Federeeshinichi waliigaltee Wubatuu Abaataa dheeresse

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Waliigaltee Leenjisaa garee Biyyaalessaa Wubatuu Abaatee dheeresse.

Federeeshinichi waggoota lamaan darbaniif garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itoophiyaa leenjisaa kan turan Wubatuu Abaataaf waggoota lamaan ittaananiif akka ittifufan waliigatee dheeresseera.

Leenjisaa Wubatuu Abaataa gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota saddeet booda Waancaa Afrikaatti akka deebi’u taasiisaniiru.

Akkasumas waggoota jaha booda dorgommii shaampiyoonshippii (Chaan) Afrikaaf qaqqabsiisaniiru.

Waliigalteen duraa xumuramuu hordofee waggoota lamaan ittaananiif garicha akka leenjisan har’a waliigalteesaanii dheeressuu ragaan federeeshinicharraa argame ni mul’isa.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015

Recommended For You