Filannoon pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa boru adeemsifama

Finfinnee: Ardiiwwan marattuu akkaakuuwwan ispoortii ummata biratti jaalatamaniifi hordoftoota baay’ee qaban keessaa kubbaan miilaa kan duraati. Biyya teenyattis jaalattoota baay’ee horachuudhaan beekama.

Ispoorticha abbummaadhaan kan hogganu Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa (“FIFA”n) kan hundeeffame ALA Caamsaa 21 bara 1904 ture. Waldichi hundeessaa diriirfachuudhaan biyyoota miseensotaa 211 ardiiwwan jahanittuu hundeessuudhaan sosocho’aa jira.

Ardii Afrikaatti ammoo Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa “CAF” jedhamuudhaan biyyoota sadii jidduutti Amajjii 8 bara 1957 hundeeffamuudhaan wagaggoota 65f tajaajila kennaa jira. Biyya teenya ammoo federeeshiniin kubbaa miilaa akka hundaa’u mootummaan qajeelcha kennuudhaan ALA bara 1943 Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa hundaa’ee waggoota 71n darbaniif tajaajila kennaa jira.

Wgaggoota kanneen keessatti pirezidaantotaafi miseensota koreen raawachiftu hojii federeeshinichaa hedduun filatamuudhaan tajaajila kennaa turaniiru.Pireezidaantonnifi koreewwan federeeshinichaa waggoota afur,yoo baayi’ate ammoo waggoota saddeettif tajaajila kan kennaan.

Haaluma kannaan pireezidaantummaa obbo Isaayaas Jiraatiin kan durfamu koreen hojii raawachifutuu federeeshinichaafi Pirezidaantichi yeroo filannoosaa waan fixeef yaa’ii mana mare federeeshina kubbaa miilaa Itoophiyaa har’aafi boru galma wal ga’ii Tokkummaa Afrikaa “AU” adeemsifamutti filannoon pireezidaantummaafi koree raawachiftu hojii ni gageessa a jedhametti eggama.

Filannoo pireezidaantummaaf kan kaadhimaman Oromiyaarraa obbo Isaayaas Jiraa,Amaararraa obbo Malaaku Fantaa,Dirree Dhawaarraa dokitor Tokichaa Alamaayootti.

Akasumas koree raawachiftu hojiif bulchinsa magaalaa finfinneefi Dirree Dhawaa dabalate naannoolee Hararii, Afaar ,Ummatoota Kibbaa, Amaaraa, Oromiyaa, Somaalefi Sidaamaairraa kaadhimamtoonni sadii, sadii filannoof dorgomaa jiru.

Obbo Isaayyaas Jiraa

Pirezidaantummaadhaaf dorgommaa kan jiran Obbo Isaayyaas Jiraa tibana ibsa gaazeexeesitootaaf kenaniin akka jedhanitti, ”miseensonni yaa’ii dimshaashaa kaardii filannoo qabataniin filannoo gageessan malee dhiibaa namni tokko uumuun namni hinbarbaadamne ni filatama jedhee hinamanu” jedhaniiru.

“Walumaagalatti yaa’ii dimshaashaa kanarratti miseensoonni 126 kan sagalee kenan jiru. Yaa’ii kanaaf kabaja haa qabaannu. Koodii filannoofi akkaataa adeemsa filannootiin federeeshinoota birootiif fakkeenya ta’uun ni danda’ama. Dhiibbaa alaatiin jijjiiramni wayiituu jira jedhe hinshakku” jechuudhaan dubbatu.

“Turtii waggoota afran pirezidaantummaa kiyyaa keessaatti waggootan sadi hojii amansiisaan hojjetamera” jedhu Obbo Isaayyaas.” Akkaadaamii ‘CAF’ keessa dirreewwan kubbaa miilaa hojjetamuu danda’an sadii harka keenya keessa jiru. Filannoo kanatti yoon milkaa’e biyyaa kiyaaf hojii guddaa kana hojeedhe akka itti bonu abdiin qaba.

