“Daldaltoonni seeraan alaafi rakkoon mankuusaa sharafa alaa bunarraa argamu gadi buusuun ala sochii yuuniyeenotaa sakaalaa jiru” – Gaggeessaa hojii Yuuniyeenii Bunaa Kattaa Mudhugaa

 “Nooruu Yaa Bunaa Fayyuun baranumaa” jedhamee sirbameeraaf, faranjii birattimmoo kaan maqaa ‘warqii magariisa, warqii gurraacha’ jedhu ittimoggasuun bunni gatijabeessa akka ta’e hubachiisu.

Warri warqii magariisa jedhan buna miicamaaf maqaa moggaasan yoo ta’u, warri warqii gurraacha jedhanimmoo buna akaa’amaa ykn tumamaa alatti ergamu ibsuuf jechoota fayyadamanidha.

Galiin omisha bunaarraa argamu dinagdee biyyaa utubuu keessatti bakka guddaa kan qabu yoo ta’u, biyyi keenyas kanaan badhatuudha yoo jedhamte dubbii harbeessuu hinta’u.

Itoophiyaan oomisha bunaa bal’inaan oomishuun walqabatee akka frikaatti ishee jalqabaa akka addunyaattimmoo sadarkaa shanaffaarra akka jirtu ragaaleen gara garaa addeessu.

Buna baay’inaan oomishtu kana waggaa waggaan toonii hedduu gara biyyoota alaatti erguun sharfa alaa guddaa ta’e galchuun dinagdee biyyaaf utubaa ta’uun tajaajilaa; warraaqsa dinagdee fuulduratti tarkaanfachiisaa jirti.

Dameen alergii Bunaa kun dinagdee biyyaa humneessuun alatti kan namoota dhuunfaa cimsuu keessattis bakka olaanaa kan qabu ta’uun walqabatee gocha daldaltoonni seeraan alaa raiwwataniiniifi rakkoo mankuusaan walqabatee saamichi jiru hammaataa ta’uu yuuniyeenonni komii kaasaa jiru.

Waa malee waa’ee Bunaa hin kaasne fuulli keessummaa keenya torbee kanaa Godina Jimmaa, bakka argama bunaa kattaa Mudhugaa isin geessiti.

Gaaffiilee, Yuuniyeeniin Ergitoota Bunaa Kattaa Mudhugaa eessaa ka’e? Amma maalirra jira? Hudhaaleen damee bunaa maalinni? jedhaniif Gaazexaan Bariisaa Gaggeessaa Hojii Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Ergitootaa Bunaa Kattaa Mudhugaa Obbo Asnaaqaa Nigaat wajjin turtii taasiseeraa akka armaan gadiitti dhuyaata.

Bariisaa: Yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa yoom? Kaappitaala meeqaan hundaa’e?

Obbo Asnaaqaa:- Yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa bara 2009 miseensa waldaa bu’uuraa 35fi kaappitaala miliyoona tokkoon teessoosaa Magaalaa Aggaaroo godhachuun tokko jedhee eegale.

Bariisaa: Aanaalee kam kamirratti hojjeta? Hojii maal maal hojjeta?

Obbo Asnaaqaa: Aanaalee shanirratti hojjenna. Isaan aanaalee Gommaa, Gumaay, Geeraa, Sanxammaafi Siigimootti. Walumaagala yuuniyeeniin keenya buna bitee, miiccee qulleessuun sadarkaa itti baasee alergii gabaa addunyaaf oolcha.

Bariisaa: Kaappitaala meeqaan eegaltan? Amma meeqarra geessan?

Obbo Asnaaqaa: Akkuman dura sii kaase Yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa bara 2009 guutummaatti hojiitti kan gale qarshii miliyoona tokko ka’umsa godhachuuni. Kanamalees waldaalee bu’uuraa 35 of jalatti kan qabate ture.

Bariisaa: Alergii yoom eegaltan? Waggaa waggaan buna hangam alatti ergitu?

Obbo Asnaaqaa: Yuuniyeeniin keenya akkuma hundaa’een gara alergiitti kan gale yoo ta’u, yoo xiqqaate waggaa waggaan konteenara 80-100 ergina.

Buna kana miiccinee qulleessinee sadarkaa 1ffaafi 2ffaa ittibaasuun ergina. Bunni keenya daran barbaadamaa waan ta’eef hatattamaan gabaa keessa galuu danda’eera.

Bariisaa: Buna dheedhiimoo akaa’amaa ergitu?

