Jireenya dhala namaa keessatti milkaa’uufi kufaatiin kan waljijjiiraniidha. Kufaatiin kan jibbamu ta’ullee darbee darbee garuu namootni jabaatanii haala jiru injifachuun akka keessaa ba’an kan taasisu yoo ta’u, namootni jabaatanii ofirratti hojjechuu baannaan haala jiruun liqimfamanii hafu.
Waantota akka namootni haala keessa jiran keessaa hinbaane taasisan keessaa muraasni abdii dhabiinsa, haala keessa jiranitti harka kennachuu, seexaa dhabuu, obsaan wal’aansoo qabuu dadhabuu, ofitti amanamummaa dhabuu yoo ta’u, haala hamaa numudateef harka utuu hinkennin wal’aansoo qabne daandii irraan gadee deemu jijjiiruun kan gaaratti nu baasu taasisuu dandeenya.
Kanaafis bantuu guddaan mul’ata qabaachuudha. Sababiinsaas namni mul’ata hojiitti hiikamu hinqabne eessayyuu ga’uu hindanda’u. Namootni injifatoon haala jiru mo’atanii darban namoota mul’ata qabaniidha.
Namoota isa kaleessaa caalaa jabaatanii hojjetaniidha. Hunda dura garuu kan dagatamuu hinqabne namootni abdii kutatan akka injifatoo hintaaneedha. Namootni abdii hinkutanne garuu yoomiyyuu hinhinjifataman. Inni kun seenaa akkasumaanii yookaan oduu durii miti. Waantota kanneen wajjin walqabatan hedduu ilaalleerra.
Namni kamuu haala jiru keessaa ba’uuf, injifataafi jijjiiramaa ta’uuf, seera sirrii ta’e hordofuu qaba. Hojii hojjechuu malu kamuu amanamummaa, jabinaafi ittigaafatamummaa fudhatee hojjechuu qaba.
Yaada gadi aantummaa, homaa tokko hojjechuu, homaa tokko jijjiiruu hindandeenye kan nutaasisu yaada gadaantummaa keessaa ba’ame qofa. Ilaalcha kufaa kanaan dura namoonnis ta’e nuti ofiif qabaachaa turre geeddaruun murteessaadha. Faallaasaa yaaduu eegaluu qabna. Darbees jabaannee hojjechuun amala hojjetaa jabaan qabu tokko agarsiisuun murteessaadha.
Wantoota haaraa uumuun hojjechuun waa’ee keetiif ilaalcha gadi aanaa namoota qabaataa turanitti agarsiisuun murteessaadha. Namoonni waa’ee kee ilaalchisee akka hindubbatne gochuu hindandeessu garuu isa dubbatame sana jijjiiruu nidandeessa. Wantoonni darbaniifi wanti ati amma keessa jirtu cimsee yoo si qabuu yaale illee haala kana hundumaa gararraa ta’uun bakka jirtutti nama jijjiiramaa cimaa ta’uu nidandeessa.
Namni si’a dhibba tokko hindandeessu yoo siin jedhe abdii hinkutatin. Inni kun si qofa utuu hinta’in akka biyya lafaa kanaatti kallattii garaa garaan jijjiirama dhala namaa irratti kan fidan hedduun jedhameera. Haa ta’u malee jecha namootaatiin mo’amtee harka marattee hintaa’in. Namootni si’a dhibba tokko akka ati homaa gochuu hindandeenye yoo dubbatanillee si’a dhibba tokko akka ati of ilaaltu si godha.
Si’a kuma tokko immoo akka ati of fooyyessituuf karaa siif bana. Yeroo mormitoonni si ceepha’an hinsodaatin. Yeroo isaan harka siif rukutan garuu sodaadhu. Wantoonni hedduun naannawa keetti ta’uu danda’a. Wanti ati hinyaadiinis sirratti ta’uu mala. Inni guddaan garuu isa si keessatti ta’utu hunda mo’ata.
