“Omishtoota bunaa kuma tokko eeyyama alergii argatan keessaa 100 ol omisha bunasaanii kallattiidhaan biyya alaatti ergaa jiru” -Obbo Shaafii Umar

Keessummaan keenya maxxansa kanaa Daarektara Ittaanaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa ta’anii tajaajilaa kan jiran Obbo Shaafii Umari. Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa keessummaa kana waliin dhimmoota omisha, qulqullinaafi galii bunaafi mi’eessituuwwanii guddisuurratti xiyyeeffachuun taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabsitanii utuu nuu ibsitanii?

Obbo Shaafii: Oromiyaa Godina Buunoo Baddallee, Aanaa Boorrachaa, Ganda Haroottin dhaladhe. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa hanga 6ffaatti bakkuma dhalootakoottan hordofe. Kutaa 7ffaa Mana Barumsaa Gachii sadarkaa lammaffaattan baradhe. Kutaa 8ffaa ammoo mana barumsaa Aaanaa Boorrachaattan baradhe. Kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti ammoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Baddallee kan magaalaa Baddalleetti argamuttan baradhe.

Barumsa koo kutaa 12ffaa akkuman xumureen Leenjii Barsiisummaa Jimmaa galeen baradhe. Leenjii barsiisummaa akkuman xumureen waggaa sadiif hanga 1983tti barsiise. Isa booda Mana Marii Anaatiif filatameen Ittaanaa Damee Hawaasummaa ta’ee tajaajilaa ture. Dameen hawaasummaa yeroo sana barnootaafi fayyaarratti xiyyeeffata ture. Bara 1989 ammoo Godina Buunoo Baddalleetti, Bulchaa Aanaa Gachii ta’een waggoota 10f tajaajilaa ture. Isa booda Godina Mattuu galee gurmaa’insarra waggaa tokkoof ergan hojjedhee booda bara 1999 Ittaanaa Bulchaa Godina Iluu Abbaa Boor ta’een hanga bara 2002tti tajaajile. Isa booda bulchaa godinichaa ta’een hanga bara 2008tti tajaajile. Isa booda Ittigaafatamaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Naannoo Oromiyaa ta’een hojjechaa ture. Bara 2009 irraa kaasee hanga ammaatti Daariktara Ittaanaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa ta’een tajaajilaa jira.

Bariisaa: Ittigaafatamaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Oromiyaa yeroo turtan maalfaa hojjettan?

Obbo Shaafii: Yeroo sana Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Oromiyaa caasaa haaraa waan tureef caasaasaa hanga dakaatti qorachiifnee akka hojiirra oolu taasifne. Humna namaafi faayinaansiidhaanis akka cimu taasifne. Misoomaafi gabaa buna naannichaarrattis hojiilee bal’aa raawwanneerra.

Akkuma beekamu omisha buna biyyattii waliigalaa keessaa harki 70 Oromiyaarraa argama. Omishaafi omishtummaa buna naannichaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuurratti hojiilee bal’aa hojjenneerra. Omishni bunaa kun sirna gabaasaa eeggatee gabaa giddugaleessaatiif akka dhiyaatu taasisuufis hojiilee guguddoo raawwanneerra.

Caasaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii kun yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiraachuu baatus hojiileen gama omishaafi omishtummaa bunaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuu akkuma ittifufanitti jiru. Yeroo ammaa hojiin misooma bunaa Biiroo Qonnaa jala galee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, gabaan bunaa ammoo Biiroo Daldalaa jala galee irratti hojjetamaa jira; bu’aa guddaas argamsiisaa jira.

Bariisaa: Hojiilee guguddoo Abbaan Taayitaa Itoophiyaa hojjechaa jiru maalfaadha?

Obbo Shaafii: Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa kan hundaa’e bara 2008 yoo ta’u, erga of danda’ee hojii keessa galee waggaa sadii ta’eera. Abbaan taayitichaa duraan Ministeera Qonnaa jala ture. Gabaan bunaa ammoo Ministeera Daldalaa jala ture. Bunatti sona dabaluun ammoo Ministeera Industirii jala ture. Caasaan abbaa taayitichaa duraan bifa bittinnaa’aan adeemsifamaa ture, mootummaa jijjiiramaatiin booda caasaansaa sadarkaa federaalaatii hanga dakaatti sirraa’ee of danda’ee hojjechaa jira.

