Yaaliin nageenyaa akka milkaa’uuf hunduu gaheesaa ba’achuu qaba

Rakkoon nageenyaa Itoophiyaatti mudatee ture aarsaa guddaa kan kanfalchiise ta’us ammallee xumura argachuu dhabuunsaa yaaddoo namoota baay’eeti. Keessumaa haalli lammiileen naannawaa rakkoon nageenyaa hamaa ture gara Kaaba biyyattii jiran rakkoo hammaataaf saaxilamuunsaanii dhimmichi xumura akka argatu namoota baay’ee hawwisiiseera.

Bu’uraaleen misoomaa adda cituun mootummaan gargaarsaafi deeggarsa barbaachisu lammiileef taasisuuf akka rakkatu taasiseera. Qaamoleen mirga namoomaaf deeggarsarra hojjetan deeggarsa barbaachisu gara naannoo Tigraay akka geessaniif eeyyamamus baay’eensaanii ajandaa dhokotaasaanii raawwatachuuf yemmuu yaalan malee haala jedhameen yemmuu ummata biraan ga’an hinmul’atu.

Deeggarsi akkumasaatti naannicha galemmoo kallattiidhaan ummata bira ga’uurra aanga’oota harka galuun kakaastuu waraanaaf itti fayyadamu. Nama waraanarratti hirmaateef malee hinkennamu jechuun gadadoo ummatichaa dheeressaa akka jiran odeeffannoowwan yeroo addaddaa gamasii ba’an ni agarsiisu.

Mootummaan Itoophiyaa jalqabumarraa kaasee filannoo nageenyaafi araaraa dhiheessaa tures duula olaantummaa seeraa kabachiisuu boodallee waliigalteen nageenyaa akka taasifamuuf yaalii taasisaa tureera. Kanaafis Koree Muummee Filmaata Nageenyaa hundeessuun hojii bal’aan hojjetamaa tureera, hojjetamaas jira.

Korichis marii bal’aa qaamolee garagaraa waliin erga adeemsisee booda torban kana ibsa baaseera. Ibsichaanis deeggarsi namoomaa namoota miidhamaniif akka qaqqabuuf dhukaasni hatattamaan dhaabachuu akka qabu gaafata. Milkaa’ina kanaafis lammiileen biyyattii, hoggantoonni Gamtaa Afrikaafi kanneen dhimmichi ilaallatu hundi ittigaafatamummaasaanii akka ba’atan gaafata.

 Keessumaa hoggantoonni Gamtaa Afrikaa rakkoo hamaa lammiileen keessa jiran hubachuun bu’uraaleen misoomaa deebi’anii tajaajila akka kennaniif dhiibbaa uumuu akka qabu gaafata. Dhimmichis kan yeroon itti kennamu waan hintaaneef hatattamaan furmaatarra ga’amuu akka qabu hubachiisa.

Mootummaan Itoophiyaas hanga waliigalteerra qaqqabamutti harka maratee kan hinteenye ta’uufi karaa argame hundaan ummata miidhame bira qaqqabuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.

Walumaagalatti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun hojiirra yoo oole faayidaan isaa olaanaa waan ta’eef hunduu tumsa barbaachisu taasisuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014

Recommended For You