Kutaa 2ffaa
Sirni Awwaardii Gaaddisaa jalqabaa maatii barreessaa Gaaddisaa Birruufi Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin qophaa’e Adoolessa 23 bara 2014 haala daran miidhagaadhaan Finfinnee, Hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti adeemsifameera.
Sirnicharratti miseensonni waldichaa, maatiin barreessaa hangafticha Oromoo, Gaaddisaa Birruu akkasumas miseensi Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Doktar Diimaa Nagoo dabalatee keessummoonni adda addaa argamaniiru. Keessummaan kabajaa sagantaa badhaasa ogbarruu kanaa kan ta’an Doktar Gammachuu Magarsaa hirmaattotaaf ergaa dabarsaniiru.
Maqaan awwaardichi ittiin moggaafame kun barreessaa Gaaddisaa Birruu har’a lubbuudhaan hinjirre kitaaba asoosamaa jalqabaa, KUUSAA GADOO jedhamu barreesseefi Waldaa Barreessitoota Oromiyaa hundeesseefi dura taa’ummaan waggoota afuriif tajaajilanirraati.
Guyyaa du’aan boqochuu waggaa tokkoffaa barreessichaa sababbeeffachuunis saganticharratti sirni yaadannoofi dungoo qabsiisuu maatii Gaaddisaa Birruufi hirmaattotaan adeemsifameera.
Ijoolleen barreessichaa waa’ee abbaasaanii ilaalchisuun haasaa taasisaniiru; dhaamsas dabarsaniiru. Pirezidaantiin Waldaa Barreessitoota Oromiyaa, Lalisaa Idiris waa’ee awwaardichaa ilaalchuun haasawa gabaabaa taasiseera.
Barreessitoota hangafoota keessaa Barreessaafi Gaazexeessaa Namoo Daandii (Dhaabaa Wayyeessaa) barreessaa Xahaa Abdii, barreessaa Abdii Qophee, Barreessituu Maaramee Harqaa, barreessaa Asafaa Tafarraa Dibaabaa (PhD), barreessaa Kumsaa Burraayyuu, barreessaafi Gaazexeessaa Isaayyaas Hordofaa badhaafamoo Gaaddisaa Awwaardi ta’aniiru; shanansaanii karaa bakka bu’ootasaanii badhaasa addaa qophaa’eef, barreessaa Isaayyaasiifi Doktar Asafaan ammoo bakkatti argamuun badhaasasaanii fudhataniiru.
Seenaafi bu’aan hojii badhaafamtoota kanneeniis tokko tokkoon bal’inaan dubbisaan dhiyaateera. Badhaasni maqaa Barreessaa Gaaddisaa Birruutiin qophaa’es Doktar Diimaa Nagawootiin maatiif kennameera.
Badhaasota irranatti eeraman keessummoonniifi ogeessonni adda addaa kan kennan yoo ta’u, kanneen keessaa Barreessaa Toleeraa Fiqruu; walittiqabaa Boordii Waldaa Barreessitoota Oromiyaa, Barreessaafi Gaazexeessaa Kidaanuu Zallaqaa; Artisti Abaaboo Warqinaa; Gaazexeessaafi Barreessaa Hinseenee Makuriyaafaan ni eeramu. Sirni badhaasaa Gaaddisaa kun waggaa waggaadhaan kan ittifufu ta’uunis ibsameera.
Gaazexaan Bariisaas seenaa gabaabaa barreessitoota hangafoota ogbarruu Oromoo keessatti shoora olaanaa gumaachuun marsaa jalqabaa kanaan badhaafamanii kan barreessitoota Gaaddisaa Birruufi Masqaluu Baalchaa (badhaafamaa bara jireenyaa) maxxansa keenya torban isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxnsa kanaan ammoo kan badhaafamaa Kumsaa Buraayyuu isin dubbisiisna.
Seenaa Gabaabaa: Kumsaa Buraayyuu Baloo
Kumsaan abbaasaa Obbo Buraayyuu Baloo Dabaliifi haadhasaa aadde Zoodituu Wayyeessaa Xiixaa irraa baatii Sadaasaa bara 1969 keessa ALA; bulchiinsa yeroo sana kutaa biyya Wallaggaa, Konyaa Horroo Guduruu, Ona Eebantuu, Ganda Annisoo, bakka Harbuu Jaankoo jedhamutti dhalate.
