Irreechi Aadaa Oromooti

Kutaa 2ffaa

Abbootiin keenya gurraachonni dur Misiraafi Nuubiyaa keessa jiraataniifi ammallee darbanii darbanii sanyiin isaanii Gibtsi Sudaan keessa jiran, Kushoonni otoo weerara Giriikotaafi waraanni Peershiyaa, akkasumas weerara Otumaan Turkiifi Arabootaan hinrukutamiin dura gara kibbaatti otoo hinsocho’iin /gara Abbayyaa jidduu gala/ Nuubiyaa, Maraweefi Saabaa, Itoophiyaa biyya jedhamuufi lafa naannoo mudhii / sabbata lafaatti/ hinbaqatiin dura waggaa waggaan ayyaana Irreeffannaa /galata/ gaggeessaa turan. Kan nama dinqisiisu akkuma yeroo ammaa biyya keenyatti baatii Fulbaanaa keessa /Iyyoo Ababaayee/ jennee gammachuu keenya ibsinu isaan immoo malkaan Abbayyaa guutee qonna isaaniif haalli mijaa’uu baatiidhuma kana keessa waggaa waggaan ayyaana guddaa qabu. Haala kanaan baatiin Fulbaanaa ummata duriifi ammaatiifis yeroo ayyaanni guddaan bifa walfakkaatuun kabajamuudha.

Kunis akkuma kitaaba qulqulluu keessatti obboleessi guddichi ’Qaa’el’ obboleessa isaa quxusuu ’Abeel’ ajjeeseefi haatisaanii boonyaan Waaqayyo ilma eebbifamaa kenneefitti, kadhaafi qulqullina dubartiin gootu Waaqayyo akka dhaga’uun kan dubbatamuun walqabatuudha.

Kan biraa seenaa Kuushoota Afrikaa keessatti kan ilaallu waayee lafaafi biyya Afrikaa yoo ta’u innis kan uumame jechoota Kuushotaa sadiirraa ta’a. Isaanis ’Afa, Ra, fi Ka; jechuun lafaafi kan lafarra biqilu yoo ta’u, ”Afii” ykn ”Afaa” jechuun immoo kan lafarra margan, sanyii jechuudha. ”Ra” jechuun immoo mootii jechuudha. Kanarraa ka’uun ”Ka” jechuun immoo Waaqa kan jedhu ta’ee Afrikaa jechuunis ”lafa mootii Biiftuun filatame ykn muudame” jechuudha. /The Ejiptian Mistreary ……./

Asirratti ifa ta’uu kan qabu Misira duriifi biyyoota isaa gadi jiran kan bulchaa turan ”mootota lafaa” Fari’oon jechuun kan moggaafameefi Ijipti gara irraafi kan dakaa walitti qabuun kan bulchaa ture Minaas gurraachota Kuushotaa keessaa isa tokkodha. /The stolen legacy… /

Tamsa’ina amantii Oriitiitii dura gurraachonniifi kushoonni ykn Itoophiyaa, Misiraa, Suumeeroota, Baabiloon, Nuubiyaafi saabaa hundumtuu walitti makama Kuushotaafi Seemotaa waan ta’aniif afaaniifi haalli amantii isaanii, akkasumas duudhaafi faayyaa isaan qaban walumaagalatti tokko jechuu baannus baay’ee kan walfakkaatudha. Ummanni Oromoos qaama ummata Kuush waan ta’eef seenaa kana keessatti akka hammatame hubachuun barbaachisaadha.

Kuushotaafi dhaala aadaa isaaniirraa akka dhufan kan mul’isuufi sabni Oromootiis qaama kanaa ta’uu isaa kan ifa godhu, ulfinaafi duudhaa dubartootaaf sabni kun kennudha. Abbootiin Oromoo iddoo tokkoo ka’uun malkaa ce’anii durbi duudaan akka maatiif marga hirtu ta’ee, eebbi abbaadhaan raawwata.

Kanarraa ka’uun dubartiin mallattoo nageenyaafi lalisummaa yoo taatu, araaraafi mallattoo waliigaltee maatii tokkoo taatee fudhatamti. Hubannoon kunis aadaa Oromoo Jaarmiyaa Siinqee Ateeteefi duudhaa eegumsa maatii wajjiin kanwalitti hidhamuudha. Irreechis ta’e Ateeteen aadaa lubbu qabeeyyii ummata Oromoo keessatti mul’atuudha. Irreechis duudhaa kana otoo hinmaqsiin hanga ammaatti kan mul’atuudha. Haaluma kanaan Irreechi akka hambaa aadaa, seenaafi amantii Oromootti kan yaadatamuudha.