Obbo Asnaaqaa:- Buna dheedhii ergina. Bunni kunis qulqullinasaarratti hundaa’uun sadarka ittikenninee gabaafi dhiyeessina. Yeroo ammaattis bunni keenya dhandhama mi’aawaa qabaachuun barbaadamummaansaa ol ka’aa jira. Nus kanuma bu’uura godhannee of kenninee hojjetaa jirra.

Bariisaa: Bara 2014 buna toonii meeqa ergitanii galii sharafa alaa hammam argattan?

Obbo Asnaaqaa: Toonii 1600 erginee doolaara miliyoona 14 argamsiisneerra. Miseensonni keenyas fayyadamoo ta’aniiru. Yeroo yeroon bu’aa akka qooddatan ta’aa jira. Kunimmoo isan onnachiisuun ciminaan hojjetanii dinagdeen of humneessuu akka danda’an abdii isaanitti horaa jira.

Bariisaa: Biyyoota kamfa’itti ergitu?

Obbo Asnaaqaa: Ameerikaa, Awrooppaa, Ingilaandi, Poolaandi, Jaappaan, Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa, Taaywaaniifi Awustiraaliyaatti ergina.

Bariisaa: Duubdeebiin isaan biraa isinii kennamaa jiru jiraa laata?

Obbo Asnaaqaa: Hanga ammaatti barbaadamummaan buna keenyaa daran olka’aa jira. Bunni keenya erga ijaafi qalbii addunyaa keessa galuu jalqabee waggoota shanii ol lakkoofsiseera.

Bu’uuruma kanaan alergii keenya biyyoota Awrooppaafi Eeshiyaa gara garaa keessatti gggeessaa jirra.Gatiin sharafa alaa irraa argamaa jirus kan nama onnachiisu waan ta’eef baay’inas ta’e qulqullinarrattis cichinee hojjetaa jirra.

Bariisaa: Qonnaan bulaan omishasaa qulqullinaan akka isinii dhiyeessuuf kunuunsasaarraa kaasee hanga sassaabbiif dhiyaatutti hojii hubannoo uumuu hojjettan qabduu?

Obbo Asnaaqaa: Hojiin yuuniyeeniin keenya qofaasaa hojjetu hinjiru. Kanaaf karaa hirmachisaa ta’een akka omishuu qaban ogeessotaan deeggarsi tasifamaafi. Kanamalees waliin mari’achuun fayyadamummaa waloo guddisuuf marii gara garaa taasisna. Kunimmoo omishni bunaa lakkoofsaanis qulqullinaanis akka dabalu gargaareera jechuun danda’ama.

Bariisaa: Biyyoonni alaa buna qulqullinnisaa eegameefi teknolojiin qullaa’e adda baasuun bitu. Yuuniyeeniin keessan ittifayyadama teknolojii buna miiccu kanaa hojiirra oolcheeraa?

Obbo Asnaaqaa: Dhugaadha. Ittifayyadamni teknolojii qulqullina murteessuu danda’a. Nutis kanuma bu’uura godhannee meeshaa teknolojii buna miiccee qulleessu “Peenaagoos” jedhamu 47 Kolombiyaarraa binnee hojiirra oolchineerra.

Meeshaa kana fayyadamuu keenyaan bunni keenya qulqullinan sadarkaa 1ffaa bahee badhaafamneerra. Ammas bu’uuruma kana hordofnee buna qulqullina qabu omishnee gabaa alergiif oolchinee sharafa alaa guddaa argamsiisuuf humna guutuun hojjetaa jirra.

Bariisaa: Meeshaan kun ga’aadha jechuun ni danda’amaa? Obbo Asnaaqaa: Lakki ga’aa miti kun jalqabdha teknolojii kana qofa osoo hintaane kan biroo omisha bunaa keenyaarratti sona akka daballuuf nu gargaaran binnee ittifayyadamuuf fedhii qabna.

Teknolojiin bulee haara’aaa waan deemuuf nus hordofnee callaa Buna keenyaa guddisnee fayyadamummaa keenya dachaan dabaluuf xiyyeeffannoo kennienee hojjenna.

Bariisaa: Buna qulqullina qabu gabaaf dhiyeessuun ragaa argattan qabduu?

Obbo Asnaaqaa: Maashinii kana fayyadamuun bunni gabaaf dhiyaachaa jiru sadarkaa kan qabu yoo ta’u, kanaafis waraqaan ragaa afur sadarkaa biyyaatti nuu kennameera.

Waraqaan ragaa nuu kenname kunimmoo kana caalaa cimnee akka hojjennu karaa nuu saaqeera. Yeroo ammaattis yuuniyeenota nudursan omisha bunaa qulqullinaanis ta’e lakkoofsaan ga’aa ta’e gabaa addunyaafi biyya keessaaf dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuuf hojjetaa jirra.

