Ummatoonni Afrikaa, yoo asuma dhiyeessinee fudhanne kan biyya akkuma gubataa marqaa kan hubatetu arga jedhamu san sirnaan ittisiqnee yoo mil’anne tokko tokkoon sabootaa duudhaa cimaafi walisaan fakkeessu danuu qabu.
Kanaanis duudhaaleen saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii akka funcaa walitti hidhanii qabuun aannaniifi garaa walitti taasisee barootaaf waliin jiraachisuuf akka hapheetti tajaajilaa jiran hedduudha.
Gaazexaan Bariisaas ayyaana Masqalaa guyyoota muraasa booda kabajamu sababeeffachuun duudhaalee xabboo saboonni biyya keenyaa keessumaa kanneen jiddugaleessa kibbaatti argamanii maal akka fakkaatu akka nuu ibsaniif hayyuu seenaa dhimma kanarratti qo’annoowwan adda addaa gaggeessan Obbo Yohaannis Tasfaayee dubbisee akka ittaanutti dhiyeesseera.
Akkuma irranatti ibsuuf yaalame qo’annoonsaanii beekumsa xabboo saboota jiddugaleessa biyyaarratti argaman Oromoo, Maaraqoo, Guraagee, Silxee, Masqaan, Kambaataafi Haadiyyaarratti kan xiyyeeffateedha.
Qo’annoo ka’umsaa
Kanin akka ka’umsaatti qo’adhe seenaa saba Maaraqoo ta’ee boodarra qo’annoowwan biyya alaatti maxxanfaman fakkeenyaaf jornaalii biyya Jarman tokkorratti kan maxxanfame seenaa Magaalaa Qoshee, Maaraqoo keessatti argamtuuti.
Lammaffaan Yunivarsitii Kaaliforniyaatti kan maxxanfameefi seenaa ummanni Maaraqoo yeroo weerara Xaaliyaanii keessatti qabu kan ibsuudha. Fedhiin koo seenaa kana bira darbee dhimma wajjummaa hawaasaarratti kan xiyyeeffateedha.
Gumii Qo’annoo 11ffaa Yunivarsitiin Jimmaa bara 2013 gumii qopheesserratti qo’annoon walittidhufeenya dinagdee, hawaasummaafi aadaa saboota Maaraqoofi Oromoorratti waraqaa qo’annoo dhiyeesseera.
Bara 2014s gumiidhuma walfakkaatuun waltajjiiwwan Yunivarsitoonni Boongaa, Jigjigaafi Qiddista Maariyaam qopheessanirratti qo’annoowwan dhiyeesseera. Qorannoowwan koo caalaatti kan xiyyeeffatan duudhaalee tokkummaa ummatoota kanneen jidduutti mul’atanirratti.
Fakkeenyaaf walittibu’iinsonni ni uumamu. Biyyuma kamittuu mootummoonni kan qoraman walittibu’iinsota uumamaniini. Qaamolee gabbarsiisaniifi hingabbaru jedhan jidduutti walittibu’iinsi ni uumama. Walittibu’iinsa oggaa jennu matayyootaafi afaanota jidduuttillee ta’uu mala.
Oggaa tokkummaa jennu garuu waan bunnee baasnu miti. Walittibu’iinsi waan muraasa. Tokkummaan garuu waan keessoo jiru kan ilaaluudha. Fakkeenyaaf, Yunivarsitiin Finfinnee Fulbaana 21 gumii idiladdunyaa 21ffaa gaggeessa. Anis achirratti waraqaa qorannoo tokko nan dhiyeessa.
Saboonni afaaniifi seenaa adda addaa qaban kanneen jiddugaleessa kibbaa keessa jiraatan Oromoon, Maaraqoon, Guraageen, Silxeen Hadiyyaan Itoophiyaatti qofa otoo hintaane duudhaa xabboo wiijjoo jedhamu qabu.
Wiijjoo
Wiijjoon duudhaa xabboo ta’ee sirna qusannaati. Fakkeenyaaf Itoophiyaatti jaarmiyaan xabboo akka qusannaatti fudhatamu guddaan uqqubiidha. Aadaan biyyoota Afrikaa biroottis ni argama. Namni tokko akaakuuwwan uqqubii lamaa sadii qabaachuu danda’a.
