Alaabaa: Ibsituu heddumminaafi utubaa birmadummaa

Jiruu Qananiitiin Bu’uura labsii Guyyaan Alaabaa baatiin Onkololeessaa seenee Wiixata jalqabaatti kabajama jedhuun baranas Onkololeessa 7 bara 2015 sadarkaa biyyaatti kabajameera. Nutis ergaawwan guyyicha darban keessaa qindeessinee haala ittaanuun dhiyeessineerra.

Guyyaa Alaabaa mataduree, “Alaabaan keenya ibsituu sabdaneesummaa, utubaa birmadummaa keenyaati’’ jedhuun Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti yeroo 15ffaaf kabajamerratti Pirezidaantiin Mootummaa RFDI Saahilawarqi Zawudee alaabaa faajjii waldhaggeeffachuu, mariyachuufi tokkummaa keenyaa godhachuu qabna jedhan.

Alaabaan mallattoo biyya tokkoo kaanirraa kan biyyi tokko biyya biraarraa adda ittiin baatuufi asxaa bilisummaafi birmadummaa ta’uus yaadachiisaniiru. Alaabaan biyya tokkoo gaaddisa tokko jalatti kan walitti qabu waan ta’eef Alaabaan Itoophiyaa faajjii waldhaggeeffachuu, mariyachuufi tokkummaa keenyaa godhachuu qabna. Kanaafis lammileen hunduu Alaabaa kabajaa maluuf taasisuun ittigaafatummaafi dirqama qaba jedha.

Alaabaan keenya mallattoo biyyoota Afrikaa hedduuf ka’umsa ta’uusaatti ni boonna kan jedhan ammoo Waajjira Ministira Muummeetti Ministir De’eetaa Damee Tajaajilootaafi Hordoffii Bulchiinsa gaarii Aadde Alamtsahaay Phaawuloos, ibsituu birmadummaa Itoophiyaa kan ta’e alaabaan keenya mallattoo biyyoota Afrikaa hedduuf ka’umsa ta’uunsaa nu boonsa jedhan.

Guyyaan alaabaa wayita yaadatamu utubaa birmadummaa Itiyoophiyaafi ibsituu tokkummaa ta’uu sirriitti hubachuun akka barbaachisus dubbatanii, guyyichi gaafa tokko qofa yaadatamee kan darbu osoo hin ta’iin, mallattoo Itiyoophiyaan addababayii addunyaatti ittiin bakka buutu ta’ee akka ittifufu ibsaniiru.

Alaabaan Itoophiyaa biyyoota Afrikaa hedduuf aasxaa ka’umsaafi mallattoo waan ta’eef kabajaafi ulfina guddaatu nutti dhaga’ama jedhan. Bakka lammiileen Itoophiyaas alaabaan biyyasaanii ol ka’ee akka mul’atuuf hojii bu’aaqabeessa hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Birmadummaafi tokkummaa biyyaa ittifufsiisuun kan danda’amu hojii bakkawwan hundatti hojjetamuun ta’uu eeranii, damee misoomaafi tajaajilaatti hojii bu’aaqabeessa hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Itoophiyaan nagaashee kabachiiftee misoomashee ittifufsiiftee adeemsi badhaadhinaa jalqabde akka dhugoomu kaka’umsaan gumaacha taasisuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru. Sabdaneessummaa Itoophiyaatti mul’atan akka faayaatti fayyadamuun ibsituu walitti hidhiinsaa gochuun ittifufsiisuu barbaachisa jedhan.

Guyyaan alaabaa Itoophiyaa 15ffaan yaada “Alaabaan keenya ibsituu sabdaneessummaa, utubaa birmadummaa keenyaa” jedhuun guutuu biyyaatti kabajameera.

Akka Naannoo Oromiyaattis guyyaa boruu kabajni alaabaa sadarkaa naannoo, bulchiinsa magaalotaafi Godinaaleetti sagantaa garaagaraan ni kabajama.

Kaayyoon kabaja guyyaa alaabaas akka dhaloonni maalummaa alaabaa beekuun jaalala biyyaa qabaatanii akka guddatan yaadameetudha.

Guyyaan alaabaa kun akka Oromiyaattis mooraa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti bakka hoggantootniifi hojjattootni gara garaa argamanitti kabajameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Eda’ee haasaa saganticharratti taasisaniin, alaabaan ibsituu birmadummaafi mallattoo eenyummaa biyya tokkoo waan ta’eef kabaja barbaachisaa kennuufiin murteessaadha jedhan. Guyyicha sababeeffachuunis sirni waadaa galuu hirmaattotaan raawwatameera.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015

Recommended For You