Bariisaa: Mana hojiifi mankuusaa sadarkaasaa eeggate qabaachuun rakkoo qulqullina bunaa furuuf isa ijoodha. Gama kanaanoo yuuniyeeniin keessan malirra jira?

Obbo Asnaaqaa: Magaalaa Aggaarootti mankuusa dheerinnisaa meetira 65 bal’innisaa meetira 25 ta’u ijaarree hojjetaa jirra. Mankuusaan kun buna kuntaala kuma 80ol qabachuu danda’a. Makuusni kun qarshii miliyoona 14 baasii ittita’ee kan ijaarameedha. Gamoo abbaa darbii afurii qarshii miliyoona 30n ijaarsisaa jirrus %65 irra ga’eera.

Bariisaa: Yuuniyeenonni hedduu alergiif gara Finfinneetti omisha bunaasaanii wayita fidan hanga sadarkaan itti kennamutti kiraa mankuusaatiin baasii hinmalleef saaxilamuu kaasaa jiruutii yuuniyeeniin keessan kanarratti maal jedha?

Obbo Asnaaqee:- Dhugaa dubbachuuf galii yuuniyeenonni argatan hedduun mankuusa nama dhuunfaa Finfinneef kan ooluudha jechuun danda’ama. Fakkeenyaaf mankuusni Horaayzan isa tokko.

Yuuniyeeniin keenya kiraa mankuusa Finfinneetti argamuufi buna qulleessuuf qofa waggaa waggaan qarshii miliyoona 15 ol, waggaa shanittimmoo miliyoona 70 ol baasa.

Finfinneetti mankuusa bunaa dhabuun keenya baasii hinmalle nutti dabaleera. Yuuniyeenonni hedduu hudhaa kanaan sakaallaafi baasii hinmalleef kan saaxilaman waan ta’eef nus kan rakkoo ta’ee sakaallaa keessa nugalche isa kana.

Turtii bunni sun mankuusa keessatti dabarsuunis baasiin dabalaa deema. Kun dhimma salphaatti ilaalamu osoo hintaane furmaata waaraafi hatattamaa kan barbaaduudha.

Bariisaa:- Hudhaan kun dinagdee yuuniyeenichaa quucarsuu danda’aatii akka isinii furamuuf hammam deemtaniittu?

Obbo Asnaaqaa:- Dhugaa dubbachuuf bara 2010 kaasnee Finfinneerraa lafti ijaarsa mankuusaa liiziidhaan akka nuu kennamuuf yaaliiwwan gara garaa taasisnus nuu milkaa’uu hindandeenye.

Ammas yaalaatuma jirra. Yaalii kanaan dura taasisneen Sabbataafi Dukamirratti akka nuu kennamuuf gaafanneerra. Rakkoon mankuusaa nuu furamnaan yuuniyeeniin keenya dinagdeen ce’uu danda’a.

Bariisaa: Hudhaan biraa alergiifi omishtoota bunaa sakaalaa jiru daldaltoota seeraan alaa ta’uu komiin ni ka’aatii kanarratti maal jettu mee?

Obbo Asnaaqaa: Daldaltoonni seeraan alaa osoo biyyaaf hintaane ofiif kan jiraatan dinagdee biyyaa duubatti warreen harkisan warra qonnaan bulaa saamaa jiraniidha jechuun danda’ama. Qonnaan bulaan omishasaa gatii madaalawaan akka hingurguranne baadiyyaatti mankuusaa seeraan alaa banatanii hojjetaa jiru.

Kanamalees buna qulqullinnisaa hineegamne erguun sadarkaan bunaa akka gadi bu’u gochaa jiru. Gochi seeraan alaa kun ammoo ayuuniyeenonni akka dadhaban taasisaa jira.

Mootummaan daldaltoota seeraan alaa buna waliin dhahan kanarratti seera addaa yoo baase malee egeree yuuniyeenotaaf balaadha. Kanamalees dinagdee biyyaa laamshessaa waan jiraniif gaaraa kaasee hanga dakaatti hordoffiin cimuu qaba jenna.

Tarkaanfiifi hordoffiin kan hintaasifamne yoo ta’e qonnaan bulaan omishasaa saamama, yuuniyeenonni gabaa keessaa bahuurra darbanii dhabamuu waan danda’aniif qaamni mootummaan dhimmichi ilaallatu xiyyeeffannaa kennuu qaba.

Rakkoo dinagdee akka biyyaatti numudachaa jiruuf sababni guddaan babal’achuu daldala seeraan alaati. Isaan kun caasaasaanii biyya keessaa hanga alaatti dheereffachuun saamicha hamaa qaqqabsiisaa waan jiraniif mootummaan irratti hojjetee hudhaa yuuniyeenotaafi qonnaan bulaa sakaalaa jiru maqsuun irraa eegaman jedha.

