Dilbata, Fulbaana 29 bara 2015 ganamaan qe’ee warra Siikkoo Mandoo, Godina Arsii, Aanaa Hexosaa omisha qamadiitiin daran beekamtu daaw’achuuf argamaneerra. Aanichatti oyiruu bal’aafi diriiraarratti qamadiin ija godhachaa ykn asheetaa jiru; kan ijji ilaalee hinquufne garuu kan garaafi qalbiin utuma hin nyaanne quufutu mul’ata.
Daaw’annaa kanaan kan qilleensarratti haasa’amaafi abjuu fakkaataa ture qabatamaan dhugoomaa jiraachuu hubanne; waa’ee omisha qamadii. Omisha qamadii kana bona jallisiidhaan, ganna ammoo roobaan omishu; kanaanis nyaataan lammii ofii sooruu bira darbamee akka alatti ergamuuf mootummaan jijjiiramaa kallattii kaa’ee xiyyeeffannoodhaan irratti hojjetaa jiru karoora bira taree qabatamaadhaan lafarraa mul’ataa jiraachuu mirkaneeffanne.
Kunis ibsa Mimistirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), “Manii bara haaraa eegalletti qamadii gabaa alaatti dhiyeessuuf qabannetti dhiyaanneerra” jedhan na yaadachiise.
Biyya keenyatti kaleessa qamadii waggaatti yeroo lama omishuufi gabaa alaatiif dhiyeessuun haa hafuutii fedhii biyya keessaa guuttachuu yaaduunuu abjuufi akka tulluu dhiibuutti kan ilaalamu ture. Omisha qonnaatiin of danda’uun, hojjetanii of sooruun, darbees alatti erguu yaaduurra harka arjoomtotaa eeguutu salphaa ture.
Kutattummaafi xiyyeeffannaa dhabuudhaan Itoophiyaan biyya lafa qonnaaf mijatu dabalatee qabeenyawwan uumamaafi humna namatiin badhaate taatus qabeenyawwan kanneen qindeessanii hojjechuun waan hindanda’amneef hiyyummaan ibsamashii ture.
Lafti gabbataan bonaafi ganna omisha kennuu danda’u; bishaan biyya keenya bira darbee
biyyoota ollaatiif wabii jireenyaa ta’aa jiru akkasumas otoo humni namaa harki caalaan omishataa ta’e jiruu; kan biraan hafee wabii nyaataa mirkaneeffachuunuu rakkoo cimaa ture.
Wabii nyaataa mirkaneeffachuu dadhabuun ammoo dhimma walabummaa ummataafi birmadummaa biyyaa wajjinis walqabata. Qamadii kadhachaa walabummaan hin yaadamukaa. Waa’een birmadummaa ammoo dhimma filannoof dhiyaatu miti. Kanaaf ammoo carraa jirutti fayyadamanii kadhaa qamadii hambisuun daran murteessaadha.
Waggoota afurii asitti haala kana jijjiiruuf hojiin hojjetamaa jiru abdii ta’uu bira darbee bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira. Keessumaa milkaa’ina gama omisha qamadiitiin dhufeef bu’uurri guddaan ‘ilaalcha ni dandeenya’ jedhuudha.
Ilaalchi qabeenya jirutti fayyadamanii guddachuu danda’uu guddachaa dhufuun jijjiirama qabatamaa fideera. Miirri Dilbata darbe qonnaan bultoota Hexosaafi hoggansa damee qonnaarraa hubannes ilaalchuma kana waan ta’eef hojiin abjuu gara waan qabatamaatti jijjiiruu eegalame kun cimee ittifufuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015