“Ayyaanni Irreecha baranaa haala duudhaafi safuusaa eegeen kabajame” -Maanguddoota

Ayyaanni Hora Finfinneefi Hora Harsadii baranaa haala duudhaafi safuusaa eegeen kabajameera jedhu maanguddoonni ayyaanicharratti hirmaatan. Ayyaanni Hora Finfinneefi Hora Harsadii Fulbaana 21fi 22 bara 2015 kabajamuunsaa ni yaadatama. Gaazexaan Bariisaa yaada maanguddoonni ayyaana Irreechaa baranaarratti hirmaatan kennan akka armaan gadiitti qindeessee dhiyeesseera.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Aaanaa Sulultaa Magaalaa Caancoorraa Abbaa Muudaa Booranaa Hagarii akka jedhanitti, Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee baranaa baay’ee nama gammachiisa. ayyaanichi naamusaafi tasgabbiid gaariidhaan kabajameera.

Sirni irreeffannaas waldhiibuufi waldarbachuu tokko malee raawwatameera. Naamusniifi tasgabbiin ayyaana Irreecha baranaarratti mul’ate maanguddoonniifi haadholiin umuriin raaganiifi humna hinqabne akkasumas ijoollonni ayyaanicharratti hirmaatan akka hindarbatamneefi hindhiibamne waan taasiseef gara fuulduraattis haaluma kanaan cimee ittifufuu qaba jedhu.

Namni Ayyaana Irreechaa kabajuuf bahe hundumtuu nagaan bahee akka galuuf hundumtuu aadaa, duudhaafi safuu ayyaanichaa eeguu qaba kan jedhan Abbaan Muudaa kun, dizaayiniin uffannaa aadaa Oromoofi naamusni ayyaana Irreecha baranaarratti mul’ate baay’ee kan nama ajaa’ibuufi qalbii namaa hawwatu waan ta’eef gara fuulduraattis kana caalaatti cimee ittifufuu qaba.

Hirmaattonni ayyaanicha baranaa magaalaa Finfinnee keessatti dunkaana bakkeewwan adda addaatti dhaabman keessatti haala ho’aan simatamaniiru. Nyaanniifi dhugaatiinis dhiyaateeraaf. Kun waan jajjabeeffamuufi galateeffamuu qabuudha. Hojiin kun gara fuulduraattis cimee ittifufuu akka qabu gaafataniiru.

Quxusuun hangafa kabajuun, uffannaafi faayaawwan aadaatiin miidhaganii duudhaafi safuu ayyaanichaa eeguun ayyaana Irreecha baranaarratti bal’inaan kan mul’ate ta’uu himanii, Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 booda bakkatti deebi’uunsaa aadaafi duudhaa keenya irraanfannee turretti akka deebinu nu taasiseera.

Duudhaa, aadaafi safuu ayyaanichaa eegnee gabbisneefi dagaagsinee dhaloota ittaanutti dabarsuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba. Sabootaafi sablammoota Ayyaana Irreechaa Oromoo waliin kabajaa jiranis sirriitti ayyaaneffachuufi ofitti qabuu qabna jedhu.

Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Jalduurraa kan dhufan Obbo Fayyisaa Lataa akka jedhanitti, Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaa booda Finfinneetti kabajamuu erga jalqabee waggaa afur ta’eera. Irreechi Hora Finfinnee bakkatti deebi’uun gammachuu guddaa nu keessatti uumeera.

Ayyaana Irreechaa baranaarratti hirmaachuuf bakka geejjibni hinjirretti miilaan deemnee dhufnee ayyaanicharratti hirmaanneerra. Ayyaanchi waltajjii ummanni Oromoo bakkawwan adda addaa jiraatu waggaa waggaan irratti walargu ayyaana guddaadha. Ayyaana guddaa abbootii keenyarraa dhaalle kana duudhaafi safuusaa eegnee dhaloota dhufutti dabarsuuf hundumtuu gahee nurraa eegamu bahachuu qabna jedhu.

