Guyyaan Buna Itoophiyaa mataduree “Bunni keenya Wajjummaafi Badhaadhina keenya” jedhuun torban darbe Finfinnee Hoteela Sharaaten Addisitti kabajameera. Kabajni guyyichaa marii paanaaliitiin kan jalqabe yoo ta’u, xumurarratti omishtoonni, dhiyeessitoonniifi alergitoonni bunaa akkasumas dhaabbileen omishaafi omishtummaa bunaa guddisuu, qulqullinasaa mirkaneessuufi galii sharafa alaa bunarra argamu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisan 266 badhaafamaniiru.
Guyyaa Buna Itoophiyaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaatiin qopha’e kanarratti Pirezdaantiin mootummaa RFDI Saahlawarqi Zawudee akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya argama bunaati. Omishni bunaa dinagdee biyyattii utubuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Omishaalee qonna gara biyyoota alaatti ergamuun galii sharafa alaa biyyattiif argamsiisan keessaa %35 kan ta’u omisha bunaarra kan argamu ta’uu eeraniiru.
Deggersa Ministeerri Qonnaa omishaafi omishtummaa bunaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuif taasisaa jiru jajjabeessaa ta’uu himanii, omishtoonni bunaas teknolojii qonnaatti fayyadamuun kilaastaraan omishuufi qulqullinaan dhiyeessuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Daariktarri Bunaafi Shaayii Itoophiyaa Doktar Addunyaa Dabalaa akka jedhanitti, Guyyaa Buna Itoophiyaa kabajuun bunni keenya caalaatti sadarkaa addunyaatti akka beekamu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Abbaan taayitichaa bunarraa qofa utuu hintaane omishaalee shaayiifi mi’eessituuwwanirraas bu’aa fooyya’aa akka argamuuf hojiilee jajjabeessoo raawwachaa jira.
Bara 2014 Itoophiyaan buna toonii kuma 300 biyyoota alaatti erguudhaan doolaara biiliyoona 1.4 kan argatte ta’uufi kunis bu’aa dhamaatii omishtootaafi alergitoota bunaatiin argame ta’uufi hojiin omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’us gahaa akka hintaane himaniiru.
Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen akka jedhanitti, dameen qonnaa dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa qaba. Bara darbe rakkoolee hedduu keessa taanee bu’aalee jajjabeessoo galmeessisneerra. Alergii omisha bunaarraa galii sharafa alaa doolaara biiliyoona 1.4 argameera. Bunni omishaalee qonnaa sharafa alaa biyyattiif argamsiisan keessaa adda durummaan kan eeramu waan ta’eef omishaafi omishtummaa bunaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Hojgeggeessaa ‘Mullege Private Limited Company’ Obbo Musxafaa Awwal akka jedhanitti, buna biyya alaatti erguu erga jalqabanii waggoota 30 lakkoofsisan yoo ta’u, bara darbe buna baay’inaan gara biyya alaatti erguufi galii sharafa alaa guddaa argam,siisuun badhaafamaniiru. Kaampaanichi erga hundaa’ee waggoota 60 yoo ta’u, kaampaanichi akaakayyuu isaaniitiin hundaa’ee isaanitti kan darbe ta’uu eeraniiru.
Dhaabbatichi bara darbe dhaabbilee obbolaa waliin ta’uun ta’uun buna toonii kuma kudhan biyya alaatti erguun doolaara miliyoona 40 biyyattiif argamsiisuun kan badhaafame ta’uu himanii, kaampaaniinichi yeroo ammaa lafa heektaara kuma tokkorratti buna omishaa jiraachuufi buna qulqullina qabu baay’inaan gara biyya alaatti erguufi galii sharafa alaa guddaa argamsiisuun kan badhaafame ta’uufi bara dhufu ammoo bu’aa kana caalu galmeessisuuf kan hojjetan ta’uus himaniiru.
Bunni Itoophiyaa gabaa addunyaarratti baay’ee kan barbaadamu ta’uu kan himan Obbo Musxafaan, qulqullinnisaa garuu sadarkaa barbaadamurra kan hingeenye. Buna keenya sadarkaa addunyaarratti dorgomaa taasisuuf qulqullina bunaa mirkaneessuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Qulqullina bunaa mirkaneessuuf teknolojii ammayyaatti fayyadamuu, biqiltuu bunaa eeguufi kunuunsuu, bunni yeroo diimatu eeganii funaanuu, qoorsuufi kuusuu waan gaafatuuf qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiran dhimma kanarratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Hojigeggeessaan ‘Kechanshe Trading PLC’ Obbo Isiraa’eel Dagafaa badhaafamtoota Guyyaa Buna Itoophiyaa baranaa keessaa tokko yoo ta’an, dhaabbannisaanii omisha bunaafi alergii bunaatiin bu’aa argamsiiseen badhaasa waancaafi medaaliyaa argateera. Dhaabatichi bara 2014 alergii bunaarraa doolaara miliyoona 101 biyyattiif argamsiisuudhaan tokkoffaa ba’uun badhaafameera. Badhaasichi haamilee guddaa kan isaaniif kenne ta’uufi bara ittaanu bu’aa olaanu argamsiisuuf kan isaan kakaasu ta’uu himaniiru. Dhaabbatichi kanaan duras sadarkaa tokkoffaa ba’uun badhaafamaa turuus eeraniiru.