Yeroo rakkoowwan addaa addaa duraa duubaan dhufuun si marsan hinsodaatin; caalaatti hojii ittaanuuf si jabeessee darbaatii. Jireenyis ittifufa. Wal’aansoonis akkasuma. Yeroo tokko intalatu wal’aansoon jireenyaa akka ishee nuffisiise dubbatti. Abbaanshees xuwweewwan sadii ibidda boba’urra kaa’ee yeroo bishaan danfuutti ka’u isa jalqabaa keessa dinnicha kaa’e, xuwwee lammaffaa keessa buphaa (killee) kaa’e, isa sadaffaatti immoo daakuu bunaa naqe.
Ittifufuun ibidda itti bobeesse. Intallis daran ariiffattee abbaanshee maal akka hojjetaa jiru gaafatte. Innis itti himuu dide. Calliseedhuma itti bobeessee yeroo hundumtuu bilchaateera jedhee yaadetti irraa baase.
Wantoonni ibiddarra oolan kunniin maali jedhee ishee gaafate. Isheenis dinnicha, buphaafi buna ta’uu ittihimte. Mee tokko tokkoosaanii qaqqabadhuu ilaali jedheen. Oggaa qaqqabattee ilaaltu, dinnichi daran lallaafeera. Yeroo buphaa fuutee cabsitee ilaaltu keessoonsaa dura dhangala’aa ture amma jajjabaateera.
Yeroo buna fuunfattu ammo waan danfeef fooliinsaa daran ittitole. Sana booda akkas jedhee gaafate. “Ati sadansaanii keessaa isa kami? Sadansaaniiyyuu wantoota walfakkaataatu qunname. Bishaan bulluqa keessa buufaman. Garuu sadansaaniiyyuu bifa amaloota addaa addaa calaqqisiisan.
Dinnichi cimaa ta’ee bulluqa seene; garuu laafee ba’e. Killeen keessoosaatti dhangala’aa qabatee seene; garuu cimee bahe. Bunni immoo amala addaa agarsiise. Bishaan itti naqameyyuu nijijjiire; akka foolii gaarii qabaatus godhe. Akkasuma yoo rakkoon balbala kee rurrukutu deebii ati kennitu isa kami? Deebii dinnichi, buphaan ykn bunni bishaan keessatti kennan keessaa isa kami?
Rakkinni si laaffisa moo si jabeessa?” jedhee gaafate. Keenya hoo deebiin kami laata? Yeroo rakkooleen nu mudatan maal fakkaanna? Jabaachaa, barachaa, jijjiiramaa, jijjiiraa deemna moo, laafaa dadhabaa deemna? Kana gadi fageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha. Waantota adeemsa keenya keessatti nuqunnaman hundaan niraafamna, abdii kutanna taanaan eessayyuu ga’uu hindandeenyu. Nama biyyaaf ta’u utuu hinta’in ofiif illee utuu bu’aa hinbuusin biyya lafaa kanarraa godaanna.
Kanaaf wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan tokko duraan dursii ilaalcha ofiif keetiif qabdurratti hojjedhu. Ilaalcha gaarii ofiif qabaadhu. Namootni hedduun kan of ajjeesan ilaalcha gaarii ofiif dhabuun, suura hamaa ofiif qabaachuun, gaafa haallisaanii kan homaa hinjijjiiramne itti fakkaatuudha.
Amala hamaadhaanillee kan miidhaman namoota akkasiiti. Kana of keessaa haxaa’anii calaasuun barbaachisaadha. Namni tokko barumsa yookaan leenjii gaarii qabaatee ilaalcha gaarii ofiif hinqabu yoo ta’e waan qabu kamuu hojiirra oolchuu hindanda’u. Ilaalchi hamaan nuti ofiif qabnu beekumsa qabnu akka nu’i hojiirra hinoolchinu nu taasisa. Akka of shakkaa jiraannu nu godha. Utuma barannee jirruu, utuma gaggeessuu dandeenyuu, utuma hojjechuu dandeenyuu ilaalchi ofiif qabnu gadaanaa taanaan akka dadhabaatti nu jiraachisa.
Akka namaa gadiitti akka of ilaallu nu godha. Gammachuu keenyas nisarba. Wanta qabnutti hingammadnu. Barannee digirii qabnutti, hojii hojjennutti, bakka qabnutti gammachuun akka hinjiraanneef gufuu hamaadha. Egaa duraan dursinee isaan kana injifachuun murteessaadha.