Irreechi ayyaana guddaa ummanni Oromoo sabootaafi sablammoota biyyattii biroon waliin kabajaa jiruudha kan jedhan maanguddoon kun, Irreechi ayyaana nageenyaa, jaalalaa, tokkummaa, obbolummaafi kan ummanni Oromoo Waaqa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti isa baase fuulla ifaafi gammachuudhaan ittigalateeffatuufi kadhatu waan ta’eef duudhaafi safuusaa eeguun kabajuu qabna.

Ayyaanichi hawwata turizimii ta’uun dinagdee nama dhuufaas ta’e biyyattii guddisuu keessattis gumaacha waan taasisaa jiruuf gara fuulduraattis qophii barbaachisu taasisuufi haala jiru mijeessuun kabajuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Obbo Ifaa Taliilaa ammoo Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Adaamaa, Ganda Adulaalaa irra kan dhufan yoo ta’u, namoota Ayyaana Hora Harsadiirratti dubbisne keessaa isaan tokko. Akka isaan jedhanitti, Irreechi baranaa daran namatti tola. Naamuusniifi nageenyi ayyaanichaas kan yoomuu caalaa namatti tola. Hirmaattonni ayyaanichaa hundi uffannaafi faayaawwan aadaatiin bareedanii waan dhufaniif ayyaanichaaf miidhagina addaa kenneera jedhu.

Bishooftuutti bakki sirni irreeffannaa itti adeemsifamus haala gaariidhaan misoomee daandiinis bal’ifamee waan hojjeteef akka durii waldhiibuufi waldarbachaa deemuun hinjiru kan jedhan Obbo Ifaan, duraan namoonni uffannaa aadaa uffatanii ayyaanicharratti hirmaatan muraasa turan barana garuu guutummaa guutuutti haala jedhamuu danda’uun hirmaattonni ayyaanichaa uffannaafi faayawwan aadaatiin miidhaganii argamaniiru. Ayyaanni baranaa haala ajaa’ibaatiin kabajameera jedhu.

Godina Iluu Abbaa Boorirraa dhufanii Ayyaana Irreecha Hora Finfinneerratti kan hirmaatan Haati Siinqee Urgee Roobaa akka jedhanitti, “Waan Haati Seenqee Oromoo qabattee deemtu Siinqeefi nyaata aadaa aannan, dammaafi cuukkoo qabadhee dhufeera.

Oromoon tokkummaasaa cimsatee seera bokkuu ganamaatii akkanni buluufi ayyaana Irreechaas tokkummaafi jaalalaan akka inni kabajatun barbaada. Quxusuun hangafa akka kabajuu qaba. Walirratti ka’uu utuu hintaane waliif ka’uu qabna. Oromoon seera qaba.

Oromoon gubbaadhaa Waaqatu na arga, asii ammoo lafan irra jirutu na arga jedhee waan amanuuf waan badaa ykn dabaa hojjechuurraa of qusata. Oromoon nama utuu hintaane Waaqasaa isa bishaan, qilleensaafi dukkana keessa deemu sodaatee safeeffatee jiraata” Jedhan.

Kan barates ta’e hinbaranne dhugaafi seeraan akka bulaniif kan gorsan Haati Siinqee kun, ijoolleen keenyas karaa dhugaa qabatanii akka guddataniif sirriitti gorsinee, barsiisnee guddisuu qabna. Waaqayyo adda leencaa, onnee leencaa nuu haa kennu, jaalalaafi tokkummaa keenyas haa cimsu jedhu.

Godina Gujii, Aanaa Booree irraa kan dhufan Obbo Gammadaa Gumee akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa aadaafi tokkummaa Oromoo beeksisuufi calaqqisiisuu keessatti gahee guddaa qaba. Malkaan Irreecha Hora Finfinnee waggaa 150 oliif duudee ture bara 2012 irraa eegalee kabajamaa jira. Oromoon aadaafi malkaasaa badee deebi’e kana sirriitti eeggachuufi qabachuu qaba.

Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa waan taateef fooliin Oromoo magaalattiiti urgaa’uu qaba. Oromoon magaalattiitti galee mana ijaarratee keessa jiraachuu qaba. Oromoon Finfinnee jiraachaa ture lafaafi malkaasaarraa dhiibamee kaafamaa ture. Oromoon kaabaafi kibba, bahaafi lixa jiru malkaasaa waggoota dheeraa booda banamteef kana tokkummaan eeggachuufi kunuunfachuu qaba jedhu.

Afaan Oromoo Finfinnee keessatti sirriitti dubbatamuu qaba. Barreeffamoonni adda addaas Afaan Oromootiin barreeffamuu qabu. Finfinneen hadhuura Oromiyaa waan taateef sochiin Oromoo magaalattii keessatti abbaa lafaafi abbaa mirgaa taasisuuf godhamaa jiru cimee ittifufuu qaba. Oromoon qe’eesaarraa dhiibamee tures qe’eesaatti deebi’uu qaba jedhu.

Irreechi ayyaana Oromoon Waaqa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti isa baase ittigalateeffatuufi itti kadhatuudha malee ayyaana siyaasaa miti kan jedhan Obbo Gammadaan, warri ayyaanicha iddoo jeequmsaafi siyaasaa gochuu barbaadan warra malkaan keenya akka cufamuufi Oromoon Finfinnee keessa akka hinjiraanne barbaadaniidha. Oromoon kana baree tokkummaan malkaasaa eeggachuu, aadaa, duudhaafi safuu ayyaanichaa tokkummaan tikfachuu akka qabu gorsu.

Aadaadaa abbaatu bareechata jedha Oromoon. Kanaafuu aadaafi duudhaa keenya bareechuufi eeggachuu kan qabu nu’iidha. Nageenya irreechaas ta’e biyya keenyaa tokkummaan eeggachuu qabna jedhu.

Obbo Tasfaayee Bariisoo Godina Gujii, Aanaa Booreetti, Qorataa Seenaa Waajjira Aadaafi Turizimiiti. Oromoon malkaa bu’ee yoo irreeffatu bishaanitti sagada utuu hintaane, Waaqa madda qulqulluu uume galateeffata.

Irreechi Hora Finfinneefi Hora Harsadii waltajjii Oromoon bakka adda addaa jiru walitti dhufee tokkummaadhaan Waaqasaa itti galateeffatuufi kadhatuudha. Tokkummaa keenya yoo cimsanne waan harkaa qabnu jabeeffachaa deemna. Yoo tukkummaa dhabne garuu kan harkaa qabnuyyuu nurkaa ba’a jedhu.

Finfinneen hadhuura Oromiyaa waan taateef itti cichuu qabna. Manaafi qe’ee ofii abbaatu ijaarrata. Finfinneen qe’ee Oromoo waan taateef qe’ee keenya kana tokkummaan ijaaruufi kunuunsuu qabna jedhu.

Obbo Kiiroos Addee Godina Gaamoo, Magaalaa Arbaaminciirraa kan dhufan yoo ta’u, Irreechi daran kan namatti toluufi miidhaguudha. Irreechi ayyaana saboonniifi sablammoonni biyyattii Oromoo waliin kabajaa jiru kun tokkummaa biyyattii cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Ayyaana duudhaafi aadaa gabbataa kanarratti hirmaachuun koo baay’ee na gammachiiseera. Ayyaanni kun ayyaana saba Oromoo ta’uurra darbee kan saboonniifi sablammoonni biyyattii waliin kabajaa jiran waan ta’eef mootummaanis ayyaanichaaf deggersa barbaachisu taasisuu akka qabu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You