Irreecha Hora Finfinnee

Hora Finfinnee waggoota 150 dura Oromoo Gullalleetu irratti irreeffataa ture. Naannoo Hora Finfinnee dur qubatee kan ture Gosa Oromoo Tuulamaati.

Tuulama Keessaa’uu Oboofi Galaan yoo ta’u, anneen isaaniis Gullalee, Jiddaafi Eekkaadha.

Oromoon Hora kana irraa faayidaa akkamii Argachaa Ture?

Horri Finfinnee tajaajila hedduuf oolaa akka ture maanguddoonni bal’inaan dubbatu. Tajaajila inni kennaa ture keessaa qoricha beeladaa kan ture yoo ta’u, fayyisuu irra darbee hormaataaf (fertilityof livestock) kennaa akka ture maanguddoonni nidubbatu. Akka barsiifata ummatichaatti yoo xiqqaate horiin waggaa keessatti al-lama Hora Finfinnee dhuguu qaba. Kunis yeroo birraafi arfaasaa ture. Hora obaasuun faayidaa inni Oromoo Tuulamaaf qabaachaa ture keessaa inni biroon horiin kallattii shananiin gara hora Finfinnee dhufan keessaa carraan korma filatamaa argachuu bal’aa ture (a chance to exchange special cattle genetics or species was high). Bakki Hora Finfinnee dirree irratti hawaasni Tuulamaa walargee dhimma jiruufi jireenya isaa irratti yaada itti waljijjiiran ture. Kunis tokkummaafi ijaarsa hawaasichaa cimsuu keessatti ga’ee inni taphachaa ture daran olaanaa ture. (Hora obaasuu plays crucial role in establishing Social solidarity).

Ummanni yeroo gannaa dheeraa bakkuma jirutti dabarsu gaafa birraan bari’e bakka hora obaasuutti walargu afoola isaa kan akka faaruu looniifi kan biroo waliin dhandhamee bashannanaa ture. Haala kanaan, yeroo horri saaqamu ji’a Fulbaanaa keessa ummanni bokkuu, okolee, kallacha, callee, mijuu guuttatanii hora kana haala safuu isaa eegeen eebbaan saaqu ture. Kunis kabaja ummanni hora Finfinneef qabu calaqqisa. Horri Finfinnee Tuulama biratti ulfoodha.

Guyyaa saaqinsaa horaa, Abbaan Horaa(Owner of the hora), korma qaluun aarsaa dhiyeessee eebbaan eegalchiisa. Eebbaan booda hangafoonni dabaree dabareen obaafatu. Hora Finfinnee obaafachuuf namoonni fagoo irraa dhufan torbanii ol bulanii dabareen obaafatanii wal eebbisanii mana ofiitti gammachuun galu ture. Yeroo turtii isaanii keessatti jiruufi jireenya isaanii irratti yaada waljijjiiru, dhimma oomishaa, dhimma nageenyaa irrattis yaada walii qoodu ture. Nyaataafi dhugaatii qabatanii bakka irreechaa dhufan waliin qooddatu waliin gammadu. Birraan bari’uu ilaalchisanii ‘Baga booqaa birraa geessan!’jedhanii hawwii gaarii waliif qaban ibsatu ture.

Eebba hora irratti eebbifamu Oromoon gaafa malkaa irreffachuuf deemu akkas jedhee eebbisa.

Hayyee Waaq Hayyee Waaq

Waaqa Uumaa Waaqa Uumamaa

Waaqa Burqaa Walaabuu

Waaqa Caffee Tumaa

Waaqa Jahan Hora Waaqayyoo

Waaqa Tulluu Saddeettan Waaqayyoo

Waaqa Odaa Nabee

Waaqa Shanan Gadaa Oromoo

Kan nagaan nu oolchite nagaan nubulchi

Horri kun kan hormaataa yaa ta’u,

Kan firriifi habbi dhugu yaata’u.!

Waatiifi maatiin itti yaa horu.

Abbaa horrerra nuuf bulchi.

Kan dhabe haa horu

Kan hore irra haa bulu jedhanii eebbisu.

