Kilaboota guguddoo liigichaa afur kan walmorkachiisu; tapha Pirimeerligii Ingiliiz torbee 9ffaa

Finfinnee: Barana taphoota torba taasiseen ja’a injifachuun tokko injifatamuun liigicha qabxii 18n kan dursu kilabni Arsenaal, darbii isaa kan London kaaba Tootanihaamiin Istaadiyemiisaa Imiretirratti kan keessummeessu yemmuu ta’u, dorgommii cimaan gidduu kilaboota lamaaniitti gamanumaan eegamaa jira.

Kilabootni lachuu seenaa pirimerliigiitiin yeroo 61ffaa walarguuf kan deeman yeroo ta’u 22 Arsenaal injifachuun, yeroo 15n injifatamuun, yeroo 23 ammoo qabxii qooddachuun gargar bahaniiru.

Taphoota akaakuu hundaan yeroo 76 Arsenaal injifachuun yeroo 61 ammoo injifatamuun yeroo 51 qabxii qooddachuun gargar bahaniiru.

Haarii Keen darbii kanaan goolii 13 galchuunis dursa. Leenjisaan Arsenaal Mikaa’el Artettaan dursummaa itti fufsiisuuf yoo taphatu, Antooniyoo Koonteenis darbicha injifachuuf akkasumas sadarkaa ol butachuuf morkata. Taphichis Sambata sa’aatii 8:30 irraa eegaluun taphatama.

Darbii Manchuuriyaaniitiin immoo Liigicha sadarkaa 2ffaadhaan dursaa kan jiru kilabni Maanchister Siitiin masaanuusaa Maanchistar Yuunaayitid dirreesaa, Itihaaditti ni keessummeessa.

Liigicha leenjisaa haaraan kan eegale kilabni Maanchistar Yuunaayitid jalqabbii irratti walitti aansee mo’amaa kan ture ta’us, taphoota muraasaan booda garuu kilaboota guguddoo kanneen akka Liverpuuliifi liigicha dursaa kan jiru Arsenaaliin goolii bal’aa ta’een injifachuudhaan liigicharratti dorgomaa waancaa cimaa ta’uusaa agarsiisaa jira.

Taphichi Dilbata galgala sa’aa 2:30tti kan adeemsifamu yemmuu ta’u, tapha ‘nation cup’ irratti gahuumsa gahaa kan hin argisiifne Kiristaanoo Roonaaldoon immoo taphicharratti carraa hirmaachuu akka qabu himamaa jira.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015

Recommended For You