“Addunyaan keenya teknolojiidhaan fagaattee deemteetti. Biyyi keenya Itoophiyaan bu’aa dinagdee teknolojiin argamsiisurraa akka fayyadamtu ogeeyyii damichaan beekumsa gahaa qaban horachuun dirqama.
Dargaggoonni kennaa qaban akka caalaatti gabbifataniifi biyyasaanii teknolojiidhaan akka biyyoota guddatan cina hiriirsan giddugaleeyyii akka Mana Barnootaa Gabbifannaa Kennaa Addaa Buraayyuu baay’isuun nu barbaachisa. Jiraattonni naannawichaa ijaarsi mana barumsichaa jalqabamee hamma xumuramutti gumaachan galata argachuu qabu” jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD).
Doktar Abiyyi kana kan dubbatan dheengadda oggaa Mana Barnootaa Gabbifannaa Kennaa Addaa Buraayyuu eebbisan yoo ta’u, manni barnootichaa yaada namoota kennaa addaa qabanii gara gochaatti jijjiiruuf humna olaanaa akka qabuudha kan eeran.
Dhugaadha. Namni kamuu kennaa hinxumuramne baay’ota keessaa ammoo kanneen kennaa addaa qaban ni jiru.
Namoota kennaa addaa qaban kanneeniif haalli mijaa’aan waan hinturreef yaada sammuu keessaa qaban gara gochaatti jijjiiruuf rakkachaa turaniiru. Kanaafis bakki kennaasaanii kana ittigabbifamatan jiraachuun dirqama.
Buraayyuufi naannawaashii qabeenya uumamaatiin badhaadhetti kan ijaarame Manni Barnootaa Gabbifannaa Kennaa Addaa kun kanaaf furmaata murteessaa ta’ee dhufeera.
Kanaaf lammiileen ijoollee kennaa addaa qaban gara mana barnootichaatti erguu qabu. Akkuma Ministirri Muummee Abiyyi, “Waanti badhaadhina Itoophiyaa dhaabu hinjiru” jechuun ibsan biyya badhaateefi egereenshii ifaa ta’e uumuuf mana barnootichaatti sirnaan fayyadamuun murteessaadha. Asirratti warri milkaa’ina hojii dinqii kanaatiif dhama’aniif tattaafatanis galata argachuu qabu.
Hiyyummaan hiyyummaa caalu hiyyummaa sammuu ta’uu hubachuun manni barnootaa beekumsaafi yaada kalaqaa sammuu keessa jiru ittigabbifatamu akka dhugoomuuf yaada ka’umsaa dhiyeessuun kan hojjechiisan Doktar Abiyyi Ahmadis hunda caalaa galata argachuu qabu.
Manni barnootichaas imala Itoophiyaan gara badhaadhinaatti taasisaa jirtu gara gocha qabatamaatti jijjiiruudhaan manii qabame milkeessuu qaba.
Manni barnootaa gabbifamannaa kennaa hordoffii Ministeera Saayinsiifi Teknolojiitiin dhugoomeefi Magaalaa Buraayyuutti qarshii miliyoona 798fi kuma 693n waantota barbaachisoo hunda guuttattee haala al tokkotti abbootii kennaa kuma tokko simachuu danda’uun ijaarame kun namoota abdii egeree biyyattii ta’an bal’inaan horachuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Warreen kennaa addaa qabaniifis misraachoo addaati.
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015