Oromoota Gullalleefi Hora Finfinnee

Oromoonni Finfinneefi naannawaashee jiraachaa turan Ilmaan Gullallee: Rasoo, Fuullelle, Dhaaye, Sayyoo, Arreellee, Yooyyaa, Oliyyee Mana Gullallee, Kurabbuufi Amuumaa

Torban Eekkaa: Qabbannaa, Abbaadhoo, Daallee, Madaroo, Oborii, Gawwaasaafi Xaafoo

Afran Gumbichuu: Sayyoo, Akaakoo, Bonayyaafi Mana Abbichuu,

Balbla Gullallee eeraman kana keessaa Hora Finfinnee kan dura argate (daggala saaqee) itti abboome warra Fittaal kan jedhamaniidha. Kun yeroon isaa kana jedhamee tilmaamaan wanti beekamu hinjiru. Fittaal hangafa isaa Aabbuu yaamee hora kana akka eebbisuuf gaafate. Innis akkas jedhee eebbiseef:

Finfinneen Meedhicha kee yaa taatu,

Namaafi sa’a itti hori,

Kan dhaloonni kee itti horu siif yaa ta’u!

Gostiifi hambi yaa dhugu,

Loon itti yaa horan,

Qorsa yaa ta’u!

Namni itti yaa fayyu,

Loon itti yaa gabbatu,

Kan dhukkubsate sitti yaa fayyu! jedhee eebbise jedhama. Manguddoo irraa akka odeeffannetti.

Horri Finfinnee Gita Bittaa Jalatti Kufuu (The Colonization of Hora Finfinnee)

Akkuma olitti ibsame horri Finfinnee qulqulluufi ulfoo Oromoo Tuulamaa ture. Horri Finfinnee hawaas dinagdee Tuulamaa keessatti qabaachaa ture daran olaanaa ture. Garuu, kabajaafi ulfinni inni qabu yeroo humni Nafxanyaa naannoo kana qabatu kaasee dukkanaa’e. Oromoo Tuulamaa garbummaa jalatti kufe, aadaafi duudhaan isaa nituffatame, moggaatti baafame, nituffatame. Qe’ee isaa irraa humnaan buqqifame, mirga namummaa isaa dhorkamee qabeenya isaa saamame. Lafa inni qabus loltoota Minilikiif qoodame. Barreessaan Meejar Haariis jedhamu miidhaa ummaticha irra gahaa ture akka armaan gadiitti barreeffamaan kaa’e jira.

“The unfortunate inhabitants, taken by surprise, had barely time but to abandon their property, and fly [flee] for their lives. The spear of the warrior searched every bush for the hunted foe. Women and girls were torn from their hiding to be hurried into helpless captivity old men and young were indiscriminately slain and mutilated among the fields and groves; flocks and herds were driven off in triumph, and house after house was sacked and consigned to the flames.

Erga koloneeffattoonni Abashaa biyya keenya qabatanii immoo bakka dur ayyaanni Oromoo itti kabajamu, taabota isaanitu dhaabate. Bakka ayyaana keenyaa, bakka aadaa keenyaa, bakka seera keenyaa, bakka afaan keenyaa kan isaanitu bu’e jechuudha. Xaayituufi Minilik dhukkuba nyaataa waan qabaniif hora kanatti deddeebi’anii dhiqachaa turan. Xaayituunis al-tokko akkas jettee turte “Miilli koollee baayyee naaf fooyya’eera xabala baay’ee eebbifamaadha. Garuu guyyaa guyyaan gaara Diilallaa (Inxooxxoo) irraa gara hora Finfinneetti marmaarsi naaf gamee hangan fayyutti bakkuman bulu adaraa gadi siiqeen godoo buufaadha” jettee warra abbaa biyyaa Gullallee eeyyama gaafatattee eeyyamameef. Gadi siiqxee mooraa amma Yuunivarsiitiin irra jirurratti godoo buufattee deddeebitee dhiqachaa turte. Gaafa tokko Minilik babal’ifannaaf gara Harargee deemee innaa dhufu bakka duraan qubachiifamte dhiistee gadi buutee qarqara hora Finfinneetti dunkaana (godoo) ijaarrattee isa eegde.” Xaayituun eessa deemte jedhee gaafannaan kuunnoo gooda kanatti galteetti jedhanii godooshee itti agarsiisan. Innis “kunimmaa Addis Ababaadha jedhe.” kanarraan kan ka’e Maqaan Finfinnee jijjiirame.

