Saamraawiit Girmaatiin
Mootummaan rakkoo nageenyaa gara kaaba biyyattiitti mul’ate furuuf yaaliiwwan garagaraa taasisaa tureera; ammas taasisaa jira. Keessumaa miidhamni lammileerra qaqqabaa jiru hatattamaan hiikamuufi deggarsi namoomaa dafee isaan qaqqabuu akka qabu waan amaneef koree dhimmicha abbummaan hordofu hundeessuun erga hojiitti seenee bubbuleera.
Koreen Muummee Filmaata Nageenyaa Ministira Muummee Ittaanaa biyyattii Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamuus haaldureewwan marii nageenyaaf barbaachisan irratti mari’achaafi mariisisaa erga tureen booda torban kana ibsa baaseera. Kanaanis yeroofi bakka kamittiyyuu mootummaan filmaata nageenyaaf dursa akka kennu hubachiiseera.
Filmaata nageenyaa itti fufiinsaan hojiirra oolchuufi kutaa kaaba biyyattii keessumaa jireenya lammiilee bakkeewwan rakkoo nageenyaatiin miidhaman Tigraay, Affaariifi Amaaraa hiikuu, deggarsa namoomaa dhiheessuuf karaan amansiisaa akka jiraatuuf, tajaajilli bu’uuraalee misoomaa irra deebiin akka eegaluuf waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka barbaachisu irratti mari’atameera.
Ibsichis, waliigaltee dhukaasaa dhaabuutti kan qajeelchuufi mariiwwan siyaasaa kan bu’uuressu sanada waliigaltee raggaasisuu korichi ibse.
Haaluma kanaan korichi, mootummaan kutaa Kabaa biyyattiitti walitti bu’iinsa uumame karaa nagaan furuuf tattaffii eegale galmaan ga’uuf koreen hundaa’ee sochii hanga ammaatti taasiserratti bal’inaan mari’chuun ibsameera.
Mootummaan marii nageenyaa haalduree tokko malee bakkaafi yeroo kamituu eegaluuf qophii ta’uu beeksisee turuus yaadachiiseera.
Bu’uuruma kanaan marii nageenyaa itti fufiinsaan qabatamaa taasisuufi lammiilee naannolee Tigiraay, Amaaraafi Affaar keessaa sababa walitti bu’iinsaa kutaa Kaabaa biyyattiin rakkooleef saaxilaman, deggarsaa namoomaan, bu’uuraalee misoomaan, tajaajila bu’uuraa akka eegalan taasisuufi yeroo gababaa keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga’uuf haalota dandeessisanirratti korichi xiyyeeffanaan mari’achuu beeksiseera.
Adeemsa kana saffisiisuuf gara waliigaltee dhukaasaa dhaabuutti kan qajeelchuufi marii siyaasaa fuulduraaf bu’uura kan kaa’u, sanada yaad-deebii nageenyaa raggaasisuu eereera.
Sanadi yaad-deebii kunis bakka bu’oota olaanoo Gamtaa Afrikaaf hatattamaan akka dhiyaatus murteesseera.
Gara waliigaltee dhukaasa dhaabuutti wayita seenamus, haalota dandeessisoo uumamuun tajaajiloota bu’uuraa eegalchiisuuf qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuufi Gamtaan Afrikaas mariin nageenyaa bakkaafi yeroo gaggeeffamurrattii hatattamaan murteessuun maricha eegaluuf gamtichaa waliin hojjechaa akka jiru ibsa kanaan beeksiseera.
Murteewwan eeraman hojiirra oolchuuf, koreewwan xixiqqaafi dhaabbileen sochii barbaachisaa akka eegalan korichi hubachiiseera.
Dabalataan marii nageenyaa qabatamaa akka ta’u, ummanni deggarsa taasisu akka cimsee itti fufu, hawaasni addunyaas Gamtaa Afrikaa cinaa dhaabbachuun tattaffiin marii nageenyaa milkeesuuf gumaacha akka taasisan waamicha dhiyeesseera.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014