Wiijjoon ummatoota jiddugaleessa kibbaatiin hojiirra oolaa jiru kana uqqubiirraa adda ta’uun qusannaansaanii maallaqaan qofa ta’uu dhabuusaati. Akaakuudhaan qusatama jechuudha. Keessumaa maatiiwwan loon gaafaa lakkoofsa muraasa qabaniifi dinagdeedhaan harkaqal’eeyyii ta’an sirna qusannaa aannanii, wiijjoo dubartootaa qabu.
Maaliif aannan qusatu yoo jenne, maatiiwwan saawwan xiqqoo qaban fakkeenyaaf guyyaatti aannan liitira tokko qofa argatu yoo ta’e, liitira tokko kana kuusanii dhadhaa baasuun tarii sababoota adda addaatiin rakkisaa ta’uu mala.
Sababoota kanneen keessaa tokko aannan yoo ture nidhangaggaa’a. Sababii lammaffaan haati ijoolleeshiitiif aannan kennuu qabdi. Abbaan warraas aannan dhuguu barbaada ta’a. Kanaaf saboonni kunniin yeroo ayyaanota guguddoo akka Masqalaafi yeroo cidhaa fa’itti sirna qusannaa aannanii, wiijjoo kanatti fayyadamu. Wiijjoon kun saboota Walaneefi Silxee biratti waddoo jedhama. Oromoo, Maaraqoo, Guraagee, Masqaaniifi Hadiyyaatti ammoo wiijjoo jedhama.
Dubartoonni uqqubii wiijjoo jedhamu qabu. Fakkeenyaaf Godina Guraagee, Aanaa Maaraqoo, Ganda Diidaa jedhamu keessa dubartoota 20tu jiru. Dubartoonni 20 kunniin aannan liitira lama lama guyyaan guyyaadhaan cim’isu; wiijjoodhaan. Kan guyyaa tokkoo kun mana ishii tokkoo gala. Guyyaa tokkotti liitirri 40n gale jechuudha.
Kanaaf, tokkoffaa kuusuuf turee hinbadu. Itichanii raasuu qofa. Lammaffaa, abbaan warraa yoo dhuguu barbaade burcuqqoo tokkoo ol hindhugu. Ijoolleefis xiqqoon ni kennama. Abbaan warraas dhadhaa liitira 40 sana keessaa bahu arguu barbaada. Faayidaa dinagdeesaas ni ilaala jechuudha.
Aannan itite sana ni raasu, wiijjoon kana jechuudha. Wiijjoon seeraafi sirna mataasaa qaba. Oromoo biratti qusannaan wiijjoo kun Soorettii jedhamti. Inni Maaraqoofaa biratti kochaa jedhamu ammoo (kan dhiiraa) Abbaa Qabaa jedhama. Aannan qulqulluutu qodaa qulqulluudhaan dhiyaata.
Wachoo
Maaraqoofi Masqaan keessa akkuma wiijjoo sirni qusannaa wachoo jedhamu, sirni qusannaa dhiirotaas jira. Wiijjoon kan dubartoonni aannan ittiqusataniidha. Wachoon loon dabareedhaan tiksuudhaan walqabata. Olloonni loon muraasa qaban yeroofi humnasaanii qusatu. Dabareen loon tiksuun kun Oromoo biratti koochaa jedhama.
Garuu tajaajilliifi hojiinsaa tokkichuma. Kunis loon lama ykn sadii qabattee naanna’uun dadhabsiisaadha, yeroos kan qisaassesuufi nuffisiisaadha. Kanaaf dhiironni loon muraasa qaban dabaree loon tiksu baafatu. Kunis seera mataasaa qaba. Namni dabareesaa hintaane ganamaan ka’amee loon ollaa ykn mandara sanaa bakka jiddugaleessa ta’etti muka akka odaa jiru jalatti gadilakkisee gara dhimmasaatti deebi’e. Hundumtuu akkas godha. Abbaan dabaree garuu loon mana manaa bakka tokkotti walittiqabaman kanneen ganama sa’aatii 2:00 irraa eegalee tiksaa oolee galgala sa’aatii 12:00tti galcha.
