Oftuulummaa ABUT hanga harka nagaaf diriire waraanuutti

Addunyaan kun cocorreedha. Tokko garalaafessa, kaan hamaa; tokko arjaa, kaan donna’a. Oggaa inni tokko waan nagaa, dhimma nagaafi qajeeltoo yaadu inni sammuunsaa faallaadhaan yaadu jeequmsaafi hokkara abjoota.

Kan irrannatti jennee dhugaa waliifaallaa mootummaa Itoophiyaafi isa dhugaadhaan dhugaadhaaf dhaabateefi gama shororkeessaa ABUTn mul’atu sirriitti kan ibsuudha. Waaqaa gaditti lammiif gaachana kan ta’e mootummaan Itoophiyaa tooftaaleefi haalota adda addaatiin harkasaa diriirsee nageenyaaf dursa kennus qaamni ganamuma sammuunsaa humna qawweetti malee mariif muuxannoo hinqabne har’as akkuma kaleessaa karaa nagaa dhiisee harka nagaaf diriire ciniinaa jira.

Gochi shororkeessichaa kunis mammaaksa, “Namni hanna bare haadhasaa hata” qabatamaan kan agarsiisuudha. Murni ABUT har’as akkuma durii, qodaa irraa nyaate cabsaa, harka nagaaf diriire maddiitti dhiisee mootummaafi ummata nagaa barbaadu waraanaa jira.

Gochasaa hannaan, akkasumas waraanatti malee waa’ee nagaa homaattuu kan hinlakkoofne shororkeessaa ABUT yeroo aangoo qabatee kaasee biyya Itoophiyaa jedhamtu tana golashii golgoleessaa, garajabinaan lubbuu dhala namaa garmalee galaafachaafi qaamaa hir’isaa kan ture yoo ta’u, warraaqsa danbalii ummataatiin aangoorraa darbetamees biyyaafi lammii boqonnaa dhorkuutti ce’e.

Shororkeessaa ABUT waggoota aangoorra turetti tokkummaa biyyaa diiguu, ummattoota walnyaachisuuf shira hinxaxneefi summii jibbinsaa inni hinfacaasne hinturre. Ergama diinota biyya keenyaa galmaan gahuuf ummattoota Itoophiyaa sabaafi amantiidhaan qoqqoodee walittibuusaa tureera. Duudhaalee waloo tokkummaa biyyaa ta’an diiguuf tattaaffiin inni taasise salphaa hinturre. Saamichi dinagdees akkanuma. Kanaanis yakka seenaa keessatti dhiifama hinqabne raawwateera.

Gochi hammeenyaa murnichaa kan tarreeffamee xumuramu ta’uu baatus mootummaan nageenyaaf dursa kennuun hidhattoota ABUT tooftaa waraanaa duubatti hafaa hordofuun dambalii ummataatiin daa’imman, dargaggootaafi maanguddoota ficcisiisuuf hiriirse filmaata nagaa akka argatan tattaafateera.

Weerarri murinichi Qobboofi naannawasheetti ittisa jabaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoota walootiin waan ittifamaa jiruuf akka karoorfate kan hintaaneef ta’uu mootummaan tibbana ibseera.

Waraana malee jiraachuu kan hindandeenye ABUT, kallattii Waag, Walqaayitiifi kallattii daangaa Sudaanitti weerara baneera. Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaas weerara kana qophii gahaafi jabina guutuun ittisaa jira.

Oftuulummaa ABUT hanga harka nagaaf diriire waraanuutti qaqqabe kun akka adabatuuf akkasumas harki carraa filmaata nageenyaa sababasaatiin akka hingufanneef hawaasni addunyaa waan danda’u gochuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014

Recommended For You