Ayyaanota ibsama birraa jaalalaafi wajjummaan

Baatiin Fulbaanaa biyya keenyaa ji’a ayyaanota adda addaatiin kan badhaadheedha. Baatii kana keessa Qaam’eerra eegalee ayyaanonni sadarkaa biyyaattis ta’e saboota hedduun ni kabajamu.

Ayyaanota ummata baay’ee hirmaachisuun dirreerratti tibba birraa kanatti sirna ho’aadhaan kabajaman keessatti Masqalliifi Irreechi ni eeramu. Haaluma kanaan Masqalli sirna ibsaasaa Fulbaana 16 adeemsifamutti aanee gaafa 17 yoo ayyaaneffamu, Irreechi ammoo Fulbaana 21fi 22 bara 2015 walduraa duubaan Finfinneefi Bishooftuutti Irreeffatama.

Masqalli saboota biyya kanaatiif mallattoo bacaqii gannaarraa gara booqaa birraatti ce’uufi dukkanarraa gara ifaatti bahuu kan mul’isuudha. Ayyaana amantii duudhaa aadaatiin waa’elchamee kabajamu kun horata duudhaalee waliin jireenyaa saboota biyyattii durii kaasee as ce’e ammas cimsanii ittifuun ta’uu qaba.

Ayyaanni Masqalaa ummata Oromoofi ummattoota Itoophiyaa hunda biratti jaalalaafi tokkummaan kan kabajamudha. Ummanni Oromoo ulfinaafi kabaja Ayyaana Masqalaaf qabu wayita ibsu “Galgalliifi Masqalli waakkii hinqabu!” jechuun aadaa nyaachuu, dhuguu, waliif yaaduufi gammaduun ulfina ayyaanichaaf qabu ibsa.

Ayyaanni Masqalaa Oromoodhaaf bacaqii gannaarraa gara booqaa birraatti bari’uusaa, dukkana irraa gara ifaatti bahuu isaa kan itti ibsatuudha. Ganni darbee wayita birraan bari’u lageen ni hir’atu. Firri laga gamaafi gamanatti addaan citee ture walitti dhufee gammachuu ibsata. Omisha bilchaates waliin qooddata. Kanaafis, “Masqala mootii ayyaanaa ayyaantuutu arga!” jechuunis faarsa.

Masqalli ummata Oromoo biratti akka mootii ayyaanota hundaatti ilaalama. Gama tokkoon ayyaana kiristaanotaan sirna ho’aadhaan kabajamuudha.

Hordoftoonni amantichaa jaalala dhugaa Waaqayyo dhala namaatiif qabu guyyaa ittidinqifataniifi galateeffataniidha. Jaalala ilmaan namootaatiif jecha sababa dhiifamuu cubbuutiif tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti ergee kan wareege ta’uu guyyaa ittiyaadataniifi guyyaa araaraafi dhiifama itti lallabaniidha. Ayyaanichi kan yaadannoofi mallattoo jaalalaa, araaraafi dhiifamaa ta’uun ni barsiifama.

Gama kaaniin ammoo Masqalli boqonnaa gannarraa gara barii birraatti itticeh’amu waan ta’eef ummatoota hunda biratti akka mallattoo baraartiifi hofkaluutti ilaalama. Gadadoofi gidiraa darbe hunda yaadachuudhaan Waaqa galateeffachuufi kan dhufuuf kadhachuun kabajama.

Ummanni keenya aadaa waliin jiraachuufi hammachuu baroota dheeraaf gabbifatetti fayyadamee ayyaana Masqalaa baranaa qormaatota guguddaa keessatti kabajamu kana waan qabu waliin qooddatee ayyaaneffachuu qaba.

Hundaa olitti ammoo, kabaja ayyaana Masqalaa kanarratti gootota ijoollee ummataa biyyaa kabachiisuuf waardiyyaa dhaabbataniif kabaja malu kennuufi maatiisaanii utubuudhaan yaadachuu qabna.

Ayyaanni Masqalaa bara kanaa Oromoo biratti hiikkaa dachaa qaba.Waggaa Oromoon akkuma kanaan dura ayyaanota biroo obbolootasaa hunda waliin nagaan, jaalalaafi tokkummaan kabajachaa ture, bara kanas ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaa booda deebifate yeroo afraffaadhaaf kabajachuuf jalabultiirratti argamu waan ta’eef isas duudhaasaa ganamaatiin jaalalaafi tokkummaadhaan ayyaaneffachuun barbaachisaadha. Ayyaanota Gaarii!

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You