Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa barana yeroo jalqabaatiif yunivarsitiiwwan mootummaatti kennamaa jira. Kun kan ta’eef hanna qormaataa hir’isuuf yaadameeti. Hanna qormaataa hir’isuun ammoo qulqullina barnootaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Qormaaticharratti barattoonni bilbila ykn mobaayilii harkaa qabatanii akka hinseenne taasifameera. Kunis ergaa ykn deebii qormaata karaa bilbilaatiinis ta’e miidiyaalee hawaasummaatiin akka walii hindabarsineef yaadameeti. Mootummaan geejjiba barattoonni gara yunivarsitii ittiin dhaqaniifi gara manaatti deebi’aniin mijeesseera.

Kaayyoo guddaan qormaanni kun yunivarsitiiwwanitti akka kennamu ta’eef hanna qormaataa hir’isuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuudha. Qulqullina barnootaa mirkaneessuun sadarkaa gadiirraa jalqabee hojiirra ooluu kan qabu ta’us, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa hannarraa bilisa taasisuun barattoonni dandeettiifi ga’umsa qaban qofti calalamanii yunivarsitii akka seenaniif gargaara.

Bu’aafi qabxiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa maal akka fakkaatu gara fuulduraatti kan ilaalamu ta’us qormaatichi yunivarsitiiwwanitti akka kennamu taasifamuun hanna qormaataa hir’isuuf kan gargaaru ta’uu dhimma hundi irratti waliigalu natti fakkaata.

Waggoota sadii dura akka tasaa yeroon mucaa tokkoof bilbillaan bilbilicha kaasee, “Maatirikiin fudhachaa jiraa, boodan sii bilbila” naan jedhe sagalee gadi qabee. Ani mucaan sun kutaa 12ffaa akka baratuufi qormaatarra jiru quba hinqabun ture. Oggaa gurbichi bilbila kaasee, “Maatirikiin qoramaa jira” naan jedhu ittibilbilee kan na’ee bishaan ta’e ana.

Garuu na’uufi sodaachuu kan irra ture baraticha. Anis akkan dur ittibaradheefi battallee (test) qabxii 10 baatullee ittiqoramaafi barsiisaan barattoonni akka walirraa hinhanne itti eegaa turanin boodatti deebi’ee yaadadhe. Dur yeroon barachaa ture barataa hatee argamerraa qabxiisaa haquun, qormaatarraa ari’uun, qabxii irraa hir’isuufi adabuun bal’inaan mul’ataayyu. Kun barataan qormaataaf dursee qayyabatee akka of qopheessu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedheen yaada.

Waggaa darbe ammoo barataan dandeettiifi ga’umsa hinqabne (barumsasaa sirriitti hinhordofneefi hinqayyabanne) tokko barataa cimaa bira taa’ee qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa hunda irraa garagagalchee ‘hojjetee’ qabxii olaanaa galmeessisuun yunivarsitii akka seeneefi yunivarsitiitti barattoota biroo waliin dorgomuu dadhabee utuu semistara tokkollee hinxumurin gara manaatti akka gale natti hime.

Manatti galees akka dhaabbata barnootaa dhuunfaatti isa barsiisaniif dirqamsiisaa ture. Barataan qormaata hatee darbu maatiifis ta’e biyyaaf ba’aa guddaa waan ta’uuf barsiisonni, maatiin, manneen barnootaa, barattoonniifi sektaroonni barnootaafi dhaabbileen dhimma barnootaarratti hojjetan qulqullina barnootaafi qormaata hannarraa bilisa taasisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuun gaheefi ittigaafatamummaasaanii sirriitti ba’achuu qabu. Rakkoon qulqullina barnootaafi hanni qormaataa walitti ida’amee kufaatii hunda keenyaati (biyyaati).

Qulqullina barnootaa mirkaneessuufi qormaata hannarraa bilisa taasisuun ammoo guddina, jijjiiramaafi misooma hundi keenya waliin irraa fayyadamnu bu’uura qabsiisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafuu tarkaanfiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa hannarraa bilisa taasisuuf eegalame kun hanga sadarkaa gadiitti cimee ittifufuu qaba.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuufi qormaata hannarraa bilisa taasisuun sadarkaa barnootaa dakarraa hanga gubbaatti bifa qindoomina qabuun irratti hojjetamuu qaba. Barataa dandeettiifi ga’umsa hinqabne, barumsa sirriitti hinhordofneefi hinqayyabanne, qormaata hatee kutaa gara kutaatti darbu maatiifis ta’e biyyaaf ba’aadha. Kana barataan, maatiin, barsiisonniifi sektaroonni barnootaa sadarkaa sadarkaan jiran sirriitti hubatanii jijjiirama olaanaaf kutannoon hojjechuu qabu.

Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa yunivarsitiiwwanitti kennamuun hanna qormaataa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhamee amanamus gufuuwwan hedduun mudataniiru. Bakkeewwan gara garaatti barattoonni utuu gara yunivarsitiitti imalanii balaa konkolaataaf saaxilamaniiru, barattoonni ulfaa hedduun erga yunivarsitiiwwan gahanii da’an karaa dheeraa deemuuf dirqamaniiru.

Yunivarsitii Hawaasaatti riqichi cabee barattoonni miidhamuun, Naannoo Amaaraatti barattoonni Yunivarsitiiwwan Dabra Taabor, Baahir Daar, Dabra Maariqoosiifi Maqidalaatti ramadaman muraasni qormaaticha hinqoramnu jedhanii fedhiisaaniitiin dhiisanii ba’uufi bilbila harkaa dhoksanii yunivarsitii seenuuf yaaluun gufuuwwan guguddoo adeemsa qormaatichaa mudataniidha.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsa Waxabajjiidhuma darbe qormaata kutaa 12ffaa kana ilaalchisuun Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataarratti akka jedhanitti, barnootni meeshaa ittiin dhaloota qaran yoo ta’u, qormaatni ammoo meeshaa ittiinbarattoota madaalaniidha. Barataan qormaata hatee darbe ji’a ja’aafi saddeet keessatti saaxilama.

Waanti hinbaranneefi hinbeekne milkaa’uu hindanda’u. Barattoonni baay’een qormaata hatanii erga kolleejotaafi yunivarsitiiwwan seenanii booda barattoota qormaata sirriitti hojjetanii darban waliin dorgomuu dadhabanii waggaa tokkoffaa semistara tokkoffaarratti ari’amu. Yoo ittifufanii baratanis eebbiffamuurratti ni rakkatu. Kanaafuu qormaata hatanii darbuun akka gaarummaatti ilaalamuu hinqabu waan ta’eef Ministeerri Barnootaa hanna qormaataa hir’isuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hanna qormaataa hir’isuuf adeemsi qormaatni ittiin kennamu akka jijjiiramu ibsanii, gara fuulduraatti ammoo teknolojiidhaan deeggaramee akka kennamuuf hojjetamaa jiraachuufi qormaanni dhimma siyaasaa ta’uu akka hinqabne eeranii turan.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015

Recommended For You