Abbaan taayitichaa hojiiwwan guguddoo sadiirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Isaanis: omishaafi omishtummaa bunaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuu, sirna gabaa bunaa ammayyeessuufi qoodafudhattoonni bu’aa walqixa akka argatan taasisuufi omisha bunaatti sona dabaluun gabaa biyya alaatiif dhiyeessuudhaan bunarraa bu’aa fooyya’aan akka argamu taasisuudha.

Erga abbaan taayitichaa bifa haaraan ijaaramee booda rakkoolee omishaafi omishtummaa bunaa, qulqullinaafi gabaa bunaatiin walqabatan qorannoodhaan adda baasee riifoormii taasisuufi labsiiwwan, qajeelfamootaafi danbii hojiirratti rakkoo uumaa turan akka fooyya’an taasiseera.

Labsii, qajeelfamaafi danbiin riifoormicha deeggaruu danda’us akka ba’u taasiseera. Riifoormicha hojiirra oolchuunis qabsoo cimaa kan gaafatu ture. Cancalli gabaa bunaa dheerachuun rakkoo guddaa gabaa bunaarratti mul’achaa tureedha.

Cancalli gabaa bunaa dheerachuun rakkoo ijoo faayidaa qonnaan bulaan omisha bunaarraa argatu miidhuudha. Kanarraa ka’uun omishtoonni bunaa gatii gaarii argachaa hinturre. Cancalli bunaa dheerachuun qulqullina bunaarrattis dhiibbaa guddaa uumaa tureera.

Cancalli bunaa dheerachuun qulqullinaafi gatii bunaarratti dhiibbaa guddaa geessisaa tureera. Bunni amala foolii gara garaa ofitti fudhachuu waan qabuuf hanguma cancalli bunaa dheeratu qulqullinni bunaa gad bu’aa adeema. Qulqullinni bunaa gad bu’uun ammoo gatii gabaa bunaarratti dhiibbaa uuma.

Rakkoon cancalli bunaa dheerachuufi qulqullinni bunaa mirkanaa’uu dhabuusaatiin qaqqabaa ture omishoonnis ta’e biyyattiin bunarraa galii gaarii akka hinarganne taasisaa tureera. Abbaan taayitichaa rakkoo cancala gabaa bunaan walqabatee jiru furuuf riifoormii taasisuun gara hojii qabatamaatti seenee hojjechaa jira.

Gatii qonnaan bulaan omisha bunaarraa argachaa ture bu’aa mitii gatii dadhabbiisaayyuu deebisaafii hinturre. Qonnaan bulaan buna diimaa kiiloo tokko qarshii 10tti gurgurachaa ture. Buna gogaa kiiloo tokko ammoo qarshii 20 hanga 30tti gurgurachaa ture.

Qonnaan bulaan waggoota hedduuf akkasitti miidhamaa waan tureef buna omishuuf abdii kutatee ture. Miidhaan kun qonnaan bulaarra akka qaqqabu kan taasise akka dhuunfaattis ta’e dhaabbataatti warri dhimmi bunaa isaan hinilaallanne komishinii fudhachuudhaan kan fe’umsaa, kan ba’aa irraa buusuu, kan teessummaa fudhachaa waan turaniifi. Kunniin hundi baasii waan ta’eef walitti ida’amee gatii qonnaan bulaa gad buusaa ture.

Abbaan taayitichaa Amajjii bara 2013 irraa kaasee cancala bunaa xiqqeessuuf hojii hojjechaa turan Waxabajjii bara 2013tti alergii bunaarraa qarshii miliyoona 907 aragamsiisuu danda’eera.

Bara 2014 ammoo riifoormii jalqabame sirriitti hojiirra oolchuun buna toonii kuma 300 gara biyya alaatti erguudhaan qarshii biiliyoona tokkoofi miliyoona 424 biyyattiif galii ta’eera. Riifoormichi qonnaan bulaas fayyadamaa taasiseera.

