Irreecha hangafaafi xiiqii; Irreecha Hora Finfinnee

Dirree tokkummaafi jaalalaa, galateeffannaa, kabajaafi ulfina waaqaa Irreecha.

Oromtichi jiruufi jireenya isaa keessatti waan dalagu mara sirna ittiin gaggeessu, kan safuufi safeeffannaa of keessaa qabu Waaqa isaa uumaa Ardii kanaa ta’eef yeroo mara iddoo guddaa kan kennuudha.

Kun akkuma jirutti ta’ee Oromoon haala kana ittiin jiraachuu keessatti rakkoo tokko malee akka fedheefi akka isa barbaachisetti raawwataa hin turre.

Oromoon erga bara Mootummaa Minilikii kaasee hanga bara kufaatii Dargiitti mudannoowwan adda addaa, madaa mar’ummaanii itti ta’uun hin irraanfatamne hedduu keessa darbee asga’e.

Eenyummaafi Aadaa isaaf jedhee, qe’ee irra jiraatu irratti dararamaafi itti wareegamaa ture.

Haa ta’u malee, Oromoon aadaasaa, ibsituu maalummaasaa kan taate kana qabatee hanga kufaatii mootummaa abbaa irreetti deebisee guddifachuuf hiree dhorkamee ture.

Qabsoon ummata Oromoo Jaarraa lakkoofsise amma illee manii isaa gahuu baatus, wal’aansoon aadaa Oromoo guddisuu kun cimee itti fufee jira.

Calaqqisiistuu Oromummaafi aadaa ganamaa sabichaa keessaa inni tokko Irreechaa; sirna Galateeffannaafi Waaqeffannaa Oromooti.

Sirna Galateeffannaafi Waaqeffannaa ummata Oromoo kan ta’e Irreechi kun immoo Sirna Gadaa Oromoo keessatti iddoo guddaa kan qabuudha.

Sirni Gadaa Oromoo waa hunda Oromoon dalagu, Aadaa, jireenya hawaasummaa, diinagdee hawaasichaa, Sirna Bulchiinsaa ykn Siyaasaa akkasumas, amantaafi wanneen kanaan walitti hidhata qaban sirritti ijaaramanii kan keessatti mul’ataniidha.

Haala kanaan Jaarmiyaalee sirna Gadaan ijaaraman keessaa Kan Aadaan Uummatichaa keessaan mul’atu, beekamu, daddarbu keessaas Irreechi isa tokko.

Kanaaf haala kanaan Oromoon waaqeffata. Oromoon osoo amantaan kamillee biyya keessa hin seeniin bifa kanaan Waaqa tokkicha kadhata, galateeffata, kanaaf Oromoon Waaqeffataadha jedhu hangafootni seenaa.

Waqtiin gannaa kan beekamu, rooba cimaa, daandiin irra deemanii gabaa dhaqan dhoqqaa’ee, malkaan ce’umsaa bishaaniin guutee, lagnis gara malee guutee riqicha harkisee kuffisee wal argeen addaan itti citee turuudha.

Abdiin qonnaan bulaa gara firiitti jijjiiramee kan mul’atu hoggaa midhaan baalaa sun hudhee, daraaraa facaafatee mul’atu, birraa keessadha.

Birraan bari’uu, dukanni gannaa darbee wayita asheetiin ga’ee ifni dhufu ta’ee ummata Oromoo biratti fudhatama.

Waaqtiin birraa, Baatii Fulbaanaatii kaasee, dacheen daraaraa Keelloo, tuufoo, hadaafi kanneen biroon asiifi achiin bareedee ija namaa hawwata.

Gama biroon ammoo, Oyiruun Qonnaan bulaa baala irraa gara firiitti jijjiiramee asheetiin midhaanii alaafi mana guutee, mana nama hundaa biratti mul’ata. Ijoolleen asheeta quuftee bajjii ykn hurufa keessa burraaqxi. Jiboonniifi gorommiin hoo’a birraa ganamaa gammadanii dirree keessa burraaqu, kormi loonii ni bookkiisu, Qotiyyoon hurufa keessatti wal jifatu, rimaan Arfaasaa guuttatte asiifi achii dhaltee jabbiin gorba keessaa mar’atti.

Oromoon haallan kana hunda keessatti iccitii humna Waaqaa qalbeeffataa deema. Waqtii afraasaatti rooba bokkaaf kadhatamee, bokkaa isaaf roobsee midhaan magarsee marga horiif geessise ni galateeffatama.

Malkaatti ba’ee, dirree irra guutee “Midhaan namaaf geessee, marga horiif geessee, baala midhaan gootee gombisaafi togoogoo koo guuttee,…..” jedhee waaqa kan itti galateeffatu birraadha. Ji’a Irreechaa, kan galateeffannaa.

Birraan yeroo firri fira isaa ganna haala hojii, jiruufi jireenya akkasumas haala qilleensaaf jecha wal irraa citee taa’aa ture, kan nyaataafi dhugaatii qopheeffatee, itti wal dubbisu, walgaafatuufi qe’ee walii daawwatuudhas.

Kanaaf hawaasni Oromoo Waaqa waa hunda keessa isa dabarsee birraa hawwataa kanaan isa ga’e Irreeffatee galateeffata.

