Iddoon filannoo Federeeshina Kubbaa Miilaa geeddarame

Finfinnee: Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa 14ffaafi filannoon Pirezdaantummaafi koree raawwachiiftuu hojii federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa magaalaa Gondaritti gaggeeffama jedhamee ture sababii rakkina miseensonni bakka bu’oonni kilaboota naannichaa uumaniin iddoon isaa akka geeddarame Koreen Dafee Dhaqqabaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksise.

Koreen Raawwachiiftuu Hojii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa haalduree yaa’ichaa xiinxaluuf dheengadda waamicha taasisuus miseensonni korichaa guutummaa guutuun waan hinargaminiif korichi dhimmicha akka ilaalu ta’eera.

Korichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa kenneen, “Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Hagayyaa 21fi 22 bara 2014 Mootummaa Naannoo Amaaraa, magaalaa Gondaritti yaa’ii waliigalaafi filannoo gaggeesuuf gargaarsa bulchiinsi magaalaa Gondar taasiseef jajeera.

Haata’u malee, Ittaanaan Ittigaafatamaan Biiroo Ispoortii Naannoo Amaaraa filannoon kun haala gaariidhaan akka gaggeeffamu gochaa kan jiran hojjeettoota Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaatti bilbiluun bakka bu’oonni miseensota kilaboota naannoolee maqaan isaanii akka geeddaramu, kana gochu baannaan garuu yaa’ichi akka hingaggeeffamne sodaachisuusaa korichi mirkaneesseera.

Yaa’ii olaanaa kanarratti miseensota yaa’ichaa dabalatee taajjabdoonni ‘FIFAfi CAF’ akka argaman kan beekamudha. Haata’u malee hoggansi olaanaan naannichaa fiixaan bahiinsa yaa’ichaaf gargaarsa gochuun osoo isarraa eegamuu yaa’icha akka hingageeffamne gufuu itti ta’uusaa gadduu dubbatu.

Haaluma kanaan Yaa’iin kun fiixaan akka bahu gargaarsa Bulchiinsa Magaalaa Gondar godhe dinqisiifatus sodaa jirurraa kan ka’e iddoon yaa’ichaafi filannoo magaalaa Finfinneetti akka adeemsifamu murtaa’usaa korichi beeksisera.

Haata’u malee Federeeshiniin kubbaa miilaa naannoo Amaaraa kaleessa xalayaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaaf ergeen akka beeksisetti Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa osoo Federeeshina keenya wajjin hinmari’atin iddoo yaa’ichaa geeddaruu  isaa ittigaddeera.

Federeeshinichi akka mul’isetti yaa’iin kun Gondaritti gaggeeffama jechuudhaan guyyaa murtaa’ee kaasee yaa’icha keessummeessuuf qophii hunda xumuruudhaan guyyaa walga’ii eeggachaa osoo jiruu iddoon isaageeddaramuun dhimma fudhatama hinqabne waan ta’eef hatattamaan furmaanni itti laatamuu qaba jedheera. Kana ta’uu baannaan garuu dhimmicha qaama olaanaa ‘FIFA’fi ‘CAF’ akka beeksisus himeera.

Gama biraatii, Federeeshiniin Kubbaa miilaa Itoophiyaa waggoota afur keessatti federeeshinoota naannooleef qarshii miiliyoona 12 kennufii ibsameera.

Pirezdaantiin Federeeshina Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa ibsa dheeengadda gaazexessitootaaf kennaniin akka ibsanitti, guddinaafi sochii ispoortii naannoole cimsuuf jecha federeeshiniichi naannooleen kilaboota akka badhaasan qarshii miiliyoona 12 kennuu ibsaniiru. Akkasumas, Federeeshinichi idaa isarra ture qarshii miliyoona 16 kaffaluudhaan ammaan tana qarshii miliyoona 45fi kuma 498fi 550.39 saanduqa keessaa akka qabu dubbatu.

Haa ta’u malee, koreen Liigii Itoophiyaa yeroo ammaa filannoon pirezdaantummaafi koree raawwachiiftuu hojii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa dhihaatu kana oduu dharaa dabarsuudhaan ummata keenya dogoggorsiisaa jira jedhaniiru.

“Maqaa xureessuun akkanaa kun ispoortii kubbaa miilaa biyyaattii ni quucarsa malee hinguddisu. Ana deeggaruun yookiin mormuun kan biraati, kubbaa miilaa biyyaarratti daba hojjeechuun garuu yakka guddaadha” jedhaniiru.

Liigiin biyyaa kun dadhabe jennaan ‘FIFAs ta’u CAF’ kan abbummaadhaan gaafatu koree raawwachiftuu hojii federeeshinichaa ta’uus ibsaniiru. Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa ‘FIFA’n filannoon kun akka hingageeffamne dhaabuu danda’a jedhamee kan dubbatamuufis, waldichi filannoo dhaabuu kan danda’u haqaa ala yoo hojjetame ta’uu ibsu.

Yeroo ammaa kana biyyattiin addunyaarratti ispoortii atileetiksiifi kubbaa miilaatiin injifannoo gurguddoo gonfachaa jirti. Kubbaa miilaatiin ammoo dubartoonni waancaa kubbaa miilaa Afrikaarratti injifannoon isaanii kan nama gammachiisudha. Gareen kubbaa miilaa Waaliyaas waggoota saddeet booddee waancaa kubbaa miilaa Afrikaaf darbuun isaa akka laayyootti kan ilaalamu miti.

Gamoon federeeshinichaa qarshii miliyoona 95niin bitame. Yeroo caalbaasiin bahee gamichi bitamu injinaroonni Komishinii Ispoortii Federaalaafi kannneen Misooma Magaalaa taa’anii qorachuudhaan erga isaan mirkaneessanii kan bitame jechuudhaan ibsaniiru.

Kanaafuu koreen Liigii Kubbaa Miilaa kilaboota Itoophiyaa yeroo filannoo jala geenyu filannichi fiixaan akka hinbaane gochuuf dadammaqiinsi taasisaa jiru kun faallaa waan ta’eef ummanni kenyaafi maatiin ispoortii beekuu qabu jedhaniiru.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014            

Recommended For You