Ayyaana Dhukee yookaan Taaboree

Dhukee ykn taaboreen ayyaana baatii gannaa keessa kabajamuudha. Akkuma beekamu Oromoon sirna Gadaa kessatti ijaaramuun walbulchaa turuun isaa beekamadha. Yaata’uti sirni Gadaa laafaa deemuun gosooni heddu gooroo ofiitti deebi’uun haaluma naannoo ofiitti of bulchuu eegalanii turan. Haaluma kanaan Oromoon kallattii kaabaan jiru amantii kiristaanaa fudhachuusaa malee aadaa jaraas waan fudhateef ayyaanota hawaasa kiristaanaa keessatti kabajaman keessaa dhukee fudhachuun kabajuu eegale.

Oromoon gara bahaa jirus kan Musliimaa fudhatee ayyaaneeffachuu eegale. Dhukeen ykn Taaboreenis maatii Oromoo keessatti bifa kanaan ayyaana kabajamuu eegaleedha.

Ayyaanni Taaboree ayyaana ijoolleeti. Ijoolleen jalabultii ayyaanaa dhukee ykn baatii Fulbaana 13 kaaseeti qaccee fo’achuun walitti dhukaasanii irree ykn humnasaanii kan walitti agarsiisaniidha. Maatiin ijoolleefis daabboo ykn ‘mulmuulii’ tolchuun ijoolleen akka gammadan badhaasu. Ijoolleen dhiiraa kunis guyyaa taaboree kana bakka beekamaatti walwaamuun ganda gandaan walsimatu. Walsimachuun kun morkii qacceen rukutuu yoo ta’u, akka seeraa ala wal hinhubne abbaan seeraa isaan eega.

Gareen tokko hamma danda’e wal reebee erga quufee booda addaan galchanii dabareen kan ijoollee biraa ta’a. Bakka qacceen hinbeekamneetti immoo uleedhaan dhiiboo taphatu. Tapha kana booda gareen mo’ates kan mo’amees addaan galee weeddisaa mootisaanii faarsaa gandatti deebi’uun daabboo ganama gandarraa guurratan nyaachaa taphatu. Yeroo daabboon kun nyaatamu maatii daabboo miidhagaa tolchee kenneef ni faarsu. Kan namoota warra ogummaa gaarii hinqabnemmoo itti salphisaniidha. Gama biraan Dhukeen kan qaccee fo’atani walitti dhukaasan waan ta’eef isarraa ka’uun Dhukee akka jedhame himama. Taaboreenis Gondaritti waan jabinaan kabajamuuf akka Dabra Taaboritti bal’inaan kabajamu ibsuuf kan moggaafame fakkaata.

 Ayyaanni Taaboree kun dhuma wayitii gannaafi seensa ykn jalabultii wayitii birraatti waan kabajamuufi ijoolleefi dardarawwan abdii birraan fidee dhufu simachuuf kan itti qopha’an waan ta’eef gammachuu guddaan simatu maatiin ijoollees daabboo ykn ‘mulmulii’ qophessuun badhaasa kennuufi. Wayitiin kun hawaasa qonnaan jiraatu biratti midhaan facaafame kan itti daraaruufi bineensonni kanneen akka nyaata booyyee, jaldeessiifi jaartii ykn xaddeen akkasumas, qamaleen itti midhaan huban waan ta’eef omisha kana isaanirraa eeguuf qacceen bal’inaan kan itti dhukaafamuudha.

Akkasumas jalabultii ayyaana qaam’eefi masqalaa waan ta’eef kaka’umsa dadammaqina maatii uumuuf Ayyaanni Taaboree ykn Dhukeen ganni darbee birraan bari’uuf guyyaa muraasni hafuun kan itti ifa ta’uudha. Dhukee ykn Taaboreen Ayyaana ijoolleen dhiiraa itti gammadan yoo ta’u qaam’een immoo ayyaana ijoolleen dubaraa itti gammadaniidha.

Obbo Alamaayyoo Haayilee (Hayyuu seenaa)

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014

Recommended For You