Irreecha haala hoo’aafi namoota miiliyoonotatti lakkaa’amaniin kan kabajaman irreechotni Hora Finfinneefii Bishooftuu bara kanaa Fulbaana 21fi 22 walduraa duubaan kan kabajaman ta’uu Gamtaan Abbootii Gadaa beeksiseera.

Kabaja ayyaanota hora gurguddoo lameenii (Finfinneefi Bishooftuu) ilaalchisuun ergaawwan garaa garaa kan dabarsan Abbootiin Gadaa Oromoo, keessattuu waa’een nagaa ayyaanichaa, hammattummaa ayyaannichaafi duudhaa ayyaanichaa bifa eeggateen akka kabajamu cimsanii akeekkachiisanii jiru.

Kabaja ayyaanota kanneenii irratti waan tokkummaa Oromoo itichu malee kan tokkummaa Oromoo diigu calaqqisiisuun tasumaa waan hin eeggamneefi fudhatama hin qabne ta’uu kan akeekkachiisan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, kun akka hin uumamneef immoo hirmaattootni ayyaanichaa hundi yeroo gara dirree Irreechaatti dhufan waan duudhaan irreechaa gaafatu qofaa irratti xiyyeeffachuu akka qabanis ni ibsu.

Akka yaadasaaniitti; Ayyaanni Irreechaa kan paartii kamiyyuu osoo hin taane kan Oromoo bal’aa akka ta’e hubatamuu qaba. Sirni immoo ni dhufaa ni kufas. Kana waan ta’eef kabaja ayyaanichaa ilaalchaafi ergaa paartii kamuu kan irratti calaqqisu osoo hintaane, duudhaalee sirni gadaa kabaja Irreechaa gonfachiise qofaan kabajamuu qaba.

Barri 2014 darbe bara ilmaan Oromoo gamaafi gamanatti wal qooddee walwaraanaa baate waan ta’eef keessi keenya gammachuu hin qabu. Oromoonis waan qaanfachiisaa sanatti hamileensaa tuqamuun hin oolle. Kanaaf barri haaraa 2015 kun immoo haalota hin malle, kan obboleessi obboleessa isaa itti ajjeesu osoo hin taane, kan yoo rakkoonis jiraate karaa nagaafi mariitiin hiikkamu akka nuuf ta’u hawwa.

Irreechi Hora Finfinnee irreecha xiiqiiti. Irreecha malkaa jaarraa tokkoof Oromoon qe’ee ofii irratti Irreeffatu dhoorgamee turetu waggoota muraasa darbanitti dhiiga ijoollee Oromoo dhangala’een nuuf deebi’uu danda’e waan ta’eef dhimma kana akka salphaatti kan ilaalamuu miti.

Ummanni Oromoo amantaa kamiinuu fudhachuusaatiin duratti Waaqeeffataa akka ture kan yaadachiisan immoo Abbaan Gadaa Ituu Humbannaa Shaamil Ahmadoo, har’as garaa garummaan amantaa yeroo ammaa Oromoo gidduu jiru sirna kabaja Irreechaa irratti garuu kan hin calaqqisneefi hunduu tokkummaadhaan kabajuu kan qabu ta’uu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; Irreechi ayyaana ganamaa Oromoon Waaqasaa itti galateeffatuufi kadhatuudha. Raaddi maseente ayyaana irreechaa irratti yoo kadhannaan taasifameefi akka dhaltu seenaa Irreecha Oromoo irraa hubachuun ni danda’ama. Kun immoo ulfinaafi kabaja guyyaan sun Oromoota durii biratti qabu kan agarsiisuudha.

Barri darbe akka Oromootti waan nama qaaneessan kan ofii wal qoodaa itti wal waraanaa turan waan ta’eef bara haaraa kanatti haalota kana keessaa bahuudhaan gara miira wal dhagahuufi waliif obsuutti galuu qabna.

Bakka Oromoon tolummaasaa hin cimsannetti immoo humnootni alaa gidduu galanii fayyadamuu waan danda’aniif ulaa kana cufuun murteessaa ta’uu kan himan Abbaan Gadaa Ituu Humbannaa, keessattuu Irreecha xiiqii kan ta’e Irreecha hora Finfinnee bifa tokkummaafi midhaagina qabuun kabajuun hiikkaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsu.

Bara darbe haalota yeroo koronaafi kanneen biraarraa kan ka’een namoota muraasa qofaan kan kabajame ayyaanni Irreechaa bara darbe, baay’inni namaa muraasa ta’us duudhaasaa osoo hin lakkisne kabajamuunsaa immoo akka ciminaatti kan ilaalamu ture.

Ayyaanni Irreechaa baranaa garuu daangeessaa tokko malee nama hirmaachuu barbaadu hundaafuu banaa ta’uusaatiin carraa gaarii kan uumu ta’us, yoo of eeggannoon cimaafi eegumsi barbaachisaan hin taasifamne garuu qaamota Oromoo maqaa balleessuu barbaadaniif carraa uumuu akka danda’u shakkuunis barbaachisaadha.

Waan kana ta’eefis, hunduu bakka ofii jirutti nageenyasaa eeggachaa wantoota shakkisiisoo irratti immoo qaamota nageenyaatiif eeruu kennuun barbaachisaadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You