Acuuccaafi garbummaa isaan irratti raawwachaa ture bifa armaan gadiitti afoolaan ibsachaa turan

Inxooxxoo dhaabatani

Caffee gadi ilaaluun hafe

Finfinnee loon geessani

Hora obaasuun hafe

Tulluu Daalattiirratti

Yaa’iin Gullallee hafe

Gafarsatti dabranii

Qoraan cabsuunis hafe

Hurufa Boombiirratti

Jabbilee yaasuun hafe

Barajarri dhufanii

Loon keenya nidhumani

Erga Mashashaan Daargee dhufee

Birmadummaanis hafe.

Afoola olii kana irraa kan hubannu gosni Oromoo fagoofi dhiyoo jiran kan akka Meettaa, Sulultaa, Eekkaa, Galaaniifi Gullalleen loon isaa hora Finfinnee obaafataa turan booda hindhorkaman. Yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko, yookaan yeroo lama, Birraafi Harfaasaa loon isaa hora geeffata. Abbaan horaa nama yaa’iin Gullallee file, lammii Gullalleeti. Abbaan horaa akka namni dabaree isaa eeggatee obaafatu godha. Saanis, namnis walitti hinbu’u jechuudha. Kana kan taasisu immoo seera Gadaati. Kun gaafa dhibu afoola armaan oliin ibsachaa turan.

Finfinneen Oromoota Tuulamaaf araddaa irreechaa turte. Amantaa Waaqeffannaa keessatti Irreechi iddoo guddaa qaba. Irreechi ayyaana galataati. Irreechi uumamaan qabatanii uumaa galateeffachuudha. Waaqa madaallii uumamaa eegee hundumaa yeroo isaatti godhuuf ayyaana itti galata dhiyeessaniidha. Irreechi ayyaana ittiin jaalala, nagaa, araara, namaafi nama gidduu akkasumas Waaqaaf nama gidduutti ittiin buusaniidha.

Mootonni Abisiiniyaa Itoophiyaa bara duriitii jalqabanii eenyummaa, aadaa, afaan, seenaa, ummata Oromoo waliigalaa, keessumaa Oromoo naannoo Finfinnee jiraatan balleessuuf mudhii hidhatanii hojjachaa turuun beekamaadha. Keessumaa dhiibbaan Oromoo naannoo magaalaa Finfinnee irra qaqqabe kan nama qaanessuufi nama naasisuudha.Yeroo adda addaa jiraattonni naannoo magaalaa Finfinnee lafa isaanii irraa ari’amanii bakka hinbeekamne faca’anii akka qubatan godhameera. Kanaanis, maatiin faca’ee hariiroon maatiis badee eenyummaan isaanii waliin badeera. Masaanuu kanaan qubattoonni kaabaa dhufan jireenya fooyya’aafi mirga guutuu argatanii Oromoo lafa isaa irratti hafe garboomsanii ergachaa turan. Finfinneen yeroo teessoo Mootii Miniliik taatee tajaajiluu eegalte irraa kaasee hanga har’aatti qonnaan bultoota Oromoo nyaachaa, buqqisaa, aadaa, duudhaafi eenyuummaa Oromummaa dhabamsiisaa sadarkaa amma irra jirtu irra akka geesse beekamaadha. Ragaan gochaalee kanneen ibsan keessaa tokko kan armaan gadiitti mul’atuudha.

Addis Ababa emerged as the capital city of the Ethiopian Empire in the heart of Oromia. The major portion of Oromo land on which this capital city was founded was given for Minilik officials and his army commanders, on which they established their respective camp for themselves and relatives, followers and war captives. While most Oromos were evicted and forced to migrate to far places, others were permanently marginalized and turned in to servants and laborers. By the proclamation of October 27, 1907, Oromo land became a commodity to be sold and bought. This proclamation “gave Ethiopian and foreign [European] landlords a great deal more security of tenure”. Benti Getahun (2000, f. 64).