Kanaan dura Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAFfi FIFA” wajjin waliigalteedhaan hojjechaan ture. Kubbaaniyaa Liigii wajjinis hanga danda’ametti hojjechuudhaan galii kilabootaa gudisneerra.

Garee kubbaa miilaa biyyaalessaa beektotaafi dubartootaa, akkasumas kan dubartoota dargaggootaa taphawwan ‘CHAN’f carraa arganneen hirmaachisaa tureera. Leenjistoota gareewwan kanneeniif beekamtii guddaa kennineerra. Kanaafuu yoon filatame misoonsota korichaa wajjin kana caalaa hojjechuuf abdii guddaa gudunfadheen ka’a” jechuudhaan muldhisaniiru.

Kanaan dura miidiyaa wajjin kan hojjechaa ture walbeekamtiidhaan ture. Ammaa achi garuu waldaa gaazexeessitoota ispoortii waliin mari’achuudhaan tokko taanee guddina ispoortii kubbaa miilaatiif Itoophiyaaf ni hojjenna jedhu pirezidaantichi.

Yaa’in kun magaalaa Gondoritti akka gageeffamu durfamee himamus ittigaafatamaa ittaanaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Naannoo Amaaraa qaamaan dhihaadhen yaa’icha booressa jechuudhaan dhaadachuusaarraa kan ka’e jedhaniiru.

Obbo Malaakuu Faantaa

Naannoo Amaaraa bakka bu’uudhaan kadhimummaadhaan kan dhihaatan Obbo Malaakuu Faantaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, ”Ani miseensa dhaabbata siyaasaa kamuu miti. Dhuunfaa kiyyaan nama kamiyyuu amansiisee wajjin hojjechuuf dandeettii guddaan qaba.

Yeroo waan hinqabneef filannoo kana addaan kutee baha jedhamee oduun dharaa afuufamaa jira. Ani garuu filannoo keessaa hinba’u. Haata’u malee filannichi karaa haqaqabeessaan adeemsifamee yoon mo’ame kan namo’e wajjin ta’e kubbaan tajaajila” jedhaniiru.

Humni kenya ummata. Ummanni keenya ammoo qabeenya keenya. Maniin keenya jalqabaa humna raawwachiisaa federeeshinii kubbaa miilaa ijaaruudha. Ogeeyyota beekamtii qabaniin gurmeessuudha. Kilabotta ammoo humna faayinaansiitiin cimsuudha” jedhu Obbo Malaakuun.

Doktar Tokkichaa Alamaayyoo

Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa bakka bu’uudhaan kan dorgomaa jiran Doktor Tokkichaa Alamaayyoo akka jedhanitti, ammoo, “Ummata miiliyoona 120 kan qabdu Itoophiyaan ‘FIFAfi caf’ keessaa teessuma tokkollee hinqabdu. Ollaan teenya Jibuutiin garuu bakka bu’aa qabdi.

Nuyi garuu waltaanee hinhojjennu. Tokko isa kaan dhiibuu malee walhingargaarru. Yoo diinni dhufe walgargaara malee karaa biraatiin waltti hintumsinu. Ani garuu yoon filatame haalli akkanaa kun akka baduun godha” jechuudhaan ibsa kenaniin muldhisu.

“Federeeshinoonni naannolee yoo hinguddatiin kan Finfinnee guddachuu hindanda’u. Geddaramnis dhufu hindanda’u. Ani waanan pirezidaantii ta’eef naannoleen yoo hinguddatiin geeddarama wayituu fidu hindanda’u.

Naannoleen federeeshinii biyyaalessaaf ilaalcha gaarii hinqaban. Kun geddaramuu qaba. Geddaramni kan dhufu tokko taanee yoo hojjenneedha. Ani yoon pirezidaantii ta’e kanneen maraa nan fooyyeessa” jedhaniiru.

Dorgommii pirezidaantummaafi koree raawwachiiftuu hojii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa kanatti kaadhimamtoota kanneen keessaa eenyu fa’atuu milkaa’aa gaaffiin jedhu maatii ispoortii kubbaa miilaa biratti miira olaanaadhaan eegamaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014

Recommended For You