Bariisaa:- Hojiin daldaltoota seeraan alaa kun akka babal’atu kan godhu maali jettu?

Obbo Asnaaqaa:- Dhamaatee malee qaxxaamuraan duroomuu, gibira mootummaa miliqsuu gatii gabaa waliindhahun faaydaa ofiif oolchuun maallaqa hinmalle argachuu waan ta’eef heddummaachuu danda’aniiru.

Hojmaanni badaa akkasii kun gibira mootummaa miliqsuu qofa osoo hintaane omisha bunaa qulqullina hinqabne gabaaf dhiyeessuun barbaadamummaa bunaa gadi kan buusu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo mootummaa argachuu qabuudha.

Warreen akkasii kun gaaga’ama dinagdee uumanii ofiif jiraachuuf qonnaan bulaafi warreen karaa seeraa hojjetan gabaa keessaa baasanii eeggattummaaf saaxiluuf karoorfatanii socho’aniidha.

Bariisaa: Yuuniyeenonni hundaa’uun dinagdeen cimuun rakkoo hojidhabdummaa furuu keessatti bakka guddaa qabaata. Mee akkayuuniyeenii keessaniitti carraa hojii uumuurratti maal hojjetaa jirtu?

Obbo Asnaaqaa: Yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa yeroo gabaabaa hunda’e kana keessatti dhaabbiin namoota 20, oliif yeroonimmoo kuma ja’aa oliif carraa hojii uumeera.

Keessumaa carraa hojii yeroo uumuun walqabatee buna konkolaataarraa buusuu, fe’uufi hojiilee biroo hojjechiisuun walqabatee sochii cimaa keessa jiru. Ijaarsi mankuusa dabalataafi waajira yuuniyeenichaa wayita xumuramummoo sanaa ol carraa hojii argamsiisuu danda’a abdii jedhu qabna.

Bariisaa: Yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa qonnaan bulaan omisha bunasaarraa gatii madaalawaa akka argatu hojii akkamii hojjeta?

Obbo Asnaaqaa: Qonnaan bulaan bunasaa waggaa guutuu oomishee gatii madaalawaan yoo gurgurachuu baate miidhamaadha. Nuyis kanuma giddugaleeffannee gatii gabaa sirrii ta’een irraa binnee fayyadamummaasaa mirkaneessina.

Kanamalees rakkoo daldaltoota seeraan alaan isaanirra gahuu dandahu jalaa isaan baraaruuf hojii hubannoo uumuus kennina.

Kunita’us faallaa kanaa faayidaa battalaa argachuuf jecha naannawa keessatti daldaltoota seeraan alaatti kan gurguranis hindhabaman. Kunimmoo gatii gabaa bunaa gadi buusuun qonnaan bulaa keenya miidhaa jira.

Hojmaanni hubannoo dhabuu abbaa qabeenyaa hiyyoomsee daldaltoota seeraan sooromsaa jira. Kun farra ummataafi biyyaa ta’uu waan agarsiisuuf sirreessuu barbaada.

Bariisaa: Yuuniyeeniin keessan hojiilee misooma hawaasaa biroorratti hirmaannaa taasisaa jiru qabaa?

Obbo Asnaaqaa:- Bu’uuraalee misoomaa kanneen akka ijaarsa mana barnootaarratti hojii boonsaa hojjechuufi tajaajila hawaasaa gara biroo hojjechuun aantummaa hawaasaaf qabu qabatamaan agarsiisuun fayyadamummaasaanii mirkaneessaa jira.

Bariisaa: Waldaaleen bu’uuraa yuuniyeenii keessanii jalqaba 35 hincaalle amma meeqarra gaheera?

Obbo Asnaaqaa:- Fayyadamummaa waldaaleen keenya argatan dabalaa dhufuun walqabatee yeroo ammaatti baay’inni waldaalee yuuniyeenicha jala jiranii aanaaleerratti babal’achuun gara waldaalee bu’uuraa 81tti guddateera. Bittaan bunaa yeroo yeroon gaggeeffamus dachaan dabalaa jira. Fakkeenyaaf waggaa waggaan buna diimaa kiiloo giraama miliyoona sadii ol bittaa gaggeessina.

Bariisaa: Waldaaleen keessan marti bittaa bunaa qofarratti kan xiyyeeffatanii hojjetanidhamoo hojii biraa qabu?

