Atileet Gooyititoom Gabrasillaasee qarshii kuma 300 badhaafamte

Kilabiin Ispoortii Ityoo-Elektirik atileet Gooyititoom Gabrasillaasee qarshii kuma 300 badhaase.

Kilabichi sagantaa badhaasaa hoteela Iskaayilaayititti kaleessa qopheesseen, ispoortessitoota dorgommiiwwan garagaraatiin bu’aa olaanaa galmeessisaniif badhaasa qarshii kuma shanii hanga kuma 300 badhaaseera.

Atileet Gooyititoom Gabrasillaasee, badhaafamtuu addaa ta’uun qarshii kuma 300 badhaafamteetti.

Kilabichi bara 2014tti ispoortessitoota atileetiksii, kubbaa miilaa dubartootaa, biskileetiifi teenisii minjaalaatiin bu’aa olaanaa galmeessisaniif badhaasa maallaqaafi waraqaa ragaa kenneera.

Pirezidaantiin kilabichaa Obbo Caalaa Amaan atileetonnisaa shaampiyoonaa Afrikaa, kan beektotaa addunyaafi dargaggootaarratti hirmaachuun waan meedaaliyaa warqii argamsiisuusaaniitti daran gammaduu eera.

Raawwachiisaan hojii Elektirikii Itoophiyaafi walittiqabaan yaa’ii waliigalaa kilaabichaa Obbo Shifarraa Taliilaa gamasaaniitiin hojjetoonni kilabichaa barana dameewwan ispoortii hundaan bu’aa olaanaa galmeessisuun baricha bu’aa olaanaadhaan xumuruusaanii dubbanii, gara fuula duraattis cimanii hojjetanii maqaa kilabiisaaniifi biyyasaanii ol kaasuu qabu jechuun hubachiisaniiru.

Sirna badhaasichaarratti pirezidaantiin kilabii Ispoortii Itoo- Elektirikiifi Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Koomaandar Daraartuu Tulluun argamuusaanii odeeffannoon kilabicharraa argame ni mul’isa.

Charinnat Hundeessaa

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You