Masaraan Minilik yeroo Inxooxxoo irratti hundeeffamu jalqaba akkuma mootonni durii kaampii waraanaa ijaarratanitti ijaaramte malee amala magaalaa hinqabdu ture. Maaliif Inxooxxoo irraa gara Finfinneetti jijjiiruun barbaachise? Bakki masaraa Inxooxxoo sun olka’iinsa danbalii galaanaa irraa meetira 2,800 irratti argama baayyee qorraafi bubbee hamaa qaba. Kana malees qoraaniifi bishaan gahaa hinqabu tabba sana bahanii bu’uun dadhabsiisaa ture kanaaf masaraa Hora Finfinneetti buusuun barbaachise (Ronald J. Horvath, 1969). Birraa bara 1886 akkuma tasaa Minilikiifi Xaayituun duuka buutota isaanii waliin gara burqaa Finfinneeitti (hora Finfinnee) gadi bu’an jalqaba dunkaana dhaabbatanii ooluufi buluu jalqaban.

Adeemsa keessa lafti kun jireenyaaf hawwattuu

akka taate hubannaan achitti jiruu isaanii jabeeffatan. Guyyaa tokko osoo taa’anii Xaayituun kara foddaa dunkaana isheen bareedina lafichaa ilaaltee ajaa’ibsiifattee asitti masaraa ijaaruu qabna jette. Hojiin ijaarsaa yeroosuma ittifufee yeroo gabaabaa keessatti xumuramee masaraan Inxooxxoo irra ture akka hora Finfinnee maddiitti jijjiiramu ta’e. Adeemsa hundeeffamaafi ijaarsaa

Weeraraan booda giddugala sirna Gadaa Oromoo kan ta’an kan akka, iddoo, Caffee Tumaafi (lafa Oromoon seera irratti tumatuufi waaqeffatu) Ardaan Irreechaa Hora Finfinnee harkaa fudhatamee bakka ykn iddoo ijaarsa bataskaanaa, gadaamii, masaraa mootummaafi wiirtuu ajaja waraanaa magaalaaf akka oolu ta’e.

Irreechi Aadaa yoomuu jiraatudha

Akkuma armaan olitti ibsame sabni Oromoo ummattoota kaaba bahaa Afrikaatti argaman keessaa isa tokkoodha. Sabni kun bara dheeraa keessatti sirna aadaafi amantii ofii ittiin gaggeessu kan qabuudha. Oromoon kan amanu, fakkaatti kan hinqabne Waaqa tokkichatti. Nama dhimma kana irratti shakkii qabu Oromoon bakka hinkennuuf. Oromoon wanneen namaan hojjataman kan akka siidaa, mukkeen, laggeen, gaarreewwan ykn beeladoota bakka Waaqayyoo buusuun itti hinamanu. Oromoon hojiifi humna Waaqaa wanneen uumama keessatti argaman, arguun dinqisiifata.

Kunis Sirna Gadaa keessatti seeraan taa’ee jira. Gadaan haala aadaan, dinagdeen, jireenyi hawaasummaa, siyaasaafi amantiin Oromoo keessatti of ijaareedha. Irreechi mul’istuu aadaa Oromooti. Jaarmiyaalee hawaasni Gadaa ijaare keessaa isa tokkoodha. Ayyaanni irreechaa kun Oromoon falaasamaafi ilaalcha addunyaa keessatti jiruufi humna Waaqaa akkasumas raajii isaa, dhalootaafi iccitii jireenyaan walitti fiduun kan ibsuudha. Sanyiin namaa horee kan baay’atu, kan faca’e du’aa ka’ee ija godhatu, atoomsaafi gargaarsa humna Waaqaa kan ta’e aadaa kanaan mul’ata jedhu.

Ummattoota qonnaan jiraatan durii kan sulula Abbayaa yoo fudhanne “Osiris” kan jedhamu Waaqa sanyii kuftee kaatuu “…agricultural cult of the dying and esurrecting spirit of plant life…” jedhamu aadaa Waaqeeffannaa qaba. Kunis iddoo tokko tokkootti amantiifi aadaa Oromotiin walfakkaata haa ta’u malee amantiin Kuushootaa kun Waaqa tolfamaadhaaf (deity) qabachuun kaayyoo hormaataafi jireenya gaarii argachuuf kan raawwatuudha. Sabni Oromoo garuu Waaqa tokko qofatti amana.

Aadaan irreeffachaafi “Osiris” durii kun kan maddan qarooma Kuushoota naannoo Abbayyaa (Nile Valley Cushitic Civilization)

ta’uus ni mala.

Garuu madda aadaafi amantiiwwan kanas kan ta’eefi eenyuutu eenyurraa fudhate gaaffii jedhuuf qormaataaf banaadha ta’ullee ragaan armaan olitti dhiyaate madda guddaa ta’a.