Bunni diimaan kiiloon tokko qarshii 50 hanga 60tti gurguramuu jalqabe. Bunni gogaan qarshii 80 hanga 100tti gurguramaa ture. Riifoormichi warri buna dhiyeessan kallattiidhaan warra buna biyya alaatti erganitti akka gurguratan taasiseera. Riifoormichi qonnaan bulaan omisha bunaasaa gatii gariitti akka gurguratu, biyyattiin ammoo buna qulqullina qabu biyya alaatti erguudhaan galii sharafa alaa guddaa akka argattu taasiseera.

Galii biyyattiin alergii bunaa bara 2014 argatte kan bara 2013 doolaara miliyoona 500 oliin dabaleera. Galii biyyattiin dur waggaa tokko keessatti alergii bunaarraa argattu doolaara miliyoona 500 hanga 800tti argachaa turte. Waggaa tokko keessatti alergii bunaarraa doolaara miliyoona 500 ol argachuun waan guddaadha.

Kanaafuu hojiin riifoormii jalqabame cimee ittifufuu qaba. Hojiin omishaafi omishtummaa bunaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuuf jalqabames cimee kan ittifufu ta’a. Omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf hojiin buna dulloomaa gamashuu bal’inaan adeemsifamaa jira. waggoota sadan darban bunni heektaara kuma 400 ta’u gamashameera. Bunni gamashame waggaa sadii keessatti omisha fooyya’aa kennuufi qulqullina bunaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf hojiin sanyii buna dhandhama addaa qabu, qorannoon deeggaramee akka baay’atu taasisuuf hojii guddaatu hojjetamaa jira. Qulqullina buna omishamuu eeguufis hojii bal’aan raawwatamaa jira. Gabaa bunaan walqabatee tarsiimoo lama keenyee hojjechaa jirra.

Tarsiimoon inni tokko gabaa kanaan dura jiru keessa turuu yoo ta’u, lammaffaan gabaa haaraa keessa galuudha. Ameerikaa, Jarmanii, Saa’udii, Beeljiyeem, Jaappaaniifi Kooriyaan biyyoota yeroo dheeraaf buna Itoophiyaa baay’inaan bitaa jiraniidha. Bunni Itoophiyaa biyyoota kunneen keessatti dorgomaa ta’ee akka ittifufuuf qulqullinaafi dhandhama buna keenyaa eeguu ittifufuu qaba. Biyyoonni kunneen buna Itoophiyaarraa bitanitti sona dabalanii gurguratu.

Kana malees biyyoota Eeshiyaatti buna keenya gurguruuf karoorfannee hojjechaa jirra. Biyyoota bahaa keessaa bara darbe biyyoonni sadii buna Itoophiyaa bituu jalqabaniiru. Chaayinaan buna Itoophiyaa bituudhaan sadarkaa 7ffaarratti argamti. Taayiwaaniifi Arab Emeretis buna Itoophiyaa bituu jalqabaniiru.

Biyyoota buna Itoophiyaa baay’inaan bitaa jiranis ta’e kanneen haaraa bituu jalqaban waliin turuuf qulqullina buna keenyaa eeguufi dhandhamasaa sirriitti beeksisuuf kallattii qabannee hojjechaa jirra. Erga Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa hundaa’ee as hojiilee guguddoo raawwachaa jiruun waggoota sadan darbanii as waggaa waggaan bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jira.

Fakkeenyaaf waggoota 20n darban fudhannee yoo ilaalle Itoophiyaan bara 1989 buna toonii kuma 123 biyya alaatti kan ergite yoo ta’u, bara 2008 ammoo buna toonii kuma 198 gara biyya alaatti ergite. Garaagarummaan kana gidduu jiru buna toonii kuma 75 qofa.

Bara 2009 biyyattiin buna toonii kuma 225 biyya alaatti ergite. Bara 2014 ammoo toonii kuma kuma 300 ol gara biyyoota alaatti ergiteetti. Garaagarummaa bara 2008fi 2014 gidduu jiru buna toonii kuma 104. Bu’aan waggoota afran darban keessa argame salphaa miti.

Itoophiyaan utuu biyya argama bunaa taatee jirtuu omishaafi faayidaa bunarraa argattuun garuu biyyoota buna gabaa addunyaaf dhiyeessaa jiranii gadi. Biraandiin buna Itoophiyaa yeroo ammaa Jarmanitti akka galmaa’u ta’eera; biyyoota Awurooppaafi Ameerikaattis akka galmaa’u ta’aa jira. Itoophiyaan biraandii bunaa ittiin dorgomtu qabaachuu qabdi. Biraandiin maalummaa buna biyya keenyaa kan ibsuudha.