Ilaalchi ofiif qabnu hanguma gadi bu’u ofitti amanannaa dhabna. Inni kun immoo waan hojjechuu dandeenyullee akka hinhojjenneef nu daangessa. Al tokko namni yuunivarsiitii beekamaa keessaa qabxii ba’eessaan eebbifamee ba’e tokko ji’oota muraasa qofa barsiisee akka hojii ofiin gadi dhiise dhaga’een ture.
Beekumsa barbaachisaa hojii kanaaf ta’u sirriitti yoo qabaatellee ijoollee kutaa keessa sirriitti ilaalee barsiisuu hindanda’u. Erga mana barumsaa kana gadidhiisee booda leenjii addaa mataduree, “Ofitti amanuu guddisuu” jedhu barachuun dhuma leenjii kanaarratti akkas jedhee yaada kenne. “Utuu dawaan barbaachisaan jiruu yeroo muraasaaf dhukkubsadhee miidhameera.
Dhukkubni namoota hedduu oftuulummaarraa kan ka’e ta’uu mala. Kan warra kaaniis gadaantummaadha. Kan koo garuu waanan qabutti fayyadamuu dadhabuu ture. Maqaan dhukkuba hamaa kanaas ofitti amanamummaa dhabuufi ilaalcha gadi aanaa ofiif qabaachuudha” jedhe. Har’a namoonni hedduun utuu wantoota gaggaarii qabanii akka itti hinfayyadamne qofa utuu hinta’in namoota kan biroo keessa kan jiru akka hin agarreef kan dhorku dukkana hamaadha.
Utuma gaggeessuu danda’anii, walga’ii guguddaarratti akka dubbataniif affeeramanii akka hinmilkoofne kan godhu ofitti amanuu dhabuusaaniiti. Egaa dhalootni borii isaan kanneenitti hiikamuu qabu. Rakkoo yeroof isaan mudatuuf utuu harka hinkennin wal’aansoo qabuun injifachuu qabu.
Sababiinsaas namni gadaantummaan itti dhaga’amu eessayyuu ga’uuf nidanqama. Duraan dursee of jijjiiruu, namni isa fakkaatu addunyaa kanarra akka hinjirre, nama jijjiirama fiduu danda’u isuma akka ta’etti of ilaaluu qaba. Si’a tokko namni akkamitti ilaalcha gadaantummaa keessaa akka ba’u waan xiqqoo tokko dubbiseen ture. Innis akkas jedha, “Ganama barii oggaa hirribaa kaatu guyyaan sun akka ati yaadde, abdatte ta’uu dhiisuu danda’a.
Yeroon sun yeroo ati akka haalli kun geeddaramu ofitti himtuudha. Yeroo tokko tokko immoo namoonni si gaddisiisuufi si gatuu danda’u. Yeroon kun waan hundaa olitti yeroo ati mul’ata keerratti xiyyeeffattuufi murtoo jijjiiramaaf qabdu irra deddeebitee ilaaltuudha. Jijjiirama fiduuf rakkooleen si mudatan jiru.
Isaan kunniin garuu gara jijjiiramaatti si geessu. Kanneen lamaan simachuun ammoo ga’ee keeti. Yeroo hunda kallattii jijjiiramatti si geessurra fiigi. Inni kun yeroof salphaa miti garuu gara jijjiiramaatti si geessa. Atis akka eenyu taate yeroo itti of hubattuudha. Yeroo itti jabina argattuudhas. Kanaaf wantoonni si hingammachiisneefi si gaddisiisan waanti abdii si kutachiisan fakkaatan yeroo si qunnaman hinsodaatin.
Kanneen hunda akka mo’achuu dandeessuufi nama jijjiiramaa taate hindagatin. Sababiinsaas rakkoofi jijjiiramni akka ati manii yaadde bira geessuuf si gargaaru” jedha. Egaa rakkooleen jiran daandii jijjiiramaati. Kana dagachuun jireenya maraammartoo jiraachuu waan ta’eef hatattamaan keessaa ba’uun murteessaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015