Haala ittito’atanis yoo ilaalle fakkeenyaaf, abbaan dabaree loon sana muka wayii jalatti walittiqabee yoo gara biraa deeme ykn bakka wayiitti gore haallitti beekamu jira. Kunis yoo loon fiigaa gara qe’eetti dhufan waan bakka tokko dhaabataa oolaniif hinquufne. Kanaaf abbaa dabaree kana boru ganama adabbiitu eeggata.
Loon quufee dhufe suuta jedhee deemee gala. Yoo loon oyiruu namaa seene afalaamaa kan kanfalu abbaa dabaree ykn tiksee sana malee abbaa loon sanaa miti. Afalaamaa jechuun yoo loon oyiruu namaa seenee midhaan ykn raafuufaa dheede adabbii abbaan dabaree kaffalu jechuudha. Loon badeefis kan gaafatamu abbuma dabareeti.
Qulqullina aannanii
Wiijjoorratti aannan qodaa qulqulluudhaan dufuu qaba. Aanannis qulqulluu ta’uu qaba. Naannawawwan kanneenitti dubartiin tokko sababa qulqullina aannanii hineegneef garee sana keessaa ari’amuun qaanii guddaadha. Fudhatamas hinargattu. Fakkeenyaaf, aannanitti bishaan hinnaqan.
Qodaan wiijjoos adda; qulqulluudha. Calluma jedhamee joogiifi qodaa biraatiin dhiyeessuun hindanda’amu. Of eeggannaan qulqullina kanaaf taasifamu ykn kaamettummaan gaa’ela dhaabbachuu keessattillee qooda qaba. Safartee yeroodhaanis dhiyeessuu qabdi.
Wiijjoon eessatti, yoom eegalame?
Naannawawwan eerre kanneenitti duudhaa kanaan dhadhaan Masqalaa walittiqabama, keessumaa Masqaaniifi Maaraqoo fa’itti. Eenyu, yoom, eessatti akka eegale waanti beekamu hinjiru. Saboonni kunniin duudhaa kana darbaa dabarsaan walharkaa fuudhaa dhufaniiru.
Tokkummaa
Hariiroon saboota kanneenii gaa’elaan, gabaa tokko ooluu fa’iin yeroo dheeraa kan lakkoofsiseedha. Waantota baay’eedhaan waan walarganiif waan gaarii isa tokkoo fudhatanii ittifufsiisaniiru. Tokkummaa kan arginu waantota akkanaa keessaayi.
Gara addummaan yoo dhufne namni afaan dubbatu qofaan miti kan adda adda ta’e. Namni ofumasaa qofaan walfakkaata. Nama biraa wajjin tasumaa walhinfakkaatu. Fakkeenyaaf ati abbaa kee wajjin walhinfakkaattu. Namni tokko nama biraarraa kan adda bahuun ashaaraa qofaani. Yoo addummaa barbaadna ta’e hanga ashaaraatti deemuu dandeenya. Tokkummaan keenya garuu waan guddaadha. Waan guddaa kana kan argannu ammoo gabaatti, bultiifi taateewwan danuu keessaa ta’uu danda’a.
Itoophiyaa keessa afaan adda addaa dubbachaa waliin jiraachuun bal’inaan beekama. Gaa’elaan walitti hidhamaniiru. Naannawa ani qo’annoo ittigaggeessetti saboonni baay’een bakka xiqqootti walkeessa jiraatu. Kunis yeroo dheeraa kan lakkoofsise ta’uu barreeffamoota adda addaarraa dhugeeffadheera.
Adaree Leencaa
Ganda naannawa Magaalaa Buttaa Jiraatti argamu tokko keessa gootni Adaree Leencaa jedhamu akka ture himama. Namni kun naannawa Baatuutii akka dhaqetu dubbatama. Inni gaa’ela dhaabbatee achi galee gosoonnisaa ni jiru; Masqaan keessa. Afaan isaan dubbatan Masqaaniffa. Oggaa sanyiisaanii ibsan garuu nuti kan Adaree Leencaati jedhu.
