“Tulluun sitti jigumoo biyyi sitti jiguu wayya” jennaan gowwaan “biyyi natti jiguu wayya” jedhe jedhama. Wayyaaneen ilaalcha bosonaa kaleessa ishee keessa turerraa qullaa’uu dhabuun aangoo dhaaaltummaan kan darbu taasisuuf afaan boollaarra dhaabattee dhidhiitataa kan jirtu fakkaatti.
Dhidhiittattus hanga lubbuun baatutti luluqqa’uu taati malee kana booda sabaaf sablammii Itoophiyaa mitiitii lubbuu qabeeyyiifi lafti ilaalcha ofittoo Wayyaanee baatu hinjiraatu. Egaa makmaaksi, “biddeena ani dide sareenkoo hinkajeeltu” jedhu jibba ummanni bal’aan Itoophiyaa murna kanaaf qabu kan ibsuudha.
Murni Wayyaanee hannaafi saamichaan dinagdee dhuunfaasaaniifi ilmaansaanii gabbisaa ilmaan cunqurfamoo hidhaafi ukkaamsaan hiraarsaa umrii aangoosaanii dheeraffachuuf osoo wixxifachaa jiranii diddaa dhooheen biyya waliin dhagaa gargar bahe ta’e ta’eera.
Waldhabdeen murna shororkeessaa ABUTfi Itoophiyaanota gidduu jiru mariidhaan furamee dhiifamaan ceena ilaalchi jedhu yoo ka’us akkuma kan olaantummaa bare walqixxummaan xinneenya itti fakkaata jedhamu waawuukoo jedhee waraana kaasuun waggoota lakkoofsisaa jira.
Nageenya biyyaa kabachiisuuf wayita mootummaan tarkaanfii jalqabu araara feena jedhanii harka baasuun yeroo mootummaan tole araara buusnee biyya ijaarra jedhee dhukaasa dhaabummoo dibbee waraanaa rukuchaa barcuma aangoo dur baran sana qabachuuf kaka’uun amala fafee murna badii kanarraa calaqqisu ta’aa jira.
Murni ABUT wayita aangoorra ture waggoota 27 oliif hannaaf, saamichaafi hiraarsaa dhala namaatiin ala maqaa albuuda baasuu jedhuun dachee uumamaan miidhageefi badhaadhe diigaa teessuma lafaa balleessuun dhala namaa balaaf saaxilaa turuun seenaa fagoo miti. Keessumaa gama hiraarsaatiifi galaafannaa lubbuutiin gocha garajabummaa murnichi bara 2009 ayyaana Irreechaa Hora Harsadeerratti lammiilee qulqulluurratti raawwate kaasuun ni danda’ama.
Kana akka fakkeenyaatti eerre malee murnichi yeroo aangoorra turetti maqaa faajjii ABOtiin dhalattoota Oromoorra gidiraafi hiraarsa dhala namaaiif hinmalle raawwachaa tureera. Murnichi dhala garaa jirurraa kaasee hanga oladeemtotaatti gidirsaafi fixaati kan ture. Kana malees gaaga’amni beeladarrattillee waggootuma lamaan darbanitti raawwate ragaa gahaadha.
Kanaafis nama mitiitii dacheen ilaalcha badiifi ofittummaa sirna ABUT kana baatu waan hinjirreef biddeen ani dide sareenkoo hinkajeelu jedhanii gabaabsuun ni danda’ama.
Murni badii kun karaa nageenyaatiin badiisaarraa akka deebi’uuf margi buufamuufiis abadan gurra hinqabu jedhee waraana kaasaa; walabummaa biyyaa mirkaneessuuf wayita mootummaan tarkaanfii fudhatummoo mariin furra jechaa afanfajeessa sobaatiin umrii dheereffachuuf waliindhahaa jira.
Shororkeessaa ABUT badii ofii dalage dhokfachuuf shira siyaasaa yeroon itti darbeen maloota gara garaa dhahee harka oladeemtota, maanguddootaafi abbooti amantii Tigraayiin abidda qabachuuf sochiin taasisaa jiru fagoo kan isa deemsisu hinfakkaatu. Gochi shira siyaasaa murni kun guduunfatee ka’e eeru kun lama yoo isa bulche malee du’a isa oolchuu akka hindandeenye hubachuu qaba.
Isa kanaafimmoo lola yeroo ammaa ABUT bane biyyarratti malee garee tokkoorratti qofa akka hintaane ifa. Akkuma, “Tulluun sitti jiguumoo biyyi sitti jiguu wayya jennaan gowwaan biyyi natti jiguu wayya” jedhe murni bicuu ABUT biyya itti jige akka waan tulluun itti jigeetti ilaalaa waan jiru fakkaata. Tulluun yoo namatti jige biyyi namarraa kaasa; biyyi yoo namatti jige garuu du’a qofatu nama fura yaanni jedhu galuufii dide.
Erga biyyi tufee of keessaa baasee wayyaaneen kana booda saree funcaan citeedha. Aangootti hindeebitu; sareen diddee yoo hatte eegeeshii irra kutanii quluxuu godhu. Sana booda lafa eegeenshii itti cite sana deebitee hindhaabattu, hinhattus, falli isheen qabdu biyyaa fagaattee amalashii sirreessitee balbala eegaa bara eeguu qofa.
Miirri guyyuu olaantummaan jiraadha jedhu namummaarraa kan fagaate, jaarraa kana keessa deeggarsa ummata bal’aa kan hinqabneefi ilaalcha qoqqoodaafi boodatti hafaa biyya sakaaluudha.
Yaanni tarkaanfachiisaa jiru inni guddaan akka baran miti akka baraa bulu akkuma jedhamu walqixxummaatti amanuu, waldhabdee mariin furuufi biyya hundumaf taatu ijaaruu qofa.
Waraanni biyya diiga, lammiilee bittinsa, dinagdee golgoleessa. Utuma kun ta’uun beekamuu shororkeessaan ABUT boolla qarqara dhaabatee takka waraanaan takka araaraan jechaa afanfajeessaan Itoophiyaa dachee waraanaa taasisuuf sochiin taasifamu hindeemsisu.
Shororkeessaa ABUT erga biyyi isa didee qalbii diddiirrachuun olola waraaanaatiin osoo hintaane caalmaa yaadaatiin injifachuuf ilaalcha bosonaa sammuusaa keessa jiru of keessaa haqee tarii yoo danda’e dimokraatawaa ta’ee dhaloota ijaaruun lammiilee Tigraay beelaafi gadadoo keessaa baasuuf otoo tattaafatee akkam misha ture.
Kanaan ala akkuma namni bara hiyyoolee gurrisaa duude hiyyoolee jechaa hafa jedhamu akkuma dur bare dheebuu aangootiin humnaan barcuma qabachuuf kan kaka’u yoo ta’e daaraa bubbeen fuute ta’uu qofa carraansaa.
Egaa, mammaaksi ‘biddeena ani dide sareenkoo hin nyaattu’ jedhu shororkeessaa ABUTf deebii gaarii ta’a. Kunis murni kun miidhaa ummata bal’aarra gaheen yoo madaalamu nama mitiitii lafti biyyattiiyyuu kan isa baatu waan hintaaneef obsis waan daangaa qabuuf tapha ‘takka lolaan takka tolaan’ taphataa akka jiraatuuf hayyamamuufii hinqabu.
Biyya nagaa qabduufi hundaaf taatu ijaaruuf waraanniifi oduunsaa dhaabachuu qaba. Ta’uu baannaan garuu biyyi tulluu mitii namarraa hinka’u.
Horaa Bulaa!
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015