Bariisaa: Abbaan taayitichaa omishaafi omishtummaa bunaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuuf maal hojjechaa jira?

Obbo Shaafii: Abbaan taayitichaa omishaafi omishtummaa bunaa guddisuu, qo’annoofi qorannoo bunaa adeemsisuu, bunatti sona daballee gurguruufi bu’aa omisha bunaarraa argamu guddisuuf tarsiimoo waggoota 15 qopheessee hojjechaa jira. Itoophiyaan dorgommii buna dhandhama addaa (Cup of Excellency) erga jalqabdee waggaa sadii ta’eera.

Kun qonnaan bulaan keenya buna dhandhama addaa qabu xiqqoo fidee bu’aa guddaa akka argatu taasisaa jira. Qonnaan bulaan akkaataa buna dhandhama addaa qabu itti qopheessurratti abbaan taayitichaa leenjii kenneera. Bunni dhandhama addaa qabu kun sadarkaa addunyaatti dorgommii keessa galee bunni qabxiinsaa 87fi isaa ol ta’e gabaatti dhiyaatee kallattiidhaan karaa elektironiksii ykn online caalbaasiidhaan gurgurama. Abbaan taayitichaa bara darbe qonnaan bultoota biyya keenyaa dorgommii dhandhama buna addaa kanaan sadarkaa 1ffaa hanga 40ffaatti ba’an badhaaseera.

Itoophiyaarraa qonnaan bulaan bara darbe dorgommii buna dhandhama addaa injifate buna kiiloo tokko doolaara 884.10tti ykn qarshii kuma 47fi 236.23tti gurgurateera. Walumaagalatti buna kiiloogiraama 560 qarshii miliyoona 21tti gurgurateera.

Qonnaan bultoonni dorgommii buna dhandhama addaa injifatan biroonis akkaatuma sadarkaasaaniitiin bunasaanii gatii fooyya’aatti gurgurataniiru. Dorgommiin buna dhandhama addaa kun bu’aawwan guguddoo sadii nuu argamsiiseera. Isaanis: Itoophiyaan sanyii buna dhandhama addaa qabu baay’iftee qonnaan bultootaaf akka dhiyeessituuf carraa guddaa uumeera, qonnaan bulaan qulqullina bunaa akka eeguufi bunni Itoophiyaa dhandhamasaatiin sadarkaa addunyaatti akka beekamuufi filatamu taasiseera. Kana malees qonnaan bulaas ta’e biyyattiin omisha bunaarraa galii fooyya’aa akka argatan taasiseera.

Bariisaa: Qonnaan bulaan omisha bunasaa kallattiidhaan gabaa addunyaaf akka dhiyeessu taasisuun qonnaan bulaaf faayidaa akkamii qaba? Qonnaan bulaan carraa kana argatus ulaagaa akkamii guutuu qaba?

Obbo Shaafii: Dur qonnaan bulaan carraa omisha bunaasaa gabaa biyya alaatiif dhiyeessee doolaara argachuu hinqabu ture. Buna biyya alaatti erguu mitii warra buna dhiyeessan birattuu bunasaa gurgurachuu hindanda’u ture. Buna qonnaan bulaa daldalaafi abbaa qabeenyaatu yeroo gannaa araaxaan irraa bitaa ture.

Har’a garuu qonnaan bulaan carraa bunasaa kallattiidhaan biyya alaatti erguu argateera. Qonnaan bultoonni omisha bunaa heektaara lamaa ol qaban eeyyama omisha bunaasaanii kallattiidhaan alatti erguu akka baafatan ta’eera. Haaluma kanaan yeroo ammaa qonnaan bultoonni 100 caalan omisha bunaasaanii kallattiidhaan ergaa jiru. Isaan keessaa qonnaan bultoonni sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti ba’an Guyyaa Buna Itoophiyaa dhiyeenya kana kabajamerratti badhaafamaniiru. Qonnaan bultoonni kunneen gara invastimantiittis ce’aa jiru; kan barbaadamus kanuma waan ta’eef.

