeenya horachuu hawwa ture. Kaka’umsa akkawoosaatiin carraa mana barnootaa seenuus argate. Akkawoonsaa Aadde Alamii Surraa amalaafi fedhiisaa haalaan waan beektuufi innis haalaan jaalata. Ni dhaga’aanis.

Akka kanaan barnoota isaas bara 1956 mana barnootaa Bullaallaa sadarkaa 1ffaa Aanaa Diksiisitti kan eegale Wasaneen Afaan Oromootiin Afaan hiikkatus Amaariffaan barate.

Barumsasaa xumura semistara 1ffaatti ji’a Amajjii irraa eegaluun kutaa 1ffaa seenee sadarkaa 1ffaa ba’uun badhaafame. Ciminasaa kana dinqisiifachuun kutaa 2ffaa utaalchisanii kutaa 3ffaatti galchan. Achittis isa barate hindhiifneetii warra waggoota sadii baratan dursee 1ffaa bahe. Akkasumaan barumsa isaa sadarkaa 1ffaa waggoota afur (1956-1959) keessatti kutaa 6ffaa nama xumuruu danda’eedha.

Bara 1960 manni barnootaa kun kutaa itti aanu waan hinqabneef maatii isaa dhiisuun gara magaalaa Roobee Mana barnootaa ‘NIGUS SAAHILASILLAASEE’ amma Roobee Sadarkaa 2ffaatti barnoota eegale. Akka durii 1ffaa bahuu haa baatu malee sadarkaa keessaa hinbaane. Waldorgommiin ni cimas nihammaatas ture.

Bara 1962 kan duraa irrayyuu maatii irraa akka fagaatu kan isa taasise barnoonni sadarkaa 2ffaa mana barnootaa Atsee Galaadiyoos’ yeroo ammaa sadarkaa 2ffaa Adaamaa jedhamuun beekamutti kan eegale. Fageenya maatii, geeddaramuun afaanii, haalli yeroo cimuurraa kan ka’e sadarkaa keessaa bahus, 5ffaa ol dabree hinbeeku. Bara 1961, 62fi 63 yeroo mootummaa Haylasillaasee jiksuuf warraaqame keessattis shoora olaanaa qaba.

Bara 1963 kutaa 10ffaa akkuma xumureen dorgommii leenjii humna waraanaa Qilleensa Bishooftuu (Air force) erga galee haalli mijachuufii dinnaan Leenjii Barsiisotaa Harargee deemee waggoota lama booda Fulbaana 1 bara1966tti achii eebbifame.

Bara 1974 turtii waggoota saddeetii booda sadarkaa barnoota isaanii fooyyeffachuuf jecha Yunivarsiitii Finfinneetti ‘Fakaaltii Qo’annoo Afaanota Itoophiyaatti, Muummee Amaariffaan sagantaa gannaatiin barachuuf galmaa’an. Ganna shan booda bara 1979 dippiloomaan eebbifaman. Baruma itti aanu ammas digrii isaanii eegalanii osoo hinxumurin Biiroo Barnoota Oromiyaa (BBO) galan. Sababa kanaan barnoota isaanii kana otuu hinxumurin ganna kudhanii oliif addaan kutan.

Bara 1994 eegaluun Muummee Afaan Amaariffaatiin Yunivarsiitii Qiddistamaariyaamitti bara 2000 digriin eebbifaman. Utuma kanaan jiruu Yunivarsiitii Yuunitiirraa sagantaa barnoota fagootiin muummee Seeraan dippiloomaa 2ffaan eebbifaman. Bariidhuma barakanaa digrii 2ffaa (MA) Yunivarsiitii Finfinneetti Muummee Afaaniifi Ogbarruu Oromoo eegalan.

• Wasaneen waggoota 34 iddoo adda addaatti ogummaa barsiisummaatiin: Barumsa Waliigalaa, Seenaa, Afaan Amaariffaa, Afaan Oromoo, Afaan Ingiliizii gosoota barumsaa kana barsiisaa tureera.

• Bara1966- 1968 Baale, Gindhiir, Dalloo Sabroo

• Bara 1971-78 Arsii Boqojjii

• Bara 1979-1984 Arsii Asallaa Cilaaloo

• Bara 1990’ jalqaba Godina Shawaa Bahaa Bishooftuu Moodelii Sadarkaa 2ffaa

• Bara 1994-2001 Adaamaa Sadarkaa 2ffaa bakkuma dur baratetti.

• Bara 2002 Godina Shawaa Bahaa Mana Barnootaa Qophaa’inaa

• Bara 1969- 1970 Aanaa Muneessaatti Bulchaa Ittaanaa.

• Bara 1984-1987 BBO’tti Hogganaa Sabqunnamtii

• Bara 1991- 1994 mana hidhaa

• Bara 1968 dargaggeessa umrii dargaggeessummaatiin sirna fuudhaafi heeruma aadaa Oromootiin kan gaa’ela raawwate Aadde Loomii Hiikoo Badhaanee wajjini. Yeroo hojii barsiisummaatiin achi turetti erga dhandhammii bu’aa bahii jireenyaa wajjin dabarsanii ijoollee dubraa lama horatanii rakkina adda addaarraa kan ka’e bara 1971 walhiikaniiru.