Mootummaanis qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira kan jedhan Obbo Israa’eel, qonnaan bultoonni kanaan dura omisha bunaarraa galii gadaanaa argachaa turan yeroo ammaa gatii gaariitti gurgurachaa jiru. Dhaabbatichis omishtoota bunaa akka miseensasaatti waan ilaaluuf fayyadamummaasaanii mirkaneessuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Yeroo ammaa jiruufi jireenya qonnaan bultootaarratti jijjiiramni guddaan mul’achaa jiraachuufi baay’eensaanii gara invastimantiitti kan ce’an ta’uu himaniiru.
Dhaabbatichi teknolojii qonnaa fayyadamuudhaan Godina Jimmaafi Gujii keessatti buna omishaa jiraachuu himanii, teknoloojii kanaan jallisii fayyadamuudhaan gaaddisa tokko malee buna sararaan lafa diriiraarra dhaabuudhaan waggaatti yeroo lama irraa funaanaa jiraachuu dubbatu. Tekinolojii kana Biraziilirraa waraabuun itti fayyadamaa kan jiran ta’uufi kanaanis bu’aa olaanaa argachaa jiraachuu himu.
Qulqullina bunaa mirkaneessuun galii bunarra argamu guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf dhaabbatichi qulqullina bunaatiif iddoo olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu himanii, qulqullina bunaa mirkaneessuun sadarkaa bunaa gfooyyessuudhaan gatii guddisuun fayyadamummaa omishtootaa, dhiyeessitootaafi alergitootaa kan guddisu ta’uus dubbataniiru.
Badhaasichi ittigaafatamummaa dabalataa fudhatanii hojjettootaafi qonnaan bultoota waliin ta’uun gara fuulduraatti bu’aa olaanu galmeessisuuf akka hojjetaniif kan isaan onnachiisu ta’uus dubbataniiru.
Hojigeggeessaan Dhaabbata ‘Dambi Uddo Agro Industry ykn Sookoo Coffee’ Obbo Turee Waajii badhaafamtoota keessaa isaan tokko. Obbo Tureen Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, iji bunaa tokko nuuf akka warqiiti dhaabbatichis kanarraa ka’uun biraandiisaa ‘Sookoo Coffee’ jedhee moggaase. Dhaabbatichi erga hundaa’ee waggaa shan yoo ta’u, buna biyya alaatti erguu erga jalqabee ammoo waggaa afur yoo ta’u, hanga ammaatti alergii bunaarraa doolaara miliyoona sadii agamsiiseera. Dhaabbatichi buna gabaa addunyaarratti gatii guddaadhaan gurguruun kan badhaafame ta’uu himu.
Bunni dhaabbatichi gabaa biyya alaatiif dhiyeessu addunyaarratti maqaa guddaa qaba. Dhaabbatichi bara darbes buna kiiloo tokko gatii olaanaatti gurguruudhaan sadarkaa sadaffaa ba’uun badhaafameera. Buna jechuun addunyaadhaaf boba’aa jechuudha. Keessumaa ummanni biyyoota guddatanii buna malee socho’uu hindanda’an; buna utuu hindhugin oolanii hinbulan. Kun ammoo nu’iif carraa guddaa waan ta’eef omishaa buna guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuurratti xiyyeeffannee galii guddaa irraa argachuuf kaka’umsa olaanaan hojjechuu qabna jedhu.
Dhaabbatichi galii alergii bunaarraa argatuun miseensotasaa deggeraafi waggaa waggaan sheerii kaffalaafii jiraachuu himanii, qonnaan bultootaafis daandiifi mana barumsaa ijaaruun qonnaan bultootas deggeraa jira. Dhaadannoo dhaabbatichaa keessaa tokko “Bunaaf Nagaa Hindhabinaa” kan jedhu yoo ta’u, buna qulqullina qabu baay’inaan akkasumas karaa ittifufiinsa qabuun gabaa addunyaaf dhiyeessuufi bosonni akka hinciramne taasisuun hojii dhaabbatichi irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru ta’uu himaniiru.
Jiruufi jireenyi qonnaan bultoota bunaa jijjiiramuufi fooyya’uu qaba kan jedhan Obbo Tureen, omishaafi omishtummaan bunaas dabaluu qaba. qonnaan bulaanis omisha bunaa gatii gaariitti akka gurguratuuf Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayiifi sektaroonni qonnaa qindoominaan irratti hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Dhaabbatichi omisha bunaarratti karaa baratameen utuu hintaane karaa hinbaratamneen sona itti dabalee gurguruudhaan bunarraa galii fooyya’aa argachuuf kan hojjetu ta’uu himanii, dhaabbatichi omisha bunaa kana Awurooppaa, Ameerkaa, Kooriyaa Kibbaa, Chaayinaafi Awustiraaliyaatti ergaa kan jiru ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0