Ayyaana Masqalaa

Masqalli mootii Ayyaanaati. Akkuma beekamu mootiin hogganaa biyyaafi garee gurmuu hawaasaati. Masqallis Ayyaana barii birraa waan ta’eef ykn bara haaraa kanaaf isa dura waan ya’eef mootii Ayyaana jedhanii yaamu. Kana malee jalqaba tibba birraafi dhuma wayitti gannaa waan ta’eef beelamni heddu Masqala barii jechuun kan waadaan galamu ta’a. Gama biraatiin Masqalli ayyaana dargaggoofi maati maraa waan ta’eef namni marti walqixxee waan hirmaatuuf mootii ayyaanaa jechuun faarsu.

Masqalli hordoftoota amantii kiristaanaa biratti haala ho’aadhaan kabajama. Oromoo aadaa ganamaatiin jiraatu biratti (masqala Oromoo) jechuun baatii Hagayyaa keessa kan kabajamu yoo ta’u, Oromoota amantii kiristaanaa hordofu biratti immoo Fulbaana 17 akkuma ummatoota ayyaanicha kabajan kamuu bifa olaanaadhaan ayyaaneffama.

Masqalli ayyaana dargagoota yoo ta’u, akkuma Qaammeen shamaraniin miidhagaa turte Masqalli immoo ijoolleen dhiiraafi dargaggoon kan itti miidhaganiidha. Qophiin Ayyaana Masqalaa ganna keessa kan eegalamu yoo ta’u, ijoolleen dhiiraa muka xombooraaf ykn gubaaf ta’u qopheessun eegalu. Mukni kun yeroo baayye Accabbi, kusaa’e ykn leemman qaqalaa ta’u dandada. Xoboorri ykn daamootiin hidhamu kunis baayyina maatiin kan walgitu yoo ta’u, abbaan warraa garuu yeroo baay’ee xomboora lama hidhamaaf.

Kunis kansaafi haadha warraasaa ta’uusaati. Jala bultii Ayyaana Masqalaatti abbaan warraa ijoolleesaa waliin ta’uun lafa gubaan itti raawwatamu dongoruun akka damaraan ykn gubaan itti raawwatu filata. Yeroo baay’ee gubaan kan raawwatamu qe’ee abbaa ykn maati hangafaatti. Lafa gubaa kanatti xoboora malee jabaan mukaa ykn gindillaan akka ciisu ta’a.

Jabaan kun hanga guyyoota sadiitti abiddisaa hinbadu. Abbaan warraa loon waaree bobbaase dhaabbata Masqalaaf qophaa’e haadha warraatiin qophaa’erraa taa’uun waaqa kadhatanii eebbisee kan itti dhibafatuudha. Dhawaa dhibaayyuu kana booda daaraa masqalaa jabaa kanarra taa’e addaan xuqachuun cileen kun kan ayyaanasaa ta’uu kan itti mirkaneeffatuudha.

Guyyaa gubaa kun jalabultti masqalaa ykn guyyaa masqalaa ta’u danda’a. Kunis akkuma naannawasaaniitti kan raawwatamu ta’uu danda’a. Kabajni ayyaanicha galgalaa gubaa booda sirba goobeetiin kan eegalu yoo ta’u, dargaggoonni gandarra naanna’uun eebba baga geessanii maatii farsuun badhaasa funaanafi eebba gochaa bulan. Gara ganamaa manatti deebi’anii waaree dura gandoota hafan waliin gahanii waaree booda gara tapha fardaatti deebi’u.

Gugsii fardaa kanarratti iddoo dhiirummaafi dandeettiin qolannaa waraanaafi miliquun itti mul’atuudha. Asirratti warri farda soore leenjisee gara gugsii seene yoo faarsan kan dadhabaa ta’e kan itti qeeqaniidha. Qeeqa kana keessa tokko yoo ilaalle akkana jedha.

Daaleen daaleen farduma yaagadhee

Abbaatu soore yaabbata malee.

