Daraartuu Tulluutiif doktareetiin kabajaa har’a kennameef

Fifinnee: Yunivarsitiin hangaftichi Baahir Daar Atileetii beekamtuufi pireezidaantii federeeshina atileetiksi Itoophiaa komaandar Daraartu Tulluuf Digirii dokitoretii kabajaa har’a kennameef

Yunivarsitichi digirii kabajaa kana kan kenne, Daraartuun wayita dorgommiirra turte olompikiifi shaampiyoonaawwan atiletiksii Addunyaarratti Itoophiyaa bira dabarte Afrikaafsi meedaaliyaa warqii argamsiisuusheetti.

Akkasumas ammaan tana Pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta’uudhaan hoggansummaa shetiin Itoophiyaan shaampiyoonaawwan irratti hirmaachaa turte maratu milkaa’uu akka dandeettu gochaa jirti jechuudhaani.

Komaandar Daraartuun kanaan dura Yunivarsitiin Jimmaa, Yunivarsitiin Afrikaa Kibbaafi Yunivarsitii Siwiidin kan Istokiholmii haaluma walfakhaatuun doktareetii kabajaa badhaasuunii ni yaadatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014

Recommended For You