Warri Kumsaa walumaagalatti ilmaan jaha kan horan yoo ta’u, Kumsaan mucaasaanii isa dhumaati. Akkuma umuriin isaa barnootaaf gaheen, Kumsaa barnoota isaa: kan sadarkaa Duraa Mana Barnootaa Qeellootti, kan sadarkaa Juddu-galeessaa Mana Barnootaa Hindeetti, kan Sadarkaa Lammaffaa Mana Barnootaa Giddaa Ayyaanaatti barachuun bara 1987 keessa xumurateera.
Baroota 1988 hanga 1990tti Kumsaan qormaatawwan adda addaa hedduu keessa tareera. Bara 1989 keessa Kumsaan dhoksaadhaan Finfinnee keessatti maadhee Qabsoo Bilisummaa Oromoo kunuunsifu waliin lafa jala gurmaa’ee sochii sabboonummaa dagaagsuu keessatti qooda tokko tokko fudhachuu eegale.
Eegala 1990 keessa Kumsaan Qabsoo Bilisumaa Oromoorraa qaamaan qooda fudhachuuf jecha gara Dirree Bahaatti bobba’ee hanga Konyaa Gaara Mul’ataa, Ona Doguutti erga deemeen booda cimina tika diinaa irraa kan ka’e haminni sun akka inni yaadetti milkaa’uufii waan dhabeef baatiiwwan muraasa booda gara Finfinneetti deebi’uuf dirqameera. Kumsaan bara 1991 Yunvarsiitii Finfinneetti barnoota alidilee (kan halkanii) jalqabee osoo barataa jiruu Mootummaan Dargii kufe. Akkuma Mootummaan Dargii kufeen Kumsaan Finfinneerraa gara Oromiymaa dhihaatti bobba’ee qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABOn ogganamtutti makame.
Leenjii torban muraasaa booda Kumsaan daballee ABO ta’uun filamee Waajjira ABO guddicha Gullallee, Finfinnee turetti ramadame. Walakkeessa bara 1991 hanga walakkeessa bara 1992tti Kumsaan akka Dabballee ABOtti dirqamoota gurguddoo armaan gaditti tarriffaman kanneenitti ramadamee hojjeteera:
Barsiisaa Qubee Afaan Oromoo ta’uun Oromoota Finfinnee keessa jiraatan hedduu afaan ofiin dubbisuufi barreessuu barsiiseera. Barsiisaa Seenaa Oromoofi Seenaa ABO ta’uun Oromoota hedduu Finfinnee keessa jiraatan (kanneen yeroo sana Yunversiitii Finfinneetti barachaa turan dabalatee) Seenaa Sabasaaniifi seenaa Qabsoo Bilisummaasaanii hubannoo uumuurratti gumaacheera. Oggansa Hawwisoo ABO Guutuu Oromiyaa ta’uun Aadaa Ummata Oromoo kan guutummaa Oromiyaa wiirtuu Qabsoo Bilisummaa jalatti gurmeessuun; tokkummaan saba keenya kan afaaniifi kan teessuma lafaa qofa osoo hintaane, kan dhiigaafi lafee, kan jiruufi jireenyaa ta’uu mirkaneessuuf sochii godhamaa ture keessatti qoodasaa bahateera.
Qindeessaafi Beeksisaa ‘Dukkanaan Duubaa’, do’ii (tiyaatira) Oromoo yeroo jalqabaaf Finfinneetti qophaa’ee, Biheeraawii Tiyaatiritti agarsiifame bifa hundaan qindeessuufi milkeessuu keessatti qooda guddaa gumaacheera. Bara 1992 keessa akkuma ‘EPRDF’ shiraan ABO Mootummaa Ce’umsaa keessaa baaseen Kumsaan dhaabasaatiin ramadamee, jaalleewwansaa warra kaan waliin lafa jala hojii jaarmiyaa ABO ittifufe.