Jechuun warra farda sooree leenjisuun tapha kanarratti argaman faarsuun taphatu. Sirboota masqalaa keessa “bobeen” kan beekameedha.

Guyyaa masqalaa kana humdumtuu gammachuun kabaja. Tikseen horii eegu dhiisanii waan sirba deemaniif abbaatu loon bobbaasa. Loon Abbaan wajjin oolu kun kaloo ji’a lamaaf eegamaa ture akka dheedan ta’a. Horiinis ganamaan quufan gara oogdaatti dacha’anii ciisu. Looniifis duungoon ykn xomboorri qabatamee iddoo gubaa galgalaatti raawwatamaaf. Kunis waaree loonii jedhama.

Dhangaan Ayyaana kanaaf dhiyaatu akkumaa qabeenya naannoon kan raawwatamu yoo ta’u, nyaata akka qincee, marqaafi cukkoo filatamaadha.

Ummanni Oromoo jiraattota Afriikaa kaaba keessa ummata facaatii bal’a qabuufi iddoowwan baay’ee jiraatuudha. Haaluma facaatii kanaan aadaa saboota naannawaas jiraatanii fudhachaa kan ofiis dabarsaa akka waliin jiraachaa ture ni beekama. Haaluma kanaan aadaa saboota godaantummaan naannawasaatti makaman keessa aadaa saboota kiristaanaa baay’ee fudhachuun kansaatiin walitti makee akka kan ofii gochuun ykn fudhachuun waliin jiraachaa tureera; jiras.

Haaluma kanaan aadaa Oromoon ofitti madaqse keessaa jajjabduun ayyaana Masqalaati. Ayyaanni masqalaa kan kabajamu akkuma beekamu baatiiwwan gannaa dabranii roobni yoo qaqqabatuufi abaaboon daraaree booqaan birraa yoo mul’atuudha.Ganna dabre keessa ayyaanoota akka Filchataa, Taaboree ykn Dhukee, Qaammee ykn Shinooyyeen ayyaanota baroota darban keessa isaan dhumaa akka ta’an ni yaadatama. Bifa kanaan bara haaraa kanatti ayyaanni masqalaa ayyaana duraa kan bara haaraati. Kanaaf ayyaana duraa waan ta’eef akka mootii ayyaanatti fudhachuun masqalaaf kabaja guddaa keenna,

Akka dhahaa ykn heda guyyaa Oromootti wayitii afurtu jiru. Isaanis Biraa, Bona, Afraasaafi Gannaa jedhamu. Kanneen keessaa Birraan baatii sadaan duraa (season) Fulbaana, Onkololeessa, Sadaasa yoo ta’an, Fulbaanni baatii duraati. Lafa baddaafi badda-daree Oromiyaa keessa baatiin birraa daran jaalatamaadha. Yeroon kun yeroo margi gaariin itti magruufi itti lalisu, yeroo omisni itti ga’u, yeroo abaaboon itti daraaruufi loon magraa quufanii gara horaatti godaananiidha. Dhalli namaas jireenya abddi itti uummatu, wayiti gammachuun itti muul’atu waan ta’eef baayyee jaalatamaadha.

Ummanni Oromoo dur baatii Hagayaa keessa waggoota ykn jaarraawwan dheeraaf kabaja ture. Yaata’uutii waggoota 150 dura ayyaanichi waan walfakkaatuuf guyyaa tokku akka ta’u murtaa’ee Fulbaana 18 akka waliin kabajamu godhame.

1.1.Adeemsa kabaja Ayyaana Masqalaa

Ayyaanni masqalaa irra jireessisaa ayyaana wara dhiira fakkaata. Qophiinsaas iddoowwan tokko tokkooti guyyoota 15 dura kan eegalu yoo ta’u, gosawwan Oromoo Soddoo biratti baayyee ayyaneffama.

