Hawwii Maatiyoos: Ogeettii Faarmaasiifi Miidhagduu Turizimii Oromiyaa

Saamraawiit Girmaatiin

Baay’een keenya bareedina ykn miidhagina haala garagaraatiin ibsina. Hojjaa, bifa, rifeensa, dhaabbii, konkona, ilkaan, ijaafi kkf jechuun isheen/inni bareedduu/bareedaadha jenna. Namoonni harka caalu bareedina kan ibsinu wantoota ijaan arguu dandeenyu yookiin bareedina alaa isa jedhamuu ilaaluuni.

Ogeessonni damichaa garuu alaan miidhaguu qofti nama tokko miidhagaadha hinjechisiisu jedhu. Namni tokko bareedaa ykn bareedduu jedhamuuf keessisaallee bareeduu akka qabu himu. Madaalliin bareedina keessaas ofitti amanamummaa, ilaalcha, akkaataa dubbiifi waa itti ibsaniifi kkfdha jedhanii kaa’u.

Jaarraa keessa jirru kanatti biyyoonni midhaginaaf iddoo addaa kennuun moggaasa addaddaa itti kennuun dorgommii yommuu qopheessan mul’ata. Keessumaa addunyaa faashinii dhaadheessitu kana keessatti dorgammiin miidhaginaa meeshaa ittiin faashinii mul’isan isa ijoo ta’ee fudhatamaa jira. Dizaayinaroonnis beekumsasaanii agarsiisuuf jalqabarratti kan filatan dorgommii miidhaginaa kana. Amma amma garuu addunyaa faashiniirraa darbuun dameewwan turizimii, tolaooltummaa, yakkoota ittisuu, hubannoo uumfii kkf irratti dorgommiin walfakkaatu ni dhihaata.

Gara Itoophiyaatti yommuu dhufnuus dhimmoota garagaraatiin dorgommiin miidhaginaa ni taasifama. Dorgommiin kunis yeroo baay’ee shamarran kan hirmaachisudha. Dhiheenya kanas Komishiniin Turizimii Oromiyaa sagantaa jala bultii Irreechaatti Finfinnee Hoteela Iskaayi Laayitiitti qopheesseen yeroo lammaffaattiif ‘Miss Tourism 2022’ dorgomsiiseera. Kanaanis Shamarree Hawwii Maatiyoos mo’attee ‘Miss Tourism’ bara darbee Haalimaa Abdulshakir harkaa gonfoo fudhatteetti; qarshii kuma 200s badhaafamteetti.

Nutis shamarree kana waliin gaafdeebii taasisneerra. Hawwiin kan dhalatte Godina Qellem Wallaggaa, Aannaa Gidaamiitti yoo ta’u daa’ima waggaa lamaa taateetu maatiinshee gara Finfinneetti waan dhufaniif gara kana dhufte. Maatisheef intala tokkittiifi kan dhumaa kan taate Hawwiin obboloota dhiiraa lama qabdi. Guddinashees magaalaa Finfinnee taasisuun barnoota sadarkaa tokkooffaafi lammaffaas achumatti barattee xumurte.

Yommuu barattuus barattuu qaxaleefi qabxii olaanaa galmeesisuun kutaarraa kutaatti darbaa akka turte kan himtu shamarreen kun qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaatiinis qabxii olaanaa galmeesisuun Yunvarsiitii Jimmaatti ramadamtee utuu barataa jirtuu carraa barnoota bilisaa argachuun gara Biyya Indiyaa deemuun bara 2010 irraa eegaluun waggoota afuriif ogummaa Faarmaasii barattee gara biyyaatti deebi’uun Finfinneetti dhaabbata qoricha omishu tokko keessatti mindeeffamtee hojjechaa jiraachuushee himti.

Sadarkaa tokkooffaarraa kaasee yommuu barattu hawwii doktara ta’uu qabaachaa akka turte kan kaastu Hawwiin ammas, ogummaa fayyaarraa fagaattee waan hinjirreef fedhiin ishee akka milkaa’eefitti akka yaaddu dubbatti.

 Gara modeelingiifi dorgommii miidhaginaatti dhufuuf garuu keessasheetti fedhiin kan uumame yommu barnootaaf Indiyaa turte sanatti akkaataa isaan aadaasaanii jaal’ataniifi addunyaatti agarsiisuuf carraaqan kan ishee hawwateefi inaaffaa keessasheetti uume ta’uu kaasti.

