Qormaata kutaa 12ffaa bara 2014fi qophii barattootaa

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Fulbaana 30 irraa kaasee kennamuuf manneen barnootaa barattootasaanii qopheessuun akkasumas barattoonni qophii gochaa jiraachuun ni beekama.

Gaazexaan Bariisaas barattoonni mana barnootaa akkuma biyyaattuu barattoota ciccimoo horachuun maqaa guddaa qabuu, Mana Barnootaa Bultii Addaa WMO qophii akkamii akka taasisan Daarektara Ittaantuu Mana Barnootichaa; Meetii Taayyee Kumsaafi barattoota lama wajjin turtii ittaanu taasiseeraa yaadisaaniis kunooti.

Meetii Taayyee

Barattoonni keenya haala addaatiin qophii gochaa jiru. Guyyaan qormaanni kun itti kennamu waan duraan dafee hinmurtoofneef hanga Waxabajjii bara 2014tti qophii gochaa turan.

Caamsaafi Adoolessa keessa qormaata moodeelaa qoramaniiru. Waan qormaatichi baranatti ce’eef gara maatiitti akka galan taasisne.

Turtii torban sadii booda gaafa guyyaa qormaataa baramu barattoonni keenya Hagayya 13 bara 2014 mooraatti deebi’an.

Guyyaa eerame kanarraa kaasee sagantaa addaa qopheessinee, yeroon yeroo gannaafi boqonnaa waan ta’eef barsiisonnillee torban lama booda akka hojiitti deebi’an erga taasinsee booda sagantaa barattoonni ittiin qayyabatan, deeggarsa, hordoffiifi to’annoof sagantaa sa’aatiidhaan yeroo sochii qaamaa (ispoortii), dhiqannaa, ciree, qayyabannaa jennee qoodnee qopheessine. Bakki isaan itti dubbisan, laayibirariinis jira.

Warra laayibirariin hinmijanneefiif ammoo daree barnootaa mijeessineerra. Kanaaf bakki isaan itti qayyabatan addaan bahee beekama jechuudha.

Kanaaf bakki dubbisaa ykn qayyabannaa laayibirarii ykn daree haalli mijaa’eefitti jechuudha. Sa’aatii 1:45 hanga 4:15tti barataan kamuu akkuma daree barnootaatti to’atamaafi hordofamaa qayyabata.

Yeroo eerame kana keessatti bahuun hindanda’amu. Sana booda daqiiqaawwan 30f boqonnaa qabu. Sana booda gara qo’annaasaaniitti deebi’anii hanga sa’aatii 6:30tti qayyabatu.

Sa’aatii 6:30 hanga 8:00tti laaqanaaf bahu, yeroo boqonnaatisi. Waaree booda sa’aatii 8:00-10:00tti laayibirarii jiru. Sa’aatii 10:00 irraa kaasee akkuma kan ganamaa daqiiqaa 30f boqonnaa qabu.

Deebi’anii hanga sa’aatii 12:00tti deebi’anii dubisu. Adeemsi kun hanga waarii sa’aatii 4:00tti; darbees barataan hanga sa’aatii 6:00tti laayibirariitti qo’achuu barbaadu ittifufa. Kanneen gareedhaan qayyabachuu barbaadaniifis ni eeyyamama.

Walumaagalatti hanga halkan keessaa sa’aatii 6:00tti laayibirariin banaadha. Yeroo kanatti barataan kamuu daree ykn doormii keessa naanna’uu hindanda’u.

Kanarrattis dursinee orranteeshinii kennineerraaf. Kanaaf daarektaronni, barsiisonni naannawuma sana jirra.

Barana barattoota shamarranii 30fi dhiira 46 qabna. Barsiisaan tokko barattoota shan akka hordofu goonee qoodne ykn kennine.

