Dudhaalee nagaan waliin jiraachuu mirkaneessan

 Duudhaalee tokkummaa keenya cimsuufi nageenya mirkaneessuuf gargaaran bu’uura godhachuudhaan yoo hariiroo keenya cimsanne rakkoolee nu mudatan salphaatti furachuu dandeenya. Nageenya, misoomaafi guddina biyya mirkaneessuu kan dandeenyu duudhaalee keenya waliiniitiin geggeeffamnee yoo waltaanee hojjenne hojjenneedha.

Duudhaalee keenyaan geggeeffamuun nageenyaafi ijaarsa biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Akka ummataafi biyyaatti milkaa’uuf duudhaalee keenya waliiniirratti hundaa’uun geggeeffamuufi tokkummaa keenya daran cimsachuu qabna. Waan gaarii argachuuf hundi keenya waan gaarii hojjechuu qabna.

Yoo tokkoon tokkoon keenya waan gaarii hojjenne hundi keenya waliin fayyadamna, yoo waan badaa hojjennes waliin miidhamna. Namoonni hundinuu bu’aa akka argatan gochuudhaan faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Guddinni biyya keenyaas badhaadhina hunda keenyaati.

Duudhaaleen armaan gaditti eeraman hundi keenya nagaan waliin akka jiraannuufi milkoofnuuf kan gargaaran waan ta’aniif hundi keenya ittiin geggeeffamuu qabnuudha. Isaanis: Dimokiraasii, walqixxummaa, hirmaannaa, bilisummaa, bilisummaa amantii, haqa, ittigaafatamummaa, amanamummaa, hojii gaarii, guyyaa guyyaan of fooyyessaa deemuu, kabaja namummaafi walqixa fayyadamuutti amanuudha.

Dimokiraasiin duudhaalee jiran keessaa adda durummaan kan eeramu yoo ta’u, uummata gidduutti bilisummaafi walqixxummaan akka jiraatu kan taasisuudha. Walqixxummaan ammoo hundi keenya carraa walqixa akka argannu kan taasisuudha. Hirmaannaan misoomaafi nageenya biyyaa mirkaneessuun keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu beeknee hirmaannaa nurraa eegamu bahachuu qabna.

Hundi keenya bilisummaa waan barbaannuuf bilisummaa saba ykn nama biraa eeguu qabna. Mirga ykn bilisummaa nama (saba) tokko miidhuufi qabeenyasaa saamuu kan hinqabne ta’uus hubachuu qabna. Haqa mirkaneessuuf ittigaafatamummaa seeraa akka dhuunfaafi gareetti qabnu sirnaan ba’achuu qabna.

Hojii gaariin hojjechuun Waaqa birattis ta’e nama biratti gatii guddaa kan qabu ta’uu hubannee hojii gaarii nus ta’e nama biraa fayyadu hojjechuuf kaka’uu qabna. Addunyaa keessa jiraannu ittifufiinsaan jijjiiraa deemuuf guyyaa guyyaan of fooyyessaafi waan haaraa uumaa deemuutu nurraa eegama. Tokkummaafi hariiroo keenya caalaatti cimsaa deemuuf ammoo hundi keenya waliif amanamuu qabna.

Waliif amanamuun waliigaltee uuma. Tokkoon tokkoon keenya kabaja namummaa walii keenyaa eeguu qabna. Kana malees walqixa fayyadamumuutti amanuu qabna. Hundi keenya duudhaalee armaan olitti eeraman hojiirra oolchuudhaan nageenya, tokkummaafi waliigaltee ummataafi biyya keenyaa haa mirkaneessinu.

Nageenyiifi tokkummaan biyya kamiifuu barbaachisaadha. Nageenyaafi tokkummaa biyya tokkoo mirkaneessuuf ummanni biyyattii keessa jiraatu wal kabajuu, hariiroo gaarii qabaachuu, tokkummaan jiraachuufi carraa walqixa fayyadamuutti amanuu qaba. Kun ta’uu baannaan nagaan, jaalalaafi tokkummaafi obbolummaan waliin jiraachuun gaaffii keessa gala.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014

Recommended For You