Turtiishee biyya Indiyaatiin akkaataa isaan nama keessummaa itti simataniifi maatii godhatanillee biyyarraa fagaachuufi qofummaan akka isheetti hindhaga’amne akka taasisee ture eerti. Kunis barnootasheedhaan illee jabaattee qabxii olaanaa fiddee akka eebbifamtu ishee dandeesisuu dubbatti.

Akka shamarreen tun jettuutti, turtiishee waggoota afurii Indiyaatiin Afaan Hindii sirriitti dubbachuu danda’uusheefi Afaan Kooriyaammoo sirriitti dhageessee hubatti. Dandeettiifi fedhii horatte kanatti fayyadamuunis bara darbe yommuu ‘Miss Tourism’ Oromiyaan taasifamu dorgomteetti. Bara darbe mo’achuu baattuus ittifuftee baranas dorgomuun babbareedduuwwan Oromiyaa 300 keessaa sadarkaa sadarkaan mo’achaa dhuftee tokkooffaa ta’uu dandeesseetti.

“Dorgommichi daran ulfaataa ture. Nan mo’adha jedheellee hin yaadnen ture. Shamarran modeelingiif muuxannoo qaban hedduu waliiniin dorgome. Akkaataadhuma deemsaallee ana caalaatti agarsiisaa turan. Garuu gargaarsa Waaqaa wajjin ta’ee, ofitti amanamummaa ani qabu, akkaataa ani aadaakoo ibsuuf yaaleefi afaanota shan jechuunis Afaan Oromoo, Amaariffa, Ingiliffa, Afaan Hindiifi Kooriyaa danda’uukoo kootiin walqabatee injifachuu danda’eera” jetti.

Carraa kana argachuusheetiin daran gammaduushee eertee, gonfoo ‘Miss Tourism Oromia’ mataarra kaa’ameef waliin ittigaafatmani olaanaa itti kennamuusaa dubbatti. Isheenis keessumaa dandeettii afaanii qabduutti fayyadamuun lammileen biyyattii waa’ee Oromiyaa sirriitti akka baraniif waan dandeesse hunda akka carraaqxu himti.

 Kanaafis miidiyaa idileefi hawaasummaa fayyadamuun kuteenyummaa olaanaadhaan hojiitti seenuuf qophii ta’uushee kaasti. Hojii kana hojjechuufi carraawwan karaa Komishinii Turizimii Oromiyaa dhufan qofa osoo hintaane dhuunfaasheetiin illee waa hedduu hojjechuufi waa’ee Oromiyaa ofiifis barachaa warra kaanis barsiisuuf karoorfachuushee himti.

“Bareedinni kan fuula irratti ilaalan qofa miti. Kan keessaallee ni jira. Kan alaa qabaattee kan keessaa hinqabdu taanaan faayidaa hinqabu. Kanaaf sammuu keenyarrattis hojjennee, waan keessa keenya jiru ofitti amanamummaadhaan mul’isuu danda’uu qabna” jetti.

Finfinnee keessatti guddattee afaan Oromoo sirriitti kan dandeessu Hawwiin, yeroo maqaa Afaan Oromoo qabaachuunillee rakkisaa tureetti maatiinshee garuu eenyuummaafi afaanshee bartee akka guddattuuf shoora olaanaa ba’achuusaanii himti. Seera manasaaniitiin mana keessatti Afaan Oromoo malee afaan biraa dubbachuun akka hineeyyamamneef kaastee, afaan biraa kan fayyadaman manaa ala akka ture himti.

Namni tokko waan hundaaf “nan danda’a” jedhee yoof of kenne wanti hindanda’amne akka hinjirre eertee, keessumaa yeroo ofiitti haalaan fayyadamuun danda’amnaan wantoonni baay’ee kan salphatan ta’uu himti. Isheenis barnootaanis ta’e waan yaaddee hundaan milkaa’uu kan dandeesseef yeroosheetti haalaan fayyadamuusheetiin ta’uu dubbatti.

Yommuu barataa turtellee yeroo dubbisuu qabduutti dubbisaa, yeroo boqochuu qabduuttimmoo boqochaa akka turte yaadatti. Qarreefi qeerroon Oromoos yeroosaaniitti sirnaan fayyadamuun bakka yaadasaanii ga’uu akka danda’an dhaamti.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015

Recommended For You