Fiigichi_Guddaan Itoophiyaa Sadaasa 18 bara 2015 adeemsifama

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Fiigichi Guddaan Itoophiyaa baranaa mataduree, ‘Warra kaan utubuuf nan fiiga’ jedhuun kan adeemsifamu ta’uu koreen qopheessa fiigichichaa ibse.

Korichi ibsa Kibxata darbe Finfinnee Galma Haoteela Hayaat Riijansiitti gaazexeessitootaaf kenneen, fiigicha daandiirraa kiiloo meetira kudhanii kanarratti namoonni kuma 40 ol kan hirmaatan yoo ta’u, jala bultiin fiigichichaarratti daa’imman waggaa sadii hanga 12tti jiran qooda akka fudhatan ibsameera.

Fiigicha Guddaa Itoophiyaa waggaa adeemsifamu kanarratti atileetonni bebbeekamoon biyya keessaafi biyya alaa kan hirmaatan yoo ta’u, fiigichichi atileetonni haaraan bor biyyattii bakka bu’anii sadarkaa ardiifi addunyaatti dorgoman akka ba’an taasisuu keessattis qooda olaanaa kan qabu ta’uunis ibsameera.

Namoonni fiigicharratti hirmaatan T-Sheertii qarshii 900n, kan daa’immanii ammoo qarshii 250n akka bitaniif waamichi dhiyaateera. Galiin fiigicha kanaan walittiqabamus dhaabbilee hojii tola ooltummaa tajaajila hawaasummaarratti hirmaataniif kan kennamu ta’uunis eerameera.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015

Recommended For You