Qophiin ayyaanichaa kan eegalamu guyyoota 15 dura. Daamotii ykn xomboora qopheessuun yoo ta’u, xoboorri kunis mukaa qaqaloo kan akka kusaayee, ancabbiifi leemmanirraa ta’uu danda’a. Xomboorri kunis walitti qabamee dheerina meetira lama hanga dheeratutti hidhuun yoo akkam xiqqaate abbaa warraaf lama guguddaatu hidhama.

Ittaansee iddoo mijjirii ykn daamaraan itti dhaabatu filatamee akka dhaabatu ta’a. Iddoon kun yeroo baay’ee araddaa warra hangafaa ykn abbaa ta’a. Araddaa mijjiriin itti dhaabatuu kun Mukaa laaftorraa mukti guddaan ykn jabaa jedhamu kan abbaan warraa irraa ta’e daara addaan xuqatu qopha’e gara tokkaan mijiriitti glee ciisa.

Qophii damaraa ykn mijjirii kanneen hunda abbaa warraa ykn ijoollee jajjabootu qopheessa. Guyyaa masqalaa san gara galgalaa sa’aatii lamarratti, abbaan warraa xomboorasaafi kan haadha warraasaa qabatee abiddaan qabsiisa. Maatiin dabareedhaan sussumatti siqan xomboor ykn daamotii qabachuun abbaa warraatti anuun qabsiifatu. Abbaan warraas xomboora qabsiifate san mana keessa naanna’uun lolli baayi loolli baayi! jechaa utubaa manaafi gulantaa balbalaa xuqsiisuun dura mana bahee gara iddoo damaraatti qajeela.

Hundinuus isatti aansaanii xomboora qabsifatan damara san naanna’un xomboora qabatan damaraatti hirkisu. Warri ollaas walfaana ba’uun damaraa marsanii sirba masqalaa hiyyoolee daree..!! jechaa masqala faarfachaa haga abiddi gabbatutti xaphatu. Yeroo kana hawwanfi shamarran nyaata ittoo raafuudhaan miidhagee hojjatame maatiif qabatanii dhufu, farsoo Oromoo ayyaana kanaaf qopha’e abbaa warraaf kennuun akka eebbisu gaafatu.

Abbaan warraas ergga dhibaafatee booda eebbisaa dhadhamatee, maatiin hundumtuu akka unatu affeera. Haati warraasaas dhadhaa ciicootti qabattee abbaa warraashee erga muuddee booda maatiis muuddee abbaa warraaf shaashi itti martee maanguddoon yoo gara manaatti deebi’an warri dardaraa sirba masqalaa ykn “goobee” taphachuu eegalu.

Kunis guyyaa jala bultii yoo ta’u, iddoowwan tokko tokkotti ganama gubuun ni danda’ama. Warri dardaranii ykn dargaggeessi gubaa booda gandasaani keessa naanna’uun baga geessanii taphachuun qarshii badhaasaa walitti qabu. Qarshiin kun kuufamee sangaan ittiin bitamee gandi sun otoo namni tokkollee hinhafin yaamanii afeeramu. Ijeelleen tikseen waan sirbaa bulaniif abbootiin warraa ganama horii mana yaasan.

1.2. Ijoolleefi ayyaana masqalaa: Jalabultii ayyaana masqalaatii eegalee ijoolleen dhiiraa waa hundaan qophoofti. Inni duraa sirbaa masqalaatiif yoo ta’u, lammaffaan immoo gugsii fardaati. Akka Aadaa Oromootti ilmi dhalate fardatu bitama. Maqaadhumti mucichasaani bifa fardasaatti moggafama.

Bifti fardasaa Boora yoo ta’e Abbaa Boor jedhun. Yoo adii ta’e Abbaa Shaashoo, Diimaa yoo ta’e Abbaa Daamaa jechuun itti moggaasu. Karaa yaada duraatti yoo deebine waan ijoolleen sirba masqalaa baayyee jaalattuuf qophii guddaa guyyaa sanaa gandaan walyaamanii sirbuu eegalti. Guyyaa masqalaa ganamaan eegalanii boobee weeddisu. Nama isaan badhaasu eebbisu. Sirbi ijoollee kunis akkanatti ifa ta’a.

