Waggoota muraasa dura namootni karoora waggaa haaraaf baafatanii kan milkaa’anis ta’e waan karoorsan utuu hojiitti hinhiikin hafan kanaafis sababoota adda addaa kan kennan hedduudha.
Bara darbe namni tokko akkas jedhe, “Waggaa haaraarraa eegalee wantan qabu qusannoon fayyadamuufi fayyaa koos sirriitti eeggachuuf karoorri baafadhe daran na gargaareera. Keesumaa gama fayyaa kootiin sakatta’iinsa taasifadheen dhukkubni naa miidhuuf ture akkan dafee baruuf yaalamee fayyu ta’eera.
Inni kun karooran waggaa darbe baafadhee, karoora koos hojiitti hiikuun fayyadameedha” jedhu. Kaanis, “Mana ijaarrachuuf horii hinqabun ture. Haa ta’u malee karoora koo bara darbee keessatti yeroo jalqabaaf qusannoo eegaluun, araada bara dheeraa na dararaa turerraas hiikamuuf yaaliin godheen milkaa’ee yoon guutummaattillee maallaqa mana ijaaru walitti qabachuu dadhabe waggaa muraasa keessatti nama mana maatiisaa ittigalfatu ijaarratu ta’uuf haalotni waggaa darbanii abdii guddaa natti horanii darbeera” jedhe.
Namootni tarii araada dhugaatiitiin dararamaa turan karoora waggaa keessatti baafataniin kanneen milkaa’an keessaa barreeffama xiqqoo tokkorratti akkas jedhanii utuu barreessanii argeera, “Yeroo jalqabaatiif karoora baafadhee, karoora koo kanas hojiitti hiikuuf waggaa guutuu yaalii taasiseen dhugaatii bara dheeraa horii na harka duguuge, mana koo daarse keessaa ba’uun jireenya koofi jireenya maatii koorratti jijjiiramni guddaan akka dhufu taasiseera.
Yeroo ammaa hirriba gaariin qaba; nagaan qaba; galiin koo sirriitti nagargaareera. Kanaan dura hirriba hinqabun ture. Amma garuu dhugaatii qofa utuu hinta’in bunaafi shaayee kanaan dura halkan hirriba na dhorkan ergan dhiisee as hirriba sirriin qaba. Kunis akka tasaa kan ta’e utuu hinta’in waggaa haaraatti karoora sirrii baafachuun, karooran baafadhe ammoo sirriitti hojiitti kiikuun rakkoo bara dheeraa waggaa tokko keessatti keessaa ba’uu danda’eera” jedhe.
Keessumaa namoota karoorri hangam akka isaan gargaare dubbattan keessaa tokko akkas jedhu, “Waggaa darbe dura hojiin koo walfakkaata. Hojii tokkon hojjedha ture. Hojii walfakkaataafi nuffisiisaa. Ganama hojii dhaquu, galgala mana dhugaatii, mana sirbaa turuu. Kun waggoota dheeraaf naa wajjin ture. Qaama amala kootiis ta’ee naa wajjin jiraate.
Waggaa darbee eegalee garuu adeemsan bara dheeraaf deeme kanattii hiikamuufi, jireenya xiqqoo ishee kana irraa adda ta’e jiraachuuf karooran baafadhe daran na gargaare. Haalaan bara dheeraaf keessa jiraachaa ture kana geeddaruuf ciniinnadhee ka’uun koo daran na milkeesse.
Hojii walfakkaataa keessa oolanii buluu keesssaa akkan ba’u na taasise. Bakkan mana dhugaatiifi sirbaatti dhiisisu akkan taa’ee barreessu, akkan deemee namoota gaafadhu, akkan firoota haaraa horadhu, akkan maatiifi ollaa koo wajjin jiireenyan waggoottan kudha shanii oliif hinbeekne akkan eegalu na taasiseera”.