Bara 1975 – 1979 haadha warraa biraarraa ijoollee lamaafi mucaa tokko godhachuun walumaagala ijoollee shan horataniiru.

Baroota inni hojjataa ture san Afaan Oromoo qubee Saabaatiin baratama. Yeroo kanas carraa hojiin Baale jiraachuutiin Moodela kan godhatu Wasaneen Shee Bakrii Saaphaloo akka ta’e afaansaatiin ragaa ba’eera. Shee Bakriin ‘Darasaa’ biyya Somaaleetti leenjisaa ture, karaa sanaan biyya keessa galchuun dhokatanii akka qubee kana baratan godhaa turaniin Wasaneen carraa qubee sirritti barachuu argate.

Bu’uuruma kanaan Baale, Dalloo Sabrootti ifatti barattoota, barsiisota, hojjattoota, sabboontota Oromoo walitti qabuun akkamitti qubeen akka qubeeffamu, kan isaan irraa bare barsiisuu ittifufe.

Oduun kun garmalee bahee waan odeeffamaa tureef warri baraa dhagahanii hordofan. Sababuma kanaan Baaletti jireenyi itti ulfaate. Kanaaf baqattummaan hojii isaa gadi lakkisee gara Asallaatti baqatee jireenya eegale. Yoo sanis Afaan Oromoo qubee saabaatiin haa barreeffamu malee irra caalaan isaa waluma fakkaata ture. Kanuma bu’uura godhachuun gabatee qubee Afaan Oromoo akaakuuwwan torba qopheesse. Isaanis:

1. Kan Afaan Oromoofi Amaariffaa

2. Afaan Oromoo gara Afaan Ingiliiz waliin

3. Afaan Oromoo gara Afaan Arabaa waliin

4. Afaan Oromoo gara Afaan Ingiliiziifi Amaaraa waliin

5. Afaan Oromoo kophaatti

6. Afaan Oromoo gara Afaan Amaariffaa Kophaatti

7. Afaan Oromoo gara Afaan Araba, Ingiliiziifi Amaariffarraa barsiisaa ture. Kana booda baruma kana diraamaa Amaariffaan ‘YACALLAMAA MAGGAARRAJAA SIQQADDAD’ jedhamu barreessee barattoota hojjachiisaa ture.

Bara 1971 Diraamaa Afaan Oromoo ALAKAA BIRRAA jedhamu qubee Saabaatiin barreeffame Boqojjii, ganda Maraattuu, Aanaalee ollaa Gadab Hasaasaa, Dodolaafi Baale fa’itti agarsiifamaa ture.

Fulbaana 16 bara1985 kitaaba Qabee jedhu barreessuun Seenaa haaraa galmeesse. Qabee 2ffaa – 5ffaa fuulota 32-40 qaban, Qabee 6ffaa immoo bara 1986 fuula 24 qabu qopheesse. Kana malees: Afoolota, Seerluga, deeggarsa barnootaa, ciigoo, galmee jechootaa kitaabileen ogbarruufi kkf. Muraasni isaanii:

1. Bantuu haaraa 1ffaa bara 1999 fuula 360

2. Bantuu haaraa 2ffaa 2000 fuula 374

3. Qabiyyee 1993 fuula 36

4. Qaraa 1995 fuula 240

5. Saaqaa Afaan Oromoo 2001 fuula 400

6. Qartuu jaarraa 2001 fuula 348

7. Qorii hambaa 1990-1999

8. Qorii qorsaa 1995-2001

9. Qaraa kolleejjii 1996

10. N e w a f s a d e e , 1 9 9 7 , qajeelcha afaanii 1993, Jaamboo galmee jechootaa, qartuu jaarraa, 2001 ye warqi Anbaar 1991, Okololeessa 1 bara 1997, Okololeessa 2 bara 1998, ‘FIDAL MAMMAARIYAA’, Qeerroo Biyyaa 2001, asoosama Qara Eeboo 2001 barreesseera.

Waraqaalee ragaa adda addaa Ya Itoophiyaa Yashigiggir Mangistuu Timirti Minister; Inistitute ‘For Curriculum development and research’; Ya Arsii Astadaadar Akkaabaabii Mahaammiraan Mahbar; ‘Ethiopian Teachers Association’; Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, 2002; Ya Arsii Kifilhaagar Ya Cilaaloo Awraajjaa Ya Mangisti Timirti Beetooch jedhamanirraa fudhateera.

Otuma kanaan jiruu goonni seenaa dheeraa qaba malee umrii dheeraa hinqabu jedhan bara 2010 boqatee iddoo maatiin, jaallan, aanaafi aanteensaa argamanitti Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti sirna ho’aan kabajaan awwaalame.

Nus Waldaan Barreessitoota Oromiyaa damee kibbaa guyyaa kana yaadachuun Adoolessa 28 Guyyaa Sambataa bara 2014 yaadannoo isaaniif Magaalaa Shaashamannee ganda 01 Hoteela Giraandi Rooyaalitti Yaadanno Sammuu gooneerra.

Nuuraddiin Ibraahim Barreessaa Boordii Waldichaa.

Horaa bulaa.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015

Recommended For You