Bunni keenya omisharraa gara alergiitti dhufuu jechuun cancalli bunaa akka baduufi qulqullinni bunaa akka eegamu taasisuufi galiin sharafa alaarraa argamu akka guddatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Qonnaan bulaan bunasaa kallattiidhaan akka alatti ergu taasisuun ofiisaatiifis ta’e biyyattiin omisha bunaarraa gatii gaarii akka argattu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Baay’inni qonnaan bultoota omisha bunaa kallatiidhaan gara biyya alaatti erganiis waggaa waggaan dabalaa jira. Kana malees fedhiin buna omishuu qonnaan bulaa biratti akka dabalu taasisaa jira. Kanaan dura kan buna dhiyeessus ta’e biyya alaatti ergu qonnaan bulaarraa fuuchaa ture. Qonnaan bulaan buna qulqullina qabu akka dhiyeessuuf fedhiifi faayidaansaa guutamuufii qaba.

Omishni bunaa dinagdee biyya keenyaa utubuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf qonnaan bultoonni 1,000 ta’an eeyyama buna kallattiidhaan alatti erguu akka baafatan ta’eera. Isaan keessaa 100 ol omisha bunasaanii kallattiidhaan erguu jalqabaniiru. Qonnaan bultoota sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti ba’an badhaasuun miirri waldorgommii gidduusaaniitti akka uumamu taasisuuf abbaan taayitichaa hojiilee guguddoo raawwachaa jira.

Bariisaa: Guyyaan Buna Itoophiyaa kabajamuun faayidaa maalii qaba?

Obbo Shaafii: Oromoon bunaafi nagaa hindhabinaa jedha. Mataduree, “Bunaafi nagaa hindhabinaa” jedhuun guyyaan bunaa akka kabajamu kan jalqabsiise Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadi. Guyyaan kun kabajamuu kan jalqabe Oromiyaa, Magaalaa Aggaarootti yoo ta’u, guyyaan kun Naannoo Sabootaafi Sablammoota Kibbaa keessattis iddoowwan adda addaatti kabajamuu ittifufe.

Guyyaan bunaa kun sadarkaa mootummaa Federaalaattis akka kabajamu ta’eera. Yeroo ammaa Guyyaan Buna Itoophiyaa sadarkaa federaalaatti waggaa waggaan kabajamaa jira. Kabaja guyyichaarratti namoonniifi dhaabbileen omishaafi omishtummaa bunaa guddisuu, qulqullinasaa mirkaneessuufi galii damecharraa argamu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisan ni badhaafamu.

Bunni badhaadhina nama dhuunfaas ta’e biyyaa mirkaneessuu keessatti iddoo guddaa waan qabuuf Guyyaan Buna Itoophiyaa Fulbaana 24 bara 2015 Finfinnee Hoteela Sharaatan Addisitti mata duree “Bunni keenya, Wajjummaafi Badhaadhina keenyaaf” jedhuun kabajameera.

Guyyaa Buna Itoophiyaa kanarratti omishtoonni bunaa, alergitoonni bunaa, hojjettoonni misoomaa omishoota bunaa leenjisaniifi namoonni omishaafi omishtummaa bunaa guddisuu, qulqullina bunaa mirkaneessuufi alergii bunaarraa galii guddaa argamsiisuun fakkeenya gaarii ta’an 266 badhaafamaniiru.

Godinaaleen bunni akka hinqisaasofne taasisuufi qulqullina bunaa mirkaneessuu, qonnaan bultoonni buna kilaasteraan omishan, qaamoleen qonnaan bulaa keenya deeggaran, warri buna dhiyeessuun hojii fakkeenyummaa qabu raawwatan badhaafamaniiru.

Abbaan Taayitichaa bara 2015 buna toonii kuma 360 alatti erguun galii sharafa doolaara biiliyoona lama argamsiisuuf karoorfatee hojjechaa jira. Karooricha milkeessuuf hundumtuu gaheesaa bahachuu qaba.

Bariisaa: Buna sona ittidabalanii alatti erguuf sochiin taasifamaa jiru sadarkaa maaliirratti argama?