Barsiisaan kun ni gorsa, ni jajjabeessa, ni to’ata, deeggarsa barbaachisu ni taasisa. Kanaaf barsiisonni haala kanaan barattootasaanii hordofu, ni mariisisu, haala isaan irra jiran ni ilaalu, yoo rakkoon mudate ni furuuf, yoo humnasaaniitii ol ta’e ammoo mana barnootaatiif gabaasu.

Kun hojii barsiisonni torbanii hanga torbaniitti dabareedhaan hojjetaniidha. Haala isaan ittidubbisan ni hordofu, ni to’atus. Laayibirariifi doormiitti qo’achaa jiraachuunsaanii sirnaan duukaa bu’ama.

Barattoota keenya haala kanaan deeggaraafi qopheessaa jirra. Fulbaana 4 hanga 7 bara 2015 qormaata moodeelii marsaa 3ffaaf qorreerra. Kanaanis qabxiinsaanii gaarii ta’uu madaalleerra.

Kan nama gammachiisuudhas. Barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa WMO kunniin Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti qormaaticha fudhatu.

Nuti akka mana barnootaatti waan barbaachisu hunda barattoota keenyaaf gochaa turre. Ogeessa xiinsammuullee (saayikolojistii) muuxannoo qabuufi sadarkaasaa eeggate afeerree akka barattoota keenyaaf muuxannoo qoodaniifi gorsan darbees jajjabeessan taasisneerra.

Barattoonni mana barumsichaatii bahanii yunivarsitiitti barataa jiranillee barattoota keenya kallattiin akka deeggaran taasisneerra.

Hoggansi olaanaan WMOfi barsiisonni yeroo ayyaanaa barattoota kanneen wajjin akka maatiitti dabarsanii onnachiisaniiru. Waanti barbaachisu hundi taasifamaa ture, jiras.

Kanatti dabalee maatiin dursee bilbilee ijoolleesaa jajjabeessuu qaba. Maatiidhaan adaraan jedha. Yeroo qormaataatti bilbila qabatanii seenuun akka hindanda’amne hubatamee maatiin garanumaa ijoolleesaa onnachiisuufi ofiifis tasgabbaa’ee ijoollee tasgabbeessuu akkasumas akka Rabbi kadhachuufi qaba.

Barattoonni keenya mobaayilii fudhatanii seenuun akka hindanda’amne ittihimamee waan of amansiisaniif ijoolleen haala gaariirra jiru; of qopheessaniirus.

Ijoollee haala kanaan ittidhamaane hundasaaniirraa qabxii gaarii eegna. Akka isaan qabxii olaanaa galmeessisanis shakkii hinqabu.

Qophii gahaa waan taasisaniif kanin gorsu sodaa tokko malee tasgabbaa’anii akka qormaaticha hojjetan qofa. Barattoota qormaata kana fudhatan maraaf carraa gaariin hawwa.

Barattoota

Barattoonni Geexee Boonaafi Barakat Kabbadaa (lamaanuu barattoota saayinsii uumamaati) yaada haala qopheessaaniirratti Bariisaaf kennaniin waan ittaanu jedhaniiru.

“Sagantaa qayyabannaa nuu qophaa’een qormaatichaaf qophii bareeda taasisneerra. Mana dubbisaattis sirnaan fayyadamaa jirra.

Yeroon qisaasa’uu hinjiru. Barsiisonni keenya biraas deeggarsa gaarii argannee of qopheessaa jirra.

Qormaatichi yunivarsitiitti kennamuusaa fudhannee qorqalbiidhaan akka gaariitti of qopheessineerra. Yeroo ga’aas argannee, qormaatawwan moodeeliis fudhannee qormaaticha fudhachuuf guyyaasaa eegaa jirra.

Kan mana barnootaa keenyatti barame qabxii olaanaa fiduu waan ta’eef nutis qabxii olaanaa galmeessisna”.

Nutis garanumaa barattoota kanneeniifi warra barana qormaata kutaa 12ffaa fudhatan maraaf carraa gaarii hawwina!

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You