Masqala duudhaa saboota tokkummeessuu keessatti
Qo’annee itti hinfayyadamne malee duudhaalee hedduutu jiru. otoo qo’atamanii hojiirra oolaniiru ta’ee guddina dinagdee keessatti gumaacha olaanaa qabu. Fakkeenyaaf kan Masqalaa yoo ilaalle jiddugaleessa kibbaatti ayyaana xiyyeeffannoo guddaann kennamuufiidha.
Qophiin ayyaanichaa kan eegalamu wiijjoorraayi; dhadhaa kuusuurraa jalqaba jechuudha. Tokkummaan kan dhufu waan dursitoonni siyaasaafi amantii lallabaniif miti. Ummatichi duudhaadhumasaatiin keessoosaatti tokko ta’ee kan jiraateedha.
Ibsaa Masqalaa
Ayyaanonni akkanaa tokkummaa keenya ittifufsiisuu kan danda’an hawaasichi addummaasaa muraasarra tokkummaasaa bal’inaan mul’atu oggaa arguudha. Fakkeenyaaf oggaa ibsaan Masqalaa baafamu musliima kiristaana waanti jedhamu hinjiru. Kan wajjummaatiin ayyaaneffatee gala.
Fakkeenyaaf mijjirii ykn damaraan Masqalaa jira. Haallitti damaraan qophaa’u bakkawwan hundatti walfakkaata. Mukoota qaqal’oorraa hojjetama. Fiixeesaarratti jalaa qabee safaramuun walirraa faffageeffamee hidhama.
Damaraan bakka lamatti wadaroodhaan hidhamu naannawa kamuu hinjiru. Haalli damaraa wafakkeessanii muka qaqal’oorraa qopheessuu kun labsiidhaan kan ta’e miti. Saboonni biyyattii barootaaf damaraa hojjetaa Masqala kabajeera jechuudha. Duudhaa kanas bakka gabaa fa’itti walharkaa fuudhaa haala walfakkeenya qabuun qopheessaa asiin ga’eera.
Fakkeenyaaf haallitti namni Gojjaam jiruufi Gaamoo ykn Wallagga jiru damaraa ittiqopheessu walfakkaata. Gabaa fa’itti walargaa, duudhaa kana waljijjiiruun malee labsiidhaan himamee, mana barumsaatti akkas haa ta’u jedhamee leenjiin kennamee miti. Kun tokkummaa achi keessa jiru agarsiisa. Kun akkamitti ittifufa, bu’aa barbaadamu buusuu danda’a? deebiinsaa nama dhuunfaarraa eegala. Hawaasicha kan fayyadu tokkummaa moo waantota yeroof mul’ataniidha? kan jedhu yaaduu barbaachisa. Miirri yeroo isa kaan faana otoo hintaane ofuma wajjin walitti bu’iinsa uumuu danda’a.
Kanaaf keessumaa ayyaanota guguddoo akka Masqalaa iddoo guddaan kennamuuf qusannaa ni dabalata. Tokkummaan inni uumus bakka guddaa qaba. Kun qo’annoodhaan deeggaramee dhiyaachuu qaba. Yaa’iiwwan gabbisa hubannoos adeemsifamuu qabu. Kan yeroowwan adda addaatti yunivarsitiitti dhiyaachaa jiran sadarkaa manneen barnootaatti dhiyaachuu qabu.
Mallattoolee tokkummaa
Miijuu tokkorraa unachuun, walirraa ergifachuun, qircaa qircachuufaan mallattoo ibsama tokkummaati. Qircaadhaaf jecha bakka tokkotti qusachuun, wajjummaan gabaa bahanii loon qalmaaf ta’u bitachuufaan asuma keessatti eeramu. Masqalli saboota biyyattii hunda biratti haalaafi duudhaa walfakkaatuun kabajama.
Duudhaa achi keessa jiru qo’atanii baasuun akka ibsama walootti ittifayyadamuu barbaachisa. Kanaafis Masqalli tokkummaa ibsuufi cimsuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata. Haalli ayyaaneffannaasaas qe’ee qe’eetti gochuurra akkuma ayyaana cuuphaa bakka tokkotti dhufamee otoo kabajamee gaariidha.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015