Niitiin meeshaa hirattee deemte maaf nan deebi’a jetti?

“Niitiin meeshaa hirattee deemte maaf nan deebi’a jetti jennaan isa hafe baddu baafachuufi” jedhe jaarsi Oromoo. Wayyaaneen waggoota 27f gola lammiilee golgoleessaa qe’ee namaa saamaa qorqalbii lammiilee jaamsaa turte olola lolli tapha aadaa keenya jedhuun oftuulummaan waggoota 27f of jajaa turteetti.

Egaa jaarraa kana keessa hanna kaleessa baraniin jiraachuun kan hindada’amne ta’uu qeerroofi qarreen Oromoo qabatamaan isheetti agarsiiseera.

Sirni haaromsaa aangoo qabate jibbaafi waldhabdee jiru araaraan ceena; waliin Itoophiyaa hundaaf taate ijaarra jedhee wayita hojiitti galu murni olaantummaan biyya saamaa ture, ABUT haaluma bare sanaan buluu waan dadhabeef sirnicha shiraan diigee sirna hattuu sana deebisuuf kufee ka’aa tureera.

Badii gama kanaan raawwateenis raayyaa ittisa biyyaafi lammiilee nagaarratti miidhaan akka qaqqabu taasisaa turteetti. Badii murni kun qaqqabsiisaa ture ummata Tigraayillee kan dabalate yoo ta’u, daa’imman umrii ijoollummaa keessa jiran adda waraanaatti bobbaasuun hirbaata rasaasaa gochaa turteetti.

Gantummaa murnichi raayyaa ittisa biyyaarratti gaggeesseen kan aaran Itoophiyaanonni sirni hattuu kun deebi’ee aangoo qabachuun lammiilee hiraarsuuf kaka’aa kan jiru ta’uu waan hubateef raayyaa ittisaa cina hiriiruun waan qabuun deeggaraa sirni badii kun hundeedhaa akka baduuf wixxirfataa tureera.

Duubarras hiraarsaa lammiilee nagaarratti qaqqabaa jiru dhaabsisuuf waliigaltee dhukaasa dhaabuufi waldhabdee mariidhaan furuun yaadamus murnichi nageenya caalaa waraana kan filate ta’uu ifatti agarsiiseera.

Kanaafis marii araaraa eegalame cinaatti dhiisee ilaalcha ‘takka lolaan takka tolaan’ jedhuun biyya diiguuf socho’uunsaa nageenyiifi imalli badhaadhina biyyaa akka fuulduratti hintarkaanfanne sakaallaa ta’uu ittifufeera.

Mootummaan walabummaa biyyaa kabachiisuuf hojiirra jiru mariin biyyaalessaa seeraan hojiirra akka ooluuf; kana malees lammiileen nagaa Tigraay beelaaf akka hinsaaxilamneef dhukaasa dhaabuu tole jedhee fudhatee hojiitti hiikeera. Midhaan gargaarsaa akka bakka gahu hojjeteera, dhiyeessiileen wal’aansaa akka qaqqaban hojjeteera.

ABUT garuu mammaaksa, “Akka baran otoo hintaane akka baraa bulu” jedhu waan beeku hinfakkaatu. Tola didee waraana banuun nageenya biyyaa booressee aangootti deebi’uuf hawwii qabu sana tibbana mataduree, ‘adeemsaafi tarsiimoo boqonnaa xumuraa’ jedhuun qopheeffateen agarsiiseera.

Akkuma ‘Niitiin meeshaa hirattee deemte maaliif nan deebi’a jetti jennaan isa hafe baddubaafachuufi’ jedhamu murni ABUT gamoowwaniifi warshaalee hannaafi saamichaan iddoowwan gara garaatti ijaaree ittifayyadamaa ture osoo kan buqqa’ee deemu ta’ee buqqifatee, lafa saamaa turanis akka huccuu dadachaafamee kan fudhatamu osoo ta’ee qonnaan bulaa irraa harcaasee fudhatee ni deema ture.

Kun waan ta’uu hindandeenyeef hamma danda’etti waraana banee olola facaasee, nageenya biyyaa booressee qaxxaamuraan aangootti deebi’ee olaantummaa dur dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa akkasumas dippilomaasii biyyaarratti qabu deebifachuun ba’aa lammiilee ta’uuf humna qabu bobbaasee lammiilee hiraarsaa jira.

Kana booda Itoophiyaanonni boquu harqoota gabrummaa Wayyaanee baatu osoo hintaane kan ofirraa qolatu, walabummaa biyyaa mirkaneessuufis hundumasaayyuu akkaataa dhufaatiisaatti keessummeessuuf kan qophaa’e ta’uu agarsiisaa jiru.

Wayyaaneen badiisaa darberraa baratee waggaa haaraa kanatti ilaalcha haaraafi nagaa buusuun fayyadamummaa ummata Tigraayiif hojjechuu osoo maluu umrii aangoo namoota muraasaa dheeressuuf jecha hiraarsaa lammiilee hadheessaa jiraachuunsaa biyya keessattis ta’e alatti akka balaaleffatamu isa taasisaa jira.

Wayita mootummaan walabummaa biyyaafi nageenya lammiilee mirkaneessuuf socho’u iyya, dhumnee nuu birmadhaa jedhu dhageessisuun gubu fal’aanaan, qabbanaa’u harkaan isa jedhu ta’aa nageenyi Itoophiyaa qabatamaan mirkanaa’ee imalli badhaadhina biyyaa akka hinmirkanoofne taasisaa jira.

Biyyi Itoophiyaa yeroo ammaa kun olaantummaa kaleessaatiin isaan keessummeessuu kan hindandeenye ta’uu beekanii ilaalcha takka lolaan takka tolaan jedhu dhiisuun nageenya biyyaa mirkaneessuun Itoophiyaa hundaaf taate ijaaruuf akkasumas waldhabdee mariidhaan furuuf marii biyyaalessaa eegalame kabajuun waraanni gahe jechuu qabu.

Kanaan ala akka niitii meeshaa hirattee baatee isa hafe baddubaafachuuf kan kaka’an yoo ta’e abadan yoomiyyuu kan hinmilkoofneefi kan hi keessumoofne ta’uu beekuun dirqamasaaniiti.

Walumaa galatti Itoophiyaa har’aa ija kaleessaatiin madaaluun kan hindanda’amne ta’uu beekuun barbaachisaa yoo ta’u, biyya olaantummaa sabaatiin osoo hintaane olaantummaa seeraan jiraattu ta’uun hubatamuu qaba.

Hamma kun ta’etti miirri, naqabaa nagadhiisaa, ani bulchu malee Itoophiyaan nidiigamti jedhu ilaalcha boodatti hafaa waan ta’eef karaa badii kanarraa of qusachuun barbaachisaadha.

Egaa Wayyaaneen abidda facaastee bara haaraa abaaruurra waamicha nageenyaa didetti debi’ee cubbuusaarraa of qulleessee sirna tarkaanfachiisaa faana tarkaanfachuun ilaalcha eebbifamaa yoo ta’u, booddeetti harkisuuf yaaluun umriifi du’asaa kan dhiyeessu ta’uu kan darberraa barachuu qaba.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You