Shaampiyoonaa Atleetiksii Guddattoota Addunyaa; injifannoon Itoophiyaanota kutaa ittaanuu

Finfinnee: Shaapiyoonaa atileetiksii Addunyaa 19ffaa Kolombiyaa, magaalaa Kaaliitti adeemsifameetti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan hirmaatee kan ture jilli atileetiksii dargaggoota Itoophiyaa umrii 20 gadii kaleessa galgala biyyatti deebi’eera.

Ameerikaafi Jaamaayikaatti aanuudhaan Injifannoo olaanaadhaan meedaaliyaa warqii jaha,meetii shaniifi nahaasa tokko walumaa galatti meedaaliyaa 12fi Dipilomaa torbaan Addunyaarraa sadaffaa,Afrikaarraa ammoo tokkoffaa ta’uun kan deebi’ee garee kana qondaaltonni olaanoon Mootummaa, keessummoonni waamich godhamef, raawachiitonni hojii federeeshii atileetiksii Itoophiyaa, maatiiwwan atileetootaa buufata Xayyaara biyyooleessaa Booleetti argamuudhaan simannaa taasisaniiruf.

Gareen kun har’aa bakka bultii isaa Hooteela Iskaayi Laayitii ganama sa’aatii 1:30 irraa kaasee Paatiroolifi Siitii Baasiidhaan daandiiwwan gurguddoo magaalaa Finfinnee filataman irra nanaana’uudhaan akkuma kaleessa wayita Origaanii deebi’u taasisfame ummatni magaalaa Finfinnee kan simatamu ta’a.

Simannaa kana boddee gara Hoteela Iskaay Laayititti deebi’uudhaan badhaasa mootumaadhaan isaaf qophaa’e kan hamileessaa kakaasu kan kennamuuf ta’uunsaa barameera.

Shaampiyoonaan Atileetiksi Dargaggoota Addunyaa umri 20 gadi kan jalqabame ALA bara 1986 magaalaa guddoo Giriik,Ateensitti ta’usaa seenaan ni muldhisa.Ateens Olmpikii Ammayaa kan ALA bara 1896 yeroo jalqabaaf adeemsifamees keesumeesuudhaan biyyaa duraati.

Shaampiyoonaan atileetiksii dargaggoota Addunyaa kun edda jalqabamee waggoota 32 lakkobsiseera.Waggootan kanneen keessatti yeroo 18ffaaf biyyoota adda addaatti adeemsifamera. Barana ammoo yeroo 19ffaaf Kolombiyaa, magaalaa Kaaliitti ALA Hagayyaa 1-6 bara 2022 adeemsifamaa tureera.

Biyyoonni Addunyaa 145 atileetoota kuma 1fi 533n ispoortiiwwan atileetiksi gosa 45niin Shaampiyoonaa kanarratti kan hirmaachaa turan yemmuu ta’u,hirmaattota kanneen keessaa 41 qofti gabatee meedaaliyaa keessa galuu danda’aniiru.

Afrikaarraa biyyootanni miseensoota waldaa Atileetiksii Addunyaa ta’aniifi dorgommicharratti hirmaatan keessaa gabate meedaaliyaa keessa kan galan biyyoota saddeetti qofa ta’uunis barameera.

Walumaa galatti shaampiyoonaa kanarratti meedaaliyaawwan 136 badhaasaf yoo dhihaatan, isaan keessaa warqiin45,meetiin 46fi nahaasn 45n ta’usaati.

Meedaaliyaawwan badhaasaf dhihaatan kanneen keessaa Ameerikaan warqi torba, meetiifi nahaasa shan shan, dimshaashumatti meedaaliyaawwan 15niin Addunyaarraa tokkoffaa, Jaamaayikaan meedaaliyaa warqii jaha, meetii torbaa, nahaasa sadin dimshaashumatt meedaaliyaa 16n lammaffaa, Itoophiyaan ammoo meedaaliyaa warqii jahaa, meetii shaniifi nahaasa tokkoo, walumaa galatti meedaaliyaawan 12fi Dipiloomaa torbaan Addunyaarraa sadaffaa Afrikaarraa ammoo tokkoffaa ta’un xumurteeti.

Meedaaliyaawwan warqii kan argaman dhiiraan fiigicha meetira 800n Ermiyaas Girmaa, kuma sadiin Malkineeh Azazaa,kuma shaniin Addisu Yihunee, figicha gufachisaa meetira kuma sadiin Saamu’eel Duginaa, dubaraan ammoo figicha metira kuma 1fi 500n Birqee Hayyalom, fiigicha meetira kuma shaniin Madiinaa Isaatiin.

Akkasumas meedaaliyaa meetii fiigicha metira kuma 1fi 500n dhiiraan Malkineeh Azazaa,fiigicha gufachisaa metira kuma sadiin Saamu’eel Fireew,dubaraan fiigicha meetira kuma sadiin Tsiyoon Abbabaa,kuma shaniin Malkinaat Wuddufi figicha gufachisaa meetira kuma sadiin Siimboo Alamaayehu,nahaasa ammoo kuma sadin Masarat Yeeshaanehi argamsiisaniiru.

Seenaa Atileetiksi dargaggoota Addunyaa keessatti Itoophiyaan shaampiyoonaa tokkorraatti meedaaliyaa 12 yoo argattuinni ammaa kun kan jalqabaati.

Torban lama dura shaampiyoonaa atileetiksi Addunyaa kan Ameerikaatti beektoota jidduutti adeemsifameen atileetonni Itoophiyaa meedaaliyaa 10n hamaarachuudhaan Addunyaarraa Ameerikaatti aantee lammaffaa,Ardii Afrikaa dabalatee , Isiyaa, Awuroppaafi Ameerikaa Kibbaa dursuudhaan tokkoffaa ta’uun ishee kan yaadatamuudha.

Atileetonni dargaggootaa kunneen qabxii hangafotasaaniitti gamaduudhaan wayita shaampiyoonaaf gara Kaaliitti qajeelaan onnee guutuudhaan kana caalaa meedaaliyaa argamsiisuf waadaa galani kan turan yemmuu ta’u,akkuma jedhan meedaaliyaa baayi’ee mormatti dirachuudhaaf milkaa’aniiru.

Federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaafi Leenjistonsaanis atileetoota bakka bu’oota baayinaan horachuudhaan abdii biyyaa akka ta’an gochuuf ni yaalla akkuma jedhan isaanis waadaasaanii dhugoomsuudhaan bakka bu’oota dhugaa horachuu danda’aniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014

Recommended For You