Dhaloota Dinagdeen Humneessuu: kitaaba daandii duroominaa agarsiisu

Kitaabni ‘Dhaloota Dinagdeen Humneessuu’ jedhu kan Hayyuu Dinagdee Doktar Guutuu Teessootiin barreeffame Adoolessa 29 bara 2014 galma Hoteela Ilillii Internaashinaaliitti eebbifameera. Sirna eebbichaarratti hayyoonni, abbootiin qabeenyaa, Abbootiin Gadaa, aartistoonnifi keessummoonni biroon argamaniiru.

Doktar Guutuu Teessoo sirna eebba kitaabichaarratti akka jedhanitti, Itoophiyaan yeroo ammaa kallattiilee hundumaan rakkoo dinagdee keessatti argamti. Ummannni biyyattii sadarkaa gara garaarra jirus rakkoo dinagdeef saaxilamee jira. Hundumaa caalaa ummanni naannoo Oromiyaa hojii dinagdee keessatti hirmaachuudhaan duubatti hafee jira. Oromiyaan biyya bal’oofi qabeenya uumamaatiin badhaateedha. Oromiyaan biyyoota Gaanfra Afrikaa keessaa iddoo tarsiima’aa ta’etti kan argamtuufi qabeenyi Itoophiyaa ijaare harki guddaan kan keessaa maddeedha. Abbootiin qabeenyaa hedduun biyyattii keessatti ka’aniifi qabeenyi hedduun mootonni biyyattii ittiin bulchaa turan kallattiidhaanis ta’e alkallattiidhaan kan madde Oromiyaa keessaati. Haata’u malee gama itti fayyadama qabeenyaa kanaatiin yoo ilaalle ummanni Oromoo ulaagaa kamiinuu gadaanaadha. Walgowwomsina yoo ta’e malee ammayyuu qabeenya ummata Oromootti fayyadamaa kan jiru warreen biroodha.

Hunda caalaa dhaloonni amma jiru kanneen yunivarsiitotaafi kollejjota adda addaarraa eebbifamee ba’es ta’e kan mana barumsaa sadarkaa olaanaa hinseenne kallattii dinagdeetiin fuuldurrisaa dukkanaa’aadha. Kana hubachuuf utuu fagoo hindhaqin magaalota Godina Addaa Oromiyaa kanneen akka Magaalaa Buraayyuu, Ashawaa Meedaa, Sabbataa, Gooroo, Laga Xaafoo Laga Daadhiifi bakkeen biroo deemnee dargaggootaafi namoota gurguddaa hojii tokko malee guyyaa guutuu asiifi achi jooraa oolan ilaaluu qofti ragaadha. Carraan hojii hanqachaa adeemuun, qaala’inni jireenyaa hammaachuun, hojii daldalaafi qonnaatti seenuuf rakkoo walxaxaan jiraachuun haalaan dinagdee dhalootaa daran hammeesseera.

Sababoota hedduu keessaa isaan kunneeni kan dargaggoota daandiitti baasee meeshaa siyaasaa akka ta’an akkasumas biyyaa godaananii mana hidhaa biyyoota hambaatti akka dararaman kan taasisan. Dhugaa dubbachuudhaaf qaamni dhaloota dinagdeen jabeessuuf hojjechaa jiru jira jechuudhaaf nama danqa jedhu hayyuun dinagdee kun.

Abbootiin qabeenyaa irra jireessi carraa hojii uumuurra darbanii hagas mara akkaataa itti dhaloota dinagdeetti galchuu danda’anirratti karoora ta’e sagantaa waan qaban hinfakkaatan. Hayyoonni biyya keenyaas karaa ittiin beekumsaafi gorsaan dhalootarratti dhiibbaa uumuuf saganteeffatanii yeroo hojjetan hin argamu. Waajjiraaleen mootummaafi miti mootummaas kallattii dhimma dargaggootaa, harka qalleeyyii, hojjettoota mootummaafi abbootii qabeenyaa dinagdeedhaan utubuudhaaf hojiisaan hojjechaa jiran gahaadha kan nama jechisiisu miti. Biyyoota biroo keessatti garuu wantoota abbootiin qabeenyaa, hayyoonniifi qaamoleen mootummaa kan ittiin madaalaman keessaa isa tokko dhaloota ol adeemoo dinagdeen jijjiiruudha.

Akka fakkeenyaatti biyyoonni baha Eeshiyaa moodeela dinagdee mootummaa misoomawaa gaafa tolfatan duraan dursanii waggootaaf dhaloonni ol adeemoon ga’umsaan dinagdee biyyattii baachuu akka danda’an irratti hojjetaniiru. Kanarraa ka’uun guddinni dinagdeesaanii sadarkaa har’a irra jirurra ga’uu danda’eera jedhu.

Kitaabni “Dhaloota Dinagdeen Humneessuu” jedhu kun dargaggoonni, hojjettoonni mootummaafi miti mootummaa, abbootiin qabeenyaafi harka qalleeyyiin ofitti amanamummaa horatanii hanga qabeenya dhaabbataa horachuu danda’anitti adeemsa isaan keessa darbuu qaban tarreessee kan agarsiisuudha. Kitaabichi haala qabatamaa ummata keenyaarratti xiyyeeffachuudhaan akkaataa isaan itti rakkooleefi dadhabina jiran keessaa ba’anii dinagdee itti horachuu danda’an gorsuufi barsiisuudha.

Akkasumas rakkoo hawaasa keenyaa keessumaa kan dargaggootaarratti xiyyeeffachuun carraawwan hojii biyyattii keessa jiran kan agarsiisu, jijjiirama yaadaa akka qabaatan taasisuu, jireenya mul’ataafi galma qabu akka jiraatan, aadaa hojiisaanii akka gabbifatan, madda galiisaanii akka babal’ifatan, aadaa qusannoo akka gabbifatan, baasii hinmalleefi qisaasama qabeenyaa akka hir’isan, idaa hamaa ofirraa akka ittisaniifi waliin hojjechuun qabeenya dhaabbataa akka horatan kan taasisuudha.

Kitaabichi yaadrimee saayinsii dinagdee fudhachuudhaan muuxannoo namoota biyya keenyaafi addunyaa harka duwwaarraa ka’anii dinagdeen sadarkaa guddaarratti argamanii walitti firoomsuudhaan kan barsiisuudha. Kitaabichi dinagdee nama dhuunfaa, maatii, hawaasaafi biyyaa jijjiiruurratti xiyyeeffachuun kan barsiisu ta’uu himu.

Qonnaan bulaan, daldaltoonniifi abbootiin qabeenyaa keenya shaakalaafi muuxannoo qabaniin malee karaa saayinsaawaa ta’een deeggaramanii kan hinhojjenne ta’uunsaanii ifatti kan mul’atuudha. Kitaabichi boqonnaa adda addaa waan qabuuf namni tokko haala keessa jiru keessatti boqonnaa isa ilaallatu dubbisee furmaata akka argatu kan taasisuudha. Kitaabichi namoota dinagdeen sadarkaa gara garaarratti argaman hundas kan fayyaduudha. Kitaabichi yaadannoo namoota Oromiyaan akka beekamtu, mirga Oromootiif qabsaa’aniifi Afaan Oromoo afaan barnootaa gochuuf kufaniif naaf haata’u jedhaniiru.

Yeroon amma keessa jirru kun yeroo hamaadha. Hojjetanii jireenya ofii jijjiiruuf yeroo hamaafi qaxxaamuraa keessa jirra. Qulqullinaan hojjetanii nama ta’uun, daldalaniifi aramanii galma ga’uuf danqaalee hedduutu jiru. Biyyattii keessatti kan duroomaa jiru warra hataniidha. Duroominni hannaan dhufu ammoo jijjiirama dinagdee hinfidu. Saayinsii dinagdee keessatti hanniifi kadhannaan (waanti utuu hindafqiniifi hinifaajin argatan) hundi herrega dinagdee keessa hingalu. Yeroon amma keessa jirru yeroo hamaa waan ta’eef yeroo itti qabsoo dinagdee hadhaa’aa jalqabuuf itti ofqopheessuu qabnu ta’uu hubachuu qabna.

Dureessonni mana ijaarrataniifi bakka argatan dinagdeerratti waan guddaa hojjechaa waan jiran isinitti hinfakkaatin. Ummanni keenya lafa abbaafi haadhasaa dhaalaan argate gurguruu hinqabu. Abbaan biyyaa abbaa qabeenyicha qabuudha. Lafichi kan keenya miti taanaan seerri biyyaas ta’e biyyaalessaa biyyi kun kan keeti jedhee nuuf hin eeyyamu. Oromoon yeroo kamuu caalaa hirriba keessa jiru keessaa dammaquu qaba.

Dinagdeen hiyyoomtanii jennaan abadan waan barbaaddan hin argattan. Isa garaafi qalbii keessan keessatti yaaddan hin argattan. isa isaaf jettanii wareegama kaffaltan hin argattan. Waaqaa gaditti humna guddaa kan qabu maallaqa. Warra biyya bitan utuu hintaane humna kan qabu maallaqa. Kanaafuu maallaqa qabaachuu qabna. Gaafa dinagdee horanne ol jennee kennina malee gad jennee hinfudhannu. Kanaafuu dammaqnee haa hojjennu, haa barannu, wal haa gorsinu, waan qabnu haa qusannu, qabeenya haa horannu. Kitaaba kana kanan barreesse baay’ee beekee utuu hintaane hammuma nuuf gale lammii keenyaaf qooduuf jecha jedhu. Kan waan qabu darbatu doqna hinjedhamu jedhama jedhu.

Doktar Gammachuu Magarsaa akka jedhanitti, kitaaba katabuu jechuun akka dubartii ulfaa’anii ciniinsifatanii miixatanii dhaluu jechuudha. Kitaabni kun dhimma dinagdeerratti xiyyeeffata. Oromoon qabeenyaan horii jedha. Horii jechuun ammoo waan horuudha malee waan nyaatamu jechuu miti. Oromoon horii aadaatu horata jedha. Nama aadaa qabutu horii qaba. Dhiifama naaf godhaa malee Oromoon har’aa kun birrii qaba malee horiis ta’e aadaa hinqabu. Oromoon horiin kan gosaati ykn kan gosa qabutu horii horata jedha. Oromoon nama gosa qabutu gola qaba, nama gola qabutu gosa qaba jedha. Nuti warra gosas ta’e gola qabu miti kara deemtuudha.

Horii waliin yoo gosas ta’e gola hin horatin horii isin har’a horattan kan keessan miti, guyyaa tokkotti waan isinirraa ooffachuun danda’amuudha. Horii aadaatu horata, nuti warra aadaa qabu miti. Ummanni hindubbifne bilisoomuus ta’e duroomuu hindanda’u. Har’ayyuu akka alagaatti kan durooman baay’ee qabna, akka Oromootti kan durooman garuu hinqabnu. Ummanni Oromoo hirriba keessa jiru keessaa dammaqee kitaaba dhimma dinagdeerratti xiyyeeffachuun barreeffame kana dubbisuun dinagdeesaa akka guddisuuf yaadachiisaniiru.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa akka jedhanitti, horii qabaachuuf dura qalbii qabaachuu qabna. barataan tokko gaafa mana barumsaa seenu balbala barnootaa ykn beekumsaa seene. Kan baratu garuu yoo dubbiseefi gaafate qofaadha. Barnoonni ija namaa bana. Yoo hinbaranne lafa hin arginu. Horiin ammoo kan horu lafarratti. Kanaafuu qalbiin hinjiru taanaan lafti hinjiru, lafti hinjiru taanaan ammoo horiin hinjiru. Yoo iji kee banaa hintaane lafa kee hin argitu waan ta’eef lafa abbaa kee lafeesaa itti cabsee eegee si dhaalchise gurgurtee qarshii argatte mana dhugaatiifi kachachalaatti fixxa. Lafa abbaa keenyaa eeguu kan dandeenyu yoo baranneefi iji keenya baname qofaadha.

Oromoon afaansaatiin waa dubbachuu, barreessuufi barachuu jalqabuunsaa duula du’aa ka’uuti. Namni afaansaatiin waa himachuufi barreessuu hindandeenye du’aafi jireenya gidduu jira. “Doktar Guutuu Teessoo kitaaba “Dhaloota Dinagdeen Hummeessuu” jedhu kana Afaan Oromootiin barreessitee duula du’aa ka’uu kana keessatti hirmaachuu keetiif baga gammadde, baga milkooftes” jedhaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015

Recommended For You