“Itoophiyaan bara dhufu gabaa alaatiif qamadii akka dhiheessitu shakkiin hinjiru” – Obbo Umar Huseen

Itoophiyaan waggaa dhufu gabaa alaatiif qamadii dhiheessuu akka dandeessutu himamaa jira. Kun immoo Ministeera Qonnaa biyyattii ykn mootummaa Itoophiyaa qofaan osoo hintaane, karaa Baankii Misooma Afrikaatiinis oduu naanna’aa jiruudha.

Waggoottan hedduuf yoo xiqqaate qamadii alaa bitanii galchuuf biyyattiin waggaa waggaadhaan Doolaara miiliyoona kuma 600 hanga biiliyoona tokkoo ta’u baasii taasisaa turuu immoo qorannoon Ministeerri Qonnaa waggaa sadii dura gaggeesse ni agarsiisa.

Bu’aa qorannoo kana irraa ka’uun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuuf wantoota qabaman keessaa inni tokko omishaafi omishtummaa qamadii dabaluu yemmuu ta’u, kun immoo isa ganna omishamu qofaan osoo hintaane, bonas jallisiitti fayyadamuuf kallattiin xiyyeeffannoo qabamee gara hojiitti galameera.

Hojiin omisha qamadii waqtii bonaa kunis tokko jedhee kan eegale naannoo Affaaritti yemmuu ta’u, karoora kanarratti garuu namootni hedduu shakkii qabaachaa akka turaniifi boodarratti yemmuu qabatamaan bu’aansaa mul’achaa dhufu garuu ummannis fudhachaa dhufuu Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen dubbachuusaanii ragaan ministeericharraa odeeffanne ni mul’isa.

Omishni qamadii waqtii bonaa jallisii fayyadamuun omishamu kun hektaara xiqqoon eegalee sana booda gara hektaara 50, xiqqoo turee guddisuun bara darbe immoo gara lafa hektaara kuma 170 ol ta’u jallisiidhaan omishuu bira gahamuusaas ni ibsu.

Akka ibsasaaniitti, yeroo ammaa kanatti garuu baay’inni lafa jallisitti gargaaramuudhaan omisha qamadiitiin uwwifamaa jiruu lafa hektaara kuma 600 caalee jira. Kanaaf hojiiwwan damee qonnaa bu’urarraa jijjiiruufi keessattuu omishummaa qamadii dabaluudhaan isa alaa bitamu qofa biyya keessatti guutuun osoo hintaane, darbees gara alaatti erguuf eegalame kun hawaasa hirmaachisuun kan hojjatame waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti bu’aa buusuu danda’ee jira.

Lafti hektaarri kuma 600 jallisiidhaan qamadiin uwwifame kun irra jireessaan kan naannolee Amaaraafi Oromiyaa ta’uu eeranii, kana keessaayis harki caalu kan naannoo Oromiyaa ta’uu ibsu. Hojiin kun immoo naannolee lamaanirratti qofa kan dhaabbatu osoo hintaane, hunda bira akka qaqqabuuf bal’inaan kan irratti hojjatamu ta’uunsaafi ammas taanaan tattaaffiin cimaan akka jiru hubatamuu akka qabu kaasu.

“Hawaasni kanan siif hojjadha sanan siif hojjadha jettee gurra duuchuu irra waan ati qabatamaan hojjattee itti agarsiifte amanee fudhata waan ta’eef wanti damee qonnaatiin waggoottan afran darban kana keessatti hojjatamaa tureefi jirus kanuma kan agarsiisuudha” jedhu.

Gama omishtummaatiinis yemmuu ilaalamu marsaa duraatiin qamadii kuntaala miliyoona 14 ol ta’u argachuun danda’amee akka jiruufi lafa tokkorratti kanaan dura yoo guddate gannaafi arfaasaatti yeroo lama omishamaa kan tures waqtii bonaatti jallisiidhaan omishuun waan itti dabalamee jiruuf, waggaatti yeroo sadii omishuudhaan omishtummaan fooyya’aa ta’e akka argamu taasifamaa jiraachuu dubbatu.

Walumaagalatti bara kana omisha qamadii kanarraa kuntaala miliyoona 23 ta’u ni argama jedhamee kan eeggamu yemmuu ta’u, jallisiitti gargaaramanii yemmuu qamadii omishan immoo giddu galeessaan omishtummaansaa hektaaraan kuntaala 29 hanga 50tti argamuu kan danda’amu ta’uus ni ibsu.

Hir’inni qamadii biyya keenyaa (fedhiin jiru) kuntaala miiliyoona 28 ta’uu kan dubbatan Obbo Umar, garaa garummaan fedhiifi dhiheessii qamadii biyyattii gidduu jiru waggoottan sadiifi afran darbanitti yeroorraa yerootti dhiphachaa dhufuudhaan bara ittaanutti immoo fedhii biyya keessaa guutuuf ishee xiqqoo hafte guutuudhaan isa hafe immoo alatti erguu jalqabuudhaaf karoorfamuus ni ibsu.