Obbo Shaafii: Bunatti sona dabalanii gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessuun bu’aa guddaa qaba; gatii gaariittis gurgurama. Hojiin bunatti sona dabalanii gabaaf dhiyeessuurratti jijjiiramni jiraatus bal’inaan hojjechuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Bunatti sona dabalanii gabaa addunyaaf dhiyeessuun hudhaa qaba. Biyyoota buna dheedhii biyyoota buna omishanirraa bitanii sona itti dabalanii gabaa addunyaaf dhiyeessan waliin dorgomuu barbaada. Biyyoonni buna dheedhii nurraa bitan akka nuti buna dheedhii dhiyeessinuuf barbaadu malee akka nuti bunatti sona daballee dhiyeessinuuf hinbarbaadan.

Hudhaa guddaan bunatti sona dabalanii gurguruutiin walqabatee jiru tokko isa kana. Kanaafuu biyyoota buna Itoophiyaarraa bitan haaraa biyyoota Afrikaafi biyyoota bahaa keessaa barbaaduuf hojjechaa jirra. Biyyoonni Afrikaa baay’een bunarra shaayii fayyadamu waan ta’eef gabaa bunaa haaraa barbaaduun rakkisaadha. Kanaafuu buna keenyatti sona daballee erguun hudhaalee gara garaa qabaatus gama kanaan hojiin jalqabame jira.

Bariisaa: Bunni dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee akkamii qaba?

Obbo Shaafii: Bunni dinagdee biyyattii utubuu keessatti sadarkaa duraarratti argama. Hanga ammaatti dinagdee biyyattii utubuun kan dursaa jiru omisha qonnaati. Omisha qonnaa keessaa ammoo bunatu dursaa jira. Omishaalee galii sharafa alaa argamsiisan keessaa %72 kan uwwisu omisha qonnaati.

Alergii omisha qonnaa keessaa %35 kan uwwisee jiru ammoo buna. Baay’ina ummata biyyattii keessaa harki tokko afraffaan galii bunarraa argatuun jiraata. Ummanni miliyoona shan ta’u omisha bunaatiin jiraata. Bunni doolaara argamsiisuudhaan sadarkaa duraarratti argama.

Doolaarri argamu kun ammoo dinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafuu bunni utubaa dinagdee biyya keenyaati jechuun ni danda’ama. Gahee bunni dinagdee biyyaa utubuu keessatti qabu kan biraa waliin kan madaalamu miti. Omishaaleen kanneen akka saliixii, boloqqee, jimaa, abaaboo, albuudaa warqiifaa yoo fudhanne kun hundisaaniiyyuu doolaara miliyoona 500 ol hindabarre. Kanaafuu bunni galii biyya alaa ykn doolaara argamsiisuu keessatti sadarkaa duraarratti argama.

Bariisaa: Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa omishaafi omishtummaa shaayii guddisuuf akkasumas galiin damecharraa argamu akka dabaluuf maal hojjechaa jira?

Obbo Shaafii: Itoophiyaan omisha shaayii Gumaroofi Wush Wush kan invastimantii Meedirookiin omishamuun beekamti. Itoophiyaan lafaafi haala qilleensaa omisha shaayiitiif mijatu waan qabduuf hojii omisha shaayii babal’isuurratti xiyyeeffannee hojjechuutu nurra jiraata. Mootummaanis omishaafi warshaa shaayii kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kenneefii irratti hojjechuu qaba.

Biyyi ollaa keenyaa, Keeniyaan omisha shaayiirraa doolaara hedduu argachaa jirti. Doolaarri Itoophiyaan omisha shaayiirraa argachaa jirtu waan gahaa hintaaneef omishaafi omishtummaa shaayii babal’isuufi galii damecharraa argattu guddisuurratti xiyyeeffattee hojjechuu qabdi. Fedhiin shaayii dhuguu biyya keessaas dabalaa jira.

Omishaafi omishtummaa shaayii babal’isuufi galii damicharraa argamu guddisuuf mootummaan xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjechuu qaba. Waldaaleefi qonnaan bultoonnis omisha shaayii kanarratti bal’inaan hirmaachuu qabu. Godinni Iluu Abbaa Booraa, Wallaggaa, Kibba keessaa ammoo Shakkaan omisha shaayiitiif daran filatamoodha.

