Ijji gamnaa dura boochi: Gocha shorkeessaa ABUT

Humna qindaa’aa garee jijjiiramaa, qarreefi qeerrootiin aangoofi saamicha barerraa otoo hinjaalatiin kan fonqolchame murni ABUT, keessumaa waggoota jijjiiramaa afran darbanitti saboota biyya kanaa sabaan, afaaniifi, amantiidhaan walitti buusuuf dhagaan inni hinfonqolchine hinjiru. Gochasaa kanaanis lammiilee hedduun lubbuusaanii marartuu dhabaniiru; qe’eefi qabeenyasaaniirraas buqqa’aniiru.

Murnichi otoo kanaan hindhaabatiin gaachana biyyattii keessumaa dahoofi abbaa oolmaa ummata Tigraay kan ta’e raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa raawwachuun darbees naannolee Affaariifi Amaaraa weeraruun gocha biyya diiguufi golgoleessuu raawwateera.

Erga murnichi naannawawwan weerare keessaa dhiibamee akka bahu taasifamee booda mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiiwwan waraana kaabaa karaa nagaatiin goolabuu dandeessisu jedhee fudhataa tureera. Utuma humnaafi loojistiksii ga’aa qabu gara naannoo Tigraay seenuurraa of qusateera. Deeggarsi namoomaa otoo walirraa hinciccitiin gara naannichaa akka galu taasiseeras.

Dhukaasa dhaabuu gamtokkee gochuunis deeggarsa naoomaatiif haala gaarii uumeera. Nagaadhaaf ulaa bana jechuun hidhamoota hiikeera. Filmaatawwan nageenyaa duguganii fayyadamuun akka danda’amuuf akkasumas dhimmi Tigraay furmaata waaraa kan argatu mariidhaan jechuun koree haadhoo hundeessee hojiitti galcheera.

Garuu akkuma afaan soba bare utubaatti hasaasa jedhamu murni mariirra humna qawweetti amanu akkuma bare waamicha, fedhiifi qophaa’ummaa Mootummaan Federaalaa dhiyeesseefi agarsiise akkasuma filmaata nageenyaa ummanni Tigraa hawwiidhaan eegaa ture gara maddiitti dhiisee Roobii darbe gara barii sa’aatii 11:00 waraana baneera.

Gareen waraana dharra’uufi madda jiruu taasifate kun kallattiiwwan Bahaa Biisoobarri, Zoobiliifi Takulaashiin haleellaa raawwateera qaamoleen nageenyaa Itoophiyaa nageenya ummatichaa eeguuf waadaa seenaniin haleellaa shororkeessicharraa itti aggaamame haala qindaa’aa ta’een qolachaa jiru.

Murnichi, “Marichi dursee fashalaa’eera” jechuun akkuma mammaaksota, “Ijji gamnaa dura boochi, kan qotiyyoon iyyuu malu qacceen iyyiti” san duula dursee taasisaa ture cimsee dargaggoota Tigraay waraanaaf qopheessaa jira.

Kanaaf ammas ummanni Tigraay karaa badii ABUT marsaa sadaffaaf ittifufe ifatti balaaleffachuun murnichi karaa nagaatti akka deebi’uuf ifatti dhiibbaa gochuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014

Recommended For You