Baruma 1992 kana keessa Kumsaan Kitaaba asoosama Afaan Oromoo “Suuraa Abdii” jedhamu barreessee baatii Amajjii bara 1993 keessa maxxansiise. Kitaabni kun Kuusaa Gadoofi Godaannisatti aanee seenaa maxxansaa asoosama Afaan Oromoo keessatti isa 3ffaa ta’uusaati.
Akkasumas, eegala bara 1993tti irraa kaasee Kumsaan jaalleewwansaa waliin ta’uun Dhaabbata Maxxansiifi Beeksisaa Madda Walaabuu jedhamu hundeessuun barruulee siyaasaa, dinagdee, aadaafi hawaasumma ummata Oromoorratti xiyyeeffatu baatii baatiin maxxansuu eegale.
Xiyyeeffannoon barruulee Madda Walaabuu seenaa barreeffama barruulee Afaan Oromoof kan duraati jechuun ni danda’ama. Kumsaan Gulaalaa barruulee Madda Walaabuu ta’ee bara 1993 hanga dhuma 1995tti hojjeteera. Baroota Gulaalaa Madda Walaabuu turetti Kumsaafi waahillansaa tika ‘EPRDF’n qabamanii yeroo hedduu Ma’ikalaawiifi bakkoota adda addaatti hidhaan hiraarfamaa turaniiru.
Barootuma Gulaalaa Madda Walaabuu ture kanatti, Kumsaan Yunvarsiitii Finfineetti deebi’ee barnootasaa Muummee Siyaasaafi Walqunnamtii Addunyaan ittifufuuf carraa yeroo gabaabduu argatee ture. Haata’u malee eegala bara 1996tti dirqamni Kumsaafi jaallansaa lafa jalaan ummata Oromoo bilisummaasaaniif ijaaraa turan sun tika diinaan (EPRDFn) waan saaxilameef Kumsaan biyya, maatiifi firoottansaa dhiisee gara biyya ollaa, Jibuutiitti baqachuuf dirqame.
Akkuma Jibuutii seeneen Kumsaan Waajjira ABO Jibuutiitti Ittigaafatamaa Birkii Jaarmaa ta’ee ramadame. Ittigaafatama kanaanis ummata Oromoo biyya Jibuutii keessa qubatanii jiran sagantaa siyaasaa ABOn leenjisuu, jaarmaa ABOtti ijaaruufi bobbaasuun Kumsaan dirqamasaa bifa quufsaa ta’een bahateera. Sochiin mootummaa ‘EPRDF’ biyyoota ollaa keessatti godhaa ture hammachaa waan dhufeef jalqaba bara 1997 keessa Kumsaan Jibuutiirraa gara Awustraaliyaatti godaanuuf dirqame. Akkuma Awustaraaliyaa seeneen Kumsaan jaarmaan ABO biyya sana keessatti akka gadidhaabbatuuf qoodasaa gumaachuu ittifufe.
Bara 1998 irraa hanga 2004tti Kumsaan gaafatamaa ABO Awustraaliyaafi kan Kibba-Paacific guutummmaa ta’ee hojjeteera. Bara 2004 -2009 ammoo Damee Dantaa Alaa ABO jalatti ittigaafatamaa Kibba Paasfiki ta’ee tajaajileera. Gama barnootasaatiin ammoo Kumsaa akkuma Awustraaliyaa seeneen Yunvarsiitiitti deebi’ee:
Bara 2001 keessa ‘Curtain University of Technology’ irraa Saayinsii Siyaasaatiin digrii calqabaa fudhateera. Bara 2006 ‘University of Western Australia’ irraa Walqunnamtii Addunyaatiin Honor’s digrii fudhateera. Bara 2011 ‘University of Western Australia’ irraa Walqunnamtii Addunyaatiin digrii lammaffaa fudhateera.
Gama hojiitiin, Kumsaan bara 2001 irraa eegalee hanga ammaatti dhaabbatoota mootummaafi mitmootummaatti mindeeffamuun ittigaafatamummaa sadarkaa addaaddaa irratti ramadamee tajaajila kennaa jira. Kumsaan abbaa warraafi abbaa ijoollee lamaati.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014