Roobni hinrooba !..(2)

Karra naabani

Loonan oofaa..!

Yaa dureessa koo!

Argee !

Buuleessa koo

Argee

Sin eebbisaa sin abaaruu

Gooftaa qarreerra gannadhalu !

Yaa dureessa koo!

addeessi lixee

Qorri nufxee!

Adaraa giiftii ati hammatu

Adaraa ijoollre ati ergattu.

Adaraa daalee ati yaabbatuu!

Jedhanii badhasa gaafatu. Abbaan warraas ka’ee badhsasa kenna. Ijoolleenis hor horii….!! eebbisuun

Karaa mana biraatti yaa’u. Bifuma kanaan gandaafi magaalaaraa yaa’anii badhaasa guurrachuu eebbisaa oolu.

1.2. Looniifi ayyaana masqalaa

Oromoon jireenyisaa loon horsiisuufi qonnarratti waan hundaa’eef loon baay’isee jal’ata. Fayyaafi nyaatasaaniifis daran yaada. Kunuusa gahaas ni godhaaf. Magraafi okaa barbaacha loonsaa wajjin ni godaana. Guyyaa ayyaanaa kanas loon akka quufaniif abbaa warraatu kaloo ji’oota lamaan dabran eegamaa ture akka dheedan hayyamamaaf.

Sangoota qonnaa malee loon hundumtuu kaloo eegamaa turetti bobbaasu. Kana booda gara qe’eetti dacha’anii yoo ciisan abbaan warraa ‘daamootii’ ykn xomboora looniif qophaa’e qabsiisee waaree loonii gubaaf. Kunis kan raawwatamu iddoo galgalaa gubaan itti raawwatame ykn mooraa loonii keessatti ta’a.

Iddoo waareen gubatu kanatti haati warraa abbaa warraaf okolee dhaabdeefi erga eebbifatee booda mijuu dhibaafatee hundumtuu erga unatee booda nyaanni marqaa ykn qinceen dhiyaataaf.

Waaree booda dargaggoonni gara tapha gugisii ykn gobbisa taphachuu dirree bal’aafi dubarri immoo daawwiif goorootti yaa’u.

1.4.Tapha gayyaa masqalaa: Guyyaan masqalaa Oromoo biratti guyyaa gammachuuti. Guyyaan kun ijoolleen dubaraa heerumte qincee ykn dhangaa abbaan jaalatu qabachuun warrashee ittigaafattuudha. Kana malees tapha obboolaashee dirree garmaamaatti ba’uun gootummaa obbolaashee kan itti daawwattuudha.

Guyyaa kana fardi ganna sooramaa bahe meeshaa fardaatiin faayamee garmaamaaf itti ba’uudha. Ga’umsaafi jaalala Oromoo fardaaf qabu itti mul’atuudha. Tapha fardaa ykn gugsii kan seeraa ittiin raawwatamu qaba. Abbootiin seeraas manguddoota dur leenjii fardaan beekaman yoo ta’u, iddoo ka’umsa kan qabuuf ga’umsa ykn laallibbaniisaa beekamuudha.

Taphattoonni kunis iddoo lamatti ykn gamaaf gamaanatti addaan foo’amanii dhichisaa tuuta tuutan dabareen garee isaan dorgomu haaluma abbootiin seeraa murteessaniin kan dura kaatu ykn reebu. Reebichi kunis yoo xiqqaate fageenya meetira 500-600 kan hincaalle ta’e iddoo ka’umsaa gara meetra 30 yoo ga’u namni ari’u sun sagalee ‘qabi’ jedhu dhageesisaa, kan fardaan fuuldura gulufus gaachanasaa ofirratti gombisee ofirra mil’achuu dheeffasaa itti cimsa. Kan ari’us siinqee ykn ulee qabu akka waraanaatti itti darbata.