Isaan kunniin tarii namoota muraasa. Utuu namoota hedduu gaafannee, qorannee waan hedduu dubbachuu danda’u. Gaaffii guddaan garuu nuti barana maal gochuuf karoorsineerra? Karoora qabnu ammoo hangam hojiitti hiikuuf yaalii taasifna? Yeroon ammaa kun namoota karoora baafannee haala keessa jirru geeddaruuf, jireenya keenyarrattis ta’e hawaasa keessa jirrurratti dhiibbaa gaarii fiduuf qophoofneefis ta’e tarii namootni karoora hinqabne, akkuma bara darbeetti jiraachuuf itti seenneef yeroon isaa hindhiine, hinfagaanne.
Namoota karoora qabnuuf siirriitti hojiitti hiikuun dhiibbaa gaarii jireenyaafi bara keenyarratti fiduuf yeroonsaa har’a. Namootni tarii hinkaroorfatin jirrus yoo ta’e karoora jijjiirama jireenya keenyaa, maatii keenya, hawaasa keenyaafi biyya keenya irratti fiduu danda’u sirriitti karoorfachuuf yeroon isaa hindarbine, Amma eegaluu dandeenya.
Dhoksaansaa inni guddaan garuu jabaatanii hojiitti geeddaruu danda’uudha. Haa ta’u malee bara dhufu kana keessatti attamitti karoora baafannu hojiitti hiikuun milkaa’uu dandeenya? Gaaffiilee kanneeniifi kkf irratti xiyyeeffachuun hojjechuun gaariidha.
Akkuma beekamu yeroo karoorsinu wantootni hinjijjiiramne nijiraatu. Haa ta’u malee jireenya keenyarratti dhiibbaa gaarii fiduuf kanneen jijjiiramuu qaban, kanneen fooyya’uu qaban mararratti gara laafina malee hojjechuun barbaachisaadha. Dhaabbileen gara garaas akka bara darbeetti hojjechuun jijjiirama addaa eeguun hindanda’anu.
Dhalli namaas akka bara darbeetti, haala bara darbee keessa jiraachuun jijjiirama addaa eeguun gowwummaadha. Kanaaf utuu yeroon jiruu ofirratti hojjechuun, haala ittiin qabamnee jirru keessaa ba’uun barbaachisaadha. Inni kun garuu amanamummaa gaafata.
Wantoota hojjennu jabaannee itti yaadnee hojjechuu gaafata. Wantoota yeroo barbaadaniif yeroo kennuun irratti hojjechuu barbaada. Wantoota raawwatamuu qaban keessaa kan hatattamaan raawwatamaniifi kan yeroo fudhatan adda baasanii beekuun barbaachisaadha.
Fakkeenyaaf jireenya keenya keessatti ta’e hojii keenya keessatti kanneen ammuma jijjiiramuu qabanis ta’e kan yeroo fudhatan maal akka ta’an adda baafachuun jabaatanii irratti hojjechuun murteessaadha.
Ittifufuun bara dabarsine keessattillee rakkoolee nu mudatan, jabina keenya, dadhabina keenyaafi kkf sirriitti adda baafachuun barbaachisaadha.
Darbees wagga keessa jirru kanatti hojii hojjechuu qabnuuf galma sirrii qabaachuun murteessaadha. Tarii dhaabbata keessa jirrutti jijjiirama fiduuf kan karoorfannu yoo ta’e hojjettoota waliin hojjennu irrattillee hojjechuun, akka isaan rakkoolee bara darbe nu mudatan, rakkooleen kun ammoo kan irraa baratanii darban malee dhiibbaa alta’umsa bara keessa jirru irratti akka hingeessisne irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Namootni nuu wajjin hojjetanillee eessaa garamitti akka deemaa jirru sirriitti akka hubatan gochuun, duraan dursinee tarii isa kana beekuusaanii gaaffiilee gara garaa kanneen akka “Eessaa garamitti deemaa jirra?” jedhu kaasuun akka itti yaadan, hangam akka isaan taarsiimoo dhaabbatichaafi galma sirrii akka hubatanii hojjechaa jiran beekuun barbaachisaadha. Hundumtuu karoora jiru beekuun, duraa duubaan wantoota hojjetamuu qaban sirriitti adda baafachuun murteessaadha.
Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan yeroo keessa jiranitti fayyadamuu dhiisuun, karoora sirrii qabaachuu dadhabuun haala bara darbee qofaan takaalamanii waa’ee isa darbee qofa mammaakaa akka hafan nama taasisa. Namni jireenyasaarratti dhiibbaa gaarii geessisuu barbaadu isa kana keessaa ba’uun murteessaadha.
Rakkoo bara darbee qofatti yaadni keenya akka hidhamu wantoota taasisan irraa of eeggachuun barbaachisaadha. Haa ta’u malee haalotni nuti dabarsine haala keessa jirrurratti dhiibbaa kan geessisu ta’uu hinqabu.
Haalli keenya kaleessaa har’a keenya kan mancasuu ta’uun irra hinjiraatu. Nama isa kaleessaatiin takaalamee isa har’aa dagatu ta’uu hinqabnu. Inni kaleessaa dhagaa yaabbannoo malee dhagaa ulfaataa har’a gadi nu qabu ta’uu hinqabu. Sababiinsaas daandii nuti irra dabarre har’aaf kan nu gargaaru, caalaatti kan nu jabeessu malee humna haala nuti keessa jirru dadhabsiisee egeree keenya miidhu akka ta’uuf heeyyamuu hinqabnu. Rakkoon namoota hedduu isa kana. Rakkoo bara darbeetiin barana rakkattu. Isa kana furuun murteessaadha.
Egaa jijjiiramni akka amala keenya, ilaalcha keenya, haala keessa jirru irratti dhufuuf jabaannee hojjechuun murteessaadha. Karoora akka dhuunfaattis ta’e akka waajjiraatti qabaachuun barbaachisaadha. Wanti dagatamuu hinqabne jijjiiramni seera jireenya ilmaan namaati.
Namni egeree isaa jijjiiruu barbaadu isa darbe qofa irratti kan xiyyeeffatee isa har’aa dagatu utuu hinta’in isa darberraa muuxannoo fudhatee egeree isaa kan ittiin jijjiiru ta’uun murteessaadha. Kanaaf isa darbe irratti xiyyeeffachuun yookaan isa borii qofa abjoochuun utuu hinta’in har’a jabaatanii hojjechuun murteessaadha. Inni darbe asiin nu ga’eera. Har’a garuu jabaannee hojjechuun borii keenya geeddaruun ga’ee keenya.
Walumaagalatti jijjiiramni seera uumamaati. Seera jireenya ilma namaati. Haa ta’u malee jijjiiramniifi aarsaan gar-gar hinba’an. Beekaan saayinsii Albert Inisteeyin namni jedhamu, “Beekumsi kan ittiin lakkaa’amu dandeetti nuti jijjiiramaaf qabnu” jedha. Kanaafis haala kaleessaa irraa ilaalcha adda ta’e, karoora adda ta’e, adeemsa adda ta’e, raawwii adda ta’e irratti xiyyeeffachuun murteessaadha. Isa darbeef utuu hinta’in isa dhufuuf wal’aansoo qabuun gariidha. Kaleessa milkaa’uu dadhabuun boris milkaa’uu dadhabuu miti, Ammas jabaadhuu karoorsi, jabaadhuu hojjedhu wantootni hinjijjiiramne hinjiran.
Namootni dhaabbata har’a addunyaa kanarratti dhiibbaa guguddaa geessisaniifi bu’uuressan hedduun milkaa’ina dhabuun maal akka ta’e namoota beekaniidha. Fakkeenyaaf dhaabbata ‘Starbucks’ jedhamu namootni hundeessan kufuun maal akka ta’e beeku.
Har’a garuu eessa akka jiru nibeekna. Kufaatiin qabamee hinhafne. Kaleessaan xaxamee har’a hindhaabanne. Tarii wantootni bara darbe nu takaalanii deemsa nu dhorkan baranatti akka nu wajjin hintarre of eeggachuun barbaachisaadha. Yoo akkas ta’e injifatoo taana. Namoota of jijjiiran taana. Jijjirama of irratti fiduun jalqaba jijjiirama biyya lafaa irratti fiduu ta’uu isaa dagachuu hinmallu.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0