Obbo Asnaaqaa: Waldoonni 47 bittaa bunaarratti kan hojjetan yoo ta’an, kanneen hafan xaa’oofi urgooftuurratti hojjetu. Bariisaa: Waldaan tokko waggaatti galii qarshii hammam galmeessisaa jira?

Obbo Asnaaqaa: Waldaalee qaxaleen tokko tokko waggaatti galii qarshii miliyoona jahaa galchan jiru. Kanas ta’e sana giddugaleessaan galiin galmaa’aa jiru jajjabeessaadha.

Bariisaa: Kaappitaalli yuuniyeeniin keessanii yeroo ammaa meeqarra ga’eera? Yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa erga hundaa’ee waggaa shan kan hincaalle ta’us maallaqa xiqqoo miliyoona tokkoon eegalee yeroo ammaatti miliyoona 70 qaqqabeera.

Bariisaa: Karoorri keessan itaanu maali?

Obbo Asnaaqaa: Fuulduratti buna dheedhii erguun ala biyyuma keessatti akoofnee, sona dabaluun akkasumas tumnee buna gurraacha alatti erguun sharafa alaa dabalataa argamsiisuuf karoorfannee hojjetaa jirra.

Kun akka nuu milkaa’uufimmoo mankuusa sadarkaasaa eeggate Finfinneetti qabaachuun dirqama waan ta’eef mootummaan deeggarsa barbaachisu nuu tasisuu qaba. Yoo kun hintaane akkaataa karoorfameen yuuniyeenichi manii qabate nimilkeessa jedhanii yaaduun hindanda’amu.

Bariisaa: Seeronni liqaadhaan walqabatanii jiran hudhaalee yuuniyeenota sakaalan keessaa hudhaa tokko jedhamaatii kanarratti maal jettu?

Obbo Asnaaqaa: Liqaadhaan wajjin walqabatee seerri jiru ammas irra deebi’amee ilaalamuu qaba. Ulaagaan jiru yoo fooyya’e yuuniyeenonni dachaan galii argamsiisuu danda’u. Kanneen biroos onnatanii hojjechuu danda’u yaada jedhun qaba.

Bariisaa: Yuuniyeeniin keessan dinagdeenis kaappitaalaanis of humneessaa jiraatii yeroo akkasii sheerii gara garaa qabaachuun hinoolu. Gama kanaan maalirra jirtu?

Obbo Asnaaqaa: Yuuniyeeniin keenya galii argatuun hojii babal’insaafi misoomawwan gara garaarratti hirmaachuun ala Baankii Oromiyarraas sheerii miliyoona lama qaba.

Fuuldurattis tajaajila hawaasaa mararratti hirmaachuun miira tajaajiltummaasaa agarsiisaa gabaa addunyaa keessa galee babal’isuun galiisaa guddisuuf ni hojjeta.

Bariisaa: Deeggarsa ogummaa karaa Komishinii Waldaa Hojii Gamtaa Itoophiyaa isiniif taasifamu akkamiin ibsitu?

Obbo Asnaaqaa:- Dhugaa dubbachuuf komishinichi gama ogummaanis ta’e hojiilee teknikii gara garaatiin nu humneessuuf hojjetaa jira. Wayita deeggarsiifi hordoffiin barbaachisutti wiirtuu keenyarratti argamee hubannoo nuu qoodaa jira.

Bariisaa: Hariiroo yuuniyeenotaa cimsuuf waljijjiirraa muuxannoo akka taasistan isin gargaaraa jiraa?

Obbo Asnaaqaa:- Gama kanaan yeroorraa yerootti foramiifi egzibiishiniiwwan gara garaa qopheessuun waljijjiirraa muuxannoofi mariin dhimma hojicharratti nitaasifama. Kunimmoo hudhaaleen damicha sakaalan akka adda bahaniifi irratti hojjetamu taasisaa jira. Gama kanaan komishinichi jajjabeeffmuu qaban jedha.

Bariisaa: Mootummaaf yoo ergaa qabaattan?

Obbo Asnaaqaa: Yuuniyeenonni lafee dugdaa dinagdee biyyaati. Ta’us daldaltoota seeraan alaa dinagdee sakaalaa jiru. Warreen akkanaa farra ummataa waan ta’aniif hordoffiifi to’annoon irratti taasifamuu qaba.

Bariisaa:- Aarsaa yeroo keessaniif galatoomaa.

Obbo Asnaaqaa: Deeggarsa ogummaa nuuf taasisuun hudhaa dinagdee yuuniyeenii keenyaafi kan qonnaan bulaa sakaalaa jiru ilaaluun mootummaafi ummatatti nuu beeksisuu keessaniif galtoomaan jedha, anis.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015

Recommended For You