Irreechi mul’istuu aadaa Oromooti. Irreecha jechuun akka Aadaatti sirna kadhaafi galata Waaqaaf godhamuudha. Kadhaafi galanni godhamu kunis iddoofi yeroon kan murtaa’eedha. Kunis aadaafi amantii keessatti gochaa Aadaan kan ifa ta’uudha. Irreechi iddoo adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni gurguddaan iddoo lamatti kan raawwatudha. Isaanis Irreecha Tulluufi irreecha Malkaa jedhamu.

A. Irreecha Tulluu

Irreechi Kun kan gaggeeffamu Tulluurratti yoo ta’u, wayitiin kun baatiileen bonaa dabranii roobni Afraasaa yeroo itti eegamuudha. Baatileen duraan turan roobni dhabamee hongeen namaafi loon yeroo itti miidhaa tureedha. Waan kana ta’eef jiddugala batii Bitootessaarratti maatiin marti gara lafa qabbanaafi jiidha qabutti bahanii rooba afraasaa argachuuf Waaqa kan itti kadhataniidha. Tulluutti bahanii kadhachuun kun aadaafi falaasama ummata Kuushootaa dur duriin kan walqabateedha jedhama.

B. Irreecha Malkaa: – Irreechi Malkaa kan raawwatu wayitii ganni xumuramee seensa baatii birraa ykn jiddugala baatii Fulbaanaa keessatti. Yeroo kana Malkaafi Hora gurguddoorratti bahuun sirni irreechaa ni raawwatama. Baatiin Fulbaanaa jalqaba birraa yoo ta’u, yeroo baay’ee guyyaan kun “Ayyaana Birraa” jedhamee beekama. Iddoo tokko tokkotti guyyaan irreechi kabajamu guyyaa “xaddacha saaquus” ni jedhama. kunis akka Oromootti wayitii dabre namoonni galaanaan addaan citanii turan walarguuf jecha guyyaa kana akka guyyaa galataafi gammachuutti fudhatu.

Kanaaf Oromoonni Malkaa gamaafi gamanaan walitti bahanii uffata aadaafi nyaata aadaa akkasumas faaruu wareega qabachuun ‘Mareewoo…Mareewoo…!” jechaa Waaqa kaadhachaa, faarfachaafi galateeffachaa (praising) gara Malkaatti deemu. Eebba Abbaan Malkaafi Abbaan Gadaa, hangafoota gosaan godhamu booda marga jiidhaafi Abaaboo birraa qabatanii bishaaniin tuqanii Waaqa galateeffachaa irreeffatu. Kana booda gabbisayyoo taphachaa gara qe’ee ofiitti deebi’uun cidha raawwatu.

Kaayyoon kadhaa kunis Waaqayyo akka rooba, nagaafi dhala ykn sanyiisaanii baay’isuuf akka ta’e dubbatu. Yeroo baay’ee Oromoon guyyaa Irreechaa booda lafa baddaafi badda-dareerra ykn bakka qubatanii socho’anii gara Horaatti loonii wajjiin kan itti godaananiidha. Kunis akka jalaqabaafi seensa hojii bara haaraatti fudhatama.

Horrii Harsadii iddoo Oromoonni Tuulamaa jaarraa dheeraa dura itti iirreeffachaa turaniidha. Harsadii maqaa namaa yoo ta’u, gosa Liiban keessaa, abbaa Malkaa nama tureedha. Akka odeeffannoo maanguddoota Galaanitti Liiban gosa naannoo kana qubateefi Abbaa Malkaa kanaa kan tureedha jedhu.

Haaluma kanaan wiirtuu Hora Harsadi aadaa irreeffannaa (Waaqeeffannaa) “Thanksgiving” godhanii itti hirreeffachaa turan. Yeroo ammaa kanas waggaa keessaa ala tokko Hora Harasadiirratti akka Aadaa Oromtichaatti, faaruun galatteeffannaan kabajamuudha.

Oromoon Ayyaana Irreechaa kana wagga waggaan kabajatan “Waaqa nu uume kadhanna! Uumamaan Uumaa raajjeeffanna!” jechuun aadaa uffataa, nyaata, qabachuun akka aadaa Oromtichaatti Waaqa isaa ni galateeffata ni faarfata.Yeroo ammaa kanas Hora Harsadirrattis kan raawwatamu aadaafi duudha saba Oromoo keessa tureefi iddoo adda addaati kan raawwatamudha.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You