Bariisaa: Bu’aan omishaafi omishtummaa mi’eessituuwwanirraa argamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Shaafii: Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa mi’eessituuwwanirrattis ni hojjeta. Biyyattiin mi’eessituuwwan akaakuuwwan hedduu kan qabdu yoo ta’u, abbaan taayitichaa omisha kanarraas bu’aa argachuuf akaakuuwwan guguddoo 16 irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Omishni bunaafi mi’eessituuwwanii yeroo baay’ee walkeessa adeemsifamu. Keessumaa gara kibbaatti mi’eessituuwwan akka kororimaa, irdii, jijinbila, ximizziin biqilaa bunaa waliin walkeessa omishamu. Mi’eessituuwwan kunneen daggala keessattillee ni argamu.

Mi’eessituuwwan akkamitti omisha bunaa waliin walsimanii deemuu akka danda’anirratti leenjiin kennamee karaalee adda addaatiin itti adeemamaa jira. Fakkeenyaaf Wiirtuun Qorannoo Qonnaa Teeppii qorannoorratti hundaa’uudhaan omishaafi omishtummaa mi’eessituuwwanii guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Naannoo Kibba Lixaa Itoophiyaatti Godinni Shakkaa, naannoo Oromiyaatti, Godinni Iluu Abbaa Booraafi bakkaawwan biroon omisha mi’eessituuwwaniif daran mijatoofi filatamoodha. Roozimariin naannawaa Waraabeetti, jijinbilli naannawaa Kambaataa Xambaarrootti baay’inaan omishamaa jira. Irdiinis kutaalee biyyattii gara garaatti baay’inaan omishamaa jira.

Iddoowwan omisha mi’eessituuf mijataniifi filataman qorannoodhaan adda baafnee hojiitti waan seenneef damee kanarraa bu’aa guddaa argachuuf hojjechaa jirra. Mi’eessituuwwan buna waliin qofa utuu hintaane qofaatti adda ba’anii akka omishamaniifis hojiilee gurguddoon raawwatamaa jiru. Omishuu qofa utuu hintaane alatti erguun galii sharafa alaarraa argachuufis hojii guddaan raawwatamaa jira.

Bariisaa: Hariiroon Dhaabbata Gabaa Omishaa Itoophiyaa (‘ECX’)fi Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii gidduu jiru maal fakkaata?

Bariisaa: ‘ECX’n kan bituufi kan gurguru gidduu taa’ee gurgursiisa. Buna omishasaarraa kaasee hanga ergamutti kan hordofuufi to’atu ammoo Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaati. ECXn buna qofa utuu hintaane saliixiifi boloqqees ni gurgursiisa.

Kana malees alergii albuudaafi mi’eessituuwwanii jalqabuuf sochiirra jira. ECXn daldalaafi bitataa walittifiduun sirna gabaa mijeessa. Omishaafi omishtummaa guddisuu, qulqullina omishaalee mirkaneessuun hojii Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii yoo ta’u, sadarkaa qulqullina omishaalee baasee caalbaasii baasuun dorgomsiisee gurguruun ammoo hojii ECXti.

Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Omishaafi omishtummaa guddisuu, qulqullina omishaalee guddisuufi qulqullinasaanii mirkaneessuu, omisha bunaarraa kaasee hanga bunni biyya alaatti ergamutti to’ata. Sanyii bunaa biqilchuurraa kaasee hanga omishamee fayyadamtoota bira ga’utti hojiileen jiran abbaa taayitichaa ilaallatu.

Bariisaa: Omishni bunaa carraa hojii uumuu keessatti gahee akkamii qaba?

Obbo Shaafii: Biqiltuu qopheessuurraa kaasee hanga fayyadamtootaaf dhiyeessuutti bunni nama malee hinhojjetamu. Biqiltuu bunaa qopheessuun, biqiltuu dhaabuun, buna aramuun, buna funaanuun, buna funaaname qoorsuun, buna qoore kuusuun, fe’uufi gurguruun hojii namaan hojjetamu waan ta’eef omishni bunaa carraa hojii dhaabbiifi yeroo bal’aa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba. Carraan hojii kun keessumaa dubartoota fayyadamoo taasisaa jira.

