Ijaarsa biyya Itoophiyaarratti yaadotni gara garaa haa jiraatan malee garuu erga ijaaramtee booda hunduu akka haadhasaatti fudhachuuf dirqame.
Inni ijaarsi impaayerichaa sirrii ta’uu amanuufi kan sirna ijaarsa impaayera Itoophiyaa irratti gaaffii qabus gaafa rakkoofi hamtuu biyyaa garaa garummaa malee irree tokkoon diina biyyattii dura dhaabbachuunis aadaa baratamaa ummattoota biyyattii hundaati.
Harka tokkoon sirna ijaarsa impaayerichaa akka sirratuufi hundaa qixa akka hirmaachisu gaafachaa, harka biraatiin immoo diina waloorratti waliin dhaabbachuun seenaa biyyattii keessatti gaaffii keessa galee tasuma hinbeekne.
Kanaaf immoo ragaan lola Adwaa caalu hinjiru. Gaafa sirni koloneeffataa Xaaliyaanii Itoophiyaa qabachuuf dhufutti, ummattoonni Itoophiyaa kallattiilee kibbaa jiran Oromoo dabalatee mootii Miniliik irratti bara fincilaa turaniidha.
Waraanni mootii Minilik dirqiidhaan ummattoota kanneen mootummaa giddugaleessaatiif gibira akka kanfalan wayita gochaa turetti waraanni Awurooppaa immoo dirqiidhaan Itoophiyaa guutuu qabachuuf gara kaabaatiin biyyattii weerare.
Ummattootni Itoophiyaa kibbaa mootii Miniliik waliin lola keessa turan garuu gaafa biyyi alagaadhaan weeraramtutti callisanii ilaaluu hindandeenye.
“Ijaarsa impaayerichaarratti komiifi gaaffii qabaannus gaafa alagaan biyya qabachuuf dhufe fagoodhaa ilaaluu hindandeenyu” jechuudhaan fardeen Oromoo sana dura waraana Miniliik qolachaa turan hundi gara Adwaatti gulufuu eegalan.
Kiiloomeetiroota 800 ol fardaan imaluudhaan waraana Xaaliyaaniin biyyattii gara kaabaatti bante dura dhaabatanii seenaa ummata gurraachaa keessatti riikardii haaraa galmeessisuu danda’an.
Adii ajjeesuufii mo’uun akka danda’amus ummata gurraacha Afrikaa hundaaf mirkaneessanii onnee gurraachota Addunyaa guutuu qabbaneessanii warreen oftuultota ummata gurraacha tuffachaa turan immoo qaanessan.
Mufiin keessaa biyyatti walirraa qaban birmadummaa biyyaarratti tasuma calaqqisuu kan hinqabneefi yeroo kamuu taanaan birmadummaan biyyaa dursuu akka qabus qabatamaan mirkaneessanii ejjannoofi kutannoo biyyasaanii tiksuuf qaban mirkaneessan.
Biyya seenaa akkanaa qabutu har’a garaa garummaa siyaasaa keessoo ofiitti qabu mariin furachuu dadhabee diddaa murna tokkootiin biyyi waraana hinbarbaachisne keessa seente.
Waldhabdeen siyaasaa gara waldura dhaabbannaa qabsoo hidhannootti ce’uudhaan sirnoota dhufaa darbaa keessatti gatiin biyyi tun kanfalaa turte har’as seenaa ta’uu dadhabee dogoggoricha yeroo meeqaffaaf akka ta’e qabatamaan beekamuu baatus, sababuma kanaan walwaraansi keessoo biyyattii ittifufeera.
Inumaayyuu warra waggoota 27f biyya bulchaa tureefi humna qawweetti malee mariitti hinamannetu har’as ummata biyyattii gatii guddaa kanfalchiisaa jira. Gareen shororkeessaa ABUT baatii Onkololeessaa bara 2012 raayyaa ittisa biyyaarratti tasa dhukaasa banuudhaan miidhaa qaqqabsiiseera.
Gochi gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate sun lammiilee biyyattii hedduu dallansiisee dirreetti bahee sagaleesaa akka dhageessisuuf dirqamsiise.
Seenaashee keessatti Itoophiyaan waldhabdeefi walwaraansa dhaabbilee siyaasaafi gareewwan adda addaa waliin taasifte keessatti akka isa ammaa kanatti lubbuu namoota hedduu kan galaafate, qabeenya biyyattii gamaafi gamasiin jiru akka malee kan miidheefi hunkuteesse, lammiileen hedduu sababa kanaan buqqa’uun mudatee hinbeeku.
Aadaa waraanaa malee kan marii kan hinqabne shororkeessaa ABUT tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkee mootummaan fudhate gara maddiitti dhiisuun Hagayya 18 bara 2014 banee waraana abdii ummanni Naannoo Tigraayis ta’e lammiileen biyyattii marti eegaa turanitti cilee dibe.
