Injifannoo galmaa’aa jiru eegaa hudhaalee guddinaa buqqisuu

Mootummaan Naannoo Oromiyaa badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuuf rakkoowwan damdaneessa naannichatti mul’atan karaa ittifufinsa qabuun furuuf karoora waggaa shanii baasee hojiitti hiikuun bu’aawwan qabatamaa galmeessisaafi aantummaa ummatummaasaa qabatamaan mul’isaa jira.

Gaaffiiwwan misoomaafi rakkoolee bulchiinsa gaarii barootaaf walirra tuulamaa as ga’an kan ummanni kaasu hedduus dhawaataan furuuf hojii cimaa mul’atuufi qabatamaa keessa jira.

Waggoota afran darbanii as mootummaan gama tokkoon rakkoo uumamaafi namtolchee biyya keenya mudataa turaniifi jiran furaa gama kaaniin rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikee misooma saffisiisuun gaaffi hawaasaa deebisuuf xiyyeeffannaa addaa kennuun hojii hojjete danuun bu’aa qabatamaan dabaalamuun galmaa’aniiru.

Kanaanis bara 2013 mootummaan naannichaa pirojektota misoomaa jiruufi jireenya ummataa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa taphatan kuma 11 ol eebbisiisuun faayidaa ummataatiif oolchuunsaa ni yaadatama. Baranas, rakkoolee bulchiinsa gaarii ijaarsa pirojektotaatiin walqabatee uumamu hiikuun ittifuufinsa dabaluuf pirojektonni buleeyyiifi haaraa hojjetamaniiru.

Bara 2014s pirojektonni adda addaa kuma 20fi kuma 70 ol bajata mootummaa, mitmootummaafi tajaajila lammummaan hojjetamaniiru. Qarshii biliyoonni 42fi miiliyoona 650, kuma 473fi 513s baasii ta’eera.

Pirojektonni guguddoo barana xumuramuun tajaajilaaf qophaa’anis manneen barnootaa, riqaalee, sarara ibsaa, daandiiwwan, bishaan dhugaatii, hospitaalotaafi buufataalee fayyaa, jallisiiwwan, bo’oowwan lolaafi kkfn ni eeramu.

Kana malees mootummaan naannichaa qormaata hamaa (keessumaa ji’oota jaha dura) keessatti inisheetivota haaraa 17 akka pirojektiitti qabachuun hojii hojjetameen bu’aaleen gama omisha qamadii, avokaadoo, muuzii, bunaafi kanneen birootiin argaman rakkoo kamuu keessa taa’amee injifannoo galmeessisuu akka danda’ame agarsiiseera.

Naannichi akkuma irranatti eerre pirojektota kanneen hojjechiisee xumursiisuun tajaajilaaf qopheessuu kan danda’e rakkoowwan namtolcheefi uumamaa dandamatee, qormaata kamiifuu osoo hinjilbeeffatiin xiiqiifi kutannoo olaanaan ummata qindeessee kutattummaan hojjechuuni; akkuma utuma mortuun mortuu hortuun horti jedhamu san.

Ummannis aadaa injifannoo galmeessisuu, tikfachuufi bulfachuu qabu daran cimsuun bu’uuraalee misoomaa kanneen ittifayyadamaa nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf mootummaa wajjin hojjechaa murnoota nageenya booressuufi burjaajii uumuuf mumunyuuqan ofkeessaa calaasee bara haaraa kanatti nageenyasaafi mo’ichasaa labsachuu qaba.

Keessumaa ummanni Oromoo injifannoo galmaa’aa jiru xiyyeeffannoodhaan eeggachaa hudhaalee guddinaa kanneen akka Shanee maqaasaa qabatee murna isa dhiigsaafi deegsaa; darbees ajjeesaafi qabeenyasaa saamee qe’eesaa golgoleessaafi salphisaa ture, ABUT wajjin gaa’ela dhaabbatee boqonnaa isa dhorkaa jiru mootummaa wajjin ta’ee of keessaa buqqisuu qaba. Mootummaanis olaantummaa seeraa fudhachaa jiruun qaamolee finxaaleyyii kamuu haxaa’ee nageenyi waaraan dheebotame akka mirkanaa’u gochuu qaba.

Ayyaana gaarii!

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You