Bariisaa: Bunni hariiroofi tokkummaa hawaasaa cimsuu keessatti gahee akkamii qaba?

Obbo Shaafii: Bunni nu’iif waa sadiidha (aadaadha, dinagdeedha, siyaasa). Bunni aadaadha yoo jennu fakkeenyaaf Oromoon keessummaafi ollaasaatiin koottaa buna dhugaa jedha malee buddeena nyaadhaa hinjedhu. Oromoon keessummaas ta’e ollaasaa nyaataaf yoo waamellee koottaa buna dhugaa jedha. Bunni nyaata kamiin biraayyuu hindhabamu.

Yeroo nama walitti araarsanis bunni hindhabamu. Baadiyyaa mitii magaalaattuu laaqana booda waliin buna dhuguun kan baratameedha. Kanaafuu bunni hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Bunni jabanaa bakka hundatti banamee jiru carraa hojii uumuurra darbee aadaa waliin jireenyaa ykn hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bunni nageenya buusuu keessattillee gahee guddaa qaba. namni wal-lole buna dhugaa haasa’ee rakkoosaa furata. Namni yaadaan waldhabellee buna dhugaa yaadasaa sirriitti walhubachiisa. Bunni bakka cidhaa ykn gammachuu, gaddaa, hojiifi araaraatii hidhabamu.

Kanaafuu bunni aadaafi eenyummaa keenya. Bunni keessumaa aadaa Oromoo ibsuu keessatti qooda olaanaa qaba. Oromoon loon dhalte yeroo dhaabbatu, yeroo cidhaa, buna qalaa qopheessa. Ummanni addunyaa akkaataa itti bunni biyya keenyatti itti danfuufi dhugamu baay’ee ajaa’ibsiifata. Lammiin biyya alaa gara Itoophiyaa gaafa dhufu buna jabanaa nu waliin taa’ee dhugaa jira. Kanaafuu bunni aadaa, duudhaafi eenyummaa keenya ibsuu, hariiroo keenya cimsuufi tokkummaa keenya jabeessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bariisaa: Rakkooleen omishaafi qulqullina bunaan walqabatanii mul’ataniifi kallattiiwwan furmaataa kaa’aman maalfaadha?

Obbo Shaafii: Rakkooleen omishaafi qulqullina bunaan walqabatanii jiran hedduudha. Rakkoon qulqullina bunaa mikaneessuun dhimma ijoo xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjechuu barbaaduudha. Rakkoo qulqullina bunaa furuuf qonnaan bulaan bunasaa qulqullinaan funaanuu, qoorsuufi kuusuu qaba.

Warri buna dhiyeessanis qulqullina bunaa eeganii sirnaan qabuu, geejjibuufi kuusuu qabu. Warri buna biyya alaatti erganis qulqullina bunaa eeguu qabu. Sadarkaan qulqullina buna keenyaas fooyya’uu qaba. Sadarkaan buna keenyaa gara sadarkaa tokkoffaafi lammaffaatti fooyya’uu qaba. Kun hojii guddaa nu gaafata.

Omishaafi omishtummaa guddisuudhaaf ammoo buna dulloomaa gamashuu, kilaastaraan dhaabuu, sanyii buna fooyya’aa baay’isuufi qonnaan bultootaaf raabsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Buna bal’inaan omishuuf fedhii biyya keessaafi biyya alaa guutuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Qisaasama bunaa hir’isuufi daldala seeraan alaa bunarratti raawwatamu ykn kontrobaandii bunaa to’achuufi ittisuurrattis xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Omishtoonni bunaa, dhiyeessitoonni bunaafi alergitoonni bunaa sadarkaa sadarkaan jiran qabsoo kontrobaandii bunaarratti bal’inaan hirmaachuu qabu.

Riifoormii amma jalqabameen hojiin sirna gabaa bunaa fooyyessuus xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamaa jira. Riifoormii jalqabame dhugoomsuudhaan waldaaleen buna omishan, buna dhiyeessan, buna biyya alaatti ergan, buna akaa’aniifi daakanii gabaa biyya keessaafi biyya alaatiif dhiyeessan bal’inaan irratti hirmaachuu qabu. Riifoormichi hojiirra ooluu erga jalqabee bu’aalee gurguddoon galmaa’aa jiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You