Kanneen hunda keessatti kutannoon waldhabdee siyaasaa karaa nagaatiin furuu gama mootummaa federaalaatiin jiru kan dinqisiifamu yemmuu ta’u, waraanicha dursee dhaabuudhaan daandiin gargaarsi namoomaa ittiin dhihaatu akka banamu taasisuudhaan garaagarteen jiru hundi gara waltajjii mariitti akka dhufan daandii walakkaadhaa ol kan adeemes mootummaadhuma federaalaati.
Gama biraatiin murnichi shororkeessaa ABUT akkuma irranatti eerre, humna gaachana biyyattii keessumaa dahoofi abbaa oolmaa ummata Tigraay kan ta’e raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa raawwachuun darbees naannolee Affaariifi Amaaraa weeraruun gocha biyya diiguufi golgoleessuu raawwateera.
Erga murnichi naannawawwan weerare keessaa dhiibamee akka bahu taasifamee booda mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiiwwan waraana kaabaa karaa nagaatiin goolabuu dandeessisu jedhee fudhataa tureera. Utuma humnaafi loojistiksii ga’aa qabu gara naannoo Tigraay seenuurraa of qusateera. Deeggarsi namoomaa otoo walirraa hinciccitiin gara naannichaa akka galu taasiseeras.
Dhukaasa dhaabuu gamtokkee gochuunis deeggarsa namoomaatiif haala gaarii uumeera. Nagaadhaaf ulaa bana jechuun hidhamoota hiikeera. Filmaatawwan nageenyaa duguuganii fayyadamuun akka danda’amuuf akkasumas dhimmi Tigraay furmaata waaraa kan argatu mariidhaan jechuun koree haadhoo hundeessee hojiitti galcheera.
Garuu akkuma afaan soba bare utubaatti hasaasa jedhamu murni mariirra humna qawweetti amanu akkuma bare waamicha, fedhiifi qophaa’ummaa Mootummaan Federaalaa dhiyeesseefi agarsiise akkasuma filmaata nageenyaa ummanni Tigraay hawwiidhaan eegaa ture gara maddiitti dhiisee dambalii ummataatiin waraana baneera.
Gareen waraana dharra’uufi madda jiruu taasifate kun kallattiiwwan Bahaa Biisoobarri, Zoobiliifi Takulaashiin haleellaa raawwateera qaamoleen nageenyaa Itoophiyaa nageenya ummatichaa eeguuf waadaa seenaniin haleellaa shororkeessicharraa itti aggaamame haala qindaa’aa ta’een qolachaa jiru.
Murnichi, “Marichi dursee fashalaa’eera” jechuun akkuma mammaaksota, “Ijji gamnaa dura boochi, kan qotiyyoon iyyuu malu qacceen iyyiti” jedhamu san duula dursee taasisaa ture cimsee dargaggoota Tigraay waraanaaf qopheessaa jira.
Waajjirri Tajaajila Kominikeeshinii ibsa dhimmuma kanaan walqabsiisee baaseenis, mootummaan carraa nageenyaa dursa kennuun hidhattoota ABUT tooftaa waraanaa duubatti hafaa hordofuun dambalii ummataan daa’imman, dargaggootaafi maanguddoota ficcisiisuuf hiriirsan carraa filannoo nagaa akka argataniif jecha Amaaraa bahaatiin gootummaan ittisaa tureera.
Weerarri Qobboofi naannawashee ABUT Amaaraa gama bahaa irratti raawwatame ittisa jabaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa fi deeggarsaafi kutannoo ummataa irraa kan ka’e akka karoorfatetti hintaaneef. Kanarraa kan ka’e carraa nageenyaa gama maraa kennameef irra tarkaanfachuun weerarasaa kallattii biraan babal’isaa jira.
Waraana malee jiraachuu kan hindandeenye ABUT kallattiilee Waag, Walqaayitiifi daangaa Sudaanitti weerara baneera. Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaas weerara kana qophii gahaafi jabina guutuun ittisaa jira.
Mootummaan Itoophiyaa haleellaa kallattiilee garagaraarraa baname ciminaan qolachaa, ammas harkasaa filannoo nageenyaaf diriirse hanga har’aatti hin cufne.
Harki carraa filannoo nageenyaaf diriirfame sababa oftuulummaafi maal nadhibee ABUT irraan kan ka’e akka hingufanneef Hawaasni Idiladdunyaa waan danda’u akka godhu Mootummaan Itoophiyaa ammas ni hubachiisa.
Qaama keenya kan ta’e ummanni Tigraay weerara oftuulaa ABUT kana balaaleffachuun gidiraa abbaan irree fidu jalaa akka bilisa of baasu waamicha dhiyeessina jechuun ibseera.
Kanaaf ammas ummanni Tigraay, lammiileen biyyattii kaaniifi hawaasni addunyaa karaa badii ABUT qabatee deemaa jiruun balaaleffachuun murnichi ammas karaa nagaatti akka deebi’uuf ifatti dhiibbaa qabata gochuu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014