Guddinni dinagdee bu’uura amansiisaa akka qabaatuuf argannoo odiitif xiyyeeffannoo kennuu

Kutaa Qophiitiin

Maxxansa keenya torban darbeetiin gabaasa argannoo odiitii Manni Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa Caffee Oromiyaatiif dhiyeessse qindeessinee isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaanis kutaa ittaanu soneeffannee dhiyeessineerra.

Herrega Baasii

Herregni baasii seeraafi qajeelfama bulchiinsa faayinaansii eegee raawwatamuusaafi bu’uura hojmaata herregaatiin galmaa’ee gabaafamuusaa mirkaneessuuf odiitii taasifameen argannowwan armaan gaditti tarreeffaman mul’ataniiru.

Manneen hojii mootummaa labsii, dambiifi qajeelfama bulchiinsa faayinaansii hordofuun kaffaltii raawwachaa jiraachuusaanii mirkaneessuuf odiitii taasifameen manneen hojii 311 keessatti qarshii miliyoona 218.09 otoo hojmaata bulchiinsa faayinaansii mootummaa hineegin kaffalamee argameera.

Manneen hojii argannoo guguddaan irratti mul’ate keessaa Waajjiraaleen Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Awwadaay qarshii miliyoona 39.37, Aanaa Qarsaa qarshii miliyoona 11.44, Aanaa Diggaa qarshii miliyoona 8.4, Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Nagallee Arsii qarshii miliyoona 7.75fi Waajjirri Maallaqaa Aanaa Diinshoo qarshii miliyoona 7.64 ta’uun mirkanaa’eera.

Odiitii herrega baasii ragaa guutuu qabaachuu mirkaneessuuf taasifameen manneen hojii 170 keessatti qarshii miliyoona 839.48 osoo ragaa guutuun mirkaneesssa baasii hindhiyaatin baasii ta’ee argameera.

Manneen hojii argannoon kun keessatti argame keessaa Komiishinii Ispoortii Oromiyaa qarshii miliyoona 28.33, Waajjiraaleen Maallaqaa Aanaa Daduu qarshii miliyoona 26.48, Aanaa Biloo Noophaa miliyoona 5.55fi Waajjirri Maallaqa Bulchiinsa Magaalaa Dukam miliyoona 4.17, Waajjira Maallaqa Godinaa Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee miliyoona 4.00, Biiroo Dhimmaa Dubartiifi Daa’imman Oromiyaa miliyoona 3.86, Waajjira Maallaqa Bulchiinsa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii miliyoona 3.77fi Waajjira Maallaqa Aanaa Martii qaarshii miliyoona 3.49 sektaroota otoo ragaa guutuun hindhiyaatin baasii raawwatan keessaa isaan guguddaa ta’uun mirkanaa’eera.

Herregni baasii labsii, dambiifi qajeelfamoota bulchiinsa faayinaansii irratti hundaa’ee akka raawwatame akkasumas tajaajilli manneen hojii argatan kaffaltii raawwatee wajjin kan walsimu ta’uu mirkaneessuuf odiitii taasifameen manneen hojii 128 keessatti qarshii miliyoona 81.69 kaffaltiiwwan adda addaa irratti caalmaan kaffalamee argameera.

Manneen hojii kaffaltii caalmaan kaffalan keessaa kanneen argannoon mana hojii isaanii gurguddaa ta’e, OBN qarshii miliyoona 7.60, Biiroo Paabiilik Sarvisii fi Misomma Qabeenya Namaa Oromiyaa qarshii miliyoona 2.75, Waajjiraaleen Maallaqa Aanaa Nansaboo qarshii miliyoona 2.24, Aanaa Ada’aa qarshii miliyoona 1.34, Waajjira Maallaqa Godinaa Shawaa Kibba Lixaa qarshii miliyoona 1.24fi Waajjirri Maallaqaa Aanaa Noonnoo qarshii miliyoona 1.01 ta’uun mirkanaa’eera.

Herregoonni baasiitti galmaa’aan ragaa sirriin kan deggeramafi baasii seera qabeessa ta’uu mirkaneessuuf odiitii taasifameen manneen hojii 57 keessatti baasii qarshii miliyoona 281.91 hojii odiitiif ragaan dhiyaachuu kan hindandeenye ta’uun mirkanaa’eera.

Manneen hojii ragaa odiitiif dhiyeessuu hindandeenye keessaa Waajjiraaleen Maallaqa Godinaa Harargee Bahaa qarshii miliyoona 157.75, Aanaa Shanan Dhugoo qarshii miliyoona 23.19, Aanaa Bookee qarshii miliyoona 9.12, Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu qarshii miliyoona 6.25fi Aanaa Abbayyaa qarshii miliyoona 4.38 ragaa hojii odiitiif kan hindhiyeessine keessaa isaan guguddoodha.

Manneen hojii mootummaa bittaa meeshaafi tajaajilaa raawwatan seera bittaa meeshaafi tajaajilaa hordofanii raawwachuusaanii mirkaneessuuf odiitii taasifameen manneen hojii 112 keessatti bittaan qarshii miliyoona 533.91 osoo seera bittaa mootummaa hinhordofiin raawwatame jiraachuun mirkanaa’eera.

Manneen hojii mootummaa otoo seeraafi qajeelfama hinhordofin, bittaa raawwatanii argaman keessaa: OBN qarshii miliyoona 65.87, Waajjira Maallaqa Bulchiinsa Magaalaa Roobee qarshii miliyoona 9.22, Komishinii Mana Sirreessaa Oromiyaa qarshii miliyoona 7.89, Waajjiraaleen Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishaan Gurraachaa qarshii miliyoona 7.19, Aanaa Oomoo Naaddaa qarshii miliyoona 5.3, Waajjiraaleen Maallaqaa Aanaa Jimmaa Arjoo qarshii miliyoona 4.99fi Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa qarshii miliyoona 4.9 kanneen qajeelfama bittaa otoo hinhordofin bittaa raawwatanii argaman ta’uun mirkanaa’eera.

Kaffaltiin raawwatamu kamuu otoo herrega baasiitti hingalmaa’in dura akkaataa labsii, dambiifi qajeelfama bulchiinsa faayinaansii akkasumas akkaataa seeraafi qajeelfama bittaatti raawwatamuusaa ragaalee barbaachisoon deggeran dhiyaachuusaanii mirkaneessuu, ragaan hinguutamne akka dhiyaatu taasisuufi gara fuula duraatiif xiyyeeffannoo barbaachisaa gochuun seeraafi qajeelfama diriire hordofuun raawwatamuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014

Recommended For You