Kan kaatus yoo danda’e qolatee jalaa bahaa. Kana booda gareen dheeffaa tute duubatti deebi’u kan ari’u yoo ta’u, kan ari’a ture immoo akka dheeffu ta’a. Bifa kanaan guyyaadha haga galgalaatti taphachaa oolanii galgala dhiichisaa addaan galu.

Faaruun Fardaa

Che… !! chee..!! yaa fardaa

Fardi faardaan loluu !

Jidda malee hinjiruu!

Hiriyaan yaabbatuun

Gandaa…’’hin jiruu!!

Jechuun ganda keessaa dhufan faarsuun kara qe’ee ofiitti gammachuun deebi’u. Taphi fardaa kun agarsiisa dandeettii fardaa lolaa qolachuufi waraanus kan itti shaakalamaa tureedha. Kana malee darbannaa waranaafi jalaa miliquun kan itti baramu leenjii aadaati.

1.5. Ayyaana Masqalaafi ulaa ba’uu ykn hulluuqqoo

Masqala barii guyyaa sadaffaa guyyaa ulaa bahuuti.. Adeemsi ulaa ba’uu kun maatiin ganda tokkoo meeshaa manaa dabalatee bara moofaa sanarraa gara bara haaraatti nagaan dabran kan itti gammachuun ibsan ayyaana hulluuqqooti.

Guyyaa kana jirma muka bakkaniisaarraa murame bitaafi mirgarra dhaabuun gara gubbaasaatin immoo muka bakkaniisaa jiidhaa baala wajjin gama gamasitti hidhuun namnis horiinis meeshaan manaas akka jala hulluuqu ta’a. yeroo kana lolli….! Bayi…. !! Lollii bayi..!! jechuun loon ofaan baala bakkaniisaan rukuta akka ulluqoo kana keessa dabran godhu ykn hulluqoo kana jala dabruu.

Adeemsi hulluqoo kun ykn ulaa bahuu kun bara moofa keessa bara haaratti ce’uu kan ifa godhu adeemssa gammachuun rawwatuudha. Masqalli Oolee guyyaa sadaffatti iddoo tokko tokkotti irreecha maatii ni raawwatama. Ayyaana Masqalaa kana booda sagantaan hojii bara haaraa kan itti eegalamuudha. Namoonni baayyeen waan tokko yoo wal-beelaman ‘masqala’barii jechun walbeellamu. Kunis bara haaraa ykn ifa booda ganni yoo bahe jechuudha. Masqalli ummata Oromootiif ayyaana abdii guutudhaan simate ayyaneffatuudha.

1.6 .Masqalaafi dubartoota: Dubartoonni ayyaana masqalaa kan kabajan abbaa warraatiif okolee dhaabuu qofa otoo hinta’in ateete facafachuun kabaju. Ateeteen dubartii akaakuuwwan sadii yoo taatu isaanis ateete Gumbii, Ateete Haraafi Ateete Duulaa jedhamu.

Ateeteen Masqalarratti facaafatan immoo Ateetee Duulaa jedhamti. Baatiin birraa quufaafi yeroo gammachuu waan ta’eef walitti bu’insa keessatti warri dhiiraa waan hubamu dandda’aniif akka abbaan warraafi ijoolleen dhiiraa nagaan bahanii galan akka ateeteen isaan eegdu facaafatamaaf. Aydaan ateetee eegduu maatiitti jedhamti kan maatii tiksituudha jedhu.

Dhumarratti Ayyaanni bara haaraa kana booda kabajamuuf ayyaana masqalaa kana booda waan ta’eef masqalli kan barri haaraan saganttaan itti saqamu ta’uusaatin masqala mootii ayyaanaa jechuun leellisu.

Ayyaana Gaarii …!!!!!

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You