“Biyyi tokko omisha tokko alaa bitee galchuun abaarsaa miti. Wanti ati alaa bittee galchitu sun garuu isa biyya keessatti omishuudhaaf ulfaataa ta’eefi yoo biyyattiin rakkoo sharafa alaa hinqabne ta’e jechuudha. Yeroo biyya keessatti omishtu baasiin inni gaafatuufi yeroo alaa galu sharafa alaa itti bahu waldorgomsiisanii isa fooyya’aa ta’e keessaa fudhachuunis tarsiimoo sirriiti. Kan Itoophiyaa garuu isaan kana waliin kan adeemuu hinturre. Sharafa alaa hinjirreefi wantootni hedduu bitamuu qaban osoo jiranuu sharafa alaa jiru hunda gara bittaa qamadiitiif oolaa jira. Biyya keessatti humni namaa gahaan, bishaan gahaaniifi lafti bal’aan omishaaf ooluu danda’u osoo jiru, sharafa alaa olaanaa ta’e waggaatti hanga doolaara biiliyoona tokko ta’u itti baasaa alaa bituun abaarsa” jedhu.

Kanaaf hojiiwwan hanga ammaatti hojjatamaniin bu’aan omisha qamadii jallisii irraa argamaa jiru seenaa qonna biyyattii keessatti boqonnaa haaraa kan saaqe waan ta’eef, muuxannoo omisha qamadiitiin argamaa jiru kana immoo gara sanyiiwwan birootti babal’isuunis waan ittifufiinsaan eeggamu ta’uu ministirichi ni himu.

Inni biraa immoo omishaafi omishtummaan qamadii yeroorraa yerootti dabalaa dhufuudhaan yeroo ammaa sadarkaa fedhii biyya keessaa guutuun nama dandeessisurra qaqqabe kun akkamitti ummata biyyattii bira gahaa jira isa jedhu ta’uu kaasanii, dhimma raabsaafi hawaasa fayyadamaa biraan gahuu kanarratti ministeerichi kan fayyadamnu waldaalee hojii gamtaa ta’uu dubbatu.

Waldaaleen hojii gamtaa immoo omisha qamadii bal’inaan omishamaa jiru kana bitanii fayyadamtootaaf raabsuudhaaf maallaqa gahaa argachaa jiraachuu baatanis, hamma humnisaanii danda’een yaalaa akka jiran kan himan Obbo Umar, gama biraatiin ammoo magaalotaafi naannolee garagaraa keessatti agarsiisa simpooziyeemiifi baazaariiwwan qopheessuun omishtootaafi fayyadamtoota kallattiidhaan walitti fiduufis qophiiwwan hedduu taasifamaa jiraachuu ibsu. Kunis garuu gahaa waan hintaaneef yeroo ittaanutti bal’inaan kan irratti hojjatamuu qabu ta’uu hubachiisu.

“Inni biraa ammoo omishumti qamadii omishamaa jiruyyuu gara gabaatti bahaa hinjiru wanti jedhamus jira. Kun garuu karaa lamaan ilaalama. Inni tokko qonnaan bulaan ofiisaatii hanga gatiin naaf dabala jedhee haalli itti manatti olkaa’atee bira taa’aa jiru ni mul’ata. Gama biraatiin garuu faddaaltootni gidduu seenanii maasiidhumarratti bituun gara mankuusaatti kanneen kuusaa jiranis jiru” jedhu.

Akka ibsa Obbo Umaritti, lakkoofsaan haa xiqqaatan malee isaan qamadii kana maasii irratti qonnaan bulaa irraa bitanii walitti qaban kunneen karaa seeraan alaatiin gara biyyoota ollaatti ergaa kan jiranis jiru. Kanaaf innii gara fayyadamtoota biyya keessatti dhufu kan hir’atuuf sababoota kanneenirraa ka’uudhaan akka ta’e hubachuun barbaachisaadha. Kana malees fedhiin biyya keessaas hedduu dabalee jira. kun immoo babal’ina indastriitiin walqabatee keessattuu warshaaleen daakuu, paastaafi makaroonii baay’achuusaaniitiin, omishatummaan qamadii dabalaa dhufuufi fedhiin jirus hedduu dabalaa waan jiruuf hamma barbaadametti waliin ga’uun ulfaachaa dhufeera” jedhu.

Kun immoo hojii waajjira tokko qofaan hojjatamee mul’achuu danda’u akka hintaaneefi Ministeerri Qonnaa hojii omishtummaa dabaluu irratti xiyyeeffatee hojjannaan waajjirri daldalaafi walitti hidhamiinsa qaban immoo haala sochiifi daldala omisha kanaa to’achuufi hogganuun akka irra jiru ibsu.

Walumaagalatti, walitti bu’iinsa biyyattii keessatti waggoottan muraasa darban keessatti dinagdeen biyyattii akka kufee lafa hingeenye kan utubee qabe milkaa’ina damee qonnaatiin argamaa jiru akka ta’e ifaadha. Keessattuu waggoota sadeen darban keessatti bu’aan omisha qamadii jallisiin argamaa ture bara dhufutti fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee gara alaatti kan ergamu ta’uunsaa seenaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan saaquudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014

Recommended For You