“….muraasas ta’u qonnaan bulaan hojii misoomaarratti bobba’e jira. carraa argateenis fuulasaa gara qonnaatti deebifateera. Qonnaan bulaan kun bu’aa dhamatiisaa kana akka gara manasaatti galfatuuf gonkumaa eeyyamuufii hinqabnu. Kanaafuu yeroo inni hinqophoofnetti tarkaanfiin barbaachisaadha jedhamu irratti fudhatamuu qaba.”
Keeyyata seensarratti eerre kana kan arganne sanada badii shororkeessaa ABUT mataduree, ‘Adeemsaafi tarsiimoo boqonnaa waliigalaa’ jedhuun tibbana baaserraa yoo ta’u, murni yeroo aangoorra turetti maqaa qonnaan bulaatiin kakuu sobaa raawwataa ture kun haaluma kanaan dura gochaa tureen qonnaan bulaa dugugguruu dinagdee biyyaa ta’e miidhaa biraatiif saaxiluuf karoorfachuu agarsiisa.
Sanadiin badii ammaa kun tarii waan miliqee ba’eef qabatamaan mul’ate malee murnichi durumaa qabee miidhaan garajabeenyaan keessumaa qonnaan bulaa biyyattiirratti raawwataa tarreeffamee kan xumuramu miti.
Kanaafis gocha hammeenyaa murnichi yeroo aangoorra turetti qonnaan bultoota Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee qe’eesaarraa buqqisuun raawwate fakkeenya qabatamaadha.
Iddoowwan kaanittis keessumaa jijjiiramaa as akka qonnaan bulaan omishaafi omishtummaasaa dabalee akka wabii nyaataasaa, maatiifi biyyaa hinmirkaneessineef xaa’oo jalaa gubaa gubsiisaa, omisha qonnaan bulaan halkanii guyyaa ittidhama’ee gidiraa murnichi garanaa garasiin irratti raawwatuufi raawwachiisu dandamachuun haamee tuullatetti ibidda qabsiisee barbadeessuun, isaan kaan saamuun gocha garajabinaa hamaa raawwachaa tureera; jiras.
Naannawawwan biyyattii keessumaa kallattii lixaafi kibbaa nagaafi tasgabbiidhaan beekaman haala isaanii hinmalleen dirree hokkaraa gochuufi gochisiisuudhaan akka qonnaan bulaan bunasaa hinfunaannanne, hojiilee qonnaa biroo hinhojjetanne, innumti carraa argameen omishamellee akka sirnaan sassaabamee faayidaa maluuf hinoolle gochaafi gochisiisaa ture; jiras.
Hammeenyi murna shororkeessaa kanaa midhaan qonnaan bulaan omishate gubuufi akka hinomishanne gochuu qofaan kan ibsamu miti. Beeladootallee otoo hinhafiin irbaata rasaasaa gochaa, kaan saamaa saamsisaa turuunsaa yaadannoo yeroo dhiyootti.
Kan biraa haa hafuutii murnichi yeroo aara galfii mootummaan federaalaa qonnaan bultoota naannoo Tigraayiif kennetti akka hinfayyadamne gochuun sabicha rakkoof saaxileera. Darbees ilmaansaa kichuufi umriin raagan otoo hinhafiin waraanarratti akka hiriiran gochaa jira.
Walumaagalatti baay’onni murna shororkeessaa kana gochasaarraa ka’uun Naazii Jarman wajjin, kaan ammoo garee fincilaa Kaamboodiyaa Keemruuz, akkasumas Bokohaaraamiifi Alshabaab faana walfakkeessu; gocha hammeenyaa inni dhala namaarraan gahaa tureefi jiruun.
Keessumaa tarsiimoon badii shororkeessaa ABUT qonnaan bulaa jiddugaleeffatee baaseefi dursees harka wayyaa jalaatiin qonnaan bulaafi ilmaansaarratti raawwataa tureefi jiru hubannee yoo ilaalle gochisaa kan gareewwan irranatti tarreeffamanii dachaa meeqaan kan caaluudha. Sababiinsaas uleensaa badii kan xiyyeeffate harka qotee soorurratti waan ta’eefi fiixee hammeenyummaasaa kan ibsu ta’uusaatiin. Kanaaf murna badii kana irree tokkoomeefi walta’een faccisuun ni barbaachisa.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015