Yaa’iin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa tokkoffaan har’a adeemsifama

Finfinnee: Yaa’iin jalqabaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa har’a Magaalaa Adaamaatti akka adeemsifamu ibsame.

Ittigaafatamaan waajjira federeeshinichaa Obbo Firoomsaa Laggasaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, yaa’iin kanaan dura Biiroo Darggaggootaafi Ispoortii Oromiyaa wajjin adeemsifamaa ture amma of danda’ee qofaa akka adeemsifamu eeraniiru.

Yaa’icharratti gabaasni raawwii hojiifi karoorri hojii ittaanuu kan dhiuyaatu ta’uus dubbatanii, danboonniifi seeronni gara garaas yaa’ichaan ni mirkanaa’u jedhan. Warri amma jiran yeroon tajaajilasaanii waan xumurameef filannoon pirezidaantiifi koree raawwachiistuu hojii federeeshinichaas akka adeemsifamu beeksisaniiru.

Hirmaattonnis ittigaafatamtoota federeeshinii kubbaa miilaa godinaalee 21fi bulchiinsa magaalotaa 19 walumaagala ittigaafatamtoonni 40 ni hirmaatu. Kana malees waldaaleen murtii kennitootaafi leenjistootaa, akkasumas bakka buutonni taphattootaafi kessummoonni adda addaa ni argamu.

Kanneen keessaa marsaa kanaaf warri sagaleedhaan hirmaatan ittigaafatamtoota federeeshinii kubbaa miilaa godinaaleefi bulchiinsa